Ergaa Qorontoos Isa Duraa (1st Coronthians)
Kiristoos duukaa bu’uun haalotaan kan hin murteeffamnedha. Kana jechuun yeroo haalli namaaf mijatu ykn mijachuu dhiisu otoo hin taanee, haalota hundumaa keessatti duukaa bu’uu jechuu dha. Kiristoos duukaa bu’aa jiraachuuf dhiisuun keenya jireenya nuti jiraannuun beekamuu ni danda’a. Kanaafuu waamicha ofiif hanga dhumaatti gatii nama baasisu hundumaa baasanii kiristoos duukaa jiraachuun gaariidha.
GUMAACHA KITAABICHAA:
1:1-9: Nagaa, 1:10-4:21: Walqoqqoodiinsa waldaa keessatti uumame, 5:1-6:20: Cubbuu waldaa keessatti cime, 7:1-40: Waa‟ee gaa‟elaa, 8:1-11:1: Nyaata waaqayyoolii tolfamaadhaaf dhi‟aatan, 11:2-14:40: Jeequmsa iddoo waaqeffannaa jiru, 15:1-58: Waa‟ee du‟aa ka‟uu, 16:1-24: Gargaarsa walitti qabuu fi karoora ergamichaa
1. Haala Magaalaa Qorontoos
Magaalaan Qorontoos magaalaa beekamtuu fi giddu galeessa daldalaa turte. Kanus Meqedooniyaa, Eeshiyaa, Sooriyaa, Gibxi, Xaaliyaan fi Ispeen faa wajjiin ture. Bishaaniin marfamtee waan turteef buufata doonii gurguddaas kallattii bahaa fi lixaatiinis qabdi turte.
Bara 146 DH.K.D mootummaa roomaatiin diigamtee turte. Deebitees bara 44 DH.K.D irratti ni ijaaramte. Taphoonni olompikii tokko tokkos achitti ni gaggeeffama ture 1Qor 9:24-27.
Maqaa ishees “Korinthiazo” jedhee kan itti moggaase nama “Sclepias 450-385” jedhamu ture. Hiikkaan isaas ejjituu yookiin sagaagaltuu jechuu dha.
Walumaagalatti magaalattiin kiristiyaanummaan osoo hin seenin dura ejjaa fi amaloota gadhee tokko tokkoon beekkamaa turte. Kanaafis akka fakkeenyaatti intala Qorontoos yeroo jedhan ejjituu jechuu isaaniiti.
2. Waldaa Kiristiyaan Kan Qorontoos Keessa Jiru
Waldaan kun kan dhaabbatte Ergamaa Phaawuloosiin naannoo bara 50 – 52 tti ture. Kanas HoE 18 irratti Phaawuloos akka achi deeme, Aqilaa fi Phirisqilaa wajjiinis hojii dunkaana hodhuu hojjachaa akka ture, guyyoota sanbataatti gara iddoo walitti qabama namootaa deemee Wangeela lallabaa akka ture, boodarra yeroo Silaasii fi Ximootewoos Meqedooniyaarraa dhufan hojiisaa dhiisee wangeela lallabuutti akka seene argina. Kunis tarii gargaarsa warri Filiphusiyuus erge eega isa ga‟ee booda ta‟uu danda‟a.
Miseensonni waldaa kanaas 50 irra akka hin caallee beektonni Macaafa Qulqulluu ni dubbatu. Kunis mana nama dhuunfaa keessatti waan walitti qabamaa turaniifii dha. Rom 16:23.
3. Baraa fi Iddoo Ergaan Kun Itti Barraa’e
Ergaan kun barraa‟uu isaa dura Phaawuloosi xaalayaa isaaniif barreessee ture. 1Qor 5:9-11. Xalayaan inni barreesse kun garuu baduun isaa hin oolle.
Barri isaa 54 - 55 A.D jedhamee tilmaamama. Bakki inni itti barraa‟e beekuudhaaf nama rakkisa. Garuu yeroo xumuraaf efesoon turetti akka barreessetti fudhatama
4. Kaayyoo fi Haala Yeroo Ergaa Kanaa
Amantoonni waldaa Qorontoos rakkina isaan bira jiruuf karaa akka isaanitti argisiisuuf jedhanii xalayaa gara Phaawuloosiitti erganii turan. Osoo xaalayaan kun isa bira hin ga‟inis oduun haala isaan keessa jiranii isa bira ga‟ee ture. Kunis karaa namoota mana dubartii Qelo‟ee jedhamtu irraa dhufaniitiinii dha. 1Qor 1:11
Walumaagalatti rakkoon yeroo sana isaan bira ture: wal qoqqooduu, sagaagaluu, waa’ee fuudhaaf heerumaa, nyaata waaqoliif tolfamaaf dhiyaatan nyaachuu fi dhiisuu, irbaata gooftaarratti amala hin barbaachifne, kennaalee hafuuraatti fayyadamuu wallaaluu fi waa’ee du’aa ka’uu ture.
