3. Yoom (When) : Gaaffiin kun
Gochichi yoom akka raawwatame akka barru nu godha galgala, ganama, sa’a booda, halkan fi k.k.f
Ergichi yoom akka raawwatame
Macaafa qulqulluu keessatti gochaawwan biroo wajjin yemmuu wal bira qabu, inni kun yoom kan jedhamuuf deebii kenna.
4. Eessa (where?) gaaffiin kun:
Gochichi bakka kamitti akka raawwatame, bakka kan nuhubachiisu dha
Hirmaattonni seenicha keessatti eessatti akka argaman
Eessaa akka dhufanii fi eessas akka deeman
Barressaanii fi kan jalqaba barreeffameef eessa akka turan hubachuuf nu gargaara
5. Maalif (Why?) Gaaffiin kun
Haala gochich itti raawwatame sababa isaa hubachuuf gargaara .
Dubbisicha keessatti inni tokko waan baay’ee yemmuu dubbatu kan maalif callisan?
Maalif dubbate, dheekkame, gammade, galateeffate? Kan jedhaniif deebii kenna.
6. Akkamitti (How?)
Gochichi akkamitti raawwate jedhee gaafatee
Bu’aa
yaada
miirri isaa akkam akka ture, xumuura irratti furmaata kan argannu dha
C. Yeroo irra keessa ilaalutti wal qabsiisota barbaachisoo (important connectives)
Walqabsiistota ilaaluun baay’ee barbaachisaa wanti ta’eef, yaada kuticha keessatti argaman walitti dhufeenya isaan qaban hubachuuf .
Yaada kan ijaaran cimsanii qabachuun yaada barreessaa adda baasanii galmeessuun barbaachisaa dha. Walqbisiisto kanneen jedhaman kanneen akka
>1. Waldorgomsiisaa (Camparison)
Waldorgomsiisuu jechuun yaadolee walfakkaatan ykn jechoota wal fakkatan wal bira qabuun wal fakkii isaanii ilaalun kan ibsu dha. Fakkeenyaaf: fi, akkasumns, fi k.k.f fayyadamuun jechoota wal dorgomsiisuu yemmuuEfe 5: 22 – 25, Uum 12:10 – 16, Mat 13: 24
2. Faallaa isaanii wal bira qabuu (Contrast)
Lama ykn lamaa ol yaada wal faallessan kan agarsiisu yoo ta’uYaadolee ifa ta’an dubbisicha keessaa argachuuf kannen morman ta’uu kan agarsiisu dha Fakkeenyaaf: Haa ta’u malee, garuu, fi k.k.f (Efe 2: 413, Rome 3:2021, Luq.18: 914, Yoh.3:15, 4:110
3. Irra deddeebii (Repetition) Jechoota, gaaleewwan, yaadota:
Yaada tokko ifa gochuuf barreessichi irra deddeebi’ee yemmuu ibsu. Fakkeenyaaf: Macaafa lallabaa
– Aduu gaditti hundu waa’ee hin baasu waa’ee hin baasu 1Qor 13 Jaalala
4. Gurra guddisuu (progression) Yaada isaa laafisaa dhufee gara yaada ijootti yemmun dhufu immoo osoo addaan hin citin kan cimee ibsamu yoo ta’u Fakkeenyaaf: Luq 8: 1 – 56:
humna gooftaa mul’isa Macaafni Bau – Adabbii cimsee mul’isa, Ibrootaa: Amantii cimsee mul’isa
5. Kallatti kan agarsiisuu (Turning point) Kallattiiwaantootaa yaadni agarsiisu rakkoo kallattii agarsiisuun furmaata Yaadni tokko dhumuu
Gara yaada biraatti darbuu agarsiisa Fakkeenyaaf : 2Saam 11 fi 12 jireenya Daawwit agarsiisa
1 Saam 16:
1 Xumura mootumaa Saawwol agarsiisa
6. Sababa (reason)
Bu’aa isaa ilaaluun hubachuu Fakkeenyaaf: kanaafuu, waan ta’eef, sababni isaas fi k.k.f kaayyoo, As … hanga
Yeroo tokkotti gochi raawwatame tokko yeroo biroof sababa ta’a. Fakkeenyaaf: Sababaa fi bu’aa
Hoe 5:11 Sababa: Du’a anaani yaasii fi saphiiraa Bu’aa: Sodaan Waaqaa waldaa kiristaanaa keessatti buufachuu
Rome 1:23 26 Sababa: Waaqa tofamaa waaqessuu.
