Wangeela Yohaannis (Gospel of John) Outline
G. Milikkita Yesuus Hojjete isa 2ffaa ( Yoh.4: 43-54) H. Milkinni ykn dinqii jalqabaa maal ture?
Namoonni Galiilaa Yesuusin simataniiru siminnaan saanii garuu eenyummaa isaa fudhatanii osoo hin taane, milkkita inni godhu arganii ti. Yesuus gara Qaanaa Galiilaa kana deebi‟e yeroo dhufu , mucaan mootii tokkoo akka dhukkubaan rakkatee itti himee kadhate abbaa mucaa. Mucaa kana fayyisuuf Yesuus bakka inni jiru hin dhaqne bakka ofii jiru taa‟ee akka fayyu godhe. Kanaaf Yesuus
Waan hundumaa gochuu danda‟a ( Omnipotent)
Hundumaa beeka ( Omniscient)
Yeroo tokkotti bakka biraatti argamuu danda‟a ( Omnipresent)
Kanaaf abbaan mucaa yeroo manatti deebi‟u mucaan saa du‟aa irraa oolee argate.
G.Dinqii Ykn milikkita3ffaa Yesuus rawwaate guyyaa Sanbataa irra (Yoh.5:1-18)
I. Garaagarummaan Yoh.4:46-50 fi Yoh 5: 1-18 maal ?
Namichi bakka kanatti arginu kun dhukkuba isaa irra iyyu nama isa gargaaru akka hin qabne dha. Gooftummaa Yesuusis waan hubate hin qabu; ammallee waa‟ee bishaanichaa dubbata. Gooftaan Yesuus jalqaba irratti fayyuu barbaaddaa eega jedheen booda , akkan jedheen
Ka‟i Siree kee baadhu Deemi
Yihuudonni garuu gochaa Yesuus godhe akka balleessaatti fudhatanii, maalif guyyaa Sanbataa irraa goota jedhan. Yesuus garuu akkana jechuun deebise (Yoh. 5:17) kunis guyyaa Sanbataa irra maalif akka hojjetu qofa ibsuuf osoo hin taane walitti dhufeenya Abbaa waliin qabus beeksise.
H. Barsiisa 3ffaa : Yihuudotaaf ( Yoh.5:19-47)
Yihuudonni guyyaa Sanbataa irra maalif fayyisa jechuun qofa osoo hin taane Waaqayyoon of qixxeese jechuun ajjeesuu barbaadan. Kana irraa ka‟uun Waaa’e Yesuus kan dhugaa ba‟an eenyufaa akka ta‟an.( 5:30-47).
1. Yesuus waa‟ee ofii isaa
2. Yohaannis cuuphaa
3. Hojii Yesuus hojjetu . Hojiin Yesuus eenyummaasaa fi kaayyoo isaa ibsa.
4. Waaqayyo abbaan waa‟ee isaa kan dhugaa baheef Yoh.3:37-38, Mat.3:17 , Yoh.5:37
5. Macaafa waa‟ee isaa dhugaa baheera Yoh. 5:39. Yihuudonni Macaafa Kakuu moofaa qofa qrachuun jireenya barabaraa wann argatan itti fakkata; Yesuus garuu hubachuu hin dandeenye.
6. Musee :- Yoh.5:45-47.
I. Milikkita 4ffaa Namoota kuma shan nyaachisuu Yesuus ( Yoh. 6:1-15)
Milikkitni kun wangeelota biroo sadan keessattis caqafameera . ( Matt.15:32-38, Mar.8:1-9,Luq.9:12-17) Dubbisuun wal bira qabii qo‟adhu.
J. Milikkita 5ffaa Bishaan irra deemuu Yesuus ( Yoh. 6:16-21)
Yoh 6: 16-19 bartoonni Yesuus osoo bidiruun bishaan irra deemanii wantoota afurtu ture:
1. Dukkanaa‟ee ture
2. Yesuus isaan bira hinture,( hindhufne)
3. Qilleensa hamaa ture
4. Galaanni raafamee ture Yoh.6: 20-21 fi Matt.14:22-32, Mar.6:45-52 walbira qabuun qo‟adhu.
K. Barsiisa Yesuus 4ffaa Namoota walitti qabamanii fi Bartoota isaaf ( Yoh.6: 22-71)
Kutaan kun Yesuus buddeena jireenyaa ta‟uu isaa kan ibsu dha. Kanaaf Yoh. 6: 23-59 keessatti buddeena jechi jedhu daddabalee kan argamu.Bakka kanatti namoota Yesuus barsiise gosa afur:
Barachuuf fedha ( Kaka‟umsa) kan qaban – Yoh .6:25-40
ii. Yihuudota – Yoh.6:41-59
iii. Duuka buutota warra duubatti deebi‟an – Yoh.6:60-66
iv. Bartoota isaa kudha lamaan
Yoh.6:22-24 keessatti namoonni sabab garaagarattif Yesuus duukaa bu‟aa turan;
Sabni hedduun buddeenaaf isa duukuu bu;u turan
Yihuudonni himachuuf(kasasuuf) isa hordofu turan
Bartoonni isaa immoo dhimmi isaa galeefii jennaann duukaa bu‟an
J. Yoh.6:28-34 keessatti Gaaffilee lamatu ka‟ee ture; Yesuusis deebbii kennera. Gaaffilee ka‟anii fi deebiin Yesuus maal kan jedhu turan
Wangeela Yohaannis Keessatti “Ani”(ana) kan jedhu yeroo torba caqafamee argina.
