Hiikaa macaafa qulqulluu

Hiikkaa Macaafa Qulqulluu (Hermeneutics)

Boqonnaa Sadii

3.1. Mala Macaafni Qulqulluun itti qo’atamuu fi Hiikamu

1. Xiinxaluu /Sirritti Ilaaluu/ (Observation)

2. Adeemsa hiikkaa (Interpretation)

3. Walsimsiisuu (Application) 3.2. Qo’annaafi hiikaa macaafa Qulqulluu (Hermeneutics) jechi jedhu jechi Afaan Girikii Afaan Inglizii keessatti hiika lama qabaata, Isaanis:

1. Seera bu’uura qo’annoo fi

2. Kan dubbisuu akkasumas kan dhagahuuf ergaa yeroo yemmuu qabatu

Dhugaa lamaan kana kan hubachuun dandaa’amu wabiilee keessaa fi alaa irratti hundaa’uun namni dubbisu qabiyyee isaa hubachuu danda’a.

Dhugaan kun erga mirkanaa’ee booda namni dubbisu ykn dhaga’u jireenya isaa har’aa fi kan ta’u hubachuu danda’a.

Mala Macaafni Qulqulluun itti qo’atamu beekuu

1. Yaada nuti Waaqayyoo fi macaafa qulqulluuf qabnu bal’isa.

2. Tokkoo tokkoon Kiristaanaa guyyaadhaa guyyaatti gara Kiristoos fakkaachuutti guddata

A. Kiristaannoonni baay’een maalif akka macaafa qulqulluu akka hin qo’anne:

1. Akkamitti akka qo’atamu waan hin beeknee fi tokko tokko immoo:

Afaan Girikii fi Ibiraayisxii dandeettii waan hin qabneef kanaaf yoon qo’adhe illee naaf hin gallu jedhu

2. Ani tajaajilaa waanan hin taaneef maal na fayyada?

Macaafa qulqulluu qo’achuu kan tajaajiltootaa qofa akka ta’etti kan fudhatan jiru.

Xiyyeeffannoo kan itti kennan salphaatti hubachuu kan danda’an qofa (Abboomii kurnan, Far 23 K.K.F)

Yoon rakkadhe tajaajiltoota koon gaafadha jechuu

3. Macaafa qulqulluu dubbisuuf yeroo hin qabu; kun immoo qo’annoo macaafa Qulqulluuf iddoo gad aanaa kennuu agarsiisa.

4. Macaafa Qulqulluu shakkuu; kun immoo ilaalcha warra liibirali warra qaban dha.

5. Fedha dubbisuuf harkisu waan hin qabneef . Kanneen kana fakkaatan namonni akka sagalee Waaqayyoo hin dubbifnee fi jireenya isaanii akka hin jijjiire gufuu itti ta’u.

B. Macaafa Qulqulluu maalif qo’anna?

1. Guddina Hafuuraaf (1 phex 2:2)

Beekumsi macaafa qulqulluu sammun guutuuf qofa osoo hin taane, jijjiiruuf in fayyadu

Guddachuu kan qabnu:

ilaalchaan (sammuun)

Kaayyoon

Sagalee isaa qo’achuun (1 Qor 3: 2)

2. Bilchina hafuuraaf (Ibr 5:11)

Jireenya hafuuran guddachuun gara bilchinaatti nugeessa.

Yeroon guddina keenya irratti gahee waan qabuuf yeroo keenyatti guddina keenyaaf sagalee ta’u dubbisuu.

Bilchinni jireenya Kiristaanaa kan adda taasisu sagalee Waaqayyoo akka dhugaatti fudhatee qo’achuu fi ittiin jiraachuu dha.

3. Firii ija hafuuraa godhachuu (2 Xim 3: 16 – 17)

Barsiisuuf

Balleessaa hubachiisuuf

Qajeelchuuf

Qajeelluummaattis leenjisnudhaaf fayyada

C. Macaafa Qulqulluu hubachuuf qophii dursaa

1. Qalbii yaada haara’e (Qor 2: 14 16)

Kiristoosiin gooftaa isaa godhatee kan fudhate

Yaada jijjiirame kan barbaachisu afaan Girikii ykn Ibiraayisxii beekuuf osoo hin taane macaafni qulqulluun waan jedhu ajajamuuf

2. Qalbii dheebotte (1 phex 2:2 – 3)

Dhugaa dubbii macaafichaa hubachuuf qalbii dheebotte barbaachisa

3. Qalbii ajajjamtu (Far 119: 98 – 100)

Sagalee Waaqayyoo baruufi ajajamuun walcina kan deeman dha malee kan gargar bahanmiti.

