2.1. Maloota Macaafa Qulqulluu itti hiikan
Macaafni Qulqulluun macaafa addaa yoo ta’u wanti adda godhan:
Hafuura qulqulluun karaa namootaa kan kenname ta’uu.
Namoonnis kan sirriitti hubachuu danda’an hafuura qulqulluun qofa ta’uu .
Kaayyoo macaafni qulqulluun caafameef akka raawwii argatu gahee guddaa kan taphatu hafuura qulqulluu waan ta’eef Kiristaanoota baay’een malli hiikkaa macaafa qulqulluu yoo raawwatame illee kanneen keessaa jahan ilaalluu yaalla. Tokko tokkoo amala badaafi gaarii qaban akkasumas akkaataa itti dhufan hubachuun mala isa wayyu hordofuu dandeenya.
Gosoota Hiikkaa 1. Malahiikkaa iccitii dhoksaa ittiin macaafaa barbaadan (Allegorical interpretation)
2. Mala hiikkaa Qanoonna (Dogmatic Interpretation)
3. Hiikkaa sababa irratti hundaa’e (Rationalistic Interpretation)
4. Mala hiikkaa dhunfaa (Subjective interpretation)
5. Ceephoon adeemsa hiikaa seenaa (Historical criticism)
6. Seenawwan, seerluga, barruu fi mala hiikkaa galumsaa (HGLC )
1. Mala HiikkaaIccitii DhoksaaIttiin Barbaadan (Allegorical interpretation) a. Hiikkaa: Adeemsaa hiikkaa ittiin hiika dhoksaa fi iccitii ta’e barbaaduu hordafan dha
Hiikni isaa hiikkaa kutaa kennamee irraa adda ykn baay’ee kan fagaate dha
Namni hiiku hiikaa dhokotaa ykn iccitii kan hiika sirrii ta’een addatti barbaada
B. Dhufaatii isaa:Falaasama Girikootaa irraati. Osoo kakuu haaraan hin caafamin dura falaasifota girikootaa biratti waan baratame ture .
Barsiisota sobaa baay’eef mala hiikkaa kana hordofuu tu
Bara 20 Dh. K. D 54 Dh. K. B yeroo jiran keessatti fiiloo jedhafalaasifaan beekamu kan jalqabe yoo ta’u, haalli hiikkaa kun kan jalqabe macaafni Qulqulluu fi falaasamni walitti hin bu’an yaada jedhu kaasuu yaaluu dhaan ture. Hiikaa hafuuraa kennuufiin waldaa kiristaanaa jaarraa tokkoffaa fi giddugaleessaa keessatti kan baratame ture.
C. Namoonni hordofaa turani
1. Falaasfota Girikii Falaasama Girikootaa kan hordofaa miitoloojii waan dhoksaa fi iccitii ta’an in ibsu turan
Waa’ee gaarummaa waaqolii tolfamoo Girikootaa dhoksaan
Waa’ee namaa ta’uu waaqaliitolfamoo Girikootaa hiikaa iccitiin
Waa’ee namaa ilaalcha qaban ibsu turan
2. Fiiloo (20 Dh. D 50 Dh.B) nama jiraate yoo ta’u . Hiikkaa jecha jechaanii fi kan bilchina hin qabne turan jedha.
Hiikkaa guutuun bira gahuuf mala hiikkaa kana fayyadamuu qabu
Falaasfaan Yihuudii kun hiikkaan jecha jechaanii namoota hin bilchaaneef yoo jedhu,
Hiikkaan (Allegorical) immoo namoota bilchaatanif ta’ee lubbuu kan boqochiisuu ykn quubsu dha jedha.
Kutaaa kaminiyyuu yoo dubbifnu waa’ee Waaqayyoo waan ifa hin taane dubbatu jedha. Fakkenyaaf ,akkas jedheera ;
Torban meeshaa aarsaa Pilaaneetota turban Kan bakka bu’ani dha.
Abrahaamii fi Saaraa:Sammuu fi amala gaarii bakka bu’u.
3. Juustiin Maartiin (Bara 100 64 Dh.K.B)
Abbootii amanti keessa tokko yoo ta’u dhugaaf kan falmaa ture kiristaana dhugaa ture. Waa’ee amantii isaaf Kan lubbuu isaa dabarsee kenne dha.
Kakuu moofaa fi kakuu haaraa faayidaa irraa oolchuuf karaa (Allegorical) ta’een yoo hiikne qofa jedheera. Fakkeenyaaf:Liiyaa :Saba yihuudotaa bakka buuti jedhe
Raahel :Waldaa kiristaanaa kakuu haaraa bakka buuti jedheera Aaroonii fi hoori harka Musee lamaan kanneen olkaasan fannoo Yesuus bakka bu’a jedheera.
