Hiika haala galumsaa
1. Haala barreeffaman hiikaa galumsaa
A. Hiika:-
Kutaa dubbisichaa cinaa haalota ykn gochaa /yaadolee jiran jechuu dha .
Hiikaa jechaaf bu’uuri hima keessatti.
Hiikni himaa keeyyata keessatti.
Hiikni keeyyataa boqonnaa mataa isaa danda’e keessatti .
Hiikni boqonnaa tokkoo immoo macaaficha ta’a.
Hiikni kutaa macaafichaa ammo guutummaa macaafa qulqulluu ta’a Fakkeenya: Fil 2:12, Mul 3:20, Yoh 3:6, 2Qor 5: 5
- Fayyinni hojiin jechuu dhaa?
- Kiristoos namoota fayyinatti waame jechuu dhaa?
- Namni hafuura jechuu dhaa? - Foon namaa korojoo hafuuraa tii?
B. Haala barreeffamaa irratti hundaa’uun hiikun
1. Macaafa seenaa
Kakuu moofaa – uumaa - Aster
Kakuu Haaraa – Wangeelootaa fi Hojii egamootaa
Macaafonni kunnin macaafota seenaa fi
Aadaa, afaan, fi gochaawwan namootaa haala seeneessan waan himamuuf, macaafa seenaa jedhamu
Macaafonni seenaa kunnin
- Waa’ee namootaa
- Argama waaqayyoo gochaalee keessatti
- Walitti dhufeenya namootaa fi waaqayyoo waan ibsu
Kanneen macaafota seenaa jedhaman kun ergaa isaanii kan dabarsan
- Guddina yaadaa (development)
- Walitti bu’iinsa (conflict)
- Hirmaatota (characters)
- fi kkf fayyadamuunii dha
Tokkoo tokkoon macaafichaa yaada guutuu kan qabu yoo ta’u, yaada garaa garaas qabateera Macaafota seenaa yemmuu hiiknutti xiyyeeffannoo gochuu kan qabnu
1. Seenessaa: eenyu? - Ani (Nahiimiyaa)- Nuyi (Hojii ergamootaa) - Inni - Ishee jedhee ibsamuu danda’a
2. Hirmaattonni
Kan hirmaatan eenyu fa’i Haala kamiin mul’atan
Yeroo tokko tokko dubbachuu danda’uu (Milkool 1Sam 18:19)
Yeroo tokko tokko immoo homaa yeroo itti hin jenne jira
3. Guddina yaadaa
Maalif seenaa kana bifa kanaan dubbate
Barreessich waan barreessuu barbaade filachuun toora qabsiisuu qaba
Seenessa keessatti sababaa fi bu’aan jiraachuu qabu
4. Yeroo seenessaa
Odeeffannoon tokko tokko toora kennameen alatti maalif kennaman?
Seenaa tokkoof yeroo gabaabaan kennamee kaaniif immoo yeroo bal’aan maalif kenname Fakk. Waggaa fi marga nyaate
5. Tekinikoota adda addaa hubachuu
Irra deddeebii
Bakka itti raawwate
Waliin dubbii
2. Macaafota Ogummaa fi Falaasamaa
39n macaafa kakuu moofaa keessaa 5macaafota haalaan dubbii yoo ta’an Iyoobii,fakkeenya, Lallabaaf ,Weedduu Weddotaati
Macaafonni ogummaa ergaa waaqayyoo kan dabarsan akka kanneen biro Waaqayyoo gooftaan maccaa akkas jedha jechuun miti .
Deebii hafuuraa kennuun, namoota miira fi yaada isaanii bilisaan kan itti ibsanii dha.
Namni Waaqayyoo akkamittiin ogummaan jiraachuu akka qaban kan ibsani dha
Hiikkaa Macaafota Oguummaa
Iyyoob: Waliin dubbii hiriyoota Iyyoob 4nii yaada isaan dubbatan keeyyataan kaa’uun qo’achuun in danda’aama. Faarsaa: - Kan Waaqeffannaati
- Ogummaan kan ibsame - waa’ee masihichaa amala isaa sirriitti adda baasanii qo’achuu Faarsaa hiikuu
1. Yaada tokko lakkoofsa qabate hubachuu - keeyyata yaada tokkoo adda baasanii beekuuf gargaara
2. Irra deddibi’uun kan dhufan toora faarsaa walqabsiisuun
3. Garamitti faarsichi akka ramadamu adda baasuun ramaduu (kadhannaa, ogummaa, waaqeffannaa)
4. Dhufa seenaa isaa hubachuun (Far 3) faarsaa Daawit yeroo Abeseeloom irraa bafateetti
5.Haalaan dubbii adda baasi Fakk: Faarsaa 18: 4 – 18 waan tokko waan biraan bakka buusee haala itti ibse hubadha. Macaafota ogummaa yemmuu qo’annu miira qofa akka hin ibsine hubannee guddina isaanii hubachuu qabna.
- Namni tokko nama biraa wajjin yemmuu dubbatu
- Namni waaqaa wajjin yemmuu dubbatu
- Namni ofii isaa wajjin akkamitti miira isaa akka ibsu Fakkeenya:- (Faar 27:4) – Waaqayyoon waan tokkon kadhadhe, (Faar 100:1-5) – Faarfatichi yaada isaa gammachuun yemmuu dubbatu, (Faar 50:1-22) – miirri isaa gaddaan yemmuu guutu argina.
Haala Barreeffama macaafota Ogummaa Bakka shanitti kan hiraman yemmuu ta’an hundinuu irra deddeebii toora (parallelism) jedhamanii waamamu
1. Irra deddeebii wal fakkaataa (synonymous) - toorri lamaffaa toora isa jalqabaa yaada isaa karaa biraan yoo irra deebi’u Fakkeenya: Far 103:3, 10, Far 92: 4 2. Irra deddeebii ifoo ta’an (Synthetic Parallelism) Toorri jalqabaa isa lammattaan yemmuu ibsamu ykn guddatu Fakkeenya Far 34:4, 23:6, 95:3 3. Irra deddeebii faallaa (Antithetical parallelism)
Toorri jalqabaa isa lammaffaan morma
Baay’inaan macaaf fakkeenyaa keessatti argama Fakkeenyaa: Far 37: 21, 90:6, 132:18
4. Irra deddeebii yeroo (climatic parallelism)
Toorri jalqabaa irra deebi’uun, guutummatti osoo hintaane walakkaan, yaadni guutuu hin taane xumura irratti raawwii yoo argatu . Fakk. Far 93:3, 29: 1 – 2
Barreessichi jalqaba irratti maal jechuu akka barbaade dhuma irratti ibsa
5. Haalaan dubbiin irra deddeebii (Emblematic parallelism)
Baay’inaan haalaan dubbiin (Figure of speech) kan jiran ta’ee fayyadamni isaas haalaan dubbiin
Toorri jalqabaa ibsuun. Fakkeenya: Far 52:2, 22:16, 42:1 Macaafa Fakkeenyaa
Barreeffamni baay’een maalif akka barreffame in beekama
Kaayyoon barreeffameef
1. Waaqayyo biraa namni ogummaa argate tokko akkamitti beekumsa isaa hojii irra oolchuu akka danda’u ibsuuf
2. Ogummaan jalqabaa Waaqayyoon sodaachuu akka ta’e agarsiisuuf.
3. Namni ogummaa mataa isaatti irkachuu irra Waaqayyo fi akka amanuu qabu barsiisu . Macaafa fakkeenyaa yemmuu hiiknu beekamuu kan qaban:
1. Jireenya namaa keessatti waan ta’an hunda duuchaan dubbata
2. Karaa jireenya ittiin geggeessaan nuuf kennu garuu akka sagalee abdiitti fudhachuu hin qabnu (Fak 16:18, 22: 6)
3. Namni ogeessi Waaqayyoon beeka yoo ta’e
Jirenya isaa sirriitti geggeessa
Namni dhiibaa’an Waaqayyoon hin beekne akkamitti akka socho’u ibsa (Fak 1:7, 20:13) Fakkeenya 10 jalqabee tokkoo tokkoon boqonnaa yaada tokko (unit of thought)) gochuun fudhannee qo’achuu dandeenya.
Maccaafa Lallabaa
Lubbuu kennaa yoo taate illee waaqaayyoon kan hin qabne garuu gatii hin qabdu yaada jedhu qabata
Macaafni kun – carraaqii
- dadhabbii
- beekumia waaqayyoo alatti jiran Waaqayyoo alatti jiran gatii akka hin qabne ibsa
Kaayyoo barreeffameef
1. Wanti Waaqayyo keessa hin jirre hundi gati dhabeessa ta’uu agarsiisuf
2. Namni daangeeffamaa ta’uu isaa hubatee
Waaqayyoon gammachiisuun
Waaqayyoof ajajamuun
Waaqayyoon sodaachuun jiraachuu akka qabu agarsiisuuf
3. Lubbuun kennaa Waaqayyoo waan taateef haa gammadu ergaa jedhu agarsiisa (9:8 – 9, 3:12 – 13)
Barreffamni isaanii kanjijjiiramu gosa isaanii adda baasuun hordofuun yaada tokko akka keeyyataatti hubachuu dandeenya.
Weedduu Weeddotaa
Jaalala namootaa giddutti walaloo barreeffaman kan qabate dha.
Gaa’ela keessatti walitti dhufeenya gaarii ta’an ibsa
Waliin dubbiin waan jiruuf waan tokko tokkoon isaanii dubbatan keeyyata gochuun fudhachuun in dandaa’ama Macaafota Raajii
Kan jalqaba beekuu qabnu macaafa raajii eenyu illee fedha mataa isaatiin akka hiikuuf hin eyyamammeef. Kan dhufus akka fedha namaatti miti, Raajiin (2 phex 1:20-21) Mul 1:3
Macaafa keessatti raajii barreeffames akka fedhetti hiikuun eenyuufiyyuu hin eyyamamne jechuu dha .
Eenyu ille sagalee Waaqayyoo akka hin jallisneef akeekka chiisa kenname dha. Barreeffama Raajotaa (Prophetical Books)
Macaafonni raajii ulfaataa fi faayida qabeessa erga ta’ee akkamitti dubbissuu fi hii kuun itti fayyadamuu akka qabnu beekuu qabna.
Raajonni barreeffaman tokko tokko kan raawwataman, kan raawwatamaa jiranii fi gara fuula duraatti in raawwatamu jedhamanii kan eegaman hundi barreffama raajii jedhamanii waamamu.
Raajonni ergaa dacha dacha qabachuu waan danda’aanit of eeggannoon ilaaluu qabna
Fakkenya:- 1. Yeroo gabaaboo keessatti raajii raawwataman jiru (Er 25:11)
- Israa’el Baabilooniin booji’amuu
- Yesuus waa’ee phexros osoo Indaaqoon si’a 3 hin iyyinni akka ganu dubbachuu (Mat 26: 23 – 25)
- Yihudaan dabarsee akka kennu dubbate
- Agaaboos Phaawulos akka hidhamu dubbate (Hoe 21:10-11)
2 Bara dheeraa keessatti raajota raawwataman Fakkeenya: Isa 7:14, Isa 9: 6
7 Raajonni dhiheenyatti raawwatamanii fi yeroo dheeraa keessatti raawwatama walfaana argamuu danda’u
Goolaba (Conclusion)
Haalli hiikkaa macaafa qulqulluu Kiristaana tokkoof ykn tajaajilaa tokkoof baay’ee murteessaa kan ta’e kutaa barsiisa hafuuraa ti. Akka ta’utti yoo itti fayyadamne haala sirrii ta’een macaafa qulqulluu qo’achuu fi hiikkachuu dandeenya.Kan macaafa qulqulluu barresse qubee haaraa ykn afaan haaraa hin fayyadamne. Waaqayyos kun akka ta’u hin goone.Akka macaafni qulqulluun caafamuuf Waaqayyo afaan namootaan godhe.Waaqayyo yemmuu yaada isaa ibsuuf isaan barressan ammoo ajajamuun dhagahanii hojii barreessuu raawwataniiru.Kanaaf waliigalteen murteessaa ture. Waliigaltee barreeffamaa keessatti, seerluga, seeratuqaalee, haalaan dubbii, fakkeenya k.k.f fayyadamaniiru. Kanaafuu barreeffamni tokko haalaa fi seera barreeffamaa yeroo sanaa hordofeeakka barreeffame beekuun ergaa isaa argachuuf waan murteessaa dha.Tokkoo tokkoon barreessaa macaafaa karaa barreessichaa namoota barreeffameefif erga inni qaba ture beekuun yeroo fi beekumsa gaafata. Kanaafuu seera macaafa qulqulluu hiikuu gad fageenyaan beekuun furmaata guddaa nuuf kenna.
END!