OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Wangeela Yohaannis (Gospel of John) Outline

O. Barsiisa Yesuus 6ffaa :- Namoota kaanii fi Fariisotaaf ( Yoh 8:12-59)

Yoh. 8:12 irratti Yesuus “ Ani ifa biyya lafaati, namni ana duukaa bu‟u ifa jireenyaa in qabaata…” jechuun barsiisa isaa itti fufa. Yoh.1:4-5 irratti waa‟een ifaa ibsamee ture. Yesuus ammas „ani ifa biyya lafaa ti‟ jedhee wanta inni dubbate Fariisonni hin fudhanne.Akkasumas Yoh 8: 19-20 irratti Yihuudonni gaaffilee adda addaa gaafatanii turan. Yesuus akkasitti deebii kenna; mee kutaawwaan itti aanan dubbisuun hubadhu.

L. 8: 19 irratti maal gaafatan? Maal jedhee deebise Yesuus?

M. 8: 25 irratti maal gaafatan?

N. 8: 33-34 irratti maal gaafatan? Maal jedhee deebise Yesuus?

O. 8: 48-49 irratti maal gaafatan? Maal jedhee deebise Yesuus?

P. 8: 57-58 irratti maal gaafatan? Maal jedhee deebise Yesuus?

Yoh 8:21-38 ani nan deema na barbaaddu ; an arguu hin dandeessan jechuun isaa bitaa itti galee ture Yihuudotatti.

Yoha.8: 39-59 irratti yaada Yihuudotaa fi waan Yesuus jedhu

Warri Yihuudota

Abbaan keenya Abrahaam

Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqayyo

Gooftaa Yesuus

Isin kan abbaa isa tokkoo kan Seexanaati (Yoh.8:44)

Yesuus waa‟ee Abrahaam kaasee yoo ibsuuf , Yihuudonni Yesuusiin nama qofa godhanii lakkaa‟uun gara umrii shallaguutti deebi‟anii “ Waggaa shantama iyyuu guutne “ (Yoh.8:47)

Yesuus immoo “ Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” ( Yoh.8:58) jechuun bara baraan jiraachuu isaa yemmuu ibsu, Yihuudonni deebii waan hin qabneef dhagaan rukutuuf yaalan. Sababnisaas “Waaqayyoon kan arrabsu haa rukutamu ‟‟ (Lew.24:16)seeri isaanii waan jedhuuf.Yesuus kana dubbachuu saan Waaqayyoon hin arrabsine;yeroo inni itti dabarfamee kennamus hin geenye.Kanaaf homaa isa gochuu hin dandeenye.

P. Milikkita/dinqii 6ffaa - Nama dhaloota isaatii kaasee Jaamaa ture fayyisuu Yesuus (Yoh.9:1-41)

Bakka kanatti haalli itti Yesuus fayyise adda dha. Namichi kun erga fayyee booda namootni ollaa isaa bakka lamatti qoodaman yaadan (Yoh.9:9). Ilaalcha namichi kun Yesuusif qabuuf fi ilaalcha namicha waggaa 38 dhukkubsatee fayyee wal bira qabuun yoo ilaaltu maal hubatta? (Yoh.5:15-16).

Ilaalichi namichi iji isaa fayye kun Yesuusif qabu guddachaa waan dhufe fakkaata

Yoh.9:11, namichi kun Yesuus jedha.

Yoh 9:17, Inni raajii dha jedha.

Yoh.9:27, Bartoota akka inni qabu beeksisa.

Yoh.9:33, namni kun Waaqayyo biraa akka dhufe hubachiisa.

Yoh.9:38, Nan amana gooftaa koo, jedhe; Yesuusifis sagade.

Faarisonni yaadan gargar bahanii, fayyuu (arguu) namicha kanaa irratti (Yoh. 9:13-17), yaadaan gargar bahiinsa isaanii kanaaf tokkummaa uumuuf namicha kana gaaffilee gaafatu. Gaaffileen isaanii fi deebiin namichichaa akka ittit aanutti ta‟a.

Lakk. Gaaffilee (yaada ) Yihuudotaa Last Name
1 Dhugaa dubbadhu,Waaqayyoof ulfina kenni, Waa‟e isa ija kee bane kanaa maal jetta? (Yoh.9:17)
2 namni kun cubbamaa akka ta‟e nu inbeekna (Yoh.9:24) Inni raajii dha.( yoh.9:17)
3 Maal siif godhe? Attamitti ija kee siif bane? (Yoh.9:26) Dursee isinitti himeera; isinis bartootasaa ta‟uu barbaadanii? (Yoh.9:27)

Q.Barsiisa Yesuus 7ffaa :- Fariisotaa fi namoota kaaniif ( Yoh. 10:1-21)

Yoh. 10:1-6 irratti Yesuus waa‟ee tiksee gaarii fi tikse gaarii hin taanee kaasa.

