OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI

Wantoota furtuu afran ilaaluu:

1. Yaada yookiin jecha furtuu ilaaluu.

2. Caasaa yookiin gosa barreeffamaa ilaaluu.

3. Miira haasa‟aa barreeffamicha keessatti mul‟atu ilaaluu.

4. Gosa hog-barruu (litrature) sanaa ilaaluu.kunis kanneen armaan gadii ta‟uu danda‟a:

4.1. Hog-barruu seenaa: amalli isaas kan armaan gadii ti:

4.1.1. Wanta mootummaa Waaqayyootii fi mootummoota duraanii gidduu jiru.

4.1.2. Dandeettii ergaa isaa dhaggeeffatoota keessa kaa‟uu qaba.

4.1.3. Yeroo baay‟ee mat-duree tokko qofa irratti haasa‟a. Fknf: Seera Uma, Ba‟uu, Lew, …

4.2. Hog-barruu seeraa fi naamusaa: amalli kanaas:

4.2.1. Sadarkaa barreeffamaa kan eeguu dha.

4.2.2. Ergaa gad fagoo irratti kan hundaa‟ee dha.

4.2.3. Ergaawwan gaaffii kaasisan fa‟a of keessa qaba. Fkf: HoE, Mul, Rom, Luq, …

4.3.Hog-barruu asoosamaa fi walaloo: amalli isaas:

4.3.1. Jechoonni isaa gaggabaaboo dha.

4.3.2. Ergaan isaas gad fagoo dha.

4.3.3. Barreessuuf kennaa addaa gaafata.

4.3.4. Yeroo baay‟ee sookoo fi sorgoo qaba.

4.3.5. Haala muuziqaa of keessa qaba.

4.3.6. Baay‟ee nama harkisuu danda‟a. Fknf: Far, Lal, Fak, …

4.4.Hog-barruu raajii: fknf Mul, kitaabota raajii hunda.

B. Hiikuu (Interpretation): Gaaffiin ijoon kutaa kanaa “maal jechuu dha?” Kan jedhuu dha. Asi jalattis wantoonni nu ilaallu:

Kaayyoon kutaa kanaa maal?

Barreessaan kutaa kanaa akkamitti akka hiikamuuf barbaadee kutaa kana barreesse?

Kutaan kun kutaalee Macaafa Qulqulluu kanneen biro wajjiin wal sima moo wal dhaaba? Akkamittis wal sima?

Deebiin dhaggeeffattoota ( audience) yeroo sanaa maal ture?

Nu keessatti miira akkamii uumeera?

Hiikkaa sadarkaa isaa eeggate hiikuuf dursinee maal beekuu qabna?

Bara isaa

Hariiroo Waaqayyoo fi namni waliin qabu

Ilaalcha tiyooloojikaalawaa bara sanaa

Barreessaan kitaabichaa eenyu? Barreessaa ijoon Hafuura Qulqulluu ta‟us barreessitoonni namaa dha.

2 Phex 1:20-21. Yeroo barreessanitti Hafuurri Qulqulluu aadaa fi beekumsa nama sanaa guutumattii balleessee waan itti hin fayyadamneef hubachuutu nurra jiraata.

Seera hiikkaa: seera saditu jira. Isaanis:

1) Jecha jechaan hiikuu

2) Galumsaan hiikuu: kun baay‟ee fudhatamaa dha. Alaagorizimii irraa nu eega. Fakkeenyaaf: “ilmoo harree kan gooftaan irra taa‟e sun ana jechuu”. Waan hunda gara hafuuraatti jijjiiruun dogoggoraaf nama saaxila.

