OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


MACAAFA QULQULLUU

Seensa (Introduction) Macaafni Kakuu Moofaa kan ittiin barraa’e Afaan Ibrootaatiin yoo ta’u Kakuun Haaraan Afaan Giriikiitiin barraa’e. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hundi isaanii Israa’eloota yoo ta’an Doktor Luqaas ( wangeela Luqaasii fi Hojii ergamootaa kan barreesse) qofatu nama Giriikiiti. Bara 250 A.D irratti Macaani kakuu moofaa gara afaan Giriikiitti jijjiirame. Macaafni kunis “Sabtuwaajant” jedhama. Warri hiikanis hayyoota Israa’elii turan. Ergasii bara 383 A.D irratti gara afaan Laatiniitti nama Jeeroon jedhamuun geeddarame. Kunis hanga bara 1000 A.D tti waldaa kaatolikii keessa ture. Ergasii gara afaan Ingliziitti nama Joon Wiikliif jedhamuu fi hayyoota isa wajjiin turan waliin hiikame. Sana booda bara 1456 tti maashiniin barreeffamaa biyya Jarmaniitti hojjatame. Bara 1467 tti Macaafni Qulqulluunis afaan Jarmaniitti jijjiiramera. Turtii baraatiin yoo ilaallu, Macaafni Kakuu Moofaa haala sadiin walitti funaanamee jira.

Macaafota seeraa waggaa 400 B.C

Macaafota raajotaa waggaa 200 B.C

Barreeffamoota Adda Addaa waggaa 100 B.C Macaafa Qulqullu kan barreessan namoota Waaqayyoo gara 48 kan ta’an yeroo ta’u, namoonni 40 kan ta’an kan kakuu moofaa yeroo ta’u kakuu haaraa kan barreessan immoo namoota Waaqayyoo 8 ta’anii dha. Kan barreessanis Hafuura Qulqulluudhaan oofamuu dhaani. 1Pet. 5:20-21. Yeroo jalqabaatiif Macaafni Qulqulluun kal’ee dhagaa fi dhagaa irratti barraa’e. Sana booda Macaafa maramaa irratti barraa’e. Macaafni Qulqulluun barraa’ee dhumuudhaaf waggaa 1600 itti fudhate. Kunis: Kakuun Moofaan waggaa 1100, gidduutti barri dukkanaa waggaa 400 fi Kakuun Haaraan waggaa 100 itti fudhate. Macaafni qulqulluun maali inni? Eessaa dhufe? Aangoon isaahoo? Har’a faayidaa maalii qabaa?

Sagaleen (jechi) Waaqaa, Waaqaan qixatti aangoo ni qaba. Sagaleen Gooftaa waan mataa isaatiif Gooftaa ta’eef jechuudha. Yoh.1:1. sagaleen Waaqaa wanta hunda kan danda’uu fi kan hunda uumeedha. Yoh.1:3. Otoo sagaleen Waaqaa dhufuu baatee ardiin duwwaa turte. Uma.1:2. kanaafuu sagaleen wanta hunda’uu fi want hin jirre kan jiraachisudha. Wanta duwwaa yookaan onaa ta’ee kan guuteedha. Wantootni ardii kana irratti argaman hundi isaanii argamuun isaanii sagalee Waaqaati. Fakkeenya namni ,ardii fi samiin, wantootni addunyaa kana keessa jiira hundi: fakkeenaaf konkoolaataan, xiyyarri, moobayiliin, uffanni, nyaanni…wantootni hunduu jalqabni isaanii sagalee Waaqaati. Uma.1, yoh.1:3. Har’as wanti sagaleen kun jedhu ni ta’a, ni raawwatamas. Sagaleen Waaqarraa bu’ee utuu hojii hin hojjetiin akkasumaan ol hin deebi’u. kanaaf wanti sagaleen Waaqaa nutty hime ni raawwatamaati iddoo keenyarratti dhaabbannee haa eegnu. Waan kana ta’eef bakki sagalee Waaqaatiif kenninu bakka Gooftaan keenninuun ni tilmaamama. Sagaleen Waaqaa (Macaafni Qulqulluun) aangoo fi human waan hundaa eebbisu, gorsu, jajjabeessu, dhaabu,muruu,seenaa gedderu, ajjeessuu, hambisuu fi fayyisuu k.k.f. wanta hunda hojjechuu ni danda’a. Waliigalatti Macaafni Qulquluun kan itti amannuuf:

  • Jireenya keenyaaf eebba bara baraa.
  • Dogngora keenyaaf sirreessa.
  • Sammuu keenyaaf beekumsa hundaa caalu.
  • Beela keenyaaf quufa
  • Dheebuu keenyaaf dhugaatii taliila
  • Ija keenyaaf ifa dukkana baqaqsu
  • Afaan keenyaaf mul’ata haaraa
  • Arraba keenyaaf mi’eenya (damma)
  • Dhaabbii keenyaaf humna
  • Kufiinsa keenyaaf ka’umsa
  • Harka keenyaaf ogumaa
  • Miila keenyaaf dhaaba
  • Rakkoo keenyaaf mala (furmaata)
  • Gaaffii keenyaaf deebii
  • Karoora keenyaaf rawwannaa
  • Fiiginsa keenyaaf badhaasa
  • Foon keenyaaf ciniina
  • Diina keenyaaf waraana (mo’icha)
  • Ka’umsa keenyaaf argamti (ga’umsa)
  • Dhuma keenyaaf wabii

    Macaafni Qulqulluun Eessaa Dhufee?

