Ergaa Qorontoos Isa Duraa (1st Coronthians)
Baafata
1. Baafata Macaaficha
2. Teessuma lafa magaalaa Qorontosii fi Haala magaalattii
3. Waldaa Qorontos
4. Ergichi baraa fi bakka itti barreeffame
5. Hiikaa Ergichaa
1. Baafata Macaafichaa
A. 1:1-9 Nagaa gaafachuu
B. 1:10 – 4:21 Walqooduu waldattii keessatti ture
C. 5:1-6:20 Waldattii keessatti cubbuun baay’achuu
D. 7:1-40 Deebii dhimma Gaa’elaa ilaalchisee
E. 8:1-11:1 Nyaata Waaqa tolfamaaf dhiyaatu
F. 11:2 – 14: 40 Bakka Waaqeffannaatti rakkoolee jiran
G. 15:1-58 Waa’ee du’aa ka’uu warra du’anii
H. 16:1-24 Buusii walitti qabuu fi kaayyoo ergamichaa isa itti aanu
2. Teessuma Lafaa Magaalaa Qorontosii fi Haala Magaalattii 2.1. Haala Teessuma Lafaa
Yeroo Kiristaanummaan lallabamaa turetti, keessattuu yeroo ergamaan Phaawulos amantii Kiristaanaa qabatee gara Magaalaa Qorontos gahetti, baay’inni uummata magaalicha keessa jiraataa turee 600,000 ol akka ta’etti tilmaama. Qortosi biyya Girikii keessatti kan argamtu yoo taatu, bittaa Maqadooniyaa fi Akaayiyaa jedhaman gidduutti galaanaan kan marfamete turte. Itti dabalees karaa lixaa Esiyaa, Sooriyaa, Fiinqee fi Gibxiin kan daangeffamtu yoo taatu, sochiin daldalaa kan itti geggeeffamaa ture immoo karaa geejjiba kinkiraawus jedhamuun ture. Karaa bahaa immoo Xaaliyaan, Siichiliyaa fi Siphaaniyaan daangeeffamaa ture, karaa kana immoo Leekiyuum kan jedhamu sochii daldalaaf gargaaraa ture.
2.2. Haala Magaalattii
Magaalaan Qorontos bara 146 Dh. K. D bittaa Roomaa Akaayikas kan jedhamuun barbadooftee kan turte yoo taatu, waqtii sanatti handhuura daldalaa turte. Baroota hedduu booda immoo warruma Roomaatiin bara 44 Dh. K. D lammata akka magaalatti hundoofte. Yeroo gabaabaa kessatti haala teessuma lafaa (Geographical setting) irraa kan ka’e magaalota jiran keessaa sadarkaa sadaffaa qabachuun magaalaa daldalaaf mijatu taatee argamte. Kana malees taphni ykn dorgommiin Olompikii adda adda keessatti ta’aa turaniiru. (1Qor 9:24-27)
Namichi Askileepiyes jedhamu bara 450 – 385 Dh.k. D kan ture magaalaa kanaaf maqaa “Koroontiiyaazoo” (Korinthiazo) jedhamu akka baaseefii ture yemmuu amanamu, hiikni isaas akka warra Qorontoos ta’uu (to act like Corinthians, i.e to commit fornication) jechuu dha. Magaalattiin bara 146 Dh.K.D warra Roomaatiin barbaaduun dura sagaagalummaa fi naamusa dhabeessa ta’uu ishee irraan kan ka’e maqaa kennameef ture. “Koorintiiyazesitaayi” jechuuun “Sagaagaluu” (commit fornication) jechuu dha ture; “Dubartii Qorontoos” jechuun immoo sagaagaltuu akka jechuutti lakkaa’ama. Walumaagalatti Amantii Kiristaanaa duratti maqaa magaalattiin qabdu naamusaa gaarii kan hin qabnee ta’uu seenaa irraa hubachuun dandaa’ama. Amantii Kiristaanaa boodas magaalatti guutummaa guutuutti jijjiiramteetti jechuun hin dandaa’amu.