Bu’aa: Kajeellaa garaa fi xuraa’umaatti kennamuu.
7. Dhimma (purpose)
Namni barresse yaada ykn kaayyoo ibsuu barbaade gaaleewwan itti fayyadame sirritti qo’achuu (Yoh 1:7, Qol :10, Rome 3:19, Yoh 20: 30 – 31)
8. Ajahaa fi Akeekachiisa (commands and warnings)
Yaadni ijoo dubbisichaa maal? o Ajajin samiirraa maal?
Xiyyeeffannoo kennuu fii wanti qabnu maal? Jennee hubachuuf yaalu dha. Fakkeenyaaf: Efe 4:25 – 32
Ajaja : utuma aariitti jirtanii aduun isin duraa hin lixin.
Akeekachiisa: Seexanaaf karaa hin kenninaa. Fili. 3: 2, Gal 6:1, 1Phex 1: 13 – 16
9. Sagalee Abdii Ilaaluu (promising words)
Cimsuuf
Jajjabeessuuf
Gorsuuf
Fakkeenyaaf: Rome 8:32, Iya 1: 2 – 9, 1Phex 1: 4 – 5, Mat 7: 7 12 o
Kadhadhaa – isiniif kennamaa
Barbaadaa – in argattuu
Balabala rukutaa – isiniif banamaa
10. Kadhannaa (Pray)
Jechoonni waa’ee kadhannaaf dhiyyatan sirritti qo’atamuu qabu.
Kadhaa, qabiyyeen isaa maal akka ta’e. Fakkeenyaaf: efe 1:16, 3:14, Far 7: 7 – 11
Sababa kedhannaa
Bu’aa kadhannaa
Gufuu kadhannaa Luq 18 qo’achuu dha.
11. Gaaffilee fi deebiiwaan ilaaluu (Questions and Answers)
Gaaffii fi deebii keessatti jechoota hammataman qo’achuu
Akkamitti gaafataman
Akkamitti deebii argatan Fakkeenya :
Geediyoon, Abo 6, Rome 2: 21 – 23, Yaaf 3: 11 – 14
Phaawulos gaaffilee mariif ta’an yemmuu gaafatu argama
12. Haalaan dubbii (parables) illustrations
Haalaan dubbiin waa’ee maalii akka qo’annu ilaaluuf sirriitti gargaara
waa’ee maalii dubbatan?
Akkamitti dubbatan?
Fakkeenya: Mat 13, namichi sanyii facaasuu ba’e
13. Haalan dubbii haalaa (conditions … if)
Yoo waan tokko goone wanti biraan nuufraawwata jechuun haala tokko lafa kaa’uu Fakkeenya : Yoo tolejettan eebba biyya lafaa nyaattu.
14. Baay’innaa fi hanga kan ibsu (proportion)
Kuticha keessatti waa’ee maalitu bal’inaan caqafamee ibsame?
Kutichi yaada bal’aa kan kenneef adeemsa ittiin ilaaluu Fakkeenya:
Uum 1: 11 seenaan bara baay’ee yemmuu xumuramu
Uum 12:50 – seenaa abboota afurii bal’inaan ibsa
15. Miira kan ibsan (Emotions)
Kuticha keessatti kan caqafaman jechoonni miira kam ibsu?
Gammachuu? Gada?
Miirota kan ibsan haalaan dubbii fi walaloo qo’achuu qabna
aarii? innaafaa?
16. Jechoota Yeroo ibsan (Time indicators)
Gochich yoom akka raawwatame jechoota ibsan
Dura – maal dura? Jennee gaaffanna
Yeroo sanatti – yeroo kamitti? Jennee gaaffanna
Booda – maal booda? Jennee gaaffanna Fakkeenya:
2Tes 1: 6 – 9, Luq 15: 14, 24: 30 – 32, Mar 1: 10, Qol 2: 15
17. Xiyyeeffannoo Addaa kan agarsiisan (Emphasis explicit word statement)
Xiyyeeffannoo waan tokkoo harkisuuf kan caafaman Fakkeenya: dhuguma, dhugumayaadichi cimaata’uu fi xiyyeeffannoo kan barbaachisu dha
D. Yeroo ilaaluutti haalaan dubbii qo’achuu (figures of speech)
Yeroo hiikuutti jechoonni fi gaalewwan haalaan dubbii ta’uu danda’u
Haalan dubbii kallattiin hiikuun waan hin dandaa’amneef, of eeggannoo barbaachisa.
