OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Wangeela Yohaannis (Gospel of John) Outline

B. Fannifamuu, du‟uu fi warra du‟an keessaa ka‟uu isaa akkasumas namoota isaatti mul‟achuu isaa (19:1-21:14)

Haa ta‟u malee jeequmsa kaasuu danda‟u Yihuudonni kan jedhu yaadee Philaaxos du‟a Yesuusitti murteessuuf dirqame(Mat.27:24-25).Yoo jeequmsi ka‟e immoo Philaaxosiin gaafachiisa.Kana malees warri Roomaa waaqa tolfamaatti amanu; waaqolii tolfamoon kun immoo dubartii namaan wal quunnamanii dhalchuu danda‟u kan jedhu amantii qaba;kanaan wal qabsiiees sodaan itti hin dhagaahamin hin hafne.Kanaaf ta‟u ati eessaa dhufte jedhee Yesuusin kan gaafatuuf. Murteessuun dura harka isaallee dhiqate(Mat.27:25);kun immoo aadaa Yihuudotaati.Yeroo Philaaxos “ilaa mootii keessan” jedhutti, Yihuudotaan , luboonni warri angafoonni immoo “Nuyi

Yoh19:1-7 Yesuus irratti maal faatu raawwatame?

Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu.”(19:14-15). Jedhanii deebisaniif. Kana yeroo jedhan garuu dhugumaan Qeesaar jaallatanii miti. Hinumaayyuu Waaqayyoon ganaa jiru.

Namni yakki isaa du‟a itti faradchiisu muka itti fannifamu baatee iddoo itti fannifamu deema;dursee ni reebamas. Yesuus reebameera, fannoo isaa baatee deemaa osoo jiruu reebichaa irraa kan ka‟ee dadhebee waan tureef, “nama biyya Qareenaa Simi‟oon fannoo Yesuus akka baatuuf isa giddisiisan” (Mat.27:32)

Warri Roomaa nama fannifamuun du‟e tokko yakka inni ittiin du‟e barreessuun mataa muka fannoo sana irra godhu. Haaluma kanaa Fannoo Yesuus gubbaas afaan sadiin barreessuun kaa‟ameera caafatichi,”Yesuus nama biyya Naazireet,mooticha Yihuudotaa” kan jedhu(Yoh.19:19)

Yesuus du‟uu isaa Yoh.19:28-30 Yesuus du‟uun isaa wangeelota afuran keessatti caqafameera. Yeroo inni fannoo irratti du‟etti guyyaa sa‟a ja‟aa hamma sa‟a sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irratti ta‟e,( Luq.23:44-49;Mar.15:33-39;Mat.27:45-56).

Sa‟a sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan “ Elo‟ii , Elo‟ii lamaa sabakatanii?‟‟ Hiikni isaa “ Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maalif na dhiifte?” Sagalee guddaa isaa dhageesisee hafuurri isaa keessaa yaa‟e. Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii

hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa‟e.(Mar.15:34-38). Mana qulqullummaa kan seenu angafa lubootaa qofatu waggaatti yeroo tokko seena. Kunis aarsaa cubbuu dhiyyeessuf. Amma garuu kana gochuun hin barbaachisuu Yesuus aarsaa ofii isaa godhee waan dhiyyeesef.

Duutni Yesuus akkanitti yoo raawwatu,Yihuudoonni immoo namni fanno irratti du‟e tokko fannoo irra bulu hin fedhan.Akka Seera Warra Roomaatti garuu achuma irra turee allaattiin akka nyaatu fedhu;kana irraas yakka namni biraa hojjetu irraa haa baru jedhanii ti. Akka dafanii du‟aniif lafee yoo cabsan Yesuus garuu dursee du‟e ture; Kanaaf lafeen Yesuus hincabne kun immoo lafeen horii aarsaaf dhiyyau tokko lafeen isaa akka hin cabne kakuu moofaa keessatti caafameera(Ba‟uu12:46) Yesuus aarsaa dhugaa ta‟eera (Yoh.1:29).

