Wangeela Yohaannis (Gospel of John) Outline
III.Barsiisa Yesuus (14:1-16:33) i. Bartoota isaa jajjabeessuuf abdii hafuura Qulqulluu (14:1-31)
Yoh .14 :1-4 irratti isaan irraa adda ba‟ee akka deemu, gidduu isaaniitii tokko dabarsee akka isa kennu, hundaaf olaanaa kan fakkaatu Simoon Phexiroos yeroo sadii Yesuusiin akka ganu, Yesuus yeroo itti himu lapheen bartoota isaa in raafame. Kanaaf “ Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa” (14:1) , Yesuus kan jedhuun.
Yihuudonni hundinuu Waaqayyotti in amanu; bartoonni Yesuus immoo hundumtii isaanii Yihuudota . kanaaf Waaqayyotti in amanu. Haa ta‟u malee yesuus Waaqayyo abbaa qofatti osoo hin taane isatti illee amanuu akka qaban itti hima.Innis Waaqa akka ta‟e hubannoon isaanii akka guddatuuf.
Mana abbaa koo keessa yemmuu jedhu(14:2) mootummaa Waaqaa jechuu isaati. Iddoo jireenyaa baay‟ee yemmuu jedhu immoo bakka qulqulloonni jiraatan.
Bartoota isaa keessaa eenyu, “ Yaa goofta , karicha attamitti beekuu dandeenya?” jedhee kan gaafate? (14:5-7)
Bartoota isaa keessaa eenyu, “ Yaa goofta abbaa nu agarsiisi, kanaa achi nu ga‟a” kan jedhe? Yesuus hoo maal jechuun deebiseef? (14:9-11)
ii. Abdii Hafuura qulqulluu Yesuus Kenneef (14:15-31)
Bu‟uuri amantii ajajamuu dha; akkasumas bu‟uurri jaalalaas ajajamuu dha. Kanaaf Yesuus 14:15 irratti „abboomii‟ koo kan jedhu. Kiristoosiin kan jaallatu isaaf ajajama. Hafuurri Qulqulluun “ isinii wajjin waan turuuf , isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu” ( 14:17) . Hafuurri Qulqulluun nu keessa jiraata jechuu dha. Kun immoo kan ta‟u jalqaba Yesuusn jaallachuun, abboomisaas eeguun. Hafuurri Qulqulluun nu wajjin jiraannaan akka Yesuus nu wajjin jiruutti fudhachuu dandeenya. Akkuma Yesuus bartoota isaa wajjin ture, Hafuurri Qulqulluun isaan wajjin ta‟uuf.(14:21).Yesuus akkuma isaan barsiise Hafuurri Qulqulluunis isaan barsiisuuf(14:26).
Yoh.14:26 irratti Yesuus “… isin yaadachisa” waan Yesuus bartoota isaa barsiise Hafuurrii qulqulluun immoo hubannaa isaaf kenna. Nuufis akkasuma Macaafa Qulqulluu akka hubannuuf kan nu gargaaru isa. Geggeessaa Hafuura Qulqulluu malee hojii Hafuuraa hojjechuun rakkisaa dha. Hafuurri Qulqulluun yoomiyyuu taanan Sagalee Waaqayyoo( Macaafa Qulqulluu) hin faallessu yeroo nu geggessa jennu.
iii. Barsiisa Yesuus itti fufe(15:1-16:33)
a. Mukni Waynii inni dhugaa ana(15:1-17)
Barsiisa isaa kana keessatti Yesuus fakkeenya muka wayniitiin barsiise. Ofii isaa akka mukicha wayniiti, Abbaa immoo isa mukicha dhaabe godhee fudhachuun , akkasumas bartoota isaa immoo akka dame ti.
Waaqayyoon abbaa akka nama waynicha dhaabetti yemmuu fudhatu , innis waantoota lama akka raawwatu ibsa;
Damee isa ija hin godhanne hundumaa in mura
Damee isa ija godhatu, caalchisee akka ija godhatuuf irraa in qeexxa‟a.
Dameen lamaanuu kan jiran mukicharra;garaagarummaan isaanii inni tokko yeroo ija godhatu kaan immoo osoo ija hin godhan hafuu dha.
Bartoonni isaa yeroo sanatti Yesuus wajjin jiru; qullaa‟aniirus gara fuul duraatti garuu ija godhachaa akka deeman, itti fufanis murteessaa ta‟uusaa isaan hubachiisa.