1. Haalaan dubbii wal dorgommii (figures of comparison)
A. Haalan dubbi (simile)
Waantoota wal hin fakkaan “akka” jechuun wal bira qabuun ibsa.
Fakkeenya: Akka gugee haxxee akka gugee garraamii
isheen akka markaba daldalaati fakk 31:14
Nuti hundi keenya akka hootota badanii taaneera Isa 53:6
B. Haalan dubbii (Metaphor)
Akka’ osoo hinjedheni wantooa lama wal bira kan qabu Fakkeenya: Amantootaan “ashaboo” (Mat 5: 13)
“ifa biyya laffaa” (Mat 5: 14) “hoolaa waaqayyoo” (yoh 1: 29)
2. Haalaan dubbii (Figures of relation)
A. Haalaan dubbii (Synecdoche)
Tokko hundumaaf yemmuu oolu
Namni tokko namoota baay’eef
Baaqqeen baay’eef Fakkeenya: Iya.6
– cubbuu Akkaan
“Isra’el cubbuu hojjete”
– akka hojii nama tokkoo ti
B. Haalaan dubbii (Metonymy) * Wantoota walitti dhufeenya qabaniif akka ibsaatti kan galu (Luq 16 :29, Fil 3:2, Far 1:3)
Fakkeenya Luq 16 : 29Macaafa kakuu moofaa agarsiisuuf “Musee fi Raajota” jedha Musee – macaafota seeraa Raajota
– macaafota raajoota bakka bu’aniiru Luq 9:62 – gara booda – gooftaa irraa duuba deebi’uu Far 22 : 16 – saroon – cubbamootaaf kan kenname dha.
3. Haalaan dubbii nameessaa (figures of humanization)
Yaadaa fi lubbuu yoo kenninu
Waantootaaf lubbuu yoo kenninu Fakkeenya: Seenaan haa dubbatu Lageen harka walitti rukutu (Far 98:8)
A. Haalaan dubbii (Anthropomorphism)
Bifaa fi amala namaa: Waaqayyoof kennuu
Kanneen biro (bineensota, uumama)
– amala gocha Waaqayyoof kennuu Fakkeenya: Far 139: 16
B. Haalaan dubbii (Personification)
Amala namaa: bineensotaan ykn kanneen lubbuu hin qabneen ibsuu (Far 24:7)
Amala tokko amala namaan fakkeessuu (yaaf 1: 15)
C. Haalaan dubbii (Apostrophe)
Namootaaf ykn wantootaaf bakka jiratti ykn yeroo hin jiretti haasaa godhamuuf (His 37:4, 2Sam 18:33, Isa 54:1)
4. Haalaan dubbii (Figures of intensification)
A. Haalaan dubbii (Hyperbole)
Kallattiin hin kamuu kan hindandaa’amne haalan ibsuuf fayyada Fakkeenya: Yoh 21:25
B. Haalaan dubbii (Irony)
Hiika baramaa fi ifaa ta’een Fakkenyaaf: (1Qor 4:8) “Ammas isin guuttattaniittu! Sooromtaniitu! Nuyi malee,” Haalaan dubbii kanatti fayyadamuun warri Qorontoos waan irra gahuu qaban irra akka hin geenye beeksisa phaawulos
C. Haalaan dubbii Gaaffii (Rhetorical question)
Gaaffiin akkasii yaada ijoofi xiyyeeffannoo kennuun deebii kan barbaadu haalaan dubbii dha Fakkeenya: Erm 32:27 “Wanti anaaf hin dandaa’amne jiraa ree?”