3) Jechoota okol-gonbisaa (metaphor) ilaaluun hiikuu:

Nameessa: “gaarren si weeddisu”

Ukukkubeessa: “ija koorraa roobni…”

Waldorgomiisa: “kan akka Waaqayyoo hin jiru”

C. Hojiirra Oolchuu( application):wal simsiisuu jireenya jechuu dha. Gaaffiin ijoon “ maal gachuu qaba?” kan jedhuu dha. Adeemsa kana hojiirra oolchuuf:

1. Murteessuu

2. Wanta murteessineef sagantaa baafachuu

3. Bakkaa fi haala mijeeffachuu

4. Galma keenyarratti xiyyeeffachuu

5. Karaa kamiin ija qabeessa akka taanu beekuu

6. Wanta hunda caalaa Waaqayyoon gammachiisuudhaaf hojjachuu.

KOORSII- 6

BARSIISA SOBAA ( CULT)

Barumsa sobaa jechuun barumsa dhaugaatiin faallaa kan ta‟ee dha. Kanaafuu barumsa dhugaa jechuun maal? Barumsa dhugaa jechuun dhugaa Macaafa Qulqulluutiin kan walii galuu fi akka yaada jedhamuu barbaadameetti hiikatee itti kan buluu fi raga Hafuura Qulqulluu kan qabuu dha.

Hiikkaa kiristiyaanonni barumsa sobaatiif kennan:

Barumsa kiristiyaanonni itti walii galanii baratan irraa kan adda ta‟ee dha.

Kitaaba kiristiyaanonni itti fayyadaman karaa biraatiin kan hiikanii dha

Kanaafuu barumsi sobaa ( cult) hubannaa hundeessaa amantii sanaa irraa kan goree dha. Kanaafuu isaan kana beekuudhaaf akkamitti amantaanii fi dugdi duubi isaanii hundee barnoota Macaafa Qulqulluu irraa akka inni gore qoruu qabna. Akkaataa dhaabbii amantii keenyaatti warren nuuti barnoota sobaa jalatti ramadnu:

Naaziraawuyaan: “Yesuus foon hin uuffanne, foon keenya hamaadha, foon keenya rakkisuu qabna, foonis nyaachuu hin qabnu, baala qofa nyaanna” jedhu.

Musliimota: “ Yesuus nama qofa, inni hin duune, hin kaanes” jedhu.

Waldaa ergamootaa: “sadan tokkummaan hin jiru, Yesuus qofa, cuuphaanis maqaa Yesuusiitiin” jedhu.

New Age Movement

Nostism

Johova witness

Montanas fi Kkf.

Barnoonni sobaa yoom jalqabe?

Seenaa waldaa keessatti waggaa 325‟f waldaan ari‟atama keessa turte.Isaanis wangeela lallabuu duwwaa irratti xiyyeeffatan.Kanaafuu muuxannoo barsiisuu hin qaban turan. Kana jechuun barnoonni bu‟uuraa hanga bara kanaatti hin turre jechuudha. Sana booda impaayerri roomaa ni dhufe. Namtichi Neeroo jedhamu abjuudhaan Faannoodhaan utuu lolee moo‟atuu arge. Innis haala kanaan ni moo‟ate. Sana booda ari‟atamuun ni hafe. Waldaanis tasgabbooftee barnoota kennuu eegalte.Barsiisni sobaas yeroo kana jalqabe.

Barnoonni sobaa akkuma sadarkaan isaa xiqqaachaa adeemuun kanneen armaan gadiitti gad bu‟uu danda‟a:

1. Heeresii (Heresy): isaan kun warra hubannaa dhabuudhaan macaafa qulqulluu faallaa hiikanii dha. Fakkeenyaaf : Ortodooksii Itiyoophiyaa

2. Sektii ( sect): inni kun dogoggora namoonni waldaa keessatti sagalee Waaqayyoo waan biraa jedhanii hiikanii dha. Sect is plagiarism. Nuuti namoota Macaafni Qulqulluun itti barraa‟e kanneen jalqabaatii miti. Nuuf isaan gidduu garaagarummaa yeroo, aadaa fi teessuma lafaatu jira. Fkf: „Yesuus ilma Waaqayyooti‟ kan jedhu isaan biratti angoodhaan abbaadhaan qixa jechuu dha. Nubiratti garuu akkasii miti. Kanaafuu sektiin hiikka Macaafa Qulqulluu galumsa malee jechuu dha.

