OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Moofaa (Old Testament Survey)

Sefaniyaasii Raajicha

Kan Barreesse: Sefaniyaasii nama gosa Yihuudaa keessaa yoo ta’u; inni nama maatii mooticha Hisqiyaasiiti.Kitaaba moototaa 2ffaa 22:-23 keessatti lallabni isaa akka namoonni hujii hamaa isaanii irraa deebi’an akka gargaare ni dubbifna.

Bara Itti Barreeffame:Tilmaamaan seenaan kun kan itti raawwatame bara Ooziyaan Yihuudaa irratti mooye dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 640-620 keestti waan raawwatame fakkaata. Yaada Ijoo: Kitaabni kun akkuma kitaabota raajii kaawwanii waa’ee cubbuu, waa’eemurtii, waa’ee adabbii, akkasuma waa’ee bara dhumaas ni dubbata. Dubbii walduraa Duubaa/outline 1. Murtii fi adabbiin Waaqayyoo akka Yihuudaa irratti dhufu. (Boqo. 1-2:3) 2. Ummata Yihuudaa bira jiranii fi naannawa ishee jiran maraa irratti akka adabbiinii fi murtiin dhufu. (Boqo. 2:4-3:7) 3. Ofi afoo akka ummanni Waaqayyoo gara Waaqa isaanii akka deebi’anii isa biratti akka walitti qabaman dubbata. (Boqo.3:8-20)

Yaadannoo:

1. Kitaaba kana keessatti guyyaan Gooftaa yeroo torba barreeffameera. (Ragaadhaaf yaadannoo lammaffaa kan kitaaba Iyyu’eelii ilaali.)

2. Jechi Itoophiyaa jedhu boqonnaa 2:12; akkasuma boqonnaa 3:10 irratti tuqamee argina. Haata’uu malee Itoophiyaan suni maqaa Itoophiyaa ammaa kanas yoo qabaatte isheen Itoophiyaa ammaa tanaa miti. Itoophiyaan dur Itoophiyaa jedhamtee waamamtu biyya Misirii gara kibbaa qabattee Suudaanii adhaas eda’attee biyya Roomaa keessatti Nuubiyaa, biyya Misirii keessatti Kuush, Griikiin keessatti immo biyya adha Itoophiyaa jedhamtee waamamtuu dha. Biyyi tuni dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 748-668 hanga woggaa 80tiif biyya Misirii mooyattee bulchaa turte.

Ermiyaasii Raajicha

Kan barreesse: Ermiyaas. Namni kun nama luba mootummaa kibbaatii fi osoo hin dhalatiniin duratti raatticha Waaqayyoo akka ta’uuf kan filatame ture. Namni kun nama baay’ee gaarii, nama nagayaatii fi nama qajeelaa waan tureef bulchaa ta’uu hin barbaanne; Hagamillee yoo lallaba ofiitii fi hujii ofii dhiisee gara mana ofii deebi’us Onneen isaa Hafuura Qulqulluuf banamaa waan tureef hujii ofii dhiisuu hin dandeenye. (Boqo. 20:9) Raaga Yihuudaa irratti raawwatamuuf onneen isaa guddisee waan gaddeef Raajicha gaddaa jedhamee waamamaa ture. (Boqo. 9:1) Inni Waaqayyoon tajaajilus hujiin isaa bu’aa gaarii hin argamsiifne. Inni nama tuffatamee fi nama jibbame ture; tumamuunii fi hidhamuunis isarra gaheera. (Boqo.35:15-17) Yerusaalem Baabilooniin harkatti kufte. Ermiyaasis firtoota ofii wojjiin baqatee gara biyya Misirii dhaqee achitti firtoota isaatiin akka dhagaan dhayame ni dubbata. Baay’achuun gadda Ermiyaasii Yesuusii woggoota baayyeen booda dhalateen wol fakkaata. (Isa. 53:3)

