KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI
Abbaan beekumsa, fedha fi miira guutuu akkuma qabu Ilmii fi Hafuurri Qulqulluunis ni qaba.
Yoh 13:1: Ilmi beekumsa guutuu akka qabu
Mat 8:2-3: Ilmi fedha guutuu akka qabu
Yoh 11:35: Ilmi miira guutuu akka qabu
1 Qor 2:1: Hafuurri Qulqulluun beekumsa guutuu akka qabu
HOE 13:2: Hafuurri Qulqulluun fedha guutuu
Efe 4:30: Hafuurri Qulqulluun miira guutuu akka qabu
Ibr 1:2-3: Ilmi uuma ta‟uusaa
Yoh 1:1-8: Ilmis Waaqayyo ta‟uusaa
Far 104:3: Hafuurri Qulqulluun uumaa ta‟uusaa
Wantoota Waaqayyo sadi ta’uusaa ibsan:
a) Maqaaa isaatiin: Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu
Maqaan Abbaa jedhu si‟a 3909 barraa‟ee jira.
Maqaan Kiristoos jedhu si‟a 2257 barraa‟ee jira.
Maqaan Hafuura Qulqulluu jedhu si‟a 381 barraa‟ee jira.
b) Qaamaan: Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluunis ofii isaatii beekumsa, fedhii fi miira qaba.
c) Hojiidhaan: Hundisaanii hojii mataasaanii qabu.
Yeroo uumaa irratti jecha baasuun, ilmasaa erguun hojii Abbaa ture ( Father Era, old testament) Nama ta‟ee dhalachuun, fannoorratti du‟uun hojii ilmaa ture ( Son Era, 0-33A.D).
Barsiisuun, ilmaan ergamuun, nu jajjabeessuun hojii Hafuura Qulqulluuti ( Holy Spirit Era, 33A.D-Present).
Wantoota Waaqayyo tokko ta’uuusaa ibsan:
1) Amala Gooftaatiin: amaloota gosa lameeniituu wal qixa qabu
2) Waaqummaa isaatii: wanta hunda ni danda‟a.
Akkasumas kutaa Macaafa Qulqulluu tokko tokko yoo ilaallu:
Uma 1:26 “Koottaa akka bifa ….” Uma 1:27 “… uume jedha”.
Uma 18;22 “ Waaqayyo abraamitti mul‟ate,… innis namoota sadi arge”.
Mat 28:19 „maqaa keenya sadaniitiin cuuphaa‟ jedha
Isa 6:6-8 “ eenyuun ergadha, eenyutu nuuf dhaqa”.
Waaqayyo Tokkicha:
KesD 6:4 “Yaa israa‟el dhaga‟I, waaqni kee isa tokko…”
Efe 4:4-6 “ Waaqni tokko, amantiin tokko…”
Rom 3:20 “ Waaqayyoo fi Abbaan waan hundumaa tokko…”
Isaan wal-keessa jiru walqixxeedhas
Waliif dhugaa ba‟u
Wal hin morman
Angoo Waaqummaa walqixatti qabu
Sadan tokkummaan waliin hojjatu:
Mat 12:28 hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoota baase
Luk 4:18-19 Hafuurichi Ilmarra jira, Abbaan Ilma dibe, Abbaan Ilma erge
Yoh 3:34-35 Ilmi isa Abbaan erge dubbata, Abbaan Hafuura kenne, Abbaan Ilma ni jaalata, Abbaan waan hunda harka isaatti kenne.
Yoh 14:16-17 Ilmi Abbaan Hafuura qulqulluu akka ergu kadhata
Gal 4:6 Abbaan karaa Ilmasaa Hafuura Qulqulluu namootaaf erge.
KOORSII- 4
GOOFTAA YESUUSII FI TAJAAJILA ISAA (CHRISTOLOGY)
Waa‟ee gooftaa keenya Yesuusiitii fi tajaajila isaa (Christology) wangeelota arfan keessatti ilaaluu ni dandeenya. Seenaa kanas guutumatti kan dubbatu isaan qofa. Wiirtuun wangeela kanaa kan mul‟ate du‟aa fi ka‟umsa Yesuusiitiin booda. Jireenyi, barumsii fi tajaajilli isaas sirriitti asi keessatti mul‟ateera. Tajaajilli Yesuusii kan jalqabe biyya Israa‟el (Palestine) keessatti.
Wangeelli maali?
Wangeelli sagalee misraachooti. Rom 10:14. Karaa fayyinaati. Rom 11;16
Tokko ta‟ee utuu jiruu karaa namoota baay‟eetiin kan darbee dha.