Haala Hawwaassummaa magaalattii yemmuu ilaallu ammoo, namootaa iddoo garaa garaatii dhufanii achijiraatan yoo ta’u, garaagarummaa ifaa ta’etu gidduutti argama. Saba garaa garaa ta’uun mataa isaa haala jireenyaa adda addaa uuma. Kana malees yeroo sanatti waldaa turteef walqooduun waldattii keessatti uumameef gahee guddaa taphateera, garaagarummaan saba adda addaa (1Qor 7:20 – 24, 12:13). Walumaagalatti haalli jireenya hawassummaa fi dinaagdee namoota waldatti keessa turanii kutaa, boqonna 1:26 – 27 keessatti ibsameera. Baay’een amantootaa maatii harka qalleessa (homaa hin qabne, hiyyeessa gadaanaa) keessaa kan walitti qabaman yoo ta’u, baay’ee muraasa kan ta’an garuu sooreessa turan. Kana mirkaneeffachuuf boqonnaa 11:17, 34 irratti “irribaata Gooftaa” yeroo waliin godhatanitti, wal qooduu jiru hubachuu dandeenya. Itti dabalatas boqonnaa 8: 10-12 “jabaa fi dhadhabaa” garee jedhamuun qoodamani jiru ballaqqee garaagarummaa diinagdee fi hawwaassummaa irratti jiruun kan wal qabatan dha.
3. Waldaa Qorontoos
Waldaa Warra Qorontoos kana kan hundeesse Phaawulos (ergamaa) yoo ta’u kunis bara 50 -52 Dh.k.B akka ta’e amanama. Hojii Ergamootaa Boqonnaa 18 irratti ergamaan kun gara magaalaa kanaa akka dhaqee fi yeroo murtaaheef Aqiilaa fi Phirsiqiilaa walii dunkaanaa hodhaa akka ture ibsameera.
Guyyaa Sanbataa irras mana sagadaa keessatti barsiisaa tureera. Yeroon booda garuu Siilasii fi Ximootewos Maqadooniyaa dhaa gara Qorontos yeroo dhufanitti hojii isaa dhiisee wangeella lallabuu akka jalqabe Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti ibsameera. Akka tasaa wanti kun kan ta’e erga gargaarsi waldaa Philiphisiyus irraa karaa Siilasii fi Ximootewos isa qaqqabeen booda ta’uu danda’a.
Beektoonni Macaafa Qulqulluu baay’een akka amananitti, miseensonni Waldaa Qorontos baay’ee muraasa akka ture, kunis naannoo namoota 50 akka turani dha kan tilmaamamu. (Yoo
yaadni kun sirrii ta’e, Phaawulos namoota lakkoofsaan muraasa ta’an kana biratti yeroo dheeraa fudhatee dadhabuu isaa fi rakkooleen waldattii keessa turan kan ajaa’ibsiisu ta’a.) Yeroo wangeela lallabaa turetti mormiin karaa Yihundotaa isa quunnamaa ture ammas magaalaa kana keessatti isa quunnameera. Haa ta’u malee yoo akkam jibbanii Yihuudonni Phaawuloosiin morman illee humna Gooftaanii fi amanannaa isaan wangeela lallabuu danda’eera. Kana qofa osoo hin taane Yihuudotuma keessa immoo gara gooftaa dhufuun kan fayyan turaniiru. Dubbii kanaaf wabii kan ta’an immoo Kiriiphos dura buutuu mana sagadaa (Hoe 18:8) fi Sosteneesin dura buutuu mana sagadaa (Hoe 18:17) turan.
4. Ergichi baraa fi bakka itti barreeffame
Ergaan gara warra Qortos inni duraa kun osoo hin barreeffanmi dura Phaawulos xalayaa (ergaa) biraa barreesseefii akka ture amanama. Kanaafis ergamaan 1Qor 5:9-11 irratti dursee waan barreessee ture irratti gorsa kaa’ee ture yaada cimsuun gorsa isaa itti futa. Xalayaan kun akka badetti yemmuu yaadamu, beektonni macaafa Qulqulluus “xalayaa A” (Letter A) jedhanii waamu. 1 Qorontos kun yeroo fi bakki itti barreeffame sirriitti beekamuu yoo baate illee, haalota jiran irraa ka’uun tilmaamuun akka dandaa’ametti bara 54 – 55 Dh. K. B akka barreeffame amanama. Bakki isaa immoo akka yaadamutti Efesoon yeroo turetti, turtii isaa yeroo xumuraa irratti akka ta’e dha.
5. Kaayyoo Ergichaaa fi Haala yeroo Sanaa
Ergaan gara warra Qorontos in duraa kaayyoon barreeffameef waldattii keessatti dadhabina ture keessattu walqooduu fi naamumsa kiristaanummaa irratti rakkoo jiruuf furmaataa fi deebbii kennuuf yaadamee kan barreeffame dha.