Waldaanis rakkoo kanatti akka galtu wantoota godhan keessaa inni guddaan haala magaalichi keessa turee dha. Kanneen keessaas falaasama yookiin oogummaa hordofuu Giriikotaa, waaqota tolfamoo garaa garaa, aadaa fi haala jireenyaa tokko tokko turan.
5. Ergaa Macaafichaaa Tokko Tokkoon
1:4-9: irratti Phaawuloos kennaa hafuuraa isa isaan itti wal falman saniif Waaqayyoon galateeffata. Kunis isaan itti fayyadamuu haa wallaalanii malee kennichi karaa Hafuura Qulqulluu Waaqayyo biraa kan kenname ta‟uusaa ibsuuf. Harras namoonni baayyeen dibata gurguddaa fudhatanii ittin fufuu kan dadhabaniif itti fayyadama isaa wallaalaniiti.
1:10-4:21: kutaa kana keessatti waa‟ee wol qoqqoodiinsa waldaa kiristiyaanaa keessatti ka‟ee dubbata. Sababni isaas barnoonni haaraan dhufee osoo hin taane ilaalcha namoota yeroo gara garaatti dhufanii isaan barsiisan (Phaawuloos faa dabalatee) irraa ka‟uudhaan ture. Isaanis namoota isaan barsiisanii fi cuuphan caalchifatu turan. Fakkeenyaaf Phaawuloosii fi Apholoos. Kanneen biro immoo akkana gochuun sirrii miti jedhaa nuuti kan „Kiristoosiiti’ jedhu. Sanyiin isaanii
Giriikota ta‟uun isaa irra caalaatti oogummaadhaaf iddoo akka kennan isaan godheera 1Qor 1:22. Namoota oogummaadhaan dubbatan kanneena akka Apholoosiif iddoo guddaa kennu HoE 18:24-28. Phaawuloos garuu ogummaadhaan osoo hin taane ergaa ergameef duwwaa dubbata 1Qor 2:1-3.
2:1-5: irrattis Kiristoos isa fannifame malee waan biraa beekuu hin barbaanne jedha. Isaaf oogummaan Kiristoosiidha. Warra biraatiif garuu ta‟uu dhiisuu isaas dubbata.
3:10-15: irratti hundeen isaanii beekumsa irratti osoo hin taane Kiristoos irratti ta‟uu akka qabu, hundee kaa‟ame kana irratti namni ijaarus maaliin akka ijaaruu qabu akka beekuu qabuu fi gatiis akka fudhatu dubbata.
3:16-17: irratti isin ijaarsa Waaqayyooti jedha. Nama isa diigus Waaqayyoon akka diigu cimsee hubachiisa.
5:1-6:20: asirratti waa‟ee cubbuu waldaa keessatti raawwatamee dubbata. Kunis waa‟ee nama haadha buddeenaasaa fuudheetii dha. Phaawuloos cubbuun akkanaa biyya lafaatuu keessa hin jiru jedha. Kana jechuun isaa biyyi lafaa cubbuu akkanaa hin hojjattu jechuuf osoo hin taane, yeroo sanatti wanti akkanaa mootummaa roomaatiin waan dhoorkamuun warri biyya lafaatuu kana gochuu waan sodhaatuuf kana jedha. Namni kunis nama qabeenya qabu waan tureef itti dubbachuufis adabuudhaafis sodaatanii turan. Kanaafis isin of bokoksitaniirtu isaaniin jedhe 1Qor 5:2. Inni garuu nama akkanaa kana harka seexanaatti kennaa jedha. Kana jechuunis waaldaa keessaa yookiin daangaa araarri itti argamu keessaa baasaa, tarii gaabbee deebi‟ee lubbuun isaa fayyuu danda‟a jechuu dha.
6:1-11: irratti rakkoon amantootaa amantootumaan furamuu osoo qabuu gara mana murteetti deemuu akka hin qabne dubbata. Kunis furmaanni sirriin biyya lafaa bira osoo hin taane mana Waaqayyoo keessa waan jiruuf.
7:1-40: asirratti waa‟ee gaa‟elaa dubbata. Namni durba bira utuu ga‟uu dhabee gaarii dha yeroo jedhu, gaa‟elli dadhabbina hafuuraa fida yookiin namoonni hin fuune guddina hafuuraa adda ta‟e argatu jechuuf osoo hin taane, maaliif akka jedhu lakkoofsa 26, 29 fi 32 irratti kaa‟ee jira. Kunis:
Rakkoo yeroo ammaa kana jalaa bahuuf: Rakkoon yeroo sana ture maal akka ta‟e ifa godhamuu baatus, rakkoo kana keessatti warren hin fuudhin irra caalaatti Kiristoosiif dhaabachuu waan danda‟aniifiidha.
Barri gabaabaa waan ta’ee: Kunis Phaawuloos dhufaatii Kiristoos hawwii guddaadhaan waan eegaa jiruuf, innis balballarra ga‟eera jedhee waan eeggachaa jiruufii dha
Warri hin fuune gooftaa isaa qofa gammachiisuu yaada: kunis dhugaadhaa fi beekkamaadha. Wangeela bal‟isuu irratti, yeroo isaanii wangeelaaf kennuu irratti gaa‟ela dhaabbachuun dhiibbaa mataasaa waan qabuuf.