D. Yeroo ilaaluutti, haalaan dubbii hiikuurratti of eeggannoo
Yaada ijoo – dubbisicha hiikuuf adeemsa
1. Hiikaa sirrii barbaadu – kana yoo hin taane ,
2. Haalaan dubbii isa kam akka ta’e hubachuun waan hubachuun barbaanne kanaa booda hubachuu
3. Hiikaa sirrii akka qabaatuuf akka galumsaatti dubbisuu (Contextual study will be needed)
Haalaan dubbii yoo ta’e kallattiimaan yoo hiikne yaada macaafa qulqulluu waliin wal faallessa Fakkeenyaaf: “Hoolaa waaqayyoo …” kallattiin yoo hiikne hoolaan bineensa manaa ta’uu agarsiisa. Hiikaan haalaan dubbii isaa garuu aarsaa kan ta’u gooftaa keenya, yohaannis cuuphaan agarsiisa
E. Kaayyoo haalaan dubbii
1. Ifumaa agarsiisuuf Fakkeenya: Far 18:2, “Waaqayyo kattaa koo,”
Himni kun karaa ifa ta’een waaqayyotti amanuun hangam jabinaa fi cimna akka kennu agarsiisa.
2. Yaada ykn xiyyeeffannoo sassaabuuf:
Haalli ittiin dubbatamu adda waan ta’eef yaada ykn qalbii nama dhagahuu ykn dubbisuu harkisa. Fakkeenya: Yaaq 3:6 “Arrabni ibidda”
3. Yaadota ulfaato dha jedhaman ifa gochuuf: Fakk. Kedeb 33:27, “Irreen bara baraas isa jala jira” Bakki kun waa’ee eegumsa waaqayyoo ifa godha.
4. Yaada gabaabsee ibsuuf /dabarsuuf
Jechoota gabaaboon yaada bal’aa daarsuu danda’a. Fakk: “Waaqayyo tiksee kooti” Far 23:1
5. Hubachuu akka dandeenyuuf nu gargaara
Kan dhaggeeffatu akka tasgabbaa’ee yaadu godha Fakk. Far 52:8, “Ani garuu akka muka ejersaa, isa mana waaqayyoo keessatti lalisaa guddatuuti”
F. Jechoonni, Himoonni haalaan dubbii akka hin taane akkamiin beekama?
1. Jalqaba kutaa dubbisichaa kallattiin hiikuu yaaluun gaarii dha
2. Haalaan dubbiin kan hiikau
Hiikaa sirrii yoo hin qabaanne
Dubbichi hiika dhabeessa yoo ta’e qofa Fakkeenya: “Yaa lafaa dhaga’i” (Erm 1: 18) Mul 1:16, Mil 1:12, Isa 55:12, Far 57:1, Yoh 6:53 – 58
3. Dubbis waliigalaa isaa dhugaa macaafa qulqulluu waliin kan wal hin dhiibne ta’uu Gaaffii: Adeemsa irra keessa ilaaluun kutaawwan arman gadii hojjedhu Luq 7: 36 – 50, Yoh 9: 1 – 39, Efe 2:1 – 22
2. Seera Hiikuu (Interpretation)
Irra keessa ilaaluun yeroo hundaa gara hiikuutti geessa
Kun maal jechuu dha gaaffii jedhuuf
hiikaa kuta dubbisaa
ergaan barreessaa maal akka ta’e hubachuu
A. Hiikaa kutaa macaafa qulqulluu tokko argachuuf
1. kutaa macaafichaa gaaffilee garaagaraa gaafachuu
2. Kutichuma keessaa deebii argachuuf
yeroo ilaalletti odeeffannoo walitti qabne nugargaaru
3. Deebiiwwan akkaataa hiika qabeessa ta’een kaa’uu (barreessuu)
A. Qo’annoo macaafa qulqulluu bu’a qabeessa gochuuf
Dubbissu kan hubatan barreessuu
Gad fageenyaan yaaduu fi jireenyaan walsimsiisuu dha
B. Akkaataa galumsaan macaafa qulqulluun hiikuu
1. Hiika – Macaafa keessa kan jiran, naannoo kutaa dubbisaa hunda ilaaluu
Haala teessuma kutaa dubbisichaa, aadaa, haala amantii ilaaluu
2. barbaachiusummaa:
A. hiikaa sirrii kutichaa argachuuf namni dubbisu yeroo hundaa cimsee dubbisuu
Fakkeenya: Abba buddeenaa kee akka ofii keetti jaalladhu
Dursinee ofii keenya akkamitti akka jaallaanu yaaduu
Abbaa buddeenaa keenaa fi ofii keenya haala itti jaallanu wal bira Qabuu
B. Macaafni qulqulluun kan wal hin dhiibne ta’uuhubachuuf Fakkeenya: Yaaqob “hojii” Phaawuloos “amantii” yaadota walitti bu’an fakkaatu, kan hiikaman garuu akkaataa galumsaan.