Barsiisa Afuura Qulqulluu (Pneumatology)
Barsiisa Hafuura Qulqullun (Pneumatology)
Seensa (Introduction)
Barsiisa Hafuura Qulqullun (Pneumatology) Seensa (Introduction)
GooftaaYesuus Wangeela Yohaannis 14:26 irratti akkas jedhee barsiisaa ture, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.” As iratti wanti hubannu tokko “inni” bamaqa jedhu dha. Akka gareen amantaa tokko tokko jedhanitti hafuurri qulqulluun eenyummaa mataa isaa kan hin qabne humna ta’e qofa miti, eenyummaa ofii isaa akka qabudha Macaafni Qulqulluun Afaan Ingiliziin barreeffames “he” jechuun kaa’a malee “it” hin jedhu. Bakka kanatti (Yoh 14:26) sadan tokkummaa waaqaas waan nu hubachiisu jira. Waan hufuurri qulqulluun yeroo dhufu raawwatus Yesuus ibseera. Isiniif dubbata,in barsiisa, in yaadachiisa. Akkuma beekamu Macafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraan barreeffame (2 xim. 3:16).Kan hubachuun dundaa’amus hafuurichumaan. Kanaaf hafuurri qulqulluun dhugaa dubbii macaafa Qulqulluu illee in barsiisa jechuudha.
Hafuurri qulqulluun jireenya namootaa illee jijjirun gara Kiristoos fakkessuutti guddisa. Namoota hedduu hojii hamaa hojjechaa turanii booda immoo kiristaanoota immoo ta’an inargina. Nutis jireenya keenya kanaan duraa fi ammaa yoo ilallee garaagarummaa argina. Kan nu jijjiire hafuura qulqulluudha. (2 Qor. 3: 18, Efe 3:20) Keessattuu Macaafa Hojii Ergamootaa yoo sirriitti dubbifne hojii hafuurri qulqulluun jireenya bartoota Yesuusiif kanneen biroo kessatti hojjete sirritti hubanna. Wangeelonni arfan akkuma hojii Yesuus hojjetee fi barsiisa isaa ibsan macaafni hojii ergamootaa kan hafuura qulqulluun xiyyeeffannaan ibsa. Luqaas wangeela barresse keessatti yeroo kudha lama yoo ibsu macaafa hojii ergamootaa keessatti immoo yeroo afurtamii lama ibsa waa’ee hafuura qulqulluu.
Waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa macaafa hojii ergamootaa keessatti yoo hubannu hojii guddaan hojjetame hafuura qulqulluun. Hafuurri qulqulluun nama dhuunfaas tahe waldaa kiristaana akkamitti akka cimsee gargaaraa jiru ammaan kanas hubachuun nama hin dhibu. Akka macaafni qulqulluun barsisutti hafurri qulqulluun warra hin amanne illee akka tuqu dha. (Yoh. 16:8) “Inni yemmuu dhufu waa’ee cubbuu, waa’ee qajeelummna, waa’ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa”. Caafata kanarraa wanti Hubannu hafuurri qulqullunn waa’ee cubbuu biyya lafaa irra jiru agarsiisuun gara Yesuusitti akka dhufan kan godhu ta’uudha. Hafuurri qulqulluun biyya lafaa kana iddoo hundumaatti yeroo tokkoon waan argamuuf eenyullee jalaa dhokachuu hin danda’u (Far139: 7 -10) egaan qabxiiwwan armaan gadiin qo’annoo keenya itti,
A. Akkamiin akka hafuuri qulqulluun eenyummaa mataa isaa akka qabu hubannna
B. Akkamittis hafuuri qulqulluun Waaqa akka ta’e beekna
C. Hafuurri qulqulluun Yesuusii fi Waaqa Abbaa irraa qaamaan addaa ta’uusaa ni hubanna