Ergamaan Phaawulos ergaa kana barreessuun duratti waldaa warra Qorontos kana irraa xalayaan barreeffameefii ture. Xalayaa isaan barreessan kun rakkoo isaan gidduutti uumameef deebii akka kennuuf isaa yaadachiisuuf ture. Haata’u malee xalayaa isaan barreessan osoo isa bira hin ga’in rakkoo ture Phaawulos dursee maatii Kelo’ee irraa dhagahee ture (1Qor 1:11) Walumaagalatti ergicha irratti hundaa’uun waldattii keessatti rakkooleen mul’atan kan armaan gadii turaan:
- Gargar ba’uu (walqooduu) (1:10, 4:21)
- Halalummaa /sagaagalummaa (5:1-6, 20)
- Waa’ee gaa’elaa fi jireenya gaa’ela keessaatti (7:1-40)
- Nyaata waaqayyolii tolfamaaf dhi’atan nyaachuu fi nyaachuu dhiisuu (8:1-11)
- Naamusa yeroo irbaata gooftaa irratti jiru (11: 27 – 34)
- Kennaawwan hafuuraa fayyadamuu irratti bilchina dhabuu (11:2 – 14: 40)
- Bakka waaqeffannaatti rakkoolee jiran
- Warri du’an du’aa ka’uu irratti ilaalcha jiran (15: 1-50)
Kana waan ta’eef ergamaan Phaawulos ergaa kana barreessuun waan barbaachiseef. Rakkoole kanneen keessa seenuuf waldaa warra Qorontoosif sababa kan ta’u haala magaalaattii ta’uun shakkii hin qabu. Rakkoolee kanneen keessaa ergaa kana keessatti kan mul’atan falaasama ture, bakka guddaa qaba; waaqolii tolfamoo fi warra waaqessan, aadaa baramaa garaagaraa fi haalli jireenyaa turun haala magaalattiin walqabatee uumamu rakkolee waldattii keessatti uumamaniif gahee olaanaa taphataniiru.
6. Hiikaa Ergichaa
1:1-9 Phaawulos kutaa kana irratti Waaqayyof galata sababa inni dhiyyeessuuf itti aansuun waan isaan ceepha’uuf jiru waan beekeef. Kunis kennaawwan hafuuraa isaaniif kennaman itti of jajuuf itti fayyadamaniiru. Kan irra darbees gargar ba’iinsi jira, haa ta’u malee Phaawulos kanaaf illee Waaqayyoon galateefata
Phaawulos amantoota Qorontos kennaa hafuuraa qabaniif wanta isaan hubachisu tokko kennaan kun akkasumaan kan Waaqayyoo kenneef “grace” dha malee dhamaatii ofii isaaniitiin kan hin arganne ta’uu dha. Akkasumas kennaawwan hafuuraa kan nuuf baay’atan ‘kan keenya’ jennee waan fudhanneef qofa miti. Garuu baay’ifnee Waaqayyoon karaa jireenya keenyaa yoo gammachiifnee fi yoo kadhannaatti cimne nu gidduutti humnaan ayyaanni isaa mul’ata. Namoonni baay’een kennaa hafuuraa qabu turan gurguddoon itti fufuu kan hin dandeenyeef, kennaa qaban karaa dongongora ta’een waan hubataniif. Kunis kennaawwan isaanii madaallii jireenya hafuura isaanii gochuun lakkaa’u dha
1:10 – 4:21 Waldaa keessatti gargar ba’iinsa jiru (Walqoodamuu)
1:10-17 bakka kanatti ergamaan Phaawulos wanta inni caafaa fi jiru gidduu isaaniitti gargar ba’iinsa(wal qoodu) jiru ilaalchisee ti Lakk 9. Irratti akka ibsetti “…gara tokkummaa ilma isaa yesuus Kiristoos gooftaa keenyaatti isin waame, …” tokkummaadhaan walii galanii jiraachuutu irra ture isaan garuu gargar qoodaman
Gargar ba’iinsa isaaniitiif barsiisa sobaa dhiheenyatti isaan gidduutti ka’e jechuuf nama dhiba. Haa ta’u malee yeroo garaa garaati dhufanii kannn barsiisan phaawulosii fi Aphilos akkasumas kan biros irratti ilaalcha qaban irraa kan ka’e ta’uu danda’a. Walakkaan isaanii kanneen barsiisani fi cuuphaniif yemmuu caalchisan “Ani kan Phaawulos! Ani kan Apholos!” jechuun wal qoodaa turan (1Qor 1: 12). Yemmuu warri kan akkana jechuun wal morman kaan immoo nuti akkas jennee wal mormuu hin qabnu “Nuti kan Kiristoos” jechuun garaa garummaa uumaniiru.
