christology

Kutaa Tokko Barsiisa Waa’ee Kiristoos (Christology)

Yesuus Kiristoos Waaqa akkasumas ilma Waaqayyoo akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti dubbata. Kana qofas osoo hin taane yeroo tookichatti Kiritoos Waaqa fi nama akka ta’es in ibsa. Amalootni kunniin Kiristoos qabu kan wal hin maknee fi kan gar gar hin bane akka ta’ee beekuun barbaachisaa dha.Macaafni Qulqulluun waa’ee gooftummaa Yesuus cimsee haa dubbatu iyyuu malee tokko tokko jireenya dhuga kana amananii hin fudhatan. Mee kanneen keessa muraasa akka itti aanuu tti ilaaluu haa yaallu.


1 Iibiiyoonaayit (Ebionites):-Waaqummaa Kiristoos kanneen ganan dha.

2. Noositiksi ( Gnostics) :-Nama ta’uu Yesuus kanneen ganan dha.

3. Aariyosaawwota ( Ariuns) :-Yesuus uumama jedhanii kan barsiisan dha.

4. Appoliinaawota ( Apollinarians) :-kiristoos nama ta’uu isaa kanneen ganan dha.

5. Nesxooriiyaanota ( Nestorians):- Waaqummaan kan guutame garuu nama jedhanii barsiisu.Haa ta’u malee amaloota

lamaan yeroo tokkotti kan qabate miti jedhanii barsiisu.Waaqummaan Kiristoos sagalee isaan (Logos) waaqummaan kan guutame gara namummaatti jijjiirameera jedhu.

6. Iiyuutiikaan (Eutychians):-Amaloota Yesuus lamaan kan hin fudhanne dha.Jechuun amala sadaffaa akka qabutti warra barsiisan dha.Kunis namni Waaqaa wajjin walquunnamtii gochuun qaama sadaffaa uumeera;kunis namas waaqas ta’uu kan danda’u.

7. Moonoofiisaayit (Monophyites):Kiristoos kan jiru akka amala isaatti jedhanii barsiisu.Namummaa Kiristoos kan hin fudhanne dha.Namummaan isaa guddifachaa malee kan bara baraa miti kan jedhanii dha.

Akka warra armaan oliitti ilaalletti hubannoo isaan Yesuus irratti qaban ibsaniitti yaada galeef ykn bittaa itti gale ta’uu danda’u dha. Haa ta’u malee akkuma seensa irratti ibsuuf yaalletti

Yesuus amaloota lamaan jechuun amala namaa fi Waaqummaa akka qabu Kakuu moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti hubachuu dandeenya.

Namummaa guutuu fi Waaqummaa guutuu Yesuus kakuu Moofaa keessatti

Kakuu Moofaan waa’ee namuumaa fi Waaqummaa Masihi, Kiristoos dhugaa baha.

1. Waaqummaa Kiristoos:kutaawwaan Macaafa qulqulluu itti aanan waa’ee Waaqummaa Kiritoos ibsu (Isa.7:14, 9:6-9, Erm.23:5-6, Mik.5:2, Fak.30:4, Far.2:7,12:45:6)

2. Nama ta’uu Kiristoos:- Barrefani itti aanuun dhufan waa’ee nama ta’uu dubartii irraa dhalachuu fayyiisa kan ta’e Kiristoos ibsu ( Uma.3:15, 9:26,22:18,26:2-4,28:13-14;49:10-12,Lak.24:1719,Kes.18:15-18,Isa.11:1-2;7:14,Zak.3:8;6:10-12;2Sam7:12-14)

Kakuu Haaraan Kakuu Moofaa caalaatti waa’ee namummaa Kiristoos haala ifaa ta’een ibsa.Kanaafuu waa’ee kanaa irratti Kakuu Haaraa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Kiristoos mucaa Waaqayyoo ta’uun nama irraa waan dhalateef nama jedhama.Yoh.1:14,1:18 ;3:16,18;Gal.4:4. Waaqayyoon kan filatamee masihii waan ta’eef ,mucaa Waaqayyoo jedhama; Mat.8:29; 27:40; 26; 63, Yoh.1:49 11:27. Kiristoos maqaan jedhuWaaqummaa isaa kan agarsiisu yoo ta’u, kan dibame Masihiis jedhama Kiristoos kun. Yesuus maqaan jedhu kun immoo namummaa isaa kan agarsiisu hiikni isaas fayyisaa jechuu dha;kan dhufes Iyyaasuu kan jedhu irraa ti.