D. Mallattoolee hafuura qulqulluun ittin mul’ate
E. Hafuura qulqulluu warra hin amaniin biratti
F. Hafuura qulqulluu warra amanan biratti
G. Kaayyoo Waaqayyoo kiristaanota hundaaf qabu
H. Hafuurri qulqulluun akkamiin akka gara kiristoos fakkachuutti amantoota jijjiiru
I. Akka gareetti waan hafuurri qulqulluun amantootaaf godhu
J. Hafuura qulqulluun guutamuu jechuun maal jechuu dha
A. Hafuurri qulqulluun eenyummaa mataasaa qaba (The Holy Spirit is a person)
Namoonni baay’een hafuurri qulqulluun humna akka elekitirikaa ta’e tokko qofa akka ta’etti hubatu malee eenyummaa ofii isaa akka qabutti miti. Barsiisonni sobaa baay’eenis akkanatti fudhatu. Garuu Macaafni qulqulluun kan barsiisu eenyummaa mataa isaa akka qabu dha. Fakkeenyaaf Yoh 16:13 “Hafuurri dhugaa sun yemmuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin geessa, inni waan dhagahu dubbata …” inni yemmuu jedhu bamaqa namaaf (he) kaa’uun eenyummaa ofii akka qabuu nu hubachiisa. Inni in dubbata, in raawwata, in gadda (Hoe, 13:2, Efe 4:30) Egaan eenyummaa ofii isaa qaba jechuun foonii fi dhiiga ykn qaama mul’atu jechuu miti. Fakkeenyaaf Waaqayyo hafuura; eenyummaa ofii isaa qaba. Ni dubbata geggeessa, in gaddas.
Kutaawwaan macaafa qulqulluu eenyummaa hafuura qulqulluu waliin
Inni in gadda (Isa 63:10 – 14, efe 4:30)
B. Hafuurri qulqulluun waaqa
Phexros yemmus,“Anaaniyaas,akkaati hafuura qulqulluu sobdhuuf, horii araddaa kee itti gurgurte keessas …” (Hoe 5:3) hafuuri qulqulluun amaloota Waaqayyo qofaaf ta’an qaba.
i. Bakka hundaatti yeroo tokkon argama (omnipresent) (Far, 139: 7 – 10)
ii. Waan hundaa beeka (omniscient) (1 Qor 2:10, 11)
iii. Waan hundaa danda’a (omnipotent) (Luq 1:35)
Hafuurri qulqulluun macaafa qulqulluu keessatti walqixa Waaqa Abbaa fi Ilma waliin dhiyateera (Mat 28:19) “Egaa dhaqaa,maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” Qaamole sadii, maqaa sadii waaqa tokkicha. Kana malees Phaawulos akkas jedha (Qor 3:17) “egaan inni gooftaa jedhamu hafuura qulqulluu dha.”
Kakuu moofaa keessatti ammoo hafuura Waaqayyoo jedha meera (Isa 61:1, 1sam 10:10)
C. Qaama ofii isaa danda’een Waaqa Abbaa fi Yesuus irra addatti jira
Namoonni tokko tokko hafuuri qulqulluun maqaa waaqayyoo isa biraa dha jedhu. Macaafni qulqulluun akkas jedha, Yoh 1: 32 – 33 “Yohannis dhugaa baheef, hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa isa irra bu’ee hafuu isaa argeera. Ani ofii kootii iyyuu isa in beekne; garuu inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, hafuurri qulqulluun isa irra bu’ee hafuu isaa kan argitu, isa inni hafuura qulqulluudhaan cuuphu” jedhee anati hime. Bakka kanatti Yesuus, hafuura qulqulluu, akkasumas Waaqni Abbaan yeroo dubbatu hubanna kana malees Yesuus akkas jedha (Yoh 16:7) “Yoo ani deeme isiniif wayya ani yoon dhaqe garuu isa isiinifan erga” Yesuus irraa qaamaan adda jechuu dha.