Akkuma beekamu dhufti warra Qorntos hundeen isaanii Girikii yoo ta’u, “ogummaa barbaaduuf” kan saaxilaman turan. Kanaafuu nama dubbii ogummaan guute dubbatuuf dursa kennaa turan. Haala kanaan yemmuu ilaallu Apholos dubbii ogummaa irratti cimaa akka ture hubanna (Hoe 18:24-28). Ergamaan Phaawulos garuu sammuu isaanii karaa booji’uu danda’u dubbii ogummaa dubbachuu irra dhugaa qabatee achi dhaqeef xiyyeffannoo kennuun dubbachaa ture (1Qor 2:1-3). Kana irraan kan ka’e kaan Apholosiif yoo caalchisan kaan immoo Phaawulos jechaa turan
Inumaayyuu gara barsiisa seera Museetti kan caalchisaa ture Pheexiros (Keefa) kan filatan illee turaniiru. Irra caalaan wal qooduu isaanii kun egaan ogummaaf bakka isaan kennan irraa kan ka’es ta’uu danda’a.
2:1-5 kutaan kun immoo Phaawulos jalqaba wangeela qabatee gara isaanii yeroo dhufetti akkamitti akka ibse kan agarsiisu dha. Gargar bahiinsa isaaniitiif irra caalatti sababa kan ta’e ‘ogummaa’ qabatee akka hin dhaqne dha; akka carraa ta’ee Apholos haala ogummaan guute yoo ta’e Phaawulos garuu kana hin fayyadamne. Innumaayyuu, “Hamman isin bira turettis Yesus Kiristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul’isuuf murtoo godheen ture.” (1Qor 2:2) kana jechuun ogummaa mul’isuuf bakka akka hin laanne beeksisa. Karaa biraatiin immoo wanta inni fuudheef deeme ergaa “hafuuraa fi humnaa” kan ture dha malee sammuu namaa kan hawwatu haasaa bifa qabeessan hin turre. Saba Qorontosiif fayyina kan ta’es hafuuraa fi humna kana malee ogummaa namaa hin turre.
2:6 – 16 Phaawuloos bakka kanatti waa’ee ‘ogummaa’ Waaqayyoo dubbata. Yeroo “ogummaa agarsiisuudhaan’ hin dhufne jedhu ogummaa kan jedhamu hin qabu jechuu isaa hin turre. “Ogummaa Waaqayyoo isa hin beekamin ture sana dubbanna.” (2:7) jechuun ogummaa isa kami akka fayyadamu ibsa. Akkasumas “warrabilchaatan keessatti immoo dubbii ogummaa in dubbanna” (2: 6). As irratti kanneen hojii wangeelaa isaa wajjin hajjetaa turan kunniin barsiisota warri Qorontos itti wal hiran turan (Phaawulos mataa isaa, Apholos fi Keefaa). Ogummaa nuti dubbannu isa isin beektanii fi jaallattan sana miti, ogummaa Waaqayyoo ti malee. Kunis Waaqayyo dursee baroota dura kabaja keenyaaf kan qopheesse dha. Ogummaa dhokatee ture kun amma nuuf mul’ate. Kan mul’ates hafuura Waaqayyootiin malee beekumsa biyya lafaatiin miti. “Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan.” (1:21) Akka jedhutti ogummaan biyyi lafaa qabdu Waaqayyoon beekuuf hin dandeessisne.
3:1-9 Dursee kan bilchaatan jedhee kan hire warra hin amanne waliin wal bira qabuun ture. Kunis dhugaa dubbii Waaqayyoo fudhachuu irratti ogummaa hafuuraa isaan qaban irratti. Kutaa kana keessatti garuu ofii isaaniitii namoota hafuuraa ta’anii umrii ykn turtii isaan jireenya hafuuraa keessa turan waliin wal qabsiisee “akka warra yaada foonii duukaa bu’anii Kiristoositti
immoo xobbee akka mucoolii ta’anitti isinitti dubbadha” (3:1) jedha. Kanaaf immoo sababni guddaan wal qooduu (gargar ba’insa) jiru dha. Kunis kaan Ani kan Phaawulos, Kaan immoo Ani kan Apholos jechuu isaanii ti.