Tiksee hoololataa isa sirrii ta‟ee fi hin taane Yoh.10:1-6 irratti maal hubatta? Mee walbira qabii garaagarummaa isaanii addaa baasi.

Yoh.10:7-17 irratti Yesuus fakkeenyaan isa barsiise hiikee ittit hima. “ Tiksee gaarii ana “ jechuun.

R. Yesuus Ayyaana Seenaa Mana Qulqullummaa irratti (Yoh.10:22-42)

Ayyaanni Seenaa Mana Qulqullummaa jedhamu kun ayyaanota gurguddoo Kakuu Moofaa keessatti Kenneman osoo hin taane , yeroo Kakuu Haaraa fi Kakuu Moofaa gidduu turetti kan jalqabame dha. Bara 165 Dh.K.D Biyya Filisxeem keessa Yihuudonni turan warra Sooriyaa waliin lola yeroo qaban ture.Antiyookes Iiphiifaniyoos kan jedhamu dura bu‟aa Sooriyaa mana

Qulqullummaa kan xureese ture;kanaaf aarsaa dhiyyesuun hin dandaa‟amne ture. Eegasii booda Yihuudaa Maqaabis namni jedhamu warra Sooriyaa rukutuun eega mo‟atee booda Manni Qulqullummaa tajaajila kennuu danda‟e. Kana egaa Ayyaana Seenaa Mana Qulqullummaa kan jedahmu.

Yoh.10:24-29 irratti Yihuudonni gaaffii isaan Yesuus irratti gaaffii isaanii (waa‟ee Yesuus) Kiristoos akka ta‟e ibsee akka dubbatu barbaadanii turan.Deebii Yesuus kenneef,

I. Ani isinitti himeera, isin immoo hin amantan (10:25).

II. Hojiin ani maqaa abbaa kootin hojjedhu hundinuu anaaf dhugaa in ba‟u (10:25).

Yesuus deebii kenne keessatti “isin hin amantan” kan jedhu fayyadameera. Akka isaan hin amanne ibsuuf immoo hoolota koo keessaa miti isin jechaa jira. Akka jechuun hoolota isaa kan hin taane isatti hin amanne. Hoolonni isaa garuu

Saglee isaa ni dhagahu ( Lakk.27)

Innis isaan beeka( Lakk.27)

Jireenya barabaraa ni kennaaf( Lakk.28)

Barabaraan hin badan (Lakk.28)

Harka isaa keessaa eenyu illee isaan hin butatu( Lakk.28)

Eenyu illee harka abbaa keessaa isaan butachuu hin danda‟u( Lakk.29)

Yoh10:37-39 irratti Yesuus hojii abbaa koon hojjedha yemmuu jedhu, hojii abbaa yoo ta‟e immoo amanuun waan isaan irra jiruuf , hojii kanatti amnurra isa qabuu barbaadan.

Yoh. 10:40-42 irratti Namoonni baay‟een akkamitti Yesuusitti amanan jettee yaadda?

S. Milikkita Torbaffaa:- Du‟aa Ka‟uu Alaazaar ( Yoh.11:1-44)

Akka Yohaannis caafetti Wangeela kana keessatti milikkita Yesuus hojjete isa dhumaati kun.

Yoh.11: 1-4 keessatti kan arginu Maartaa, Maariyaam fi Alaazaar maatii kana keessatti jechuu dha; warra isaanii hin arginu. Gooftaan Yesuus maatii kana akka jaallatus ibsameera(Lak.5).

Du‟aa ka‟uu Alaazaar irratti namoota turanii fi ilaalcha isaan qabu turan akka Yohaannis kaa‟utti.

