OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI

6ffaa- guyyoota dhumaarratti:

Imala guyyoota dhumaa jedhamee beekama. Iyyerusaalemii fi naanna‟a sana ture.

Barsiisa Gooftaa Yesuusii

Yeroo barsiisu fakkeenyaan barsiisa ture.Fakkeenyonni kunniin dhugaa Hafuura Qulqulluu ibsuudhaaf gargaaru turan. Mat 13:3-8 irratti waa‟ee namticha midhaan facaasuu barsiisa ture. Kanarraa wanti nuti hubannu fakkaanyaan gaafa dubbatu wantoota naannoo isaanii jiranii fi isaan sirriitti beekan fudhachuu isaa argisiisa.

Fakkeenyi maaliif barbaachisa?

a. salphaatti yaadachuu fi sammuutti qabachuuf.

b. Wanta beeknurraa gara wanta hafuuraa nuuti hin beeknetti nu qajeelcha.

c. Yeroo duriitti barreeffamni baay‟inaan waan hin turreef, fakkeenyi immoo nama keessa waan hin badneef.

Raajiiwwan Gooftaan Hojjate

Raajiiwwan gooftaan hojjate wantoota uumaman kana irratti ol‟aantummaa isaa kan ibsuu dha. Raajiin Yesuus hojjatu kaayyoon isaa kan seexana yookiin biyya lafaatiin tokkoo miti.

Raajiin seexanaa:

Angoo isaa namootarratti argisiisuuf hojjatama.

Ijoollee Waaqayoo dogoggorsiisuuf hojjatama. Yoh 8:42, HOE 8:9-11

Raajiin namoonni Waaqayyo beekan hojjatan garuu:

Malloowwan Hafuura Waaqayyoo dabarsuudhaaf hojjatamanii dha. Yoh 2:9

Uumama irratti angoo qabu mul‟isuu isaa argisiisa. Mat 20:49

Aboo dukkanaa irratti angoo qabaachuu isaa mul‟isa. Mar 9:18-26

Gooftaa fi kadhannaa isaa:Tajaajila Gaooftaa keessatti baay‟inaan mul‟ata. Kunis kadhannaa dhuunfaa fi gamtaa jedhamee qoodama.

Kadhannaan inni dhuunfaadhaan godhu: Ganama, Halkan qixxee, Galagala fi Hojii isaa yeroo fixetti ture.

Kadhannaa gamtaa: Dhugaa Hafuuraa akka hubataniif daa‟immaniif kadhataa ture, Waldaadhaaf ni kadhata Yoh 17:1-5, Hordoftoota isaatiif ni kadhata, Dhiifamaaf ni kadhata. Luq 23:41, Namoota duratti ni kadhata. Yoh 44:41

Gufuuwwan kadhannaa: wantoota lamatu jira. Mar 6:5-15

a) Irra deddeebii faayidaa hin qabne.

b) Kadhanaa na argaadhaaf kadhatamu.

Kadhannaa dhaga’amu:

a) Kadhannaa amanamummaadhaa fi amantiidhaan Gooftaatti abdannee kadhannu. Mat 7:7

b) Kadhannaa nuuti kiristoos keessa jiraannee kadhannu.

Hafuurri Qulqulluun maaliif nuu laatame?

1) Human yookiin anniisaa akka argannuuf. HoE 1:8

2) Nu gaggeessa. HoE 16:7

3) Gooftaa Yesuus nu keessatti kabaja kennee, yeroo kadhannu yaada isaa nu hubachiisa. Yoh 14:16, Rom 8:26

Erga Gooftaan du‟ee booddee wantoota raawwataman

1. Injifannoowwan isaa. Luq 24, Mat 28, Mar 16, Yoh 20

2. Mul‟achuu isaa. Yeroo 10 mul‟ateera.

3. Gara samiitti ol fudhatamuu isaa. HoE 1:9-10. Sababa inni ol fudhatameef:

3.1. Warra isatti amananiif iddoo qopheessuudhaaf. Yoh 14:1-6 3.2. Ijoollee isaatiif kadhachuudhaaf. Ibr 7:25

3.3. Hafuura Qulqulluu erguudhaaf. Yoh 14:16

3.4. Warroota injifataniif badhaasa qopheessuudhaaf.

Walumaagalatti Kiristoosirraa jireenya booji‟ame baranna. Kana jechuunis:

Cubbuurraa kan du‟e fi amanamaa

Du‟a kiristoosiitiin walii galuudha.

Tajaajila shakkii hin qabnee fi ifa ta‟e

Abdiidhaan kan isa eeggatu.

KOORSII- 5

HIIKKAA MACAAFA QULQULLUU (HERMENEUTICS)

Hermeneetiksiin saayinsii waa‟ee hiikkaa macaafa qulqulluu qu‟atuu dha.

Macaafni Qulqulluun maali?

