Hiikkaa Macaafa Qulqulluu (Hermeneutics)
Seensa (Introduction)
Waa’een hiikkaa macaafa qulqulluu yeroo ka’u, ilaalcha adda addaa namoonni qaban akka jiran beekamaa dha. Tokko tokko:
Macaafa Qulqulluu hiikuun hin barbaachisu; kadhachuudhaan yoon dubbise in ga’a jedhu. Sababni isaas kadhannaadhaan hubannaa gaariin argadha jedhanii waanyaadaniif.
Kaanimmoo kutaa macaafa qulqulluu tokko irra dedeebi’u dubbisuun in ga’a jedhu.
Tokko tokko immoo macaafa qulqullu kan hiikan luboota qofa jedhanii amanu. Waa’ee macaafa qulqulluu maalummaa isaa sirriitti yoo hubanne akkasumas karaa sirrii hin taane hiikuun rakkoo inni fidu yoo ilaaluu dandeenye, Macaafa Qulqulluu hiikuun maalif akka barbaachise beekna.
Macaafni Qulqulluun:
Samii irra kan Gad bu’e osoo hin taane ;
Afaan namootaan
Seenaa namootaa
Aadaa namootaa fi
Yeroo namootaaf kenname kessatti ergaan waaaqayyoo kitaaba (macaafa) ittiin darbe dha.
Macaafa kamiyyuu dura macaafa maxxanfamee fi Afaanoota baay’eens hiikame dha.
Ergaa hin jijjiirame kan qabatedha.
Jalqaba warra barreeffameefis ta’e.
Har’as nu’i warra dubbisuuf.
Barri kan hin jijjiirre dhugaa kan qabate yoo ta’u,Waaqayyo :
Barreeffama namootaan.
Afaan namootaan.
Aadaa, yaada, ilaalcha namootaatti fayyadamuun ergaa isaa kaninni ittiin dabarse Macaafa Qulqulluu dha.
Macaafni Qulqulluun aadaa, nama dhuunfaafi hawaassa jijjiiruu kan danda’u Waaqayyo hafuura isaan akka barreeffamu macaafa taasise dha. Kanaafuu barreeffama gabaabaa kana keessatti waa’ee hiikkaa macaafa Qulqulluu qo’achuun, haalli hiikkaa Macaafa Qulqulluu keenyaa sirrii akka ta’u yaalla.
Boqonnaa Tokko
1. Hiikkaan macaafa Qulqulluu maali inni? Akkatan Barumsi hafuuraa (theology) ibsutti malli macaafni Qulqulluun itti hiikamuu fi qo’atamu gareen qo’atu ‘Hermeneutics’ jedhamee beekama. Hiiknii fi dhufti isaas “Heermes” – jechuun ergaa gara namootaa fida jedhamee kan yaadamu waaqa tolfamaa yoo ta’u
Kan waa uumuu
Haalaan dubbii
Kan saayinsii
Waaqa barruu fi ogummaa jedhamee beekamaa ture
2. Haala Macaafni Qulqulluun ittiin hiikamu baruun maalif barbaachisa kan jedhuf sababoota ijoo 1. Barreessitoota macaafa Qulqullun yeroo ammaa kan jiran dubbisitootaa wajjin
Seenaa dhaan
Teessuma lafaatiin
Afaaniin
Aadaa dhaan gargar waan ta’aniif
2. Macaafa Qulqulluu yeroo dubbifnu, ergaa isaa akka galumsaatti hubachuuun barbaachiisaa fi ta’uu waan qabu waan ta’eef.
3. Yeroo sanatti waan ture jechuun yeroo barreeffametti, barressaan sun maal jechuu akka barbaade hubachuun waan barbaachisuuf. Sababni isaas kutaan barreeffamichaaa yeroo jalqabaatti waan hin jenne yeroo ammaa kana jechuu waan hin dandeenyeef.
4. Kutaawwan macaafa Qulqulluu yeroo barreeffamanitti hiikaa kenuu kan dandaa’aniin alatti hiikaa haaraa yoo laanneef yaadni ijoo isaa waan nuuf hin galleef. Dogongorri hiikkaa immoo rakkoo barsiisaa fi jireenyaa fiduu waan danda’nuf, kana hambisuuf.