Akkamitti sektii xiqqeessuu dandeenya?

Yeroo yeroo hunda irra deddeebinee raawwanna taanaan gara heeresiitti guddata.Heeresiinis gara kaltiitti (cult) guddata. Kanaafuu:

Ofii kee akka dhaggeeffataa (audience) jalqabaatti of hin laakka‟in.

Sababa inni barreeffameef hubachuu

Siyaasa, diinagdee, haalaa fi Hafuura yeroo barreeffamichi barraa‟uu hubachu.

Fakkeenyaaf: dubartoonni mataa haguuggachuu hin qabdu kan jedhu Maaliif ture? Deebii kanaa argachuuf seenaa yeroo sanaa xiinxaluutu nurra jiraata. Kunis yeroo sanatti magaalaa qorontoos keessa durboonni mataa hin haguugganne warra waaqa tolfamaa arxemiis jedhamuuf of adda baasee magaalaa keessa naanna‟ee ejja gaggeessuudhaaf adda of baasan qofa ture.Kanaaf isaan gaaffii Phaawuloosiif dhiheessinaa innimmoo deebii kana kenneef.

Kanarraa wanti nuuti hubannu “Macaafni Qulqulluun deebii gaaffiidhaan alaa ti”.Gaaffiin isaa dhaggeeffattoota jalqabaa bira jira.Kanafuu isa kana yoo danda‟ame beekuu wayya. Warren barnoota sobaa barsiisan barnoota waa‟ee fayyina keenyaa ilaalchisanirraa ka‟u.

Barnoota bu’uura fayyina keenyaa:

A. Sadan Tokkummaa (Trinity): kana irratti “ jechi sadan tokkummaa jedhu hin jiru, namni itti fayyadamee beekus hin jiru” jedhu. Fknf: Musliima, Waldaa Ergamootaa (Hawaariyaat), Johova witness.

B. Waa’ee Macaafa Qulqulluu: Macafni Qulqulluun akka sagalee Waaqayyoo hin taanetti barsiisu. Fknf: Musliima, Judism, Mormoon( kan Mormoononni hiikan malee jedhu). C. Du’aa fi ka’uu Kiristoos: kiristoos hin duune, Rabbi human waan qabuuf fakkii isaa nama biraatti uuffisee namni biraa bakkasaa du‟e” jedhu. Fknf: Musliimota. Garuu yeroo inni du‟etti wantoonni Waaqummaa isaa ibsa:

Lafti ni dukkanaa‟e

Soochiin lafaa ni ta‟e

Warroonni du‟an ni ka‟an D. Du’aa fi ka’uu qulqullootaa: “Gaafa duunee kaanu qabeenya itti fayyadamnu ammuma waliin awwaalamna” jedhu. Fknf: Judism, Johova witness,

E. Fayyina ofii mirkaneeffachuu (assurance of salivation): amantoota addunyaa kanaa keessa harki 90 kanarratti dogoggoru. Fknf: Kaatolikii. Fayyinni adeemsa.

1. Justification: 100% hojii Waaqayyooti. Qulqullummaa nuuti kiristoositti argachuudhaan gaafauma amanne arganne.

2. Sanctification: 100% hojii keenya. Jireenya guyyaa guyyaa keessatti adeemsa nuuti kiristoosiin fakkaachuuf goonuu dha.

3. Glorification: 100% hojii Waaqayyoo ti. Qulqullummaa nuuti gaafa ol fudhatamne argannu.

F. Deebi’ee dhufuu Kiristoos: yeroo fi haala deebi‟ee dhufuu Kiristoos irratti falmii kaasu. Kanus inni kanaan dura dhufeere, yookiis inni dhufu sun ana jedhamuu kan of ibsanis jiru. Fknf: Anti-christ.


END!