4. Oorigon :(bara 185 254)
Mana Barumsaa hafuuraa Aleksaanderiaa keessatti dura bu’aa fi barsiisaa nama ture yoo ta’u, abbootii durii keessaas beekamaa fi nama hafuuraa ture.
Macaafa Qulqulluu falaasamaa wajjin wal simsiisuuf kan carraaqaa ture yoo ta’u mala (Allegorical) macaafa qulqullun hiikaa ture.
Fakkeenyaaf :Markabni Nohi
Waldaa Kiristaanaa
Nohi kiristoosii wajjin wal fakkeeseera
Ribiqaan-bishaan waraabuu dhufuu ishee fi loleen Abraham argachuun kiristaanoon guyyaa guyyaan gara macaafa Qulqulluu ilaaluun Kiristoosiin qaamaan argachuu dha fakkeenya jedhu kaa’eera.
Lubbuun foon uffattee dhalatti jedhee barsiisuun (Reincarnation) nama hordofu isa taasiseera .
Seexannis yoo ta’e suuta suutaa adabbii isaa erga gudhatee booda in fayya barsiisa jedhu kan barsiise (Allegorical) kanaan fayyadameeti
5. Giriigon (540 604 ) Waldaa Kaatolikii warra Roomaa keessatti luba jalqabaa kan ture yoo ta’u mala (Allegorical) jedhutti fayyadamaa ture . Malli hiikkaa kun karaa itti lubbuu soorani dha jedhaa ture. Fakkeenyaaf:Macaafa Iyyoob Keessatti kan caqase yoo ilalle:
Hiriyoonni Iyyoob sadanakka gantootaatti
Kudha lamaan ijoollee Iyyoob
12 bartoota gooftaa
7000 hoolonni Iyyoob
akka qulqullootaati
3000 galaanni
yaada waa’ee hin baafneetti
500 cimdii sangaa
akka amala gaarii tti
500 harroonni
akka amala sagaagalummaatti
6. Toomaas Akuwwiinaas (1225 1274)
Beekaa fi beekamaa amantaa kaatolikii keessaa ta’ee cimsee mala macaafa qulqulluu itti hiikan (Allegorical) kan hordofu ture.
Hiikkaan macaafa qulqulluun kan hafuuraa jecha jechaa (irra keessa) mala itti hiikamuu ala jedheera.
Aliigorii hiikkaa iccitii kan agarsiisu yoo ta’u
Taayippoolojiigaruu gocha irratti hundaa’uun walfakkii agarsiisa
Fakkenyaaf :kakuu moofaa keessatti aarsaan hoolichaa kiristoosii fi gaaddidduu fi fakkeenya.
Anaaloojii
qabiyyee walfakkii qabatee kallattiin kan walitti dhufu dha Fakkeenyaafi lafa onaa keessatti bofa museen fannies fannoo yesuus wajjin kan walqabatu ta’uu kan agarsiisu dha
D. Rakkoon isaa 1. Aboon macaafa qulqulluu hiikuu akka namicha hiikuutti akka ta’u taasisa
2. Yaada iccitii hojiin barbaaduu daangaa waan hin qabneef, namni hiiku waan fedhe jechuu danda’a
2. Mala Hiikkaa Qanoonaa (Dogmatic Interpretation) a. Hiikkaa:Kutaa macaafa qulqulluu keessatti kan ibsame dhugaa caalaa macaafa qulqullu alatti haala jiru irratti xiyyeeffachuun hiikuu dha
Hiikaa kutaa kennamee kan murteessu
Namicha hiiku
Gareen
Waldaa kiristaanaan fik.k.f
Barreeffamni qulqullaan hiikamuu kan qabu waldaa kiristaanaa jalatti qorannoo gochuun qofa jechuu dha.
Qanoonaan waldaa kiristaanaa hiikaa erga argatee booda, miseensoonni waldichaa barsiisa qophaa’e qofa fudhatee hubata jechuu dha
B. Dhufa seenaa isaa
Waldaan kiristaanaa isheen durii mala hiikkaa kanaaatti fayyadamuu wanti eegalteef barsiisa sobaa luluuf jecha ture.
Walgahiin waldaa kiristaanaa fi aboon lubootaa xumuramaa yeroo dhufetti mala hiikkaa qanoonaa akka cimu godheera
Malli hiikkaa qanoonaa waldaa kiristaanaa warra Roomaa keessatti akka babal’atu godhee ture.
Namootaa dhuunfaa tokko tokko biratti .
Garee tokko tokko biratti .
Gareewwan sochii garaa garaa uuman tokko tokko biratti hiikkaa cimaa ta’ee ture
Continue Reding