Uffata namoota fannifamuun du‟anii hirmaachuun Warra Roomaa biratti beekamaa dha.Haaluma kanaan Yesuusin erga fannisanii booda wayyaa isaa hirmaatan(Yoh.19:2324).

Erga du‟ee booda Yooseef kan jedhamu namni Armaatiyaa reeffa isaa Philaaxosiin kadhatee Niqoodemos wajiin akka aadaa awwaalcha Yihuudotaatti bakka awwaalaa haaraa keessatti awwaalan.(19:39-42).

Yesuus fannifamee du‟uun isaa mirkanaa‟ee awwaalamus du‟e hi hafne ; du‟aa ka‟ee har‟aas jira. Baay‟ee du‟aa kaaseera‟ Alaazaariin boollaa baasera garuu deebi‟ee du‟e. Yesuus garuu du‟aa ka‟e lammaffaas hin du‟u. Du‟aa ka‟uun Yesuus wangeelota afran keessatti caqafameera. ( Maat.28:1-10;Mar.16:1-8; Luq 24:1-2 Yoh.20:1-10). Akka Mat.28:1-8 irratti ibsametti ergamaan gooftichaa dhagaa awwaalaa irraa garagalche socchii lafaa guddaan ta‟e,waarii eegdonni sodaan rom‟an . Du‟aa ka‟uu Yesuusiif raga jiran keessaa

Bakki awwaalichaa duwwaa ta‟uu

Namoota baay‟eetti mul‟achuu isaa, Maariyaam , Bartoota isaa fi namoota birootti(1Qor.15:1-12).

Jijjira barattoota Yesuus dhiisanii baqatanii. Osoo inni ka‟ee mana cufamaa seenee nagaan isiniif haa ta‟u jechuu baatee bittinaa‟anii hinhafanii? Maaltu deebisee walitti isaan qaba? Kana qofa miti gara guyyaa 40 biyya lafaa irraa isaan gidduu deddebi‟aa tureeras(Hoji Er.1:3) . Egaan bartoonni erga Yesuusin arganiin booda abdii gadhatan, jabaataniis dhaabatanis. Kanaaf Yesuus du‟ee hinhafne.

C.Waliin dubbii inni Phexiros waliin godhe fi xumura (Yoh.21:15-25)

Yoh.21:15-19 irratti Yesuus yeroo sadii na jaallattaa jedhii gaafata Phexiroosin. Sababni isaa Phexiroos Yesuusiin yeroo sadii ganeera. Kana immoo Yesuus kan gaafatu bartoota warra kaan duratti.Kanaan dura warri kaan yoo siganan illee ani si hin ganu jedhees ture (Mar.14:29).

Kanaan dura waan ganee tureef, Phexiroos atuu beekta jechaa gaaffii Yesuus gaafata deebise.Yeroo sadii yemmuu Yesuus gaafatu garuu ganee turuu isaa waan yaadatee gaddu fakkaata.

Itti aansuun Yesuus “Hoolota koo tiksi” (21:17) jechuun itti gaafatummaa hoolotaa jechuun tiksee namoota Yesuus akka ta‟u itti hime. Dhuma irrattis “Na duukaa bu‟i!” jedheen Yesuus (21:19).

Yesuus fakkeenya inni Yoh.21:18 irratti fudhate haala Phexiroos gara fuulduraatti ittiin du‟uuf raajii dubbachuu ta‟a kan jedhu ilaalichi jira. Akka barreeffama seenaa waldaa kiristaanaa tokko tokkoo ti Phexiroos du‟i isaa fannoo irratti yoo ta‟u, gad galagalchaanii akka fannisanis isatu gaafate jedhama.

Yoh.21:20-25 irratti Yesuus na duukaa bu‟I erga jedhenii booda Yesuus waliin deemee bartuu isa Yesuus in jaallata ture arge. Bartuun kun irra deddeebi‟uun bartuu isa Yesuus jaallatu jechuun caqafameera. Bartuun kun Yohaannisi dha.


End!