Ija godhachuuf murteessaan dameen mukatti qabachuu akkuma qabuu, bartoonnis ija godhachuuf Yesuusitti qabachuu qabu. Nutis akkasuma. Isa malee homaa gochuu akka hin dandeeny barsiisa Yesuus.
Wanta bartoonni gochuu qabanii fi bu‟aa isaa
1) Anatti qabattanii yoo jiraattan-ija baay‟ee godhatu.(15:5)
2) Anatti qabattanii yoo jiraattan dubbiin koos isin keessa yoo jiraate-waan feetan yoo kadhatan isiniif in kennama(15:7)
3) Ija baay‟ee godhachuu keessaniin –ulfinni abbaa koo in argama. (15:8)
Akkasumas Yesuusitti qabatanii yoo hin jiraanne waan ta‟u
Akka dame gatamee, goguu
Walitti qabamee ibiddatti namuu
In gubatas (15:6)
Walumaagalatti dameen muka isaa malee homaa gochuu akka hin dandeenye,akkasumas amantoonni Yesuus malee homaa gochuu hin dandaa‟an. Ija godhachuuf Yesuusitti qabatanii jiraachuu qabu.
b. Jibba biyya lafaa (15:18-16:4)
Kutaa Yoh. 15:18-25 keessatti jechi ijoo “jibba” kan jedhu dha. Kutaawwan olii keessatti „jaalala‟ kan jedhu kan Waaqayyo abbaa, ilmaa fi bartootaf eenyummeessa isaanii yoo ta‟u, jibbi immoo kan biyya lafaatti bartoota Yesuusiif. Biyya lafaa kan jedhu Yesuusin kan hin amanne, hojii faalla Yesuus kan hojjetu hunda. Biyyi lafaa egaa maalif bartoota Yesuus jibbaa? Sababin isaas:
Isaan kan biyya lafaa miti
Yesuus biyya lafaa keessaa adda waan isaan baaseef
Yesuus akka isaan erge biyyi lafaa waan hin hubanneef
Yoh 16:1-4 irratti garuu Seera Yihuudotaan walqabsiisee isaanitti hima.
Yesuus milikkita garaagaraa hojjetee barumsa baay‟ee isaan barsiisuus Yihuudonni baay‟een isa hin simanne. Garuu bartoonni isaa fi hafuurri qulqulluun dhugaa Yesuusiif bahuuf jiru(15:26-27). c. Hojii Hafuurri qulqulluun hojjechuuf jiru Amantoota Gargaara , jajjabeessa (Yoh.14:15-17)
Barsiisa ( Yoh.14:25-26)
Dhugaa baha waa‟ee Yesuus ( Yoh.15:26-27)
Biyya lafaatti firdii agarsiisa (Yoh.16:7-11)
Gara dhugaatti amantoota geessa; Yesuusifis ulfina kenna (Yoh. 16:13-15)
d. Gaddi Bartootaa Gammachuutti Geeddaramuu ( 16:16-33)
Yesuus, “ Yeroo xinnoo booddee na arguu in dhabdu, ammo yeroo xinnoo booddee deebitanii na argitu” ( 16:16) yeroo jedhuun yeroo xinnoo booda akka du‟uu fi guyyaa sadii booda du‟aa akka ka‟u ibsuu isaati. Itti aansuun haala ittiin kadhatan isaan barsiise. Kunis:
Abbaan maqaa kootiin waan kadhattan hunda isiniif simata.
Akkasumas waan isin maqaa kootiin kadhattan isiniif in kenna.
Gammachuun keessan guutuu akka ta‟uuf kadhadhaa.
IV.Kadhata Yesuus (17:1-26)
Yeroo baay‟ee kadhannaan Yesuus yeroo kana kadhate “ kadhata luba isa guddaa “ jedhamee beekama. Sababni isaa kadhannaa kana kan godhate lubbuu isaa du‟atti dabarsee kennuun dura ture. Kan malees Yesuus waa‟ee ofii isaa yeroo kadhatu, waa‟ee bartoota saa fi waa‟ee amantoota hundaa kadhateera.
