Hiikkaa Macaafa Qulqulluu (Hermeneutics)
C. Guddina mala Qanoonaa 1. Jaaraa 2ffaa fi barsiisa sobaa
Jaarraa 2ffaa keessatti barsiis sobaa waldaa kiristaanaa keessatti yemmuu cimee mul’achaa turetti,
waldaa kiristaanaaf meeshaalolaa ta’ee fayyadeera.
Xerxuliiyaan kan jiraate bara 160 – 220 abbaa waldaa kiristaanaa yoo ta’u, caaffatin qulqulluun kan waldaati
qabeenyummaan isaanii jechuun mala hiikkaa kana akka aadaa ta’u godheera
2. Jeroom (347 – 419) fi Awugastiin 354 – 430
Abbootiin kun waggoota 1000 kan tajaajile mala hiikkaa qopheessaniiru
3. Kaawonsilii Tireentuu: (1546 – 1562)
Walgahii kaatolikiin walitti qabame yoo ta’u kaayyoon isaas sochii haaromsa luutiran mormuu yoo ta’u,
Murteen dabarsanis macaafni qulqulluun aboo mataa isaa hin qabu kan jedhu ture.
Dhugaan hafuuraa kan darbe geggeesitoota waldaa kiristaa in bita kan jedhu ture.
Dhugaanis hiika kan argatu aboo waldaa kiristaanaa jalatti malee nama dhuunfaan hin argamu murtee jedhus darbarsaniiru.
D. Rakkoo isaa: • Macaafa qulqulluu irraa barreeffama adda tahe burqaa aboo godhachuu isaa.
Aboo kana ammo macaafa qulqulluun olgochuun mala hiikkaa qanoonaa rakkoo isaa mul’isa Fakkeenyaa fi : Torban seera kaatolikii
Waa’ee lubootaa
Waa’ee fakkii
Waa’ee Maariyaamii aboowwan kennamanii fi barsisi jiran mala hiikkaa Qanoonaa ti.
3. Hiikkaa Sababa akkaataa sammuu namaaf mijateen hiikuu
a. Hiikkaa: Macaafa qulqulluu akkaattaa sammuu namaaf mijateen hiikun yaaluu
Sammuu namaatiin fudhatama kan hin qabne ykn sababa dhiyyeessuufiin kan hin dandaa’amne kamiyyuu
1. Soba (akka dogongoraatti) akkaa’ama yookiin
2. Hiikni biraan akka kennamuf ta’a Fakkeenyaaf :
a.Galaanni Ertiraa hin hiramne
b.Yoonaas garaa qurxummii keessa guyyaa sadiif halkan sadii turuu hin danda’u.
Dhugummaa fi dogongorummaan macaafa qulqulluu kan murtaa’u hubannoo namootaan.
B. Seenaa dhufa isaa: Hundeen isaa sochii bara kaka’umsaa (Renisence Age) dha.
Jaarraa 17ffaa keessa biyya Awurooppaa keessatti kaka’umsi sabaa ka’ee ture;
kunis barsiisa hafuuraa liibiraliif burqaa ta’eera
Hundeen isaa sochii bara kaka’umsaa (Renisence Age) dha.
Jaarraa 17ffaa keessa biyya Awurooppaa keessatti kaka’umsi sabaa ka’ee ture; kunis barsiisa hafuuraa liibiraliif burqaa ta’eera
C. Rakkoo isaa: Aboo macaafa qulqulluu in gana.
Sammuun namaa hiikkaa macaafa qulqulluuf bu’uura jedhee fudhachuu.
Sammuu namaa irraa ka’ee gara macaafa qulqulluu deemuun macaafa qulqulluu hiikuu yaaluu.
4. Hiikkaa dhuunfaa (Subjective Interpretation) A. Hiikkaa : caafata qulqullaa’aan hiikamuu kan danda’u yeroo “namichi hiikuu lapheen
isaa tuqamu dha” kan jedhu dha.
Hiikkaan macaafa qulqulluu miiraa fi muuxannoo namicha hiikuun murtaa’a jechuu dha.
Namni hiiku kamiyyuu macaafni qulqulluun isaaf maal akka jedhu murteessa jechuu dha .
Akkaataa ilaalcha kanaatti kutaan macaafa qulqulluu tokko fudhatama kan qabu hiikaawwan
adda addaa qabaata jechuu dha
B. Seenaa dhufa isaa:
Shileeyimark (1768 – 1844)
Kiirkikegaard (soren kirkegard) (1813 – 1855)
Kaarilii Baart (1886 – 1968)
Bultimaan (1884 – 1976) kanneen jedhaman falaasifotan
Macaafni qulqulluun akkaataa muuxannoo namicha hiikuutti hiikamuu qaba
Hiikkaan kutaa macaafa qulqulluu akkaataa muuxannoo nama hiikuutti murtaa’uu qaba
Hiikni macaafa qulqulluu nama hiikuun alatti waan jiru irratti hundaa’uu qaba jedhu
Akkaataa barsiisa isaanitti macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoo osoo hin taane,
sagaleewaa qayyoo kan qabate dha.