Bara Kitaabni Kun Itti Barreeffame: Kitaabni kun dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 635592 keessatti barreeffame. Kana jechuun yeroo mootichi Iyyoosiyaas Yihiida irratti mooye irraa jalqabee hanga Yerusaalem kuftee fi hanga yeroo Baabiloon booji’amtee jechuu dha. Yaada Ijoo: Raajiin Ermiyaasii wantoota baay’een raajii raajota biraa wojjiin wol fakkaata,Akkuma isaan dubbatan innis waa’ee cubbuu, waa’ee murtii fi akkasuma waan ofi ofoo raawwatuuf ta’uu; waa’ee wolitti qabamuu ummata Israa’elii dubbata. Ta’us raajiin isaa hamma ta’e walfakkaata. Feeti Waaqayyoo akka isaan adabaman waan ta’eef osoo isaan loltoota Baabilooniitiin hin lolle harka kennatanii akka booji’aman isaanitti hime. Sababii kanaaf Ermiyaas biyyattii diinaaf dabarsee kenne jedhamee jiraataa ture. Kitaabni Ermiyaas seenaa bal’aa Mootota 2ffaa 22-25 fi Seenaa 2ffaa 34-36 keessa jiru waliin walfakkaata.

Dubbii walduraa Duubaa/outline

Kutaaleen kitaaba kanaatii fi wantoonni isa keessa jiran waan baay’ee nama rakkisaniif isaan addaan qoqqooduun baay’ee nama rakkisa. 1. Raajummaadhaaf waamamuu Ermiyaasii. (Boqo. 1)

2. Ermiyaas kan malkataa fi waa’ee raajota adda addaa dubbate osoo Yerusaalem hin kufne dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 594 keessa. (Boqo. 2:39)

Raajotaa fi malkatoota adda addaa kanniin keessaa kunniin ijoo dha.

a. Yihuudaan hanga woggaa torbaatamaa boojuu keessa akka jiraattu dubbata. (Er. 21:4-10; 25:11-12)

b. Israa’el walitti qabamtee oddoo ulfinna ishee kan duriititti akka deebitu dubbata. (Er. 23:3-8)

c. Waa’ee rakkoo ummata Israa’elii irraa gahuu, rakkoon kun bara booddee osooummannin Waaqayyoo wolitti hin qabamneen duratti raawwatama. (Er. 30-31)

d. Waa’ee raawwatamuu waadaa Daawitiif galamee, (Er. 33:14-26)

3. Yerusaalem hanga kufteen booddee sababii rakkoo paalistiinaa keessatti uumameef gara biyya Misirii baqatan. (Er. 40-44)

4. Raajota adda addaa kan Yihuudaa fi biyyoota ollaa akkasuma Baabilooniif dubbatame. (Er. 45-51)

5. Ibsa akka Yerusaalem booji’amte ibsu. (Boqo. 52)

Faaruu Ermiyaasii

Kana kan Barreesse: Ermiyaasi dha. Bara Itti Barreeffame: Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 594 keessa barreeffame. Yaada Ijoo: Magaalaan guddoon Yerusaalemii waan loltoota Baabilooniin harkatti kufteef akka Ermiyaas guddisee gadde ibsa. Dubbii Walduraa Duubaa/ outline

1. Badii Yerusaalemii. (Boqo. 1)

2. Sababa Yerusaalem kufteef. (Boqo. 2)

3. Gadda Ermiyaasii. (Boqo. 3)

4. Yaadota akka Yerusaalem kufte ibsan. (Boqo.4)

5. Kadhaa gargaarsa argachuuf kadhatame. (Bqo.5) Yaadannoo:

1. Kitaabni kun kitaabota raajii keessaa tokko yoo ta’es kitaaba wolaloo keessatti lakkaayama.

2. Kitaaba afaan Ibraayisxiitiin barreeffame keessatti (Boqo. 1-2) akkasuma boqonnaan 4 lakkoofsi hundinuu toora qubeetiin barreeffamaniiran. Boqonnaan 3 immo lakkoofsa sadi sadi toora qubeetiib barreeffamaniiran. Kana jechuun qubeen afaan Ibraayisxii 22

yoo ta’an Lakkofsi 66 kan qubee afoo jran akka kan duraa qubee qofa osoo hin taane quboota 22tti qoodamaniiran jechuu dha. Fakkeenyaaf:- Eretuuwwan lakkofsa 1-3 jiran toora qubee tokkoo jalatti barreeffamaniiran.