D. Hafuurri qulqulluun mallattoolee adda addaatiin mul’ate
Hafuurri qulqulluun humna nama jijjiiruu qaba. Kunis amala namaa, eenyumma namaa gara Kiristoos fakkachuuti jijjiira (2 Qor 3 : 18, Efe 3 : 20) .Waageellonni arfan waa’ee Yesuus irratti yemmuu xiyyeeffatan macaafni hojii ergammota ammo hojii hafuura qulqulluu karaa amantoota waldaa kiristaanaa ishee jalqabaan raawwatamee ibsuu irratti xiyyeeffata. Macaafa hojii ergamootaa kana keessaa kutaa muraasa yoo fudhanne:
1) Hafuura qulqulluun guutamuu
2) Kennaa afaan garaa garaa
3) Afaan kennameen dubbachun
Hoe 8 - irratti adeemsa itti Filiphoos geggeessaa hafuura qulqulluun lallaba wangeelaf bahe argina. Innis mardera Samaariyaa keessatti wanta hafuurri qulqulluun raawwate dha. Akkasumas walii dubbii Filiphoos namicha Itoophiyaa waliin godhes kutaa kana keessatti argama.
Hoe 10 - kan arginu mul’ata fudhachuu Phexros, Haalli kun haala itti namni tokko sagalee waaqa biraa itti fudhatudha. Waaqayyo dirqama sagalee qofa miti kan dubbatu ;mul’ata fi abjuu keessas yaada isaa beeksisa.
Boqonnaa kana keessatti namoonni Qorneelewos hafuura qulqulluu akka fudhatanii afaan haaraa akka dubbatanis kan dubbifnu (10: 44 – 47).
E. Waan hafuurri qulqulluun warri hin amanin biratti hojjetu
1. Hojii hamaa daangeessa (dhorka)
Osoo hafuurri qulqulluun biyya lafaa irra hin jiraannee jiraachuun hin yaadamu ture, sababa hojii hamaatiif. Shalagamee kan bira kin gahamne hojiin seexanaa,fi namnis hojii badaa daangaa hin qabne akka hin raawwaneef hafuurri qulqulluun daangessa (2 Tes 2:7) Guutummaa guutuutti hojii hamaan akka hin raawwatamne garuu hin dhorku; biyyi lafaa waan badaa ta’een guuttee jirti. Hafuurri qulqulluun karaa garaagaraa akka wanti badaa ta’e to’atamu godha. Fakkeenyaaf karaa mootummaa (Rom 13: 3 -4), karaa kadhata amantootaa (Hoe 12 : 3 – 8), irraa caalaa immoo laphee namootaa tuquun hamaa fi gaarii akka beekaniif ceepha’amanii godha. (Yoh 16: 8)
Waa’ee cubbuuf namoota ceepha’uun gara Kiristoositti akka deebi’an godha Kunis dhorka hojii hamaa keessaa tokko ta’ee, namootni gara Yesuusitti akka deebi’an godha. Waan badaa hojjetaniif laphee namootaa keessatti mamii uumuun akka qalbii diddiirannaatti dhufan godha (Yoh46: 8 –13). Hojii hafuura qulqulluu malee cubbamtoonni gara Yesuus dhufuun rakkisaa dha (Yoh 6:44, Rome 8:9). Garuu namoonni hundinuu filannoo qabu. Garrin you hafuura qulqulluu dhagahanii deebi ‘an kaan immoo boquu kan jabaatan jiru. (Ib 3: 15, 6:6, 1Tim 4: 2) .Warri Fareesotaa fi dura buutonni Yihundotaa carraa Yesuusitti amanuu yeroo argatanitti akkuma didaniin turan (Hoe 7:1-58). Har’as namni osooma dhaga’uu boquu jabaachaa waan hamaa hojjechaa jira; karaa Waaqayyoo irra deemuu dhiisee.
Continue Reding