Wangeela Yohaannis.php

Wangeela Yohaannis (Gospel of John) Outline

Wangeela Yohaannis kana hubachuuf qo’annaa kana bakka 5 tti hiruun yaalameera

Kutaa 1- Seensa -eenyu akka barreese fi kaayyoo wangelichaa

Kutaa 2- Foon Uffatee Mul’achuu Waaqaa (Yoh.1:1-51)

Kutaa 3- Milikkitoota Yesuus Hojjetee fi Barsiisa inni barsiise (Yoh.2:1-12:50)

3.1 Milikkitoota torbanii fi Barsiisa gurguddoo turban Yesuus barsiise

(Yoh.2:1-11:44)

3.2 Yihuudotaan dhiibamuu Yesuus (Yoh.11:44-12:50)

Kutaa 4 -Bartoota isaa kudha lamaan qofaatti baasee barsiisuu Yesuus (Yoh.13:117:20)

Kutaa 5- Gidiramuu, fannifamuu, du’uu, warra du’an keessaa ka’uu fi Bartoota isaatti mul’achuu Yesuus (Yoh.18:1-21:25)

Kutaa Tokko Seensa

Yohaannis barressaan wangeela kanaa (Yoh.21:24) ilma Zabdewoos (Mat.27:56; Mar.15:40) Kakuu Haaraa keessatti macaafota shan kan barreesse dha; wangeela kana dabalatee.Bartoota Yesuus keessa isa tokko ta‟e kan Yesuus bay‟ee jaallatu ture. Wanta Yesuus hojjete, dinqii garaagaraa, barsiisa innni barsiise, akkasumas fannifamuu, du‟aa ka‟uu fi Waaqatti ol fudhatamuu Yesuus ijaan kan arge ture Yohaannis. Barsiisa Yesuusis kan gurraan dhageeffate ture.Odeeffannoo kana malees waa‟ee Yohaannis kan argannu HojErg.3:1-11;4:1-23;8:14-25; Gal.:2:9.

Yeroo itti barrefame akka yaada beektota Macaafa qulqulluttii bara 80-95 jiran gidduuti.Wangeelli Yohaannis toora macaafota Kakuu Haaraa keessa afuraffaa irratti kan argamu yoo ta‟u, wangeelota walfakkaatan (Synoptic Gospels) waliin walfakkiis garaagarummaas qaba.Akkuma wangeelota sadanii gochaa Yesuus raawwatee fi barsiisa inni barsiise ni ibsa. Garuu garaagarumma inni kanneen biroo, wangeelota sadan, irra qabus hedduu dha. Kanneen keessaa, jaalala Waaqayyoo Abbaa akka itti ibsu, haalli barreffama isaa kaayyoo barreffamichaa waliin kan deemu.Yesuus hafuura hamaa yeroo baasu hin ibsu, waa‟een lallaba gaara irraa fi mootummaan Waaqayyoo ifatti barreefamee hin argamu. Karaa biraatiin immoo Wangeela Yohaannis keessatti qofa wantoonni ibsaman ni jiru. Boqonnaawwan 2-4 keessatti waantoonni caqasaman, Bishaan gara daadhiitti jijjiruu, Waliin dubbii Neqodeemosii fi Yesuus ,akkasumas Dubartii Samaariyaa waliin. Kana qofa osoo hin taane du‟aa ka‟uu Alaazar, barsiisa Yesuus yeroo dheeraaf Mana qulqulummaa keessatti godhe wangeela kana keessatti qofa kan caqafamanii dha.

Kaayyoon Wangeelichi barreffameef:

A. Wangeelota sadan irratti yaada bu‟uuraa dabaluuf.

B. Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa akka ta‟e namoonni akka amananiif (Yoh.20:31); amananiis jireenya barabaraa akka argataniif (Yoh.3:16).

C. Yesuusitti duraan kan amananii jiran amantii sobaa irraa of qusachuun akka jiraataniif. Amantii sobaa yeroo sanaa fakkeenyaaf (Gnotism). Yohaannis wangeela kana yeroo barreessu, akka odeeffannoon tokko tokko ibsanitti Efeson akka ture dha;yeroo sanatti amantiin sobaa ka‟ee ture kanaaf yaada kana ibsuuf ta‟a .