Nama Ta’uu maalif akka barbaachise( The Importance of Incarnation)

Kiristoosiin maalif foon uffachuu isa barbaachise? Nama ta’uu wanti barbaachiseef gatii cubbuu kafaluuf. Kunis Kiristoos akka du’uuf.Kana wanti ta’eef ilmaan naommotaa keessaa cubbuudhaaf du’uu kan danda’u waan hin jirreef Waaqayyo foon uffatee dhufee du’eef.Foon uffachuunis ilmaan namootaa hundaaf yeroo tokko fi dhummaaf du’eera.Kunis ta’uu kan danda’e foon uffachuu isaatiin. Foon uffachuun hangas waan barbaachisuuf yesuus nama ta’e jechuu dha.


Sababa nama ta’uun barbaachiseef (The Reason for the Incarnation)

1. Abdii Fayyinaf jiru cimsuuf:-Rome.15:8-9,Mat.1:1,Isa.7:14;9:6-9;Uma.3:15,22,Mik.5:1-2.
2. Raawwii seeraa, Faarsaa, fi Raajii(Kakuu Moofaa)
3. Mul’ata Abbaa guutuu gochuuf (Yoh.1:14-18;14:9,16:27)
4. Daabiloosii fi mootummaa isaa balleessuuf.
5. Jireenya namaa isaa qulqulluu ta’ee fi cubbuu hin qabnejiraachuuf(Mat.11:29,1Yoh.2:6,1Ph.2:21)
6. Ofii isaa aarsaa gochuun cubbuu ballessuuf.
7. Kakuu Haaraan akka dhiibbaa uumu gochuuf.
8. Tajaajilli Kakuu Moofaa akka raawwatuuf ( Raajii, Luba, Mootii).

9. Karoora waajjuu keessatti deebi’ee dhufuu isaa ifatti baasuuf(Dan.9:24,Rom.8:18-25,Heb.9:2728,Fil.3:12,1Qor.15:25-28).

A. Nama Ta’uu Kiristoos ( The humanity of Christ) A. Nama Ta’uu Kiristoos ( The humanity of Christ) A. Nama Ta’uu Kiristoos ( The humanity of Christ)

1.Dhaloota namaan raawwatame

a. Dubartii irraa dhalate, akka namummaatti ( Mat.1:18-23;2:11;Luq.1:30-33,gal.4:4), Mariyaam durbi haadha Yesuus ta’uuf filatamte.
b. Akka sanyii Daawwit ta’utti dubbatameef fooniin Rom.1:3, Mat.1:1
c. Inni Abdii sanyii dubartittii ti ( Uma.3:15,Mat.1:23, Isa.7:14).
d. Akka ilma Daawwittis beekame ( Mat.15:22,Hoe.13:22-23, Ibr.7:14). Toorri dhaloota isaa Maariyaam irraa gara Mootii israa’el kan ture Daawwitti deebi’a.
e. Garee Israa’el keessaa tokko ta’ee dhufe foon uffachuun ( Rome.9:5)
f. Inni sagalicha nama ta’ee foon uffatee mul’ate( Yoh.1:14, Rome.1:3,1Xim.3:16)

Inni hidda dhaloota namaa qaba ture.