Waa‟ee bartoota isaa kadhachuu (Yoh .17:6-19) irratti yoo ta‟u , yeroo sadii „maqaa‟ jechi jedhu caqasamee argama(Lak.6,11, 14).Maqaan eenyummaa ibsa. Yesuus maqaa kee beeksiseera yemmuu jedhu eenyummaa kee beeksiseera jechuu isaati. Kana irraa kan ka‟e abbaa fi Yesuusiin beekaniiru. Abbaa biraa akka dhufe , hojii abbaas akka hojjetu, isaa fi abbaanis tokko akka ta‟anis beeksiseera.
Yoh.17:20-26 irratti immoo amantoota isatti amanan hundaaf kadhata.
Kutaa 5
Gidiramuu Yesuus, Du‟uu Isaatii fi du‟aa ka‟ee Bartoota Isaatti mul‟achuu Isaa (Yoh.18:121:25)
Yohaannis bartoota isaa qofaatti barsiisee akka xumureen akka Yesuus qabame akkasumas gidirame ibsuutti darba. Yesuu bartoota isaatti ibsee kan hubachiise kaayyoo dhufeef sunis du‟atti dabarfamee kennamu, du‟as mo‟ee ka‟uu ture. Boqonnaawwan 18:1-21:25 kan jiru bakka gurguddaa sadii tti hiruun ilaalla.
A. Qabamuu isaa, ganamuu isaa fi firdiitti dhihaachuu isaa ( 18:1-40)
B. Fannifamuu, du‟uu fi warra du‟an keessaa ka‟uu isaa akkasumas namoota isaatti mul‟achuu isaa (19:1-21:14)
C. Waliin dubbii inni Phexiros waliin godhe fi xumura ( 21:15-25)
A.Qabamuu isaa, ganamuu isaa fi firdiitti dhihaachuu isaa ( 18:1-40)
Yihuudota gorse ture.” (18:12-14) Yoh.18:1-14 qabamuu Yesuus kan ibsu dha. Kunis Yesuus bartoota isaa barsiisee, kadhannas godhatee akka xumureen kan ta‟e dha. Yesuus bakka turee ka‟ee bakka „Getesamanee‟ jedhamu akka deeme dha bartoota isaa waliin. Bakkeen kun kan caqafame Matt.26:36 irratti.
Yihuudaan iddoo kanatti Gooftaa isaa qabsiisuuf “loltuu kutata tokko, warra eegduu mana qulqullummaa, luboota angafoota fi fariisota biraa ergamans of duukaa buusee dhufe;jarri guca,ibsaa,mi‟a lolaas in baatu turan.” (18:3) Kutatni lolaa kan itti ergameef Yihuudonni Yesuusiin yeroo kasasan „Ana mootiin Yihuudotaa‟ jedheera jechuun waan tureef mootiin Roomaa erge. Guci fi ibsaan yeroo isaa dhi‟a keessa ta‟uu agarsiisa.Yihuudaanii fi anmoonni isaa wajjin dhufan yeroo itti dhihaatan Yesuus waan irra gahuuf jiru beekkateema itti adeeme.
18:5-6 irratti maaltu ta‟e?
Eenyuun barbaaddu yeroo inni jedhuunnitii “ Yesuus nama Naaziret” haa jedhan malee duubatti deebi‟anii akka kufan ibsee argina. Egaa yeroo kana iyyuu Yesuus nama salphaa kan homaa hin baasne akka hin taane hubataniiru.
18:10 irratti bartoota keessaa eenyu kan billaan naa‟oo angafa lubootaa kan rukute?
Yesuus gidiramee du‟uun kaayyoo Waaqayyoo ta‟ee osoo jiruu Phexros kana illee hin hubanne billaan naa‟oo angafa lubootaa gurra irraa kute. Yesuus garuu gurraa isaa deebisee fayyiseef(Luq.22:51). Kana booda” Yesuusin qabanii hidhuun jalqaba Haannaasitti geessan, Haannaas abiyyuu Qayyaafaati, Qaayyaafan immoo bara sanatti angafa lubootaa ture. Qayyaafaan namni tokko sabaaf akka du‟u
Phexros Yesuusin gane (18:15-18,25-26).
Garaagarummaan mana sagadaa fi mana qulqullummaa maal? (18:20)
Yesuus yeroo angafa lubootaa waliin gaaffii fi deebii godhutti, eenyutu Yesuusin rukute? (18:19-24) maalif rukute?