Macaafni Qulqulluun mul‟ata gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin karaa namoota Waaqayyoo kan barraa‟ee dha. Kunis barraa‟uudhaaf haalota armaan gadii kana keessa kan darbee dha. (2 Phex 1:21)

Revelation – mul‟ata fudhachuu

Inspiration – barreessuu yookiin galmeessuu

Illumination – hubachuu

Wantoota yeroo Macaafa Qulqulluu hiiknutti nurraa eegamu:

1. Haal – dureewwan hiikkaa Macaafa Qulqulluu ( pre- interpretation):

1.1.Mala ittiin hiikkaa isa sirrii argannu qopheeffachuu ( systematic strategy).

1.2. Haala hermeneetiksii irratti hundoofnee dhugaa sagalee Waaqayyoo isa mul‟ate sana hubachuu.

HUB: Warrootni barreessan iyyuu sirriitti hin hubanne.

2. Dhumarratti kan nurraa eegamu

Sagalee Waaqayyootiif ajajamuu.

Faayidaa macaafa qulqulluu

a) Cubbuurraa nu eega.

b) Da‟oo (shelter) nuuf ta‟uudhaan nu gargaara.

c) Akka nyaataa fi bishaan guyyaa guyyaatti nu gargaara.

d) Ofii isaatiiyyuu jireenya. Wanti jiraate hundinuu sagalee Waaqayyoorraaa dhufe.

e) Onnee, sammuu fi qaama keenya guutumatti jijjiiruu ni danda‟a.

f) Burqaa waan hudaati ( except evil things).

Amala macaafa Qulqulluu

1. Macaafni Qulqulluu wantoota jireenya keenyaaf barabaachisan hundaa of keessa qaba. Garuu ifatti ibsamuu dhiisuu danda‟a. kanaafuuMacaafni Qulqulluu madda Heeraa fi Seeraa ( constitution) jechuu ni dandeenya.

2. Ofii isaatii guyyaa fi bara itti barraa‟e hin qabu.

3. Namoota 40 ta‟aniin barraa‟ulle walii waliisaa hin faallessu.

4. Barreessaan kitaaba tokko tokkoo barraa‟ee hin arginu.

5. Seenaalee garaagaraa kanneen Macaafa Qulqulluu keessatti barraa‟anii argaman jechoota wal fakkaataniin iddoo garaagaraatti barraa‟anii hin arginu.

6. Yeroon, aadaan, ilaalchi fi barreessaan Macaafa Qulqulluu garaagara.

Madaallii Macaafa Qulqulluu:

1. Dandeettii Waaqayyoon mul‟isuu

2. Gargaarsa Hafuura Qulqulluu qabaachuu

3. Gahee isaatii fi fudhatama barreessichaa

4. Fudhatam barreessaanii fi wantoonni barreeffaman abbootii amantaa duraanii biratti qaban.

5. Wal hubachuu fi wal simachuu barreessitootaa fi barreeffamoota garaagaraa.

6. Macaafa Kakuu Moofaatiin caqasamuu yookiin tuqamuu isaa.

7. Maadaallii Qaanoon kanaa fi kan kana fakkaatan hunda keessa darbuutu irra jiraata.

Macaafa qulqulluu hiikuu dura wantoota gochuu qabnu:

a) Wantoota xixiqqoo fakkaatan hunda xiinxaluun ilaaluu.

b) Wantoota hundumaa waan hafuuraa gachuurraa of qusachuu (avoiding algorism).

c) Tuqaa tokkolle itti dabaluu fi irraa hir‟isuurraa of eegachuu.

d) Wanta hunda nan beeka jedhanii boonuurraa of qusachuu.

e) Sagalee si‟a tokko baranne irra deebinee barachuun hin barbaachisa jechuurraa of eeguu.

Ilaalcha nuuti yeroo Macaafa Qulqulluu hiiknu qabaachuu qabnu:

1. Obsaa fi garaa bal‟inaan dubbisuu qabna.

2. Kadhachuudhaan dubbisuu.

3. Tasgabbaa‟uudhaan dubbisuu.

4. Akka Waaqayyo ofii isaatii nutty dubbachaa jirutti ilaaluu.

5. Wanta inni jedhuuf ajajamuudhaaf eeyyamaa ta‟uu.

Adeemsa hiikkaa Macaafa Qulqulluu

A. Ilaaluu ( Observation):- wanta ilaalaa jirru adda baafachuudha. Gaaffiin ijoon kutaa kanaa “maal ilaalaa jira?” Kan jedhuu dha. Asi jalattis wantoonni nu ilaallu:

Barreessaan eenyu?

Eenyuuf barreesse?

Gahee olaanaa kan taphatu eenyu?

Deebiin dhaggeeffattootaa maal fakkaata?

Ergaan ijoon maali?

Wantoota nuuti yeroo ilaaluu kana hordofuu qabnu:

Of too‟achuu danda‟uu qabna.

Wantoota xixiqqoo kamiiyyuu dhiisuu hin qabnu.

Qalbii keenya sassaabbachuu.

Yeroo hunda dubbisaan dura kadhachuu.

Iddoo mijataa filachuu.

Yeroo hunda Hafuura Qulqulluu affeeruudhaan isaan gaggeeffamanii dubbisuu.


Continue Reding