OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

p

KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI

KOORSII- 3

SADAN TOKKUMMAA (TRINITY)

Waa‟ee sadan tokkummaa ilaaluun duratti wantoota tokko tokko ilaaluutu nurra jiraata.Kuns Waaqayyoon amanuu fi Waaqayyo beekuun maal akka inni ta‟e ilaalla

3.1 Waaqayyotti Amanuu:

Amanuu: waan hin mul‟anne yookiin irra hin ga‟amne tokko akka waan mul‟atuutti fudhachuu dha. Rom 8:1

Waaqayyo jiraataa barabaraa ta’uusaa maaliin hubanna?

Jiraachuu Waaqayyootiin wantoonni raga ta‟anii dhiyaatan:

1. Uumama (cosmo-logical argument):-

Kunis uumama adda addaa ilaaluudhaan ka‟umsa akka qaban hubanna.

Wanti ofii isaatiiyyuu jiraataa ta‟e tokko akka isaan uume hubanna. Uma 1:1 Far 19:1-6 Rom 1:19-20

2. Ragaa sammuu ilma Namaa (Moral Argument):-

Dandeettii waa hojjachuu namaarraa ni hubanna.

Amantii fedhuu sammuu ilma Namaa irraa ni hubanna

Gaarii yaaduu ilma Namaa irraa ni hubanna

3. Ragaa baayoloojii (biological argument):-

Wanti lubbuu qabu tokko wanta lubbuu qaburraa dhufe (pre-existent life theory)

Waaqni jiraataan waan tureen waan jiraatu uumuu danda‟e.

4. Ragaa Seenaa (Historical argument):- Seenaa kamiyyuu duuba Waaqayyotu jira. Kunis isatu jijjiira waan t‟eefidha. Mul 17:17

5. Ragaa Kiristoosaawaa (Christological argument):- Luk 1:1 hanga 2:1

6. Ragaa Macaafa Qulqulluu (bibliological argument):-

1 Phex 2:10-12

7. Ragaa Namoota Waaqayyoo( argument of Man’s of God):- Mar 16:10-16

3.2 Waaqayyoon Beekuu:

Waaqayyo beekuu kan dandeenyu karaa mul‟ataatiin qofa. Akkasumas namni tokko Waaqayyo sirriitti beeka jechuu kan dandeenyu yoo xinnaate wantoota afur yo raawwate qofa. Isaan kunniinis:-

a. Waaqayyoon yoo amane.

b. Yoo irra deebi‟ee dhalate.

c. Yoo Waaqayyoof ajajame.

d. Yoo jaalala Waaqayyootiin jiraate.

A. HOJII WAAQAYYOO:-

Kunis wanta inni duri, ammaa fi ammaa achi hojjatu jechuu dha.

B. EENYUMAA WAAQAYYOO:-

Waaqayyo jiraataa barabaraati. Yoh 5:26, Ibr 11:6

Waaqayyo hafuura. lafee fi foon hin qabu. Luq 24:39, Rom 8:29

Eenyummaa ( personal being) qaba. Far 139:1-6, KesD 3:1-4

Waaqayyo ifa. Dukkanni, cubbuunii fi wanti dhokataan isa bira hin jiru. Ya‟i 1:17 Waaqayyo jaalala. 1 Yoh 4:8

Waaqayyo qulqulluu dha. 1 Phex 2:9

C. AMALA WAAQAYYOO:-

Kunis amalaawwan daddarbanii fi hin daddarbine jedhamee bakka lamatti qoodama.

1. Amala daddarboo: kanas bakka lamatti qoodna:

1.1. Amala danda‟uu: Fkf; hubachuu, beekuu, oogummaa, waa uumuu, hojjachuu fi kkf.

1.2. Amala naamusaa: Fkf; amanamummaa, obsa, jaalala, ooguu, iftoomina, namaaf qooduu, arjummaa fi kkf.

2. Amala hin daddarbine: kanammoo bakka saditti qoodnee ilaalla

2.1. Of danda‟ee jiraachuu (self existence)

2.2. Kan hin murteeffamne ta‟uu (omnipresent)

2.3. Kan hin geeddaramne ta‟uu (unchangeable) i.e. “the most farthest and the most nearest is God”.

D. MAQOOTA WAAQAYYOO:-

Kanas kakuu moofaa fi haaraa keessatti ilaaluu ni dandeenya

a) Maqaa kakuu moofaa:Isa afaan keenyaan maqaa Waaqayyoo jennee waamnu afaan Ibrootaatiin bakka 3 tti ramadamu.

