OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Moofaa (Old Testament Survey)

Hisqeel Raajicha

Kan Barreesse: Hisqeelii dha.

Innis akkuma Ermiyaasii Luba ture. Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 607tti booji’amee gara biyya Baabiloonii fudhatame.

Bara Itti Barreeffame :

Hisqeel biyya Baabiloonii keessa garbummaan osoo jiru hanga woggaa digdamaa/20/ raajii dubbataa ture. Kunis dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 600580 keessatti ta’e.

Yaada Ijoo: Kitaabni kun waa’ee murtii durana Yihuudaa irratti dhufuu, waa’ee badii biyya maraa irratti dhufuu fi ulfinna sababii warri Yihuudii wolitti qabamaniif ta’u dubbata. Dubbii walduraa duubaa/outline

1. Waamamuu Hisqeelii, (Boqo.1-3)

2. Waa’ee adabbii biyya Yihuudaa irratti dhufuu,(Boqo.4-24)

3. Waa’ee adabbii namoota ollaa Yihuudii jiran irratti raawwatamuu,(Boqo.25-32)

4. Walitti qabamuu saba Israa’elii kan dhumaa, (Boqo.33-39) 5. Waa’ee mana woyyuu kan dhumarratti ijaaramuu,(Boqo. 40-48)

Yaadannoo:

1. Ermiyaas, Ddani’eelii fi Hisqeel isaan hundinuu yeroo tokko (jechuun yeroo boojuu keessa) raajii dubbatan. Ermiyaas namoota Israa’eliin keessatti hafanitti raajii dubbate; ergaan Daani’eelii immo worra bulchootaa kan biyya Baabiloonii keessa

jiraniif emmuu ta’u kan Hisqeelii immo banii/ ummata baabilooniin keessa bittinnaayaniif raajii dubbate. 2. Hanga Kiristoos teessoo ofii hundeesseen booda waa’een ibsa mana Qulqullummaa kan haarawa ijaaramuutiin alatti (Boqo. 40-48) raajiin waa’een raajii lafeewwan goganii (Boqo. 37) keessatti ni argama. Mul’anni kun waa’ee saba Yihuudii kan woggoota baa’eef waan du’an fakkaatanii biyyoota Adunyaa keessa bittinnayanii akka deebi’anii walitti qabaman dubbata. Woggoota 2000 booda yeroo jalqabaatiif bara araaraa 1940tti mottummaan Ayihuudii Paalistiinaa keessatti hundaaye. Kun akka guyyoonni dhumaa dhiyaataniiran addaataa nutti mul’isan. 3. Boqonnaan 38 fi 39 ummanni Israa’elii kan gara kaabaatitti argaman akka badan nutti himan. Kun kan ta’e akka Israa’elii marsanii qabuuf hennaa yaadanitti. Namni googi jedhamu biyya maagoog jedhamu bulcha. Magaalonni Maskii fi Tabaal kan (Boqo. 38:3) keessatti argaman maallaataa adha magaaloota Tobalasii fi Moskoo akka jedhaman hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ni tilmaamu. Goomerii fi Togoomer (Boqo.38:6) maallaataa adha biyyoota Jarmanii fi Turkiin akka ta’an ni yaadatama. (Se. Uma. 10:2-3 waa’ee maqoota kanniinii dubbata.) Akka raajiin kun nutty himutti guyyoota dhumaatitti ummanni kunniin tokko ta’anii warra Israa’eliitiin loluuf gara kibbaa duulan. Akkuma isaan achi dhiyaataniin Waaqayyo loltoota isaanii baay’ee balleessa; worri hafan immo gara biyya ofii deebi’an.

Abaadiyyaa Raajicha

Kan barreesse: Abaadiyyaa dha. Hiikkaan maqaa isaa garbicha Waaqayyoo jechuu dha.

Bara Itti Barreeffame: Dhaloota Kiristoosiitiin dura yeroo Yerusaalem kufte bara 594 keessatti barreeffame.