Yoohannis irra daddabalee jechoonni inni fayyadame “ amantii” fi “jireenya”jechoota jedhani dha. Kunis kan Yesus Kirstoos ilma Waaqaatti amanu jireenya barabaraa kan qabu ; eebba irraa hafaa ta‟e argatee kan jiraatuu ta‟uu ibsa. Yohaannis immoo bartoota gooftaa Yesuus keessaa tokko waan tureef waa‟ee gooftummaa isaa , barsiisa Yesuus yeroo dheeraa barsiise qindoominaan caafera.

Kutaa 2

Foon Uffatee Mul‟achuu Waaqaa (Yoh.1:1-51) 2.1 Foon uffatee mul‟achuu isaa Yoh. 1:1-18

Hojjetan Yesuus , Yohaannis akka wangeelota sadanii waa‟ee dhalachuu Yesuus ibsuun hinjalqabu ; „Sagalee‟ jechuun jalqaba.Yohaannis „Sagalee‟(LOGOS) jechuun kan itti fayyadame jaarraa tokkoffaa keessa Girikootaa fi Yihuudota biratti hiikaa adda addaa qaba ture. Akka warra Girikootaatti hiikni isaa (Logos) afaanin kan dubbatamee qofa osoo hin taane kan namni yaada keessaa qabu ykn sammuutti yaade hunda of keessatti qabata. Akka ilaalcha falaasifota Girikootaa tokko tokkootti immoo inumaayyuu „Logos‟ bakka hundumaatti kan argamu hundumaas kan bitu jechuu dha. Yihuuddoni immoo kana irraa addaa karaa ta‟een itti fayyadamu; Waaqayyoon ibsuuf. Haala kanaan Yesuus ardii fi samiin osoo hin uumamin dura Waaqayyoon bira sagalee (Logos) ture akka ta‟e nu hubachiisa

“Sagalichi “ fi Ilmi tokkicha kan jedhu garaagara miti; tokkuma (Yoh.1:14, 1:18, 1:34, 3:16, 3:18, 3:35, 3:36)

“Sagalicha” kan uumame miti; jalqabaa kaasee ture. ( Yoh. 1:1, 8:58)

“Sagalichi” uumaa waa hundaa ti. ( Yoh.1:3, 1:10)

“Sagalichi” Waaqayyo (Yoh.1:1,10:30, 14:11)

“Sagalicha” keessa jireenyatu jira (Yoh.1:4)

“Sagalichi” jalqabumaa kaasee Waaqayyoon bira ture ( Yoh.1:1, 1:2)

Waaqayyoon bira ture yaadi jedhu waantota lama ibsuu danda‟a:

1.Tokkoffaa ilmi abbaa irraa adda kan ta‟e; Silaase(sadan tokkummaa Waaqaa) keessatti fedhaa fi eenyummaa akka qabu ibsuuf

2.Barabaraan jiraachuu ibsuuf; kanaaf Waaqayyoon bira sagalechi ture kun Waaqayyoon ture yoo jedhu , waaqummaa Yesuus Kirstoos ifaatti ibsa . Sagaleen kan ta‟e Yesuus Kiristoos kun foon uffatee yeroo mul‟atu inni Waaqayyoon akka ta‟e nu hubachiisa. Waanti hundinuu akka isaan uumame barreesichi ni ibsa.

Mee Yohaannis 1:1 fi Uumama 1:1 walbira qabii ilaali. Maal hubatte? Kutaan kannen keessatti jalqaba jecha jedhu argina. Kun akka carraa kan ta‟e osoo hin taane uumamni osoo hin uumamin dura ykn hin jiraatin dura Sagalichi akka ture ibsa. Hubadhu sagalee ture jedha malee uumame hin jedhu.

Yohaannis 1:4-5 immoo sagalichi ifaa fi jireenya akka ta‟e ibsa. Kunis Waaqni barabaraa kun ifa dhugaa kennuuf humna kan qabu fi jireenyi inni dhala namaaf kennu jireenya barabaraa akka ta‟e dha. Dukkana jedhamee kan ibsame bittaa seexanaa jala kan jiruu fi xuraa‟ummaa biyya lafa jala jiru ibsuuf.