a. Eeloohiim: Waaqa guddaa, human qabeessa jechuudha. Macaafa Qulqulluu keessatti si‟a 2570 barraa‟ee argama. Kunis Macaafa kakuu moofaa afaan ibrootaatiin barraa‟e keessatti. Kana keessa si‟a 2310 gooftaa isa sirriitiif yoo oolan, si‟a 260 waaqota ormaatiif oolan (for gods). Maqaa kanaan walqabatee maqaawwan ka‟an ni jiru.

(1) Eelshaaday: Gooftaa hunda danda‟u

(2) Eel-alaam: gooftaa barabaraa

(3) Eel-rohii: Gooftaa arguu danda‟u

(4) Eel-eliyoon: Gooftaa kabajamaa, mootii

b. Yaahiwwee: Maqaan kun Macaafa Qulqulluu keessatti si‟a 5321 barraa‟ee yoo argamu, hundinuu Waaqayyoo isa sirriidhaaf oolan. Hiikni isaas Waaqa firdii isa sirrii kennu, Waaqa saba hundaa, Waaqa barabaraa (endless) jechuu dha. Warri Ibrootaa dur maqaa kana hin dha‟an ( lamaan hafanitti fayyadamu malee). Maqaaleen kanaan walqabatanii dha‟aman:

(1) Yaahiwwee- yiri‟ee: El ro‟ii kan jedhuun walqixa hiika qaba.

(2) Yaahiwwee-nisii: Waaqayyo kaayyoo kooti

(3) Yaahiwwee-shahloom: gooftaan nagaa keenya.

(4) Yaahiwwee-saaboot: Waaqayyo lolaa keenya

(5) Yaahiwwee-makaadoosh: Waaqayyo kan nu qulqulleessuu dha.

(6) Yaahiwwee-rooy: Waaqayyo tiksee keenya.

(7) Yaahiwwee-shaamaah: Waaqayyo asi jira.

c. Adoonay: Waaqayyo isa hunda danda‟u (Master owner lord) jechuu dha. Yeroo baay‟ee maqaa Eeloohiim jedhu waliin ni ka‟a.

b) Maqaa kakuu haaraa:Isaan kunis bakka saditti qoodamu.

i) Tiwoos: Eeloohiim jechuu dha.

ii) Kuuriyoos: Adoonaay jechuu dha. Si‟a 717 barraa‟ee argama. Kana keessa si‟a 210 Wangeela Luqaas keessatti argama. Kunis sababii inni nama Giriik ta‟eef akkasumas Macaafni Kakuu haaraa jalaqabaaf afaan Giriikiitiin waan barraa‟eef.

iii) Abbaa: si‟a 245 barraa‟ee argama. Kakuu moofaa keessattis si‟a 15 barraa‟ee argama. Kanaafuu Maqaan Abbaa jedhu kun kan kakuu haaraa qafaa miti jechuu dha

3.3 Sadan Tokkummaa (Trinity):

Waa‟een sadan tokkummaa gaaffii baay‟ee kaasaa kan turee fi ammas kaasaa kan jiruu dha. Waa‟ee kanaas ifatti wanti kaa‟ame hin jiru.Kaayyoon barnoota kanaas barnoota dogoggoraa irraa of eeguudhaaf hubannaa argachuu dha. Waa‟ee sadan tokkummaa kana gabaabumatti hubachuun yoo rakkiselle haala armaam gadiitiin hubachuuf ilaalla:

KesD 6:4 “Yaa Israa‟e Waaqayyo waaqni kee tokko..”


Lakk.