Yaada Ijoo

Yaada Ijoo:

Gofti Edoomii ummata hortee Esawuu obboleessa Yaaqoobii keessaan dhufe. Isaan yeroo Yerusaaleem diina ofii jalatti kuftuu fi yeroo Israa’el booji’aman yeroo hundaa gammadaa turan. (Se. Lakk. 20:14 ilaali.) Abdiyyu ummanni kunniin kufa Israa’eliititti gammaduun akka isaan hin barbaachifne dubbata. Waaqayyo ummata ofii filate Israa’eliin yoo adabeyyuu, deebi’ee ummata guddaa akka isaan taasisu ni dubbata. Dubbii walduraa Duubaa/outline

1. Badii Edoomii. (Lakk.1-16) 2. Deebitee fayyuu Israa’elii. (17-21)

Yaadannoo: 1. Kitaabni Abdiyyuu kitaabota kakuu moofaa hundaa keessaa gabaaba dha.

2. Saa’ol, Daawitii fi Salamoon biyya Edoomiitiin lolaa Edoom ummata Israa’elii keessaa bulchiinsa tokko taatee hennaa dheeraaf akka jiraattu godhaniiran.Achiin booddee magaalaan Pitiraa tan dhagaan ijaaramtee gurra dhagayatte suni harka gosa Arabaatitti kufte.

3. Bara Kiristoosii keessatti worri firtoota Herodisii kan biyya Yihuudaa bulchaa turan gosa Edoomii keessaa dhufan. Kunis Mat. 2:1; 6:14 keessatti ibsameera.

Hagee Raajicha

Kan Barreesse: Raajicha hagee dha. Inni yeroo boojuu keessa kan dhalate yoo ta’u (Izra.5:1 ) akkasuma 6:14 keessatti tuqameera. Bara Itti Barreeffame: Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 520 keessa fakkaata. Yaada Ijoo: Ergaan raajicha Hagee ijoolleen Israa’elii hujii mana Qulqullummaa Waaqayyoo kan ijaaruu jalqaban akka raawwataniif jajjabeessuu ture. Dubbii walduraa Duubaa/outline 1. Namoonni mana Waaqayyoo hojjachuu dhiisanii waan mana ofii jaqaba hojjataniif adabaman. (Boqo. 1) 2. Ummanni akka Waaqayyoon abdatan jajjabeeffaman. (Boqo. 2:1-9) 3. Murtii darbanii fi eebba dhufanis akka Waaqayyo fide isaaniif ibse (boqo. 2:10-23)

Zakkaariyaas Raajicha

Kan Barreesse:

Zakkaariyaasii dha.

Inni kan raajicha Hagee woliin jiraate yoo ta’u, bulchiinsa Zarubaabeliitiin gara Baabiloonii waan deebi’e fakkaata. Zakkaariyaasiin kun nama Yesuus mana Qulqullummaa keessatti ajjeefame jechuudhaan dubbii ofii keessatti dubbate ta’uu hin oolu. Bara Itti barreeffame: Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 530 keessatti barreeffame.

Yaada Ijoo:

Ergaawwan Zakkaariyaasii waa’ee yerusaalemii ofi afoo, waa’ee ummata Israa’elii fi waa’ee dhufa Masihichaa dubbatan.

Dubbii walduraa Duubaa/outline

1. Mul’anni kudhanii waa’ee badii Yerusaalemii kan duraatii fi ulfinnaa fi gammachuu booddee argattuu ibsan. (Boqo.1-6)

2. Waaqeffannaa sobaa kan duraarii fi Waaqeffannaa dhugaa, kan onnee keessaa ta’e

wal bira qabee ilaala. (Boqo. 7-8)

3. Waa’ee raajii dhufa Gooftaa kan jalqabaatii fi kan dhumaa. (Boqo. 9-14)

Yaadannoo:

1. Zakkaariyaasiin keessatti waa’ee raajii dhufa Kiristoosii kan jalqabaa (Boqo.9:9); akkasuma raajii waa’ee dhufa isaa kan lammaffaa (Boqo.12:10, Mul’ata. 1:7 ilaali. Zakka. 13:6-7; akkasuma 14:4 keessattis ni argina.)

2. Kiristoos diintota Israa’elii lola ofii guddaan akka balleessu sirritti dubbata. (Zakka. 12:19, 14:1-3)

3. Kiristoos akka damee/ haafaati. (Zakka. 3:8, 6:12-13, Isa. 11:1, Er. 23:5; 33:15 ilaali.)

Milkiyaas Raajicha

Kan Barreess: Milkiyaasii dha. Kiikkaan maqaa isaa ergamaa koo jechuu dha. Maqaan kun maqaa kitaaba kanaa akka ta’ee fi maqaa muudamaa kan isaa akka ta’e wonti beekkamu hin jiru. Waan kanaan alattillee jireenya raatticha kanaa kan duraa wonti ibsu hin jiru.