Kana yeroo godhanitti waan dagatan tokkotu ture. Innis Phaawulosiis ta’e Apholos meeshaa Waaqayyoo ta’uu isaanii, Phaawulos yoo dhaabe iyyuu, Apholos bishaan obaasees kan guddisu garuu Waaqayyo ture. Waaqayyo hojjetoota isaatiif akkaataa gatii isaanitti kaffalaaf. Haa ta’u malee iji amantootaa meeshaa irra osoo hin taane, isa hojjetu irra ta’uu qaba; inni hojjetus Waaqayyo dha. Itti dabalees hojjettonni kunnin ofii isaatii homaa hin qaban; waan kennameef qofa dhi’eesuu danda’u turan.
3:10-15 kutaan kun masaraa buufame irratti ijaarsa ta’uuf gatii isaa kan ibsu dha. Masaraa biraa buusuu hin dandaa’amu (wangeela Yesuus Kiristoosii alatti) haa ta’u malee masaraa bu’e irratti ijaarama. Yeroo ijaarsi godhamutti garuu mala ykn tooftaa barbaachisa. Sababni isaa gatii keenya kan fudhannu bu’aa hojii keenyaatiin kunis guyyaa dhumaati
3:16-17 kutaa kanatti immoo ogummaa isaan ittiin of jajaa turaniin akka of hin jajne beeksisa. Sababni isaa dursee akkuma ibsame (1Qor 1:21) ogummaa biyya lafaa kanaan Waaqayyoon beekuun hin dandaa’amne. Barsiis Apholos ogummaa kanaan walqabatee ture yoo ta’es akka deebi’aniif. Ogummaa Apholos osoo hin taane kan isaan fayyise, ogummaa Waaqayyooti kunis hojii fannoo. Kana malees eenyuun iyyuu of jajuu hin qaban, tajaajiltoonni isaan tajaajilan marti akka tajaajilaniif Waaqayyoon kan qo’atamanii fi dibaman turan. Amantoonni kun irra caalaatti goofta isa dhiiga isaatiin isaan bite Kiristoos qofaaf ta’uu qabu. ‘Ani kan keefaa’ ykn kan biro jechuu dhiisaanii qabeenya Kiristoos akka ta’anitti of lakkaa’uu qabu.
4:1-5 boqonnaan kun yaada haaraa qabatee kan ka’u osoo hin taane, isuma duraan ka’ee ture karaa biraatiin cimsuuf kan gale dha. Dursee xiqqeenya tajaaajiltootaa agarsiisuuf yeroo tokko qotee bulaan, yeroo biraa ammo nama muka soofuun wal fakkeessee yemmuu raawwatu, inni ijoo fi hundaa irra caalu Waaqayyo akka ta’e itti himee ture (3:6-10). Amma ammo tajaajiloota kana akka tiksootaa fi tajaajilootaatti lakkaa’uun Eenyummaa isaanii ibsa.
Tajaajiltoota” jechi jedhu hojii baay’ee gad aanaa ta’e kan agarsiisu yemmu ta’u “tiksummaanis” akkasuma yaada isaa guutuu gooftaa isaa irra kaa’uun kan amanatu akkasumas isa qofaaf kan ajajamu agarsiisa malee olaantummaa kan agarsiisu miti. Tajaajilli isaan qabatan akka of jajanii fi duuka buutota heddun horachuun akka qabeenya isaaniitti asii fi achi kan butan osoo hin taane, adaraa itti kennameef ofii isaanii gad of qabuun waamicha (tajaajila) raawwatamu akka ta’e hubachiisa. Akkasumas amantoonni Qorontoos kun tajaajiltoota kanneen irratti illee murteessuuf aboo kan hin qabne ta’uu ibsaaf. Murtee irratti dabarsuuf kan danda’u Waaqayyo isa isaan muude qofa akka ta’e ibsaaf “kanaafis yeroon utuu hin ga’in … isin hinfaradinaa” (4:5) .Tajaajiltoota Waaqayyoo irratti faraduu Waaqayyoo tasummaa hin jaallatu, kun qulqullina miti sababni isaas namni fuula qofa ilaala, Waaqayyoo laphee ilaala, waan dukkana keessa jirus gara ifaatti kan fidu isa.
4:6-13 Phaawulos waa’ee nama tokkoof (waa’ee Apholos) jedhanii isa kaan (Phaawulos) irratti akka hin faradne itti himaa jira bakka kanati. Namoonni Qorontos maalif faradun akka hin qabne yemmuu sababeessu:
1. “Ati akka caaltu eenyuutu godhe?”
2. “kan hin fudhanne maal qabda?”
3. “irraa fudhatte erga ta’ee immoo maaliif akka waan kennaa hin ta’iniitti ittiin of jajjaree?”
Continue Reding