Haa ta‟u iyyuu malee ifaa fi jireenya kan ta‟e Yesuus kun jalqaba kan dhiibbaa irraan geesisa, qomoo Waaqayyo fo‟atee ifa biyya lafaa gochuuf ture, Yihuudota turan. Isaan Kun macaafa raajotaa kan of harkaa qabanii fi seera Waaqaayyoon bulla kan jedhan turan. Gooftaa kana hin simanne turan;amantiin kan simataniif garuu maatii Waaqayyoo akka ta‟aniif aboo mucummaa kenneef.

2.2.Dhugaa Bahumsa Yohaanni Cuuphaa 1:1-36

Yohaannis Cuuphaan fooniin Yesuus dura haa dhalatu iyyuu malee, Yesuus osoo foon uffatee hin mul‟atin isa dura akka ture fi isa irra caalu ibsa ( Yoh.1:19). Yihuudonni eenyumma Yohaannis Cuuphaa beekuuf gaaffilee adda addaa gaafatani:

Ati eenyu? Raajii dha?

Kiristoosii? Eliyaasii? Yookins

Innis yeroo deebisu soba hin dubbane; namoota gara Kiristoositti agarsiise (Yoh.1:29-34) malee ani kiristoosi hinjenne, tajaajilli isaa dhugaa dha.Walumaagalatti Yohaannis Cuuphaan waa‟ee Yesuus wantoota gurguddoo lama ibse:

1. Yesuus cubbuu biyya lafaa irraa kan fuudhu ta‟uu isaa. 2. kan itti amanan hundaa hafuura qulqulluun kan cuuphu ta‟uu isaa.

2.3.Duuka buutota Yesuus warra jalqabaa ( Yoh. 1: 37-51)

Harka Yoohannisiin kan cuuphaman barsiisaa amantii isuma qofa godhatanii akka hin hafneef Yoohaannis gara Yesuusitti agarsiise; kanaaf barattoonni isaa Yesuus duukaa bu‟an.

Kutaa 3

Milkitootaa fi Barsiisa Yesuus ifatti raawwate akkasumas dhiibba Yihuudonni irratti geessisan (Yoh.2:1-12:50)

3.1.Milikitoota torbanii fi Barsiisa ( Yoh.2:1-11:44)

Wangeelonni sadan waan Yesuus hojjete „dinqii‟ jechuun yeroo ibsan Yohaannis immoo „milkita‟ jedha. “dinqii‟ jechuun waan ajaa‟ibaa , namni gochuu hin dandeenye Yesuus qofti raawwate ta‟ee gara waan biraatti ce‟umsa kan hin qabne dha. „Milikita‟ jechuuns waan namni hin dandeenye Yesuus qofti raawwatu ta‟ee waan biraatti ce‟uu agarsiisa. Fakkeenyaaf:

Milikinni erga ta‟ee booda , bishaan gara daadhiitti jijjiiruu ,Yesuus ulfina isaa

yemmuu mul‟isu barattonni isaa isatti amanan( Yoh.2:11)

Alaazariin yemmuu Yesuus du‟aa kaase, Yihuudota baay‟etu itti amane (Yoh.11:45).

A. Milikitni jalqabaa egaa Galiilaa Mandara Qaanaatti cidha irratti ture jechuu dha.(Yoh.2:1-11)

Asirratti Yesuus fi bartoonni isaa afeeramanii akka dhaqani dha kan hubannu.Haati Yesuus isaan waliin turte. “ Haadhoo” jedhee haadha isaa waamuun:

Qaanaa Galiilaatti –Yoh.2:4

Fannoo irratti- Yoh.19:20

Du‟aa yeroo ka‟etti

Haadhoo jedhee waamuun tuffii yookis arrabsoo hin turre. Yihuudoonni jecha kanatti ni fayyadamu turan yeroo dubartootaa wajjin haasa‟an.