1. Gooftaa Yesuus – dhibeen kun ilmi Waaqayyoo ittiin ulfina haa argatuuf, ulfina Waaqayyoof malee kan ajjeesu miti(lak.4)

2. Bartoota Yesuus- Dhihoo kana Yihuudonni dhagaan si dha‟uu barbaadan; ati immoo ammas chi dhaquu yaaddaa(lak.8)

3. Toomas (Daadimoos) –kottaa in dhaqna;nuyis barsiisaa wajjin in duuna(lak.16)

4. Maartaa- gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du‟u ture. (lak.21)

5. Maariyaam - gooftaa utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du‟u ture. (lak.32)

6. Yihuudota –Inni ija jaamaa bane Alaazaar akka hin dune gochuu hin danda‟u turee? (lak.37)

Yoh 11:17-27 irratti akka qo‟annoo Tiim fi Suuwwiittis Yesuus akka carraa osoo hin taane guyyaa afur kan ture;amantii Yihuudonni qaban irraa kan ka‟e ta‟uu danda‟a jedhu. Yihuudonni Lubbuun hanga guyyaa sadiitti reeffa cinaa turti amantii jedhu qabu turan. Guyyaa afuraffaa irratti garuu gara warra du‟aniiti dabalamti.Kanaaf Yesuus aboo du‟aa kaasuu saa ibsuuf guyyaa afur ture.

Akka Yoh. 11: 21fi 11:24 irratti, Maartaan Yesuus Alaazaariin yeroo sanatti du‟aa kaasuu ni danda‟a kan jedhu amantii waan qabdu sitti fakkaataa? Maalif?

Yoh.11: 28 irratti boo‟uun Yesuus maalif sitti fakkaata?

Yoh.11:28 irratti Yesuus sababa lamaaf booye –akka ibsa Tiim Feelosiitti

1) Dhiibbaa cubbuun biyya lafaa irraatti fideef. Addaamii fi Hewwaan cubbuun erga kufanii kaasee biyyi lafaa cubbuu jalatti kufeera.

2) Maatii Alaazaar, warra gaddaan miidhamaniif. Akkasumas miidhamni isaanii kun laphee isa tuqee, isaan waliin boo‟e.

Yoh.11:43 warri du‟an gurri isaanii hin dhaga‟u; garuu Yesuus yeroo dubbatetti gurri ni abbomama, ni dhaga‟as. Osoo Yesuus akkuma Alaazaariin waamee ,namoota isa dura du‟an waamee ni ka‟u jettee yaaddaa?

3.2 . Yihuudotaan Dhiibamuu Yesuus ( Yoh.11:45-12:50)

Yihuudota gara Maariyaam dhufan keessaa, waan Yesuus godhetti kaan yeroo amanan kaan immoo irratti ka‟an

Sodaan angafa lubootaa fi Fariisotaa Yesuus milikkita baay‟ee yoo itti fufee hojjete,namoonni Masihiicha jedhanii itti amanu; mootii nuu ta‟i jedhaniis shuumuu danda‟u kan jedhu dha.Kana booda warri Roomaa birmadummaa waaqaffannaa Yihuudota dhorkachuun Mana Qulqullummaa nurraa fudhatu kan jedhus ture.

Yeroo sanatti Yesuus fuula isaanii dura miliqe; yeroo isaa eeggatee garuu du‟ee ka‟eera.

Ayyaana Faasikaa (Yoh.11:55-12:1-11) Yesuus Ayyaanni Faasikaa guyyaa ja‟a Bitaaniyaa, Mana Maariyaa, Maartaa fi Alaazaar dhaqe. Maartaan yemmuu ergamtu, Maariyaam urgooftuu “Naardos” miilla Yesuus dibdee , mataa isheetiin haxoofte(12:3). Jaalala akkamitii ! Yihuudaa namni biyya Keriyot garuu ittiin morme. Garaa waaqafannaa Maariyaa fi Yihuudaa ilaali mee! (12: 4-6).

Yihuudonni baay‟een maalif gara bitaniyaa, mana Maariyaam, Maartaa fi Alaazar dhufan (12:9) Luboonnis maal yaadanitti sitti fakkaata ?(12:10)

Yoh.12:18 “Milikkita kana” kan jedhu milikkitaa maal ti?

Yesuus maal irraa ka‟eetti “ Iji qamadii biyyoo keessa bu‟ee yoo du‟uu dhaa baate..” ( 12:24-25) kan jedhe?

Yoh.12:37-43 :- Milikkita Yesuus hojjete wangeelicha keessa kan jiru kan walitti qabu dha ; kunis kan Raajicha Isaayasiin 53:1, 6:10 irratti caqafame raawwatamuu isaa ibsuuf.