Barsiisa sobaa

Geggesitoota

Maqaa Amantichaa

1 Moonaa keyaaniizim Teewodoxoos Yesuus yeroo cuuphame kiristoos ta‘e;du‘aa ka‘uu booda ilma waaqaa ta‘e.(Adopted)
2 Saabiiliizim Awusaabiyuus Waaqni tokkichi ofii isaa karaa(bifa) sadii ibseera.
3 Ariyaaniizim Ooriyuus Kiristoos uumama jalqabaati
4 Walakkaan Ariyaaniizim Gorgooriiyus Kiristoos akkuma Abbaati garuu irra xiqqaata.
5 Maalidooniyaaliizim Maqdooniyaanis Hafuurri Qulqulluun uumama
6 Appaaliiniyaaniizim Abuliinaariyes Kiristoos Lubbuu namaa hin qabu( Logos)sagalee jedhameera
7 Nisitirooyaaniizim Nisxiroos Kirisitoos lubbuu namaa hin qabu.Sagalee irra Waaqayyo yeroo buufatu ; nama Waaqayyoon baatu ta‘e ( God bearing man).
8 Iyyuutikiyaaniizim Awuuxaaken Eeeyyumman Kiristoos sagalee(Logos) jijjiirameera; nama miti Kiristoos.
9 Minofiitizim Saawwiroos Kiristoos amala tokkicha qaba.
10 Minooteeliizim Teewedoosiyuus Kiristoos fedha fedha namuummaa hin qabu;fedha Waaqummaa qofa malee.

Bara 250 A.D irratti jalqabaatiif kan kana barsiise nama Tertuuliyaa (Tunisia) jedhamuu dha. Namni kun garuu rakkoo yaada qindeessuu (subordination) qaba ture. Kanaaf bara 270 A.D tti namni Aariyoos jedhamu barumsa sobaa barsiisee ture. Knis “ Ilmi Abbaadhaan uumamee, Hafuurri Qulqulluun Ilmaan uumame” kan jedhu dha. Kanarraa ka‟uudhaan bara 325 A.D tti abbootiin amantii duraanii dura bi‟aa Atinaatiyoos (Giriik) jedhamuun durfamanii walga‟ii nama 381 of keessa qabu Eeshiyaa magaala Niqiyaatti taa‟an. Kunis walga’ii Niqiyaa jedhama. Walga‟iin kunis hundee sadan tokkummaa kan buusee dha. Bara 481 A.D ttis walga’iin Kaalqedoon Eeshiyaa Turki keessatti nama Awuqaaken jedhamuun mormuudhaaf abboota amantii 630 ga‟aniin taa‟ame. Namni kunimmoo barumsa sobaa Ilmi namummaa tokko qofa qaba jedhu barsiise.Isaan garuu Ilmi Namummaa fi Waaqummaalle akka qabu mirkaneessan. Akkasumas sadan tokkummaa jechuun “ osoo tokkootuu sadii, otoo sadiituu tokko” jedhan.


Waligahiin kan itti godhame

Lakk. Bakka Bara Baay’ina miseensotaa Murteewwan Dabarfaman
1 Niqiiyaa 325 318 Ilmi abbaa wajjin amala tokko qabaachuu( the same substance with the father) ibsuun barsiisa Oriyos fashaleessan
2 Qusxinixiiniyaa 381 150 Waaqummaa hafuura qulqulluu cimse
3 Efesoon 431 200 Yesuus waaqa guutuu akka ta‘e cimsee barsiisa Chayennsitiroos fashaleese
4 Kiilitedoon 451 630 Kiriritoos amala lama qabaachuu fi amalli lamaan kunnin kan wal hin makne ta‘uu cimsee, barsiisa Cheyeawexaakeen fashaleesse

Jalqabaaf jecha Suuloos jedhurraa dhufe.Kunis waa‟ee sadan tokkummaa ibsuudhaaf jecha jalqabaaf Tertuuliyaa‟n itti fayyadameedha.

Waaqayyo Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu jedhamee waamama ( waamamu miti). Qaama sadi qaba, amala fi irree Waaqummaatiin tokko jechuu dha. Qaama jechuun qaama bakka bakka jiru jechuu osoo hin taane, ofii isaatii:

Beekumsa guutuu

Fedha guutuu fi

Miira guutuu kan qabu jechuu dha.


Lakk.