Bara Itti Barreeffame: Milkiyaas barreessaa kitaaba Kakuu Moofaa kan dhumaati. Inni dhaloota kiristoosiitiin dura bara 400 keessatti barreesse.

Yaada Ijoo: Haarawoomuu jireenya Hafuuraa kan Nahimiyaatiin booddee (Nahi. 8:10) onneen namootaa qabbanaayaa, waaqeffannaan isaaniitii fi jireenyi isaanii badaa deeme.wantoota gugurdaa sadihii afotti cubbuu hojjatan.

a. Waaqayyoon afotti

b. Olloota isaanii afotti

c. Maatii isaanii afotti Milkiyaas akka isaan jireenya hafuuraa kan dhugaatitti akka deebi’aniif yaalaaMasihicha yeroo dhiyoo keessa dhufu akka ilaalaniif isaaniif barreesse.

Dubbii walduraa Duubaa/outline

1. Jaalala araaraa kan Waaqayyo Israa’eliif qabu.

2. Ijoolleen Israa’elii Waaqayyoon tuffatanii ciincaa hin barbaachifne waan dhiyeesaniif lalaman/ adabaman. (Boqo.1:6-2:12)

3. Namoonni waa’ee gaa’elaa dogongoranii salphamatti waan gaa’ela hiikaniif lolaman/ adabaman.(Boqo. 2:13-16)

4. Masihichi akka ummata qulqulleessuuf dhufu (Boqo.2:13-3:5)

5. Namoonni Kennaa kudhan keessaa tokko/ kurnnaffaa kennuu dhabuu isaaniitiin akka lolaman/ adabaman.(Boqo.3:6-15)

6. Warra Waaqayyoon onnee dhugaatiin kabajjan wanti gaariin akka isaaniif ta’u. (Boqo.3:16-4:6)

Yaadannoo:

1. Milkiyaas raajicha osoo Kiristoos hin dhalatiniin duratti isa dhumaa kan Waaqayyo erge. Hanga adhaatitti Ayihuudonni baay’een Kiristoosii fi Wangeela Kiristoosii waan hin fudhanneef; Milkiyaas Kitaaba Qulqulluu dhumaa kan Yihuudotaati. Yihuudonni bara Yesuusii turan Masihicha isaaniif abdii galame fudhachuu hin barbaanne. Isaan hanga adhaatitti akka waan Waaqayyo Masihicha erguufiititti eeggatan. Raajichi kun kan wati isaa dubbatame woggoota 2400 ta’a.

2. Eliyaasiin Milk. 4:5fi 3:1 irratti tuqame Eliyaasii 1Mot. Keessatti barreeffameen miti. Haata’uu immo fakkeenyaaf tuqame. Yohaannis cuuphaan ergamaa ta’ee karaa Gooftaa qophesse. (Luq. 1:17; Mat. 11:14; 17:11).

3. Waaqayyo maaf warra Israa’elii jaalate? Gaafii kanaaf deebii hin arginu. Adha maaf nu jaalata? Kanaafis deebii hin arginu. Waaqayyo yeroo nufilatu sababii nufilateef isa malee kan beeku hin jiru. Waaqayyo araarri isaa guddaa waan ta’eef nujaalate; Jaalalli isaas guddaa waan ta’eef nuti haguma feenes cubbamta ta’uu keenyaan warra du’us yoo taane Kiristoosiin woliin jireenya nuuf kenne.Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gaachena/ kennaa tolaa arganne. Isa woliin du’aa ka’uu keenyaan samitti ofi bira nukaaye. «» (Efe.2:4-10)

Baroota Kakuu Moofaa fi Kakuu Haarawa Jidduu Jiran

waggoota 400 jiddutti jechuun bara Nahimiyaa irraa jalqabee hanga bara Milkiyaasii fi hanga bara dhaloota Kiristoosii wontoonni raawwataman kanniin. Mootummaan Faarisii