Imbaaqoom Raajicha

Kan Barreesse: Imbaaqoomi dha.

Bara Itti Barreeffame: Maallaataa kitaabni kun kan barreeffame bara Kitaabni Ermiyaasii itti barreeffame; bara Iyyo’aaqeem mooye Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 610 keessatti waan barreeffame fakkaata.

Yaada Ijoo: Raajichi, Warra Ayihuudii kan Waaqayyo filate akkamitti worri Waaqayyoon hin beekin rakkoo fi adabbii isaanitti fidan jedhaa maalalfata. Raanni Imbaaqoomii raajota kaawwan irraa adda; Inni lallaba fakkeessee namoonni akka gara Waaqayyoo deebi’aniif hin dubbanne. Haata’uu immo raagaa fi mul’ata Waaqayyo isatti mul’ise akkanumaan dubbate. Dubbii walduraa Duubaa 1. Gaaffii biyya abaaramtuu akka biyya Baabiloonii Waaqayyo maaf hin balleesine? Jedhu. (Boqo. 1) 2. Deebiin isaa Murtiin Waaqayyoo dhuma irratti akka ta’u, (Boqo. 2) 3. Kadhaa galataa akka Waaqayyoof dhiyeesse. (Boqo. 3) Kan Barreesse: Imbaaqoomi dha. Bara Itti Barreeffame: Maallaataa kitaabni kun kan barreeffame bara Kitaabni Ermiyaasii itti barreeffame; bara Iyyo’aaqeem mooye Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 610 keessatti waan barreeffame fakkaata. Yaada Ijoo: Raajichi, Warra Ayihuudii kan Waaqayyo filate akkamitti worri Waaqayyoon hin beekin rakkoo fi adabbii isaanitti fidan jedhaa maalalfata. Raanni Imbaaqoomii raajota kaawwan irraa adda; Inni lallaba fakkeessee namoonni akka gara Waaqayyoo deebi’aniif hin dubbanne. Haata’uu immo raagaa fi mul’ata Waaqayyo isatti mul’ise akkanumaan dubbate. Dubbii walduraa Duubaa 1. Gaaffii biyya abaaramtuu akka biyya Baabiloonii Waaqayyo maaf hin balleesine? Jedhu. (Boqo. 1) 2. Deebiin isaa Murtiin Waaqayyoo dhuma irratti akka ta’u, (Boqo. 2) 3. Kadhaa galataa akka Waaqayyoof dhiyeesse. (Boqo. 3)

Daani’eel Raajicha

Kan Barreesse: Daani’eli dha.

Inni yeroo dargaggeessa woggaa 20 ta’ee jiru dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 614tti biyya Yihuudaa keessaa gara biyya Baabiloonii booji’amee dhaqe. Inni kan jiraate bara mootichi biyya Faarisii hunnaan bulchu emmuu ta’uu inni yeroo san nama umrii 90 ta’a.

Bara Itti Barreeffame: Kitaabni kun dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 614-542 keessatti barreeffame.