Akka namaatti Yesuus dhalatee guddatee, gara bilchinaatti dhufe akkuma uumama ilmaan namaatti.Kun immoo yaada armaan gadiitti toora galan keessatti argamu;

a) Akka mucaatti guddate ( Luq.2:40).
b) Inni namummaadhaa fi ogummaatti in guddate ture(Luq.2:52).
c) …dhiphina isatti dhufe hundumaan abboomamuu bare.(Ibr.5:8).
d) Akkuma ilma namaatti hojii maatii, muka soofuuYoosef, shaakalaa guddate(Mar.6:3,Luq.3:23).
e) Waan hundaamaa rakkoo namaa fiixaan baase(Ibr.2:10).
f) Qormaata namoota irra gahu hundaa hirmaate (Mat.4:1-11, Ibr.2:18, Mar.1:35, Luq.22:28, Ibr.4:15).
g) Abbaa wajjin kadhannaan walitti dhufeenya gochaa isatti irkachaa jiraate (Mat.14:23, Ibr.5:7, Luq.6:12; 22:39-46).
h) Inni abbaa fi Hafuura qulqulluu irratti irkatee jiraachuu itti fufiinsaan barate.Waa’ee ofii isaa tokko illee hin dubbanne waa’ee itti kennamee malee (Mar.1:35, Yoh.6:15, Hoe.1:2, Ibr.5:7,9:14, Hoe.10:38).
i) Nama Waaqan mirkaneeffame ture (Hoe.2:22)
j) Daangeffamee ture beekmsa namummaa ofii isaatii qaba tureen(Mat.24:36,Mar.13:32,Luq.7:9)
k) Gara laafummaa namaa barbaadee ture bakkee Getesemaanee keessati(mat.26:36-40).

Olitti ilaalluu akka yaaletti Kiristoos guutummaa guutuutti nama akka ta’e dha.Dinqiin Waaqayyoo itti dabalamuun haaluma wal fakkaatuun guutummaa guutuutti Waaqa ta’uun isaa immoo kan nama dinqu dha.Yesuus guutummaa guutuutti nama jechuun cubbuu hojjeteera jechuu dhaa ree? Waawuu;Macaafni Qulqulluun akka ibsutti tasumaayyuu dhaala cubbuu akka hin qabne;akkasumas dhiigni isaa qulqulluu waan ta’eef dhiifama cubbuuf gahaa dha.Itti fufiinsaan dubbii kana haa ilaallu

I. Dhuga bahiinsa Kiristoos aka cubbuu hin qabnee

Akka kiristoos cubbuu hin qabne Macaafni qulqulluun karaa hedduun ibsa. Amantoon Amantaa ortodoksii kana gaarii godhanii amanu. Eenyulle Kiristoos cubbuu hojjeteera jedhee dubbachuu hin danda’u.
a. Dhugaa bahumsa ergamaa Gabri’eel (Luq.1:35)
b. Dhugaa bahumsa daabiloos (Mar.1:24,Luq.4:34,Mat.8:28-29).
c. Dhugaa bahiinsa namootaa 1) Mugaa qulqulluu jedhame ( Hoe.4:27,30).
2) Philaaxos mudaa tokko illee irrati hin argine(Yoh.18:38,19:4).
3) Haati mana Philaaxos dhugaa baatettiif( mat.27:19)
4) Hattichi yesuus waliin fannifame tokko (Luq.23:41)
5) Angafni dhibbaa tokko dhugaa baheef(Luq.23:47)
6) Herosis du’uu hin qabu jechuun dhugaa bahef(Luq.23:15).
7) Yihuudaan nama qulqulluu ajjeesisuun gaddeera(Mat.27:4)

d. Dhuga bhumsa Waaqaa ;-Waaqayyo Abbaas waa’ee tokkicha ilma isaa akka itti gammadu samii gubbaa dhaa dhugaa baheeraaf (Mat.3:15-17;17:1-5).
e. Dhugaa bahumsa bartoota isaa
1) Phaawuloos akkas jedha,” Cubbuu tokko illeehin qabne” (2Qor.5:21)
2) Phexros akkas jedha,”inni cubbuu hin hojjenne” (1Phex.2:21-22).
3) Yohaannis akkas jedhe,” inni garuu cubbuu hin hojjenne” (1Yoh.3:5)
4) “Cubbuu irraa dhiifame malee “,angafa luboootaa karaa isa karaa hundumaan akka keenya qoramee darbe dha (Ibr.4;15).
5) “isa qulqulluu’ ( 1Yoh.3:3).
6) Angafa lubootaa isa qulqulluu waan ittiin jedhan hin qabne,xurii hin qabne,isa cubbuu irraa gargar bahee “ (Ibr.7:26-27).




Continue Reding