    Macaafni qulquluun maddi isaa Waaqayyoodha. Sababni isaas waan afuura qulqulluu isaatiin barreeffameefi. Namoota Waaqayyoo gara afurtamaa(40) ta’antu barreesse. Waliigalatti barreessan macaafa qulquluu afuura qulqulluudha. Jechuun namni kan barreessan afuura qulqulluudhaan guutamaniiti. 1Phex.1:10-12. Kanarratti jechootni sadii kan macaafa qulqulluu irraa adda hin baane ni jiru. Isaanis:

    1. Mul’ata Waaqayyoo (Revelation):-

    kana jechuun dhokate tokko ifa gochuu kan danda’u, waan haguugame mulquu jechuudha. Ef.1:17, Ef. 3:3-7, Mul.1:1. Mul’ata kana bakka lamatti qooduu dandeenya:

    I. Mul’ata waliigalaa (General Revalation): mul’ata waliigalaa jechuun yeroo tokkotti nama hundaaf bakka hundatti kan mul’atedha. Kanas karaa sadii hubachuu ni dandeenya:

    i. Uumamaan: Jechuun uumamni hundinu uumaan tokko akka jiruu sababa himaniif. Faar.19:1-6, Uma.1:1. Uumama ilaaluudhaanii fi gaaffachuudhaan

    namni bakka kamittiyyuu argamu hubachuu ni danda’a. namni ija hin qabu jedhee uumama ilaaluu hin danda’u kan jedhus, gubiinsa aduutiin beekuu ni danda’a. Kanaa alattis uumamni hundinuu jalqabaa hamma ammatti iddoo isaanii gadi hin lakkifne. Halkanii fi guyyaan bakka wal hin jijjiirre, waqtiileen wal hin faallessan. Kun kan mul’isu uumaan bareechee uume jiraachuu isaa qofa osoo hin taane, kan bulchu illee akka ta’e mul’isa.

    ii. Sammuu ilma namaatiin: kana jechuun sammuun ilma namaa wanta waaqaan uumameef, yeroo uumamus waa afuuraa isarraa qooddateef wanta waaqessu akka barbaadu isa godha. Kanaaf namni tokko akkas jedhee jira:”addunyaa kana keessatti magaala bulchaa malee jiraatan argachuu ni dadeessu ta’a garuu, ganda tokko mana amantii hin qabne hin argattan”jedhee. Kun kan mul’isu namni gooftaa sirris haata’u isaan ala waan waaqessu qaba jechuudha. Akkuma kana namni hinduu wanta gaarii ta’e gochuu ni barbaada, gochuu baatus kan kana fudhate gooftaa irraaa akka ta’ee mul’isa.

    iii. Seenaadhaan: kana jechuun immoo seenaawwaan hedduu addunyaa kanarratti raawwatanii jiraniin jechuudha. Fakkenyaaf seenaa warra Roomaa yeroo kiristoos dhufe (dhalate) yoo ilaallee biyyoota hedduu koloneffatee turte. Israa’eelii jaqabe bulchaa turte. ”karaa hundinuu gara roomaatti ni geessa” jedhameefi ture. Har’a garuu rakkoo qabeenyaatiin dhiphachaa jirti. Akkuma kanas qo’annaa fi qorannaan kan beekamtu Griikii durii har’a maaltu liqimse jira? Aduun biyya ingiliziitti hin lixxu jette maal irra jirti? Ameerikaa durrii har’a maal fakkaatti? Namoonni hin duune fakkaatan kanneen akka Hiitle, Saadam Hussen, Hayilesillaasee, Mallas Zeenawii amma eessa jiru? Wantootni kun hundinuuaddunyaa keenyarratti raawwatamaniiru. Wantoota ta’anii fi ta’uuf jiran hundaa yeroo babaadetti akka barbaade kan godhu Gooftaa qofa ta’uu isaa mul’isa jechuudha.