C. Rakkoo isaa:
Hiikkaa Macaafa qulqulluu kan murteessan warra aboo qaban, nama dhuunfaas ta’e gareen ta’a (luboota, tiksee…)
Namicha hiikeen alatti sirrii ta’uusaa kan murteessu wanti qabatamaan hin jiru jedhu
(No standard to interpret the biblical truth)
5. Ceephoon Adeemsa hiikkaa seenaa (historical criticism) A. Hiikkaa: Macaafa qulqulluu akkuma macaafa kamittuu ilaaluun.
Macaafa hafuuraa ta’uu isaa fi
Qabiyyee waaqummaa isaa ganuun ceephaa’uu jechuu dha.
B. Dhufaatii seenaa isaa:
Macaafni qulqulluun dogorgora qaba jedhanii namoonni.
Amantii haaraa kan qindeessanii fi Liiberal Theology kan jedhaman kana hordofu
Macaafni qulqulluun guutumatti sagalee Waaqayyoo miti jedhu.
C. Rakkoo isaa:
Namoonni kutaa hin barbaadan kutanii baasanii itti fayyadamu.
Hiikuu kan danda’an qofti akka isaaniif ta’utti kaa’u .
6. Seenawwaa, seerluga, barruu fi amala hiikkaa galumsaa (Historical Grammatical Literary Context) (HGLC)
A. Hiikkaa isaa: Namni hiiku qo’annoo fi geggeessaa hafuura qulqulluutiin hiikaa sirrii namicha barressee
Seenaadhaan
Seerlugaan
Galumsa barreeffaamaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaaduu dha.
Barreessaan macaaficha karaa geggeessaa hafuura qulqulluu kan dabarse hiikaa sirrii namni hiiku immoo seenaa,
seerlugaa fi akkaata galumsaa hiikuu kan qabu dha.
B. Dhufaatii seenaa isaa: Haala kanaan hiikuun macaafni qulqulluun aboomataa isaa kan qabu ta’uun baroota keessaatti namoota biratti beekameera.
Macaafni qulqulluun ofii isaatiin of hiika bara haroomsa geggeesitootni turan
Luuteriin
Eeriki Ziiwinigiliin
Kelviin mala kanatti fayyadamaa turan
Iraniiyes (130 – 202) Kan jedhame abbaa waldaa kiristaanaa macaafa qulqulluu karaa sirrii fi ifa ta’een hiika
isaa hubachuu qabna jedhee cimsee dubbateera.
Manni barumsaa Alekissaderiyaa (Allegorical) hiika jedhu yemmuu hordofan, manni barumsaa Anxookiyaa
ammo mala (HGLC) hordofaa turan
C. Faayidaa isaa 1.Namni hiiku macaafa qulqulluun alatti hiikaa fiduu irraa of eegee aboo macaafa qulqulluu akka kabaju godha.
2. Jalqaba sammuu namicha barressee keessa kanture namni hiiku hubachuuf
yaaluun, jalqaba macaafni qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluun barreeffamuusaa amanuu agarsiisa
3. Dhufa seenaa isaa qo’achuun namni hiiku macaafni qulqulluun seenaa namootaa keessatti
kennaa Waaqayoon kenname ta’uu gochaan amanuu agarsiisa.
4. Macaafa qulqulluu seerluga isaa eegee hiikuun, macaafni qulqulluun afaan
namootaan kan kenname aboo qabeessa sagalee Waaqayyoo ta’uu amana.
5. Macaafa qulqulluu akkaataa galumsa isaatti qo’achuun:
Afaan namootaan kan kenname ta’uu,
Aboo qabeessa sagalee waaqayyoo ta’uu,
Keessa isaa kan jiran gosa barreeffamootaa fi haalaan dubbiiwwaniif xiyyeeffannookennuun qo’achuu shaakala.
D. HGLC –Sirrii akka ta’uuf sababoota kan ta’an 1. Sagaleen Waaqayyoo mul’ata malee hibboo akka hintaane ta’uu.
Waaqayyoo dhala namaaf waan guddaa inni kenne keessaa tokko afaan ta’uun, macaafni qulqulluun afaaniin kan bareeffame ta’uu
Macaafichis kan hiikamuu qabu, akkaataa galumsa afaanichaan ta’uu
2. Raajiin kakuu moofaa kakuu haaraan hiikaamuufi raawwachuun isaanii hiikaa sirrii taasisa.
3. Macaafa qulqulluu keessatti haalan dubbii ibsaman (figure of speech) sirriitti akka barreeffamanitti hubachuu waan dandaalamuuf, kutaa biraa hordofuu kan
hin barbaachisne akka ta’e kan hubachiisu waan ta’eef .
4. Qabiyyee seenaa dubbisichaa hordofuu waan dandeesisuuf, barreeffamni
kamiyyuu (Allegori) ykn saabi jektii
viizimiin hiikamuu hin qabu ejjennoo jedhu qabaata.
5. Duraa duuba yaadaa (logic) seera yaadaa fi afaaniin yaadolee ibsaman argachuuf kan gargaaru waanta’eef.
Continue Reding