| Lakk. | Kutaa Wangeelichaa | „Ani‟ (ana) | Kanaaf, (Bu‟aa) |
|---|---|---|---|
| 1 | Yoh.6:35 | Ana buddeenni jireenyaa | Gara koo kan dhufu hin beela’u |
| 2 | Yoh.8:12 | Ani ifa biyya lafaati | Namni ana duukaa bu’u ifa jireenyaa in qabaata |
| 3 | Yoh.10:7,9 | Ana balballi hoolotaa(Lakk.7) balbalichi ana (lakk.9) | Inni anaan ol galu in fayya |
| 4 | Yoh.10:11,14 | Tiksee gaariin ana | Lubbuu isaa hoolataaf inni kenna; hoolota koo beeka |
| 5 | Yoh.11:25 | Du’aa ka’uun, jireenyis ana | Namni anatti amanu yoo du’e iyyuu in jiraata |
| 6 | Yoh.14:6 | Karichi,dhugaan, jireenyis ana | Anaan yoo ta’e malee , eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu |
| 7 | Yoh.15:5 | Ani muka waynichaa ti | Anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandeessan. |
L. Kiristoos Ayyana Gordommaa jedhamu irratti ( Yoh 7:1-36)
Ayyaanni Gardommaa kan kabajamu yeroo midhaan sassabanii xumuran irratti yoo ta‟u, waan Waaqayyo lafa onaa keessatti abbootii isaaniif godhe yaadachuun ayyaana kabajamu dha.
Sabni iddoo kanatti walitti qabame waa‟ee Yesuus ilaalcha adda addaa qabu turan:
1ffaa. Nama gaarii dha.( 7:12)
2ffaa. Namoota karaa irraa kaachisa jedhu ( 7:12)
3ffaa. Barumsa dheeraa hin qabu; attamitti macaafota beeke? Jedhu. ( 7:15)
Yoh.7:16-24 irratti gaaffii Yihuuddonni kaasaniif (7:15) deebii akka inni itti kennu, “ barsiifni ani barsiisu…” jechuun yaada Waaqayyoo akka ta‟e ibsa.Yoh. 7:25-35 irratti namoota walitti qabamaniif gaaffii garaagaraa itti uumamee ture;
Warra Yerusaalem keessaa jarri tokko-akka inni Masihiicha ta‟e dhuguma hubatan laataa?
Kaan immoo – Masihichi yoo dhufu kana caalaa milikkita agarsiisa ta‟aa?
Yihuuddonni immoo akka nu‟I isa hin arginees eessa dhaquuf? Luboonni fi Fariisonni qabuuf ni barbaadu turan garuu yeroon isaa waan hin geenyeef homaa gochuu hin dandeenye.
M . Barsiisa Yesuus isa 5 ffaa :- namoota ayyana Gordommaa irratti argamaniif ( 7:37-53)
Guyyaa dhuma ayyaanichaa hunduma irra caalu guddaa yoo jedhu, guyyaa torbaffaa ykn guyyaa dhumaa ta‟uu danda‟a.
Yoh.7:37-39 irratti waa‟ee hafuura qulqulluu barsiise
Yoh. 7:40-44 waa‟ee Yesuus ilaalcha garaargaratu ture:
Dhuguma Raajii dha.( 7:40)
Inni Kiristoos (7:41)
Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa? (7:41)
K. Yoh.7:46_52 irratti maal hubatta?
Akka ilaalcha warra Fariisotaatti barsiisni Yesuus dogongora. Barsiisa isaa fudhachuu diduunis akka beektotaatti of lakkaa‟u. Namni barumsa Yesuus fudhate akka nama Seera Musee hin beeknetti lakkaa‟ama; abaaramaas jedhama.
N. Dubartii Ejja irratti qabamte ( Yoh. 8:1-11)
Yoh . 8:3-6 irratti namoota gosa sadii argina:
Barsiisota seeraa fi Fariisota- warra dubartittii himatan
Dubartii osoo ejjituu qabamte- himatamtuu
Gooftaa Yesuu- abbaa murtii qajeelaa
Barsiisonni Seeraa fi Fariisonni kun osoo ejjituu argine jedhanii kan fidan dubartittii qofa. Ejji immoo dhiiraa fi dubartii gidduutti raawwatama. Waa‟een cubbuu itti dhagahaamee osoo ta‟ee isa dhiiraas fidanii dhufu turan; isaan garuu Yesuusiin hadheessuuf kaayyoon isaanii. Seeri Musees dubartii qofti haa duutu hin jedhu.(Lew.20:10, Kees de.22:23-24). Kanaafuu seera Musees kan eege miti. Akka warra seera Roomaatti immoo Yihuudonni murtee du‟aa murteessuuf aboo hin qaban. Yesuus osoo akka ajjeesaniif eyyame ta‟ee, seera warra Roomaan gaafachiif turan. Yoo murtee malee dhiise immo seera Musee cabse jechuuf turan, inni garuu beekaa dha. Yesuus garuu ariitin miti deebii kan kenneef. Suuta jedhee hubannaan ture. Yoh. 8: 10-11 Yeroo Yesuus “meerre isaan , namni tokko ille firdii si irratti hin raawwanne?”
Isheen immo” tokko illee” yemmuu jettu eenyu illee anatti hin faradne jechuu isheeti.Kanaan booda Yesuus anis sitti hin faradu;ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin jedheen.
Continue Reding