Mana amantaatiif ergaa, barumsaa fi lallaba gahaa kan ta‟ee dha.
Wangeelota arfan:
Wangeela Maatiwoos kan barreesse Maatiwoos qaraxxuu ture. Mar 9:9
Wangeela Maariqoos Yohaannis kan jedhame ilma obboleessa barnaabaasiitu barreesse. HOE 12:2, Qol 4:10.
Wangeela Luqaas nama baratee fi ogeessa fayyaa kan ta‟e Luqaas nama jedhamutu barreesse. Seenaa namoota adda addaas sirriitti beeka. Nama Giriikiiti. Hojii ergamootaas isatu barreesse. Phaawuloos waliinis hojjateera. Akkasumas gargaaraa Phaawuloosiitii fi Barnaabaasii ture. HoE 12:25, Qol 4:14
Wangeela Yohaannis kan barreesse iddoo qurxummii qabuutii kan waamame, ilma Zebdewoos, Yohaannisiidha. Haati isaa Saloomee jedhamti. Mat 27;56, Mar 15:41
Maatiwoos, Maariqoos fi Luqaas Wangeelota wal fakkaatan (synoptic Gospel) jedhamu. Isa inni tokko tuqe kuunis tuqeera.
Yohaannis kan inni tuqe raajii gurguddoo 7 fi barumsa Gooftaa keenya Yesuusiiti.
Waangeeloti arfan eenyuuf barraa’an?
Maatiwoos: Yihudootaaf
Luqaas: Giriikotaaf ( warra Waaqayyoon hin beeknee dha)
Maariqoos: Roomaanotaaf ( warra Waaqayyoon hin beeknee dha)
Yohaannis: Namni inni barreeffameef hin beekamu. Saba hundaaf jedhamee amanama.
Gooftaa fi Qomoo isaa
1. Ilma Waaqayyooti: duriiyyuu jira. Yoh 8:58
Ilma Waaqayyoo kan hafuuraati. Ba‟uu 3:14 2. Qomoo lafaati: dubara irraa dhalachuu isaatiin. Luq 3:23
3. Qomoo mana amantaati: warra fedhii Waaqayyoo guutan wajjiin ture. Mar 3:30-35, Mat 12:50, Luq 8:8-21
Qophiilee Gooftaan Tajaajilaaf Godhe
A. Waggoota 30‟f qophii godhee jira. Luq 2:51-52, Luq 3:23. Qaamaanille, Hafuuraanille guddachaa ture. B. Ni cuuphame. Kunis qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf ture. Luq 3:21-22, Yoh 1:29 C. Ni qorame. Mat 4:11, Mar 1:12-13, Luq 4:1-13. Wantoota gurguddoo sadiin qorame.
Nyaataan
Angoodhaan
Kabajaan
D. Hordoftoota isaa filachuudhaaf ni kadhate. Achiimmoo Ergamoota jedhee maqaa itti moggaase. Luq 6:12
Tajaajila gooftaa
Kanas imaloota inni taasiseen qoodnee ilaaluu ni dandeenya. 1ffaa- Jalqaba jireenya isaa irratti:
Luq 2:1-7, garaa hadha isaa keessatti.
Naaziretii gara Yihudaa (beeteeliheem)
2ffaa- Waggaa jalqabaa irratti:
Kunis waggaa 30‟n jalqabaa keessatti.
Miilaan 12KM gara beetraabaatti deeme. Gammoojjii Beetraa keessattis ni some. Mat 3:13, Yoh 1:28. Beetraabaa dhufee Yohaannis muude. Yoh 1:38.
Achiimmoo Qaanaa dhaqee bishaan daadhiitti jijjiire. Yoh 2:1-4
Achii gara Qifrinaahoom
Achii gara Iyerusaalem
Achii gara Samaariyaa, mormiin waan itti ka‟eef. Yoh 2:13-17
Achii gara Qaanaa
Achii gara Naaziret
3ffaa- Yeroo itti beekkametti:
Imala waggaa lamaffaa jedhamee beekama.
Galiilaatti sirriitti beekkame.
4ffaa- Yeroo mormiin itti ka‟etti:
Imala waggaa sadaffaa jedhamee beekama.
Namoota 500‟f nyaata late. Mar 6:38-48
Mucaa hin dhageenyee fi dubbanne fayyise. Mar 7:31-37
5ffaa-Yeroo xumuraarratti:
Continue Reding