„‟ Yeroon koo hin geenye „‟ ilaalcha lm of keessaa qaba akka beektoota Macaafa qulqulluutti :

1. Yeroo itti dabarfamee kennamu.

2. Waan kana raawwachuuf, kabaja isaa mul‟isuuf.

„‟Waanuma inni isinitti himu godhaa‟‟ isaanis bishaan gaaniitti guutuu caalaa buusanii isa cidhicha geeggesuuf kennuun raawwii fi amantii isaanii agarsiisa. Bishaan daadhiitti geeddaruun wangeela kana keessatti qofa kan caqafame yoo ta‟u, ulfini Yesuus mul‟ateera; bartoonni isaa inumaayyuu itti amananiiru.

B. Yesuus Mana Qulqullumma keessaa warraa bitee gurguru oofee baase(Yoh.2:12-25)

Maalif sitti fakkaata wanti inni kana godheef? Obboloota Yesuus yoo jedhu:

1. Ijoollee wasiilaa ykn adaadaa

2. Yoosef osoo Maariyaamiin hin fudhin dura kan godhate

3. Maariyaamii fi Yoosefi irraa Yesuus booda kan dhalatan ta‟uu danda‟u jedhamee yaadama.

Yoh.2:13 Ayyaana Faasikaa Yihuudonni akka kabajaniif ajaja qabu (Seera Ba‟uu 12:18).

C. Barsiisa Yesuus Isa jalqabaa :waliin dubbii Niqoodemos walin gadhame keessaatti(Yoh.3:1-21)

Faarisota- garee Yihuudotaa keessaa tokko; amantiin kan beekaman, seeraa fi aadaa kan cimsan. Akkasumas namoota amantii ofiisanii kan fakkeessan. Niqoodemos immoo Faarisota keessaa tokko ta‟uu qofa osoo hin taane, dura bu‟aa Yihuudota akkasumas barsiisaa Israa‟el‟ (Yoh.3:10).Fariisota keessa gariin Yesuusin mormu kaan immoo itti ni amanu. Waliin dubbii kana keessatti Yesuus fakkeenya fudhachuun ibsa. Yoh 3:6-8 namni bishaanii fi hafuuraa qulqulluu ttii dhalachuu akka qabu mootummaa Waaqayyootti galuuf. Itti aanse „Qilleensa‟ fakkeenya fudhachuun nama hafuura ibsa(Yoh.3:8).

. Yoh. 3: 13-14 gocha Museen lafa onaa keessatti raawwate waliin walitti dhufeenya inni qabu maal? Wanti Museen godhe kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa bakka kamitti argama?

Akka Yoh. 3:16-18 tiitti jireenya barabara akkamitti hubatta? Namni Ilma Waaqatti amanee fi hin amanne Firdiin isaa amma ni beekamaa?

Walumaagalatti Niqoodemos Yesuusitti amaneeraa? Akkamitti hubatte? Ibsi.

D. Yesuusii fi Yoohannis Cuuphaa ( Yoh .3: 22-4:2)

Yohaannis Cuuphaan waa‟ee Yesuus dhugaa bahetti “ ani bishaaninan isin cuupha , kan na booda dhufu garuu hafuura qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha” jedhe.Kanaaf ;

Yesuus bishaaniin cuupheeraa? ( Yoha.3:22-4:2) dubbisuun deebis.

E. Barsiisa Yesuus isa Lammaffaa- waliin dubbii Dubartii Samaariya godhame keessatti (Yoh.4:3-42)

Barsiisi tokkoffaan maal ture?

Yihuudonnii fi namoonni Samaariyaa walii galtee waan hinqabneef , Yihuudonni biyya Samaariyaa keessa darbanii hin deeman; warri Samaariyas biyya Yihuudotaa keessa hin darban.

F. Saamaariyaa keessa namoota akkamitu ture? (2Mootota 17:24) dubbis.

Yesuus garuu Samaariyaa keessa darbuun gara Galiilaa dhaqe. Mandara “ Siikaar” kessatti dubartii Samaariya arge.

Dubartiin Samaariyaa kun waliin dubbii isaan keessatti Yesuusiin akkas jetteetti:

Nama Yihuudaa( Yihuudii) 4:9

Raajii 4:19

Kiristoos 4:29

4: 39-42 irratti dhuga bahumsa dubartii Samaariyaa kana dhagahanii namoonni Samaariyaa gara Yesuus dhufuun isatti amanan. Amantiin isaanii irraa caalaan wanta inni godhu ilaaluun.


Continue Reding