    II. Mul’ata addaa (special revalation):- kana jechuun immo Waaqayyoo namoota adda addaa mul’ata addaa jedhamuun quunnameedha. Mul’atni kun nama hundaaf hin kennamne yookaan namni addunyaa kanaa marti argachuu kan hin dandeenye jechuudha. Mul’atni kun karaa namni hin eegneen sababa dhufuuf. Mul’atni kun karaa adda addatiin mul’ateera.

    i. Sagalee (jecha) Waaqaatiin. Uma.3:8,

    *12:1-9, HoE.9:4-5. fakkeenya namootaa mul’ateefi: Addaamiif, Abraamiif, Phaawulosiif…

    ii. Abjuudhaan: Saamu’eeliif, Ermiyaasiif.Yooseefiif

    iii. Ergamootaan: Looxiif, Maaramiif, Phexiroosiif

    iv. Afuura Qulqulluudhaan: Raajotaaf

    v. Ilma Waaqaatiin (Iyyasuusiin): nama hundaaf.

    vi. Macaafa qulqulluudhaan: nama hundaaf

    2. Inspiration (Ayyaana waaqayyootiin guutamuudhaan): kana jechuun tajaajiltoonnii fi raajonni Waaqayyoo adeemsa macaafa qulqulluu itti barreessanidha. 1Phex.1:10-12.

    3. Illumination (walta’iinsa ayyaana waaqayyoo): erga dhugaan mul’atee fi erga barreffame kan barraa’e kana karaan ittiin hubannuu fi hubachiifnu dha. Revalation is the rceptionof truth. Inspiration is the recording of this truth and Illumination is the understanding the reveled word of God’s truth.

    Sassaabbii Macaafa Qulqulluu

    Adeemsa kanaan namoonni Waaqayyoo kan lakkoobsi isaanii 40 ta’an ayyaana waaqayyootiin oofamuudhaan barreessanii jiru. Namoonni kunniin yeroo adda daddaa kan jiraatanii fi beekumsa garaa garaa kan qabanidha. Walumaagalatti garaa garummaa hedduu kan qabanidha. Fakkeenya Museen nama ogummaa Ijibtii qabu, Iyaasuun dura bu’aa waraanaa (General), Amos tikseedha, Daawit Mootii ture, Daani’el immoo muummicha ministeeraa ture, Maatewos hojjetaa mootumaa finaansii ture, Luqaas Doktora (0geessa fayyaa ture), Phaawulos immoo nama sirritti baratedha, Pheexroos nama hin barannedha, Yohaannis abbaa qabeenyaati.

    Wanti kun mataa isaatiin Waaqayyoo abbaa barbaadee ajajuu akka danda’uu fi Ayyaana Waaqaatiin akka barraa’ee nutty hima. Sababiin isaas yoo Gooftaan gargaare malee namni hin baranne barreessu waan hin dandeenyeef. Kanaaf Macaafa Qulqulluu keessatti dogongorri tokkollee hin argamu. Jechuun namni yoo barfreesse iyyuu ayyaanni gooftaa dogongora irraa eega ture. Haa ta’u malee afuurri Gooftaa isaan wajjiin ta’us, eenyummaa isaanii, aadaa isaanii, beekumsa isaanii fi k.k.k.f ni eegaa ture malee isaan hin hacuuucu ture. Macaafni Qulqulluun namoota adda addaan yeroo adda addaatti erga barraa’ee akkamitti haala ammma jiruun nu bira ga’uu danda’e? akka amma jirutti qindaa’ee akka nu bira ga’uu kan ta’e yeroo adda addaa fi haala adda addaatiin walitti sassaabamuuni. Kunis kan ta’e akka itti aanutti:

    a) Gargaarsa ayyaana Waaqaatiin.

    b) Soqaatiin (barbaacha) abbootii duraatiin.

    c) Saayintistootaatiin

    d) Arkiwooloojistootaan

    e) Tasa namoota garaa garaatiin.

    Fakkeenyaaf, bara 1947tti (A.L.A) tiksee arabaa tokko r’een jalaa baddee osoo soquu dhagaa gara golatti (holqa) (cave) darbuu cabiinsa huboo dhaga’ee kitaaba asteeriin alatti hunda argeera. Keessattuu kitaaba raajicha Isaayaas hunduu (all copy) argameera. Kanaan dura mana amantii Kaatolikii qofaatti argamu ture.

    Kakuu moofaan jalqabatti yeroo barreeffamu afaan Ibrootaatiin waan barraa’eef bara 250 Dh,K.D, Hayyuuleen Ayhuudotaa 72 ta’an gara Afaan Giriikiittitti hiikan. Macaafni kunis Saabtuulajantii jedhama. Ergasii kakuu haaraa yeroo barraa’ee afaan Giriikiitiin waan barraa’eef kakuu moofaa wajjiin ta’uun yeroo jalqaabaatiif gara afaan Laatiniitti bara 388 A.L.A. nama Jeroon jedhamuun hiikame. Kun kan ta’eef ti’ooloojiin afaan Laatiniitiin waan tureef. Ergasii namni Joon Wiiklif jedhamuu fi hiriyoonni isaa gara afaan Ingiliffaatti hiikan. Saniin booda bara 1546 dh,k.b meeshaan maxxansaa biyyaJermanitti uumame. Yeroo kana bara 1547tti macaafn qulqulluun gara afaa Jermaniitti hiikamee barreefame.


    Continue Reding