8:1-11:1: kutaan kun waa‟ee soorata waaqolii tolfamoodhaaf dhiyaatee dubbata. Warri qorontoos foon nyaachuu irratti rakkina qaban Phaawuloosiif barreessanii turan. Innis magaalicha keessatti foon cidhaaf, ayyaanotaa fi gurgurtaadhaaf qalaman hundi jalqaba erga waaqa tolfamaadhaaf aarsaan irraa dhi‟aate booda nyaatama. Kannafi akkamitti akka fayyadamuu qaban isa gaafatan. Innis wantoota lama irratti hundaa‟ee deebii isaaniif deebise. Kanaan ala nyaanni kamiiyyuu ofiisaatii rakkina kan hin qabnee fi galateeffannee ulfina Waaqayyootiif akka jiraannuuf nyaachuu dandeenya. Wantoonni kunniinis:
Qalbii keenyatti hundaa‟uu
Namoota amntiidhaan dadhaboo ta‟an akka hin gufachiifne
9:1-14: asirratti Phaawuloos fakkeenyummaa isaa dubbata. Kunis ergamaa ta‟uusaa raga garagaraatiin dhiheessa. Garuu akka ergamaa tokkootti mirga isaa itti fayyadamuu dhabuusaa dubbata. Kan inni dubbateefis isaan biratti wanti ergamootaa fi barsiisotaaf godhamu jira ture. Phaawuloos garuu waan kana fudhachuudhaaf eeyyamamaa waan hin ta‟iniif ergamummaa isaa shakkanii turan.
9:15-27: irratti maaliif mirga ergamummaa isaa akka fayyadamuu dhabe dubbata. Kanas wangeelatti danqaa akka hin taanee fi faayidaadhaaf lallaba akka naan hin jenneef jedha. Wangeelaaf garuu waan hundumaa ta‟ee fi fakkaatee namoota wangeelaatti booji‟uudhaaf jiraateera. Kanus eebba wangeela keessa jiru qooddachuudhaaf akka ta‟e lakkoofsa 23 irratti dubbata.
11:2-16: dubartoonni yeroo kadhatan yookiin ergaa dubbatan mataa haguuggachuu akka qaban dubbata. Kunis yeroo sanatti warra Qorontoos biratti mataa haguuggachuu dhiisuun hiika biraa qaba waan tureef. Dabalataanis haguuggachuun ulfina dhiiraa akka ibsu adeemsa uumamaatiin isaan hubachiisa.
11:17-34: irratti amantoonni Qorontoos yeroo ibbaata gooftaatiif dhiyaatan kaayyoo isaa irraa maqanii (otoo of hin qopheessin) hubannaa malee gochaa waan turaniif, akkasumas hiyyeessota isaan gidduu jiran ilaalcha keessa waan hin galchiniif isaan dhoowwuudhaaf dubbate.
12:1-31: kennaawwan hafuuraa arganne beeknee akka itti fayyadamnuu fi ilaalchi nuuti qabnu sirrii ta‟uu akka qabu dubbata. Keessumattuu rakkoon isaanii inni guddaan afaan haaraa waan dubbataniif kanaa achi wanti biraa maaltu jira jechaa yeroo hunda waldaa keessatti dubbachaa tajaajila biraa iddoo itti xiqqeessu turan. Phaawuloos garuu kennaa hunda caalu isinittan hima isaaniin jedhee ture.
13:1-13: irratti gidduudhaan waa‟ee jaalalaa isaanitti hime. Kunis kennaa barbaadan qabaatanii jaalalli yoo hin jiraanne faayidaa akka hin qabne ibsa.
14:1-40: irratti ittuma deebi‟ee waa‟ee kennaalee hafuuraa dubbata. Kanas afaan haaraa dubbachuu fi raajii dubbachuu wal madaalsiseeti. Dhumarrattis afaan haaraan dhoowwamuu akka hin qabne fi waldaa keessatti garuu yoo namni hiiku hin jiraanne akka hin dubbanne dubbata.
15:1-58: irratti waa‟ee du‟aa ka‟uu dubbata. Amantoonni baay‟ee afaan haaraa waan dubbataniif kana booda oogummaa arganneerra, rakkina jalaas bilisa baaneerra jedhanii du‟aa ka‟uus akka argataniitti waan laakka‟aa turaniif kun rakkoo waldaan kun qabdu keessaa isa guddaa dha. Foon erga tortoree akkamitti deebi‟ee ka‟a jedhu. Phaawuloos garuu du‟aa ka‟uu dhugaa ta‟uusaa kutaa kanarratti isaan barsiisa.
16:1-24: kutaan kun waa‟ee gargaarsa waldaa Iyerusaalem jirtuuf walitti qabamuutii (16:1-4) fi phaawuloos ofii isaatii isaan bira dhufuuf karoora akka qabu dubbata (16:5-12). Kanas yeroo Meqedooniyaa dhaquuf deemu akka ta‟e isaanitti hima. Xumura irrattis nagaa namoonni isa wajjiin jiran isaaniif dhaamanii fi eebba ergamichaatu argama.
FINSHED