4. Qalbii baru barbaachisa (Isa 50:45)

Yeroo hundaa qalbiin waan haaraa baruuf qophaa’u waan hundumaa akka beeketti of hin lakkaa’u.

Carraaqii dhuunfaa

Macaafni qulqulluun dhiba’aaf ija hinkennu.

Yeroo baay’ee kenninee macaafa qulqulluu yoo dubbifne faayidaa baay’earganna

Waaqayyoof ifa ta’uu (Fak 8: 34 – 35)

Jijjiiramuuf qophaa’oo ta’uu .

Ittiin tajaajiluuf sagalee isaa haa qo’annu; jalqaba jijjiiramuuf dursa haa laannu; kanaa booda jireenya keenya sagalichaaf haa hirru.

Mala itti hiikamu hubachuun cimsinee haa qo’annu.

Kallattii qo’annoo isa sirrii qabannee qo’achuun qo’annoo mucaafa qulqulluu isa sirrii dha.

D. Macaafa Qulqulluu akkamitti haa qo’annu?

Macaafni qulqulluun mataan isaa akka qo’annu waan nuajajuuf akka itti qo’annu beekuu nu barbaachisa.

1. Macaafa qulqulluu qo’achuuf mala nuti hin fayyadamne

Mala soorgoo fi sookoo (allegorical interpretation)

Mala Qanoonaa (Dogmatic interpretation) Kan Waldaan kiristaanaa labsiin murteesite sagalee Waaqayyoon alatti ykn aboo macaafa qulqulluun ol kan ta’ani hin fudhannu.

Yaada nama dhuunfaan kan ta’e (subjective interpretation)

Sirrii fi jecha jechaan mala ibsu fayyadamna (HGLC) Kallattiinii fi ifa karaa ta’een malli hiikamu, Afaan barreesichaa hordofuun waan inni dabarsuu barbaade argachuuf fayyada. Fakkeenyaaf: (Yoh 3: 1 – 13) “… nama foonii ttii kan dhalate foon, hafuuratti kandhalate hafuura!”

Kutaan kun waa’ee lammata dhalachuu kan dubbatuta’uu isaa sirriitti hubachuu barbaachisa; kanaaf kan nu fayyadu hiikaa galumsaa ti.

2. Macaafa qulqulluu qo’achuuf adeemsota nuti hordofnu:

1. Irra keessa ilaaluu (observation)

2. Hiikuu (Interpretation) fi

3. Walsimsiisuu (Application idea) ta’a

1. Irra keessa ilaaluu (Observation)

Adeemsa jalqabaa yemmuu ta’u “maalan arge?” (dubbise) jennee sadarkaa itti of gaafannuu fi deebisnu dha.

Mala kanaaf ka’umsa yoo ta’u nuyif maal jedha jennee hin eeggalu.

Sadarkaa kanatti

1. Kutaa Macaafa qulqulluu qoa’anu dha

2. Odeeffannoo kamiyyuu kutaa macaafa qo’annaa keessaa hojii barbaachisugeggeeffana.

3. Gudunfaa kamiyyuu kennuun hin danda’amu.

4. Kan qo’atamu ifatti, tokko tokkoon ta’uu qaba.

Xiyyeffannoo kennuun qabxiilee barbaachisoo ta’an baasuun

yeroo fudhata

muuxannoo gaafata

caraaqii barbaachisa

Irra deddeebbi’uun dubbisuu gaafata

Yaada baaqqee irraa gara dimshaashaatti mala qo’annoo macaafa qulqulluu (Inductive Bible study)

Gad fageenyaan macaafa qulqulluu qo’achuu yeroo barreeffametti afaan, aadaa fi teessumma lafaa qo’achuun hiikuun bara keenyatti, bara kan ce’u sagalee Waaqayyoon akka wal quunnamnu (Inductive Bible Study) baay’ee barbaachisaa dha.

Qo’annoo kana keessatti adeemsota baay’ee barbaachisoo ta’an irra keessa ilaaluu, hiikuu fi walsimsiisuu sirriitti hubanna. Seera irra keessa ilaaluu

sirriitti ilaaluu

xiyyeeffachuu

hubachuu

qo’achuu of keessatti qabata a. Yeroo irra keessa ilaaluu tti waantota ilaalamuu qaban

1. Jechoota furtuu ta’an (key words) qo’achuu

Jechootni furtuu ta’an ergaa barreessaa kan qabatan dha Jecchoonni
Himaan

Keeyyataan

Boqonnaadhaan

kitaaba guutuu keessatti irra deddeebiin yoo jiraatan xiyyeeffannoo akka ta’anitti sirriitti qo’achuu qabna Fakkeenyaaf: Wangeela Yoohaannis keessatti “Amani” jechi jedhu yeroo 98 caqafameera Maarqos Keessatti immoo “cuuphaa” jechi jedhu yeroo baay’ee barreeffameera.