Yoh.18:19-24 Angafni Lubootaa , Haannaas, Yesuusiin waa‟ee bartoota isaa fi waa‟ee barsiisa isaa gaaffii gaafate, Yesuusi deebisaa ture.Haannaas angafa lubootaa jedhee kan caqasu Yohaannis. Akka Yihuudotaatti Angafni lubaa umrii guutuu dha. Warri Roomaa garuu kan shuuaman Qayyaafa dha.Garuu yeroo sanatti kabaja kan qabu ture. “Haannaas ergasii Yesuusiin akkuma inni hidhamee jirutti , gara Qayyaafa angaficha lubootaatti in erge.” 18:24, yeroo kana homaa isa hingoone Haannaas. Angafa luboota yeroo sanaa kan ture Qaayyaafaa jechuu dha.Haalli itti Haannaas gaaffii gaafate akka seera Yihuudotaatti sirrii hin turre; sababni isaa namni himatamee dhihaatu tokko dhuga baatota (misikiroota) wajjin dhihaata malee qophaa miti. Yesuus ija jabinaan wanta inni kallattiin gaafate deebise osoo hin taane karaa bira ibse. Kanaaf eegdota keessaa tokko haalli Yesuus itti gaaffii angafa lubaaf deebii kenne irraa ka‟uun rukute
Yesuus Haannaas dura erga dhaabatee booda amma immoo Qayyaafaa dura dhaabata.
Itti aansuun gara mootummaa warra Roomaa Phenxanaawii Philaaxo geessan.Philaaxos
warra Roomaa biraa ta‟ee kutaa Yihuudaa bulcha ture. Yeroo sanatti Israa‟el bittaa warra Roomaa jala waan turteef, murtee du‟aa murteessuuf aboo Yihuudonni hin qaban (Yoh.18:31) . Haa ta‟u malee Seera Namni Waaqaayyoo arrabsu haa du‟u jedhu qabu (Yoh.19:7; Lew.24:16). Wanti Yihuudonni ittiin himatan keessaa tokko Waaqayyoon arrabsa jechuun. Garuu Waaqayyoon arrabsuun warra Roomaaf hagas mara yakka miti. Kanaaf Philaaxos namni tokko waan Waaqayyoon arrabse qofaaf du‟a itti hin mureteessu. Kana beekanii Yihuudonni yakka biraa itti dabalaanii himatu,” Ani mootii Yihuudaa ti ofiin jedha” jechuun. Kana wanti jedhaniifis Roomaa irraa walaba kan ta‟e mootummaa ofii isaa dhaabe akka jedhamuuf. “Ati” jedhee Philaaxos kan gaafateef kana irraa ka‟uun. Yeroo sanatti Philaaxos waan du‟aan isa geesisu homaa irratti hin argine, kanaaf Galiilaa kan bulchu Herodis Yerusaalemiin waan tureef gara isaatti Yesuusiin erge. Yesuus Galiilaa keessaa waan ta‟eef waa‟ee isaa beeka Herodis jedhee yaadee( Luqaas 23:4-16). Herodisis waan du‟aan isa geessisu irratti hin argine.Akka Luq.23:22 irratti ibsametti Philaaxos yeroo sadii Yesuus akka hiikamu Yihuudota gaafatee ture. Kan reebsiseefis waan kanaan dhiisan itti fakkaatee ture.Philaaxos akka (Mat.27:24-25) irratti ibsametti waca kaasuun nageenyi akka hin boorfneef, ani keessaa hin qabu jechaa murtee du‟aa farade. Yihuudonni garuu ,”dhiigni isaa nu irra, ijoollee keenya irras haa barbaadamu,” hanga jedhanitti Yesuusitti garaa jabaatan; ta‟us yeroo booda jecha afaan isaannii argataniiru yeroo warri Roomaa Yerusaaleemiin barbadeessan , du‟a ka‟uu fi samiitti ol ba‟uu Yesuus booda
Yihuudoonni Faasikaatti nama tokko akka hidhaatti hiikamu warra Roomaa kadhatanii eeyyama qabu; akkuma beekametti yeroo sanatti namni tokko akka hiikamu Philaaxos gaafata(18:39). Isaan garuu Barabbaa gad haa dhiifamu jechuun itti iyyan(18:40). Philaxos bitaa itti gale. Yesuus irratti dabaa hin argine ;Barabbaan immoo saamtuu dha. Kana malees haati manaa isaa abjuun waa argitee nama qulqulluu kanaa homaa akka hin goone akeekachisteett(Mat27:1).
Continue Reding