5. Lallabdoonni tokko tokko gooftaatu naaf ibse jechuun Macaafa Qulqulluu akkaataa galumsa isaatti osoo hin taane haala dogongoraaan waan dubbataniif, sirreesuuf akkasumas osoo hin dogongorin hiikuu akka dandeenyuuf .
3. Kaayyolee mala macaafni Qulqulluun itti qoratamuu fi hiikamuu
1. Namni dubbisu tokkoo tokkoo kakuu moofaafi kakuu haaraa dhuunfaa isaatiin dubbisuu akka danda’u
2. Waaqayyo akkamitti macaafni Qulqulluun akka caafamu akka godhee fi maalif akka caafame hubachuuf
3. Waaqayyo dhalanamaatiif ofii isaa karaa adda addaa akka mul’isee dhoksaa dubbii isaa sirriitti ilaaluuf Jireenya jijjiiramee fi haarayen ofii isaa /islee waaqayyoof bitchiisiisuu akka danda’uuf namni dubbisu Macaafni qulqulluun kan caafame afaan namootaan waan ta’eef aadaanis keessa jira; kanaafuu hiikuu kan qabnu aadaa keenya osoo hintaane macaafa Qulqulluu keenya. Sababni isaas Macaafni Qulqulluun hafuura Waaqayyoo waan qabuuf,aadaa jijjiira malee aadaan hin jijjiiramu Macaafni Qulqulluun barreeffamaan kan qophaa’e bara 1406 Dh.K.D. kaasee hanga har’aatti yoo shallagamu naannoo baroota (Waggoota) 3500 aboo isaa agarsiisaa kan dhufe, macaafa jireenya namaa jijjiiru dha (2 xim 3÷10 17).Kanaafuu Macaafa jireenya namaaf kennu, jiraataa ta’ee :
Akkamitti dubbisuu qabna?
Haalli itti hiikamuu fi qo’atamu maal fakkaata?
Namootni akkamitti hiiku?
Rakkoolee sababa hiikkaatiin dhufan akkamitti hubachuu dandeenya?
Kan jedhanii fi kanneen kana fakkaatan qo’annoo keenya keessatti ilaaluu yaalla. Hafuurri Qulqulluun macaafaa ulfina qabeessa kana hiikuuf ykn ibsuuf gahee guddaa kan fudhatu yoo ta’e iyyuu, qo’annoo keenya keessatti kanneen saayinsii hiikkaa macaafa qulqulluu (HGLC) kan jedhamuufi akkasumas, hiikkaa galumsaa fi seerlugaa, seera akkamitti akka hiikamu ilaaluun irrattis kan xiyyeeffanu ta’a. Jaarroota jalqaba barreeffameef fi nu’i gidduu garaa garummaa barootaa, aadaa fi afaaniin faggeenya jiru ittiin ceenunooraan (hermeneutics) kan jedhu ta’a. Kun Macaafa Qulqulluu hubachuu fi hiikuuf dandeettii keenya guddisa
Curabitur cursus ac quam sit amet mattis. Donec lacinia massa id libero tincidunt, sed ultricies magna eleifend. Integer porta consectetur ipsum sed porttitor. Praesent sed convallis nisi. Mauris eget commodo sem. Sed auctor commodo quam eu semper.