2. Caasaa barreffamicha (structure) qo’achuu

Kutaan qo’annoo keenyaa akkaataa itti taa’e ilaaluu jechuu dha.

A. ijaarsa seenaa isaa

Haala attamii keessatti akka barreeffame

Kan jalqaba ergicha fudhatan eenyu akka ta’an

Yeroo fi bakka itti barreeffame

Kaayyoon macaafichaa walumaa galatti maal akka ta’e hubachuu

B. Ijaarsa seerlugaa

Hima keessatti : Gocha kan raawwatu eenyu (subject)

Xumurtuun (verb) maal akka ta’e Fakk. Qol 1: 3 – 5: Gochi kan irratti raawwatamu (object) maal akka ta’e hubachuu barbaachisa

C. Haala ijaarsa barreeffamaa

Kutaa dubbisaa tokko keessatti gaaffii gaafachuun deebii argachuu

Ka’umsaa fi bu’aa yaada tokkoo hordofuun ibsuu

Olka’umsaa fi gad bu’iinsa yaada tokkoof hiika argachuu

D. Walqabatiinsan Uumuu

Walqabatiinsa qabaa?

Bakka biraattiis kan caqasamee dhaa?

Kutaa, birraa keessatti yaada kana in argannaa?

3. Gosa barreeffamichaa (Literary form) ilaaluu

Barreessich haala barreeffama kamii akka hordofe seenssaa

haalaan dubbii

barreeffama hasawaaa

kadhannaa

farfannaa

raajii o Ijaarsa amala akkamii qaba ture

jireenya

teessuma lafaa

Waraana

oduu lafaa

4. Naannoo barreeffamichaa (Atmosphere) qo’achuu

Barreffamicha keessatti miira sochii godhu (mood or tone)

Barreeffamicha keessatti barreessich kan jechuu barbaade qofa osoo hin taane miira isaas hubachuu

Bakka tokkotti barreeffamicha keessa of galchuun yeroo jalqabaaf naamoota bara’eef

Sammuu akkamii

miira akkamii keessa ta’anii akka amanan hubachuuf carraaquu irra jira

Fakkeenyaaf :

shakkii Marq. 16: 9 – 14

Sodaa Uum 20: 18 – 21

Dheekamsa Lew 6: 12 – 15

Galata 1Xim 1: 12 17

Fil 4:4 irratti naannoo namicha barressee fi kan fudhatanii yoo qo’anne barreessaan mana hidhaa /kan foolii badaa qabu mana hidhaa warra Roomaa keessa kan ture yoo ta’u,

Kan fudhatan : Sodaa, rakkoo, gaddaa keessa kan turan dha.

B. Yeroo irra keessa ilaallutti hubannoo fi kan itti fayyadamnuu fi adeemsota hordofuu qabnu

1. eenyu (who) – gaaffiin kun o Waa’ee namootaa waan jiru hunda walitti qabata

Waa’ee namootaaf waan jedhame hunda hubachuuf gargaara Iya 2:1, Mat 17:18 o Barreeffamicha keessatti kan caqafaman hirmaatoota seenichaa baasuuf gaaffii itti fayyadamnu dha.

Kan dubbatu eenyu?

kan dhagahani eenyu faadha?

Namoonni caqafaman amalli isaanii abbumaa adda baasuuf gargaara Fakkeenyaaf: Waaqayyo, Inni, isheen, fariisota, Maatewos, Phaawuloos, abshaala, gowwaa

2. Maal (what?) gaaffiin kun

    Kutaa dubbisaa keessatti maaltu ta’aa jira?

    Wanta raawwatamanis duraa duubaa kamiin?

    Hirmaattoni dubbisicha keessatti caqafaman maaltu isaan quunnameera?

    Dubbisicha keessatti yaanni mormii yoo jiraate, maal inni?

    Barreesich ergaa inni dabarsuu barbaade maal?

    Barreeffamicha keessatti gochawwan jiran maal fa’i?

    Namoota caqafaman irratti maal geessisu?

    Kutichi rakkinichaaf hiika /furmaata/ maal kenna?

    Rakkoon uumame maal? Barreessich hoo furmaata saa maal jedha?


    Continue Reding