Yaada Ijoo: Kitaabni kun waa’ee seenaa Daani’eelii, waa’ee waan yeroo ammaa raawwatamee fi raajii ofi afoo raawwatamuu dubbata. Dubbii Walduraa Duubaa/outline 1. Booji’amuu Daani’eelii fi Hiriyyoota isaa. (Boqo. 1)

2. Wantoota ijoo bara mootummaa Baabiloonii raawwataman.

a. Waa’ee mootii Nabukadanatsoorii. (Boqo.2-4)

b. Waa’ee mootii Belshaatsirii. (Boqo.5)

3. Wantoota ijoo bara mootii Meedooniitii fi mootii Faarisii raawwataman; akka Daani’eel boola leencotaatitti gatame. (Boqo. 6)

4. Waa’ee busaawaa/ bineensota tokko tokkoo fakkeenyaan dubbata; yookiin immo waa’ee isaanii raga dubbata. (Boqo.7-8)

5. Waa’ee subaa’ee torbaatamaa/ torbaanii; waa’ee dhufa Masihichaatii fi walitti qabamuu ummata Israa’elii raga. (Boqo.9) Raajota Daani’eel raaje gugurdaa keessaa jechuun waa’ee mootummootaa fi ummata a kan inn raage tokko tokko yeroo raawwataman gari gariin immo hin raawwatamne.

Yaadannoo:

1. Barumsi Daani’eel kan nama rakkisuu miti. Jireenya keenyaafis itti fayyadamuu ni dandeenya. Haata’uu immo raga isaa kan raawwatamee fi kan hin raawwatamne addaan qoodanii beekuun nama rakkisa.

2. Kitaabni kun Waaqayyo kaayyoo ofii akka hin jijjiiranne; waan adunyaa kana irra jiru hunda akka raawwatuu fi seenaan mootummoota gugurdaatii fi ummataa baayyeen fedhaa fi karoora isaatiin akka hojjatan dubbata.

3. Kitaabni kun waa’ee ergamtootaa iddoo baay’etti dubbata.Ergamtoonni garriinii fi hammeeyyiin (seexanni); jireenya keenya kan guyyaaa guyyaa keessatti akka nuqunnaman ni dubbata. Fakkeenyaaf boqonnaa 9:21 fi 22 ilaali. Akkasuma boqonnaa 10:10-14; 2o-21; 12:1 ilaali. Namoonni sadiin yeroo ibidda keessatti gubatan kan arfaffa ta’ee mul’ate ilma Waaqayyoo ture.(Boqo3:25)

4. Seenaa durii keessatti Nabukadanaatsoor, Beelshaatsirii fi Xiroos namoota baay’ee beekkamanii dha. Daariyoosiin biyya Meedoonii kan boqonnaa 9:1 irratti barreeffame hanga adhaa inni eenyuun akka ture hin beekkamne. Maallaataa maqaan kun maqaa mootota Baabiloonii kan yeroo san ittiin waamaman ta’uu danda’a.

5. Beelshaatsir duultota magaalaa ofii hin seensisu jedhee yaadee ture. (Boqo. 5) haata’uu malee worri loltoota wojjiin hojjatan balbala magaalaa cabsanii akka seensisan Xiroos dhakaa irratti barreessudhaan ibseera.

6. Waa’ee mootota adunyaa kanaa eebjuu adda addaatiin isaanii raageera.

a. Fakkiin guddaan eebjuun mudhachuun; waa’ee Baabiloonii, waa’ee Faarisii waa’ee Griikiitii, waa’ee Roomaatii fi akkasuma waa’ee mootota booddee ka’anii dubbata. (Boqo. 2)

b. Mul'anni waa'ee bineensotaa arge; waa'ee mootummaa baabiloonii,

Faarisii, Griikii, akkasuma waa’ee mootummaa Rooma kan dhufuu fi wa’ee waan darbee wolumatti qabaa dubbata. (Boqo. 7)

c. Mul’anni waa’ee korbeeyyii Hoolotaa arge; waa’ee Griikii, Meedooniitii fi Faarisii dubbata. (Boqo.8)

7. Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf hanga ajanyi kennameen booda (Nahimiyaa yaadannoo