Kutaa 4

Yesuus Kiristoos Bartoota isaa qofaatti adda basee barumsa inni barsiise (Yoh.13:1-17:26)

Yoh. Boqonnaa 2 hanga 12 tti milikkitoota Yesuus godhee fi barsiisa inni ifatti barsiise ilaallera. Yohaannis barsiisa gurguddoo torbanii fi milikkitoota turban kana tajaajila Yesuus ibsuuf barreesera.Boqqonaawwan 13-21 kan jiru keesstti ammo:

Yesuusitti amanuun bartoota isaa warra ta‟aniif qofaatti barsiisa inni barsiise argina.

Kiristoos du‟uu fi du‟aa ka‟ee bartoota isaatti mul‟achuu kan ibsame hubanna.

Kutaa kun (boqonnawwan13-21) bakka lamatti hirama.

1.Boqonnaawwan 13:1-17:26 barsiisa Yesuus kan tarreessu

2.Boqonnaawwan 18:1-21:25 kan jiru ammo gidiramuu, du‟uu,du‟aa ka‟uu fi bartoota isaatti mul‟achuu Yesuus ibsu.

Akkasumas Boqonnaawwan 13-17 kan jiran bakka afuritti hiruun ilaaluu dandeenya;

Yesuus Miilla Bartoota isaa dhiquu ( 13:1-17)

II. Eenyu akka dabarsee isa kennu dursee dubbachuu isaa ( 3:18-30)

III. Barsiisa Yesuus (14:1-16:33) IV. Kadhata Yesuus (17:1-26)

Wantoota Yesuus raawwate kanneen wangeela kana keessatti caqafaman wangeelota sadan keessa kan hin caqafamne:

Miilla bartoota isaa dhiquu

Waa‟ee hafuura Qulqulluu abdii inni kenne

Waa‟ee bartoota isaa kadhachuu

Yesuus xiyyeefatee wanta inni barsiise waa‟ee “jaalalaa” ture kutaawwaan kana keessatti

“ Jaalala” kan jedhu boqonnaawwan 1-12 keessatti caalaa boqonnaawwan 13-17 keessatti baay‟inaan caqafamee argama.

I. Yesuus Miilla Bartoota isaa dhiquu ( 13:1-17

Boqonnaawwan13- 17 keessatti Yohaannis waa‟ee Yesuus irbaata isa dhumaa bartoota isaa wajjin nyaatee ibsa. Akkasumas barsiisa inni barsiise.

Yesuus ilma Waaqaati haa ta‟u malee waan looleen hojjechuu malu, miilla bartoota isaa dhiquuf gad yoo jedhu hubanna.

Akka seera Yihuudotaatti looleen kophee gooftaa isaa hiikuun illee irraa hin eegamu ture. Yesuus garuu miilla bartoota isaa dhiquun gad of qabuu barsiise.

Waa‟ee irbaata Faasikaa ( Yoh.13:4-5, Luqaas 22:24;27) dubbisuun hubadhu.

Yesuus wajjin egaa tokkummaa kan qabaatan cubbuun isaanii kan dhiifameef dha;bartootni isaa qulaa‟oo turan (13:10)

Kana malees yeroo Macaafni Qulqulluun caafametti, namni tokko ollaan isaa yoo isa yoo isa afeere deeme, qaama isaa dhiqachuu qaba. Miillaatii kophee hin qabu ta‟ee luka duwwaa yoo dhaqe bishaan kennameefii dhiqata.  Mee waan yeroo kana turee fi amma yeroo waldaa(mana sagadaa) deemtu wal bira qabii ilaali. Miilla ykn qaama dhiqachuu qabnaa? Yookins gama biraan hiika biraa qaba?

Yesuus aboo kan qabu osoo ta‟ee jiruu, gad of deebisuun maal akka ta‟ee hojin mul‟ise. Yeroo Yesuus biyya lafaa kana irra foon uffatee turetti namni gad of deebisu tuffatamaa ture;akkasitti lakkaa‟amas. Akka Yesuus barsiisetti namni gad of qabu Hafuuraan Cimaa dha.

II.Eenyu akka dabarsee isa kennu dursee dubbachuu isaa (Yoh.13:18-30)

Yesuus Yoh.13:10 irratti “ … isin qullaa‟aa dha‟o,garuu hunda keessan miti” kana jechuun Yihuudaan inni isa dabarsee kennuuf jiru hin qulloofne jechuu dha.Yesuus kan fo‟ate keessaa tokko Yihuuda dha. Akkasumas Daawwit ijoollee isaa keessaa Abeseeloom wanta inni irratti raawwate yoo ibsu,” Namicha buddena koo nyaate na dhiite” (Far. 41:9). Yesuus kana caqasuun hubachiisa.


Continue Reding