Sadan tokkummaa Waaqaa

Abbaa

Ilma

Hafuura Qulqulluu

1 Waaqa Yoh.3:16, Hoe.3:13, Rome.1:7 Yoh.1:1, Ibr.1:8 Hoe.5:3-9, 2Qor.3:17
2
3 Kan barabaraati Far.90:2 Mik.5:21, Mul.1:18 Ibr.9:14
4 Hundaa danda‘a Uma.17:11, Yoh.5:21 Yoh.6:44,5:21, 1Xim.6:15 Zak.4:6, Hoe.1:8Rome 15:19
5 Walakkaan Ariyaaniizim Gorgooriiyus Kiristoos akkuma Abbaati garuu irra xiqqaata.
6 Hin jijjiiramu Yaaq.1:17 Yoh.8:58, Ibr 13:8 Yoh.14:16,Isa.11:2, 1Qor.2:11
7 Waan hundaa beeka Erm.17:10,Mar.6:2930, Hoe.1:24 Yoh.8:58, Ibr 13:8
8 Bakka hundaatti argama Erm 23:24 Yoh.2:25;18:4, Mul.2:23 Far.39:7
9 Qulqulluu dha Mul.15:4 Mat.18:20,28:20 Qulqulluu Hafuuraa
10 Dhugaa dha Yoh.7:28,17:3 Hoe.3:14,Mul.3:7 Uma.1:2
11 Arjaa dha Rome 2:41,Nah.1:7 Yoh.14:6,Ibr.1:2-3 Ibr9:14
12 Uumuun Far.102:25 Yoh.10:17-18 2Qor.3:6
13 Du‘aa Fannoorraa Far.22:15 Gal.2:20
14 Jireenya kennuun Yoh.3:16, Hoe.2:24,Yoh.5:21 Yoh. 5:21

WAAQA ILMA:

Ibr 7:3 abbaa fi haadha hin qabu, garuu barabaraaf jiraata.

Isa 9:6 Waaqummaa isaa dubbata

Ibr 5:5-6 “ ati ilma kooti..”

Ibr 1:6 “ ergamoonniyyuu isaaf ni sagadu..”

Ibr 1:2-3 ilmasaa kanaan waaqaa fi lafa uume

1 Phex 3:22 ergamoonni harkasaa jala jiru

Qaamota sadan keessaas kan sirriitti waa‟ee sadan tokkummaa ibsu Waaqa Ilma dha. Innis Waaqa guutuudhaa fi nama guutuu dha. Gal 4:6 „ Abbaan Hafuura Ilmaaf erge‟.

WAAQA HAFUURA QULQULLUU

Uma 1:2,Far 104:3, Eyo 33;4, Far 33:6 aboo ittiin waa uumu qaba

Efe 4:30 “isa guyyaa fayyinaa ittiin chaappeffamtan hin gaddisiisinaa”

Yoh 14:26 Abbaa fi Ilmaaf ni abboomama.

Abbaadhaan ergame

Maqaa Ilmaatiin ergame

Hojii ilmaa jajjabeessa

Yoh 15:26 Abbaan Hafuura Ilmaaf erge

Yoh 16:13-15 akkuma Ilmi sagalee Abbaa dubbatu Hafuurris sagalee Ilmaa dubbata

Rom 8;26-27 nu gargaara, nuuf kadhata

Fil 1;19 Hafuura Yesuusii jedhameera.

Qaama tokko gananii kan biraa waaqessuun fayyina namaaf hin kennu

Yoh 8:42 “kan Abbaa jaalatu Ilmichas ni jaalata”

Yoh 10:30 “ Ilmii fi Abbaan tokko”

Yoh 14:7-9 “ Ilmi Abbaa keessa, Abbaanis Ilma keessa, kan Ilma arge Abbaas arge”

Yoh 16:26-28 Abbaa biraa dhufee, achumattis deebi‟a

Yeroo Ilmi gara biyya lafaatti dhufetti qaamonni sadanuu hirmaannaa godhaniiru.

Ilmi ni dhufe

Abbaan ni erge

Hafuurri Qulqulluun ni golboobe

Mat 3:16 Yeroo cuuphamuu isaattis sadanuu bifa garagaraatiin mul‟ataniiru.


Continue Reding