4. Rakkoolee Hiikkaa Macaafa Qulqulluu 1. Adeemsa hiikkaa keessatti yaadolee garaagaraa irra darbun
Ilaalcha barsiisa hafuuraa (theology) tokkoo macaafa Qulqulluu keessatti dubbisuu 2. Toora seenaa macaafa Qulqulluu hordofuu dhiisuu
Hiiktoonni baay’een tokkoo tokkoo kutaa macaafa Qulqulluu duuba akka inni hundaa beeku qooftaan jiru hin hubatan
Macaafa weedduu weeddu caalu’n barreeffama saga galummaa jedhu (pornographic literature) 3. Macaafa Qulqulluun alatti yaada ta’e macaafa qulqulluu waliin wal simsuu yaaluu
Hiikaan akkasii kun har’as sirriitti mul’ata 5. Ogummaa hiikkaa obbootii waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti
aarraa 4ffaa fi 5ffaa yeroo abbootiin amantaa turanitti Kan akkka
.Atinaayoos Awugasgaxiin -Jaaroom
fi kanneen biro barumsa hafuuraa irratti deebii garaagaraa gaaffilee ka’aniif kan kennan turan yeroo kanatti
Sadan tokkummaa Waaqaa (The nature of Triune God) Namummaa ; Waaqummaa fi hojii Yesus ilaalchisee barsiisni garaagaraa ka’aa turan. manneen barnoota hafuuraa lama, saayinsii hiikkaa garaagaraa qabatanii ka’anii turan. 1. Mana Barumsa Aleksaanderiyaa (school of Alexandria) 2. Mana Barumsaa Anxookiyaa (School of Antioch)
1. Mana Barumsaa Aleksaanderiyaa
Kiristaanoota jijjiiraman leenjisuuf dhaabrata hundaa’e dha. Mrotonni warra roomaa kanneen bulchan keessaa magaalaa tokko keessatti yoo ta’u kunis mana Barumsaa Anxokiyaatti dhaabbate dha Guddicha kan ta’e Aleksaanderiyaan Mana Barumsaa dhaabate dha Yeroo sanatti Anxokiyaan Magaalaa daldalli keessatti ho’e turte. Handhuura barnootaa turte.
Magaalaa kana keessa manneen barnootaa turan walitti qabamanii mala ittiin icciittii macaafa Qulqulluu beekun ykn hiikuu (Allegorical interpretation) mana barumsichaa dhaaban. Manni Barumsaa kan turtii keessa beekamtii argateera. Mana barumsaa kanaaf Falaasamoonni lama gahee guddaa taphataniiruuf; isaanis Pilaatooniizim (Platonism) fi Istooyisiizim (Stoicism)
Pilaatooniizim: -Yaadaa fi wanta hin argamne irratti xiyyeeffata Addunyaan kun gaaddiddun addunyaa ishee dhugaa taatee ti jedha Namootatti isheen mul’atu addunyaan kun ishee dhugaa osso hin taane, dhugaa ishee taateef fakkaattii dha. Yaadaan addunyaan jirtu ishee dhugaa yoo taatu kan amma mullattu ammo gaaddidduu ishee ti. Lamaanuu jechuun addunyaa dhugaa fi gaaddidduu ishee taate gidduu naraatu jira Kana irraa kan ka’e yaadaan addunyaa jirtu kan argachuuf hiikkaa iccitii barbaaduun beekamaa dhufe Istooyisiim:pilaatooniizim irraa adda yemmuu ta’an Addunyaa mul’attuu fi hin mul’anne gidduu garaa garummaan jira yaada jedhu hin fudhatan Addunyaan argamu handuu qabatamaa dh Yaada pilaatooniizim kan deggeru addunyaa mul’attuu fi numama gidduu garaagarummaan akka hin jirre Jechoota kan hiiku akka bashannaannaatti ykn ajaa’ibsiisaati; kunis Haayipnotisit (hypnotist) jedhama.
2. Mana Barumsaa Anxookiyaa (School of Antioch)
Inni kunimmoo mana barumsaa isa seeriyaatti argamuu Anxookiyaa keessaa
Magaalattin Aleksaander guddichaan kan hundoofte yootaatu turtiin booda garuu buufata mootumootaa taateeti.
An xookiyaan Magaalota bara duritti turan keessaa ishee tokko Handhura daldakaa fi barumsaa turte
Barumsi faalaasamaa Aristootiliin kennamaa tures keessatti babal’ateera
Akka Alaksaanderiyaas hiikkaa icciitii hin hordofan turan
E. Haa ta’u malee Barumsi Anxookiyaa hiikkaa jecha jechaanii, ilaalcha galumsaa, seenaa fi seerluga (Historical Grammatical Literary context) mala jedhu hordofaa ture.
Malli saayinsii hiikkaa warra Anxookiyaa burqaan isaa falaasama warra Girikootaa fi Yihuudotaa hin ta’in hin hafu.
Continue Reding