4 ilaali) akka Masihichi dhufu Waaqayyo ni dubbata. Yeroon inni dhufus subaa’ee 69 booda. Subaa’een hundinuu baroota torbaatamaa yoo ta’uu isaan hundinuu walumaa galatti woggoota 489 ta’an. (Yeroo san baniin woggoonni hundinuu guyyoota 360 qaban jechaa yaadaa turan.) Ajaja kana mootichi Arxeeksis dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 453 keessa kenne. Woggoota itti raagame 483 kanaa booddee bara araaraa 30tti Gooftaan keenya fannifame. Haga kun ta’utti raanni raawwatame. Subaa’een torbaffaa (woggoonni torbaa) raawwatamutu isarra ture, Subaa’een kun Mul’ata Yohaannisii keessatti yeroo rakkoo guddaa(Mul’ata. 7:14) Raajii Ermiyaasii keessatti immo yeroo rakkoo yaaqoobii,(Erm. 30:7) jedhama. Woggoonni rakkoo kunniin iddoo gara garatitti tuqamanis keessattu Mat. 24:9-31; Mul’ata. 6,8,9 :13-16 keessatti ibsameera.

8. Raajiin boqonnaa 11:1-35 keessa jiru baroota Kakuu Moofaa fi Kakuu Haarawaa keessatti raawwatameera. Mootummaan guddaan Iskindirii bakka gosa gugurdaa lamatti qoodame (Boqo. 8:22 ilaali.) kanniin keessaa lamaan mootummaa gara kaabaa, Asoor, Misir; Gara mootummaa kibbaatiin immo Israa’eliin keessaa Jaalistiinaa ofiif barbaadatanii wal lolaa turan. Mootota biyya sooriyaa keessaa kan Antsokiyoos jedhamu tokko mana woyyummaa Yerusaalemiin keessa jiru keessatti booyyee ciincessee batteesse.Seenaan kun seenaa dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 176 keessatti waan raawwatame fakkaata (Boqo.11:31 ilaali.) wantoonni lakkoofsa 35 gaditti barreeffaman seenaa addunyaa keessatti hin ibsamne. Ta’us raajii kitaaba kana keessaa hafe ta’uu isaa mul’isa. Kunis waan olloonni Israa’elii bara dhumaa hojjatan dubbata. Wanti lakkoofsa 36 keessatti barreeffame mootumma kaabaa yookaan mootummaa kibbaa osoo hin taane mootummaa Roomaa kan dhuma irratti mooyu fakkaata; akkasuma boqonnaa 7:23-25; 8:23-25; fi 9:26-27 keessattillee barreeffameera. Inni subaa’ee tokko yookaan woggoota torbaaf warra Israaelii woliin waadaa gala.Haata’uu immo inni walakkaa subaa’ee keessa jechuun 3 ½ turee waadaa san diiga. Gara Paalistiinaa dhaqee mootummaa kibbaa (mootummaa biyya Misirii)woraana. Achiin booda ciincaa worri Yihuudotaa dhiyeessan hundaa dhooggee/hambisee Waaqa osoo hin taane inninuu akka waaqeffamu godhaa.(9:27; 11:6 fi 11)

Woggoota sadiin hafan kannii keessatti seexanni hunna guddaan ummata rakkisa, ni soba, rakkoo guddaa tanaan dura ta’ee hin beenne namatti fida. Seenaan biraa kan akkanaa kunniin kitaaba Mul’ataa, Iyyu’eel, Hisqeelii fi kitaabota Kakuu Haarawaa iddoo gara garaa keessatti ni argama. Ta’ullee nuti Kiristaanonni yeroo rakkoo guddaa kana ilaalaa yaaduun nurra hin jiru; sababiin isaa Kitaabni Qulqulluun osoo rakkoon guddaan kun hin jalqabamneen duratti Kiristoosiin qilleensa gubbatti simachuuf akka ol fudhatamnu waan dubbatuuf (1Qor. 15:51-52; 1Tasa 4:13-18;) Kunis hanga rakkoon kunniin hundi raawwateen booddee Kiristoos mootummaa haarawa undeessuudhaan lafa kana irratti mooyuuf dhufa. Nus isa woliin deddeebina (Mat. 24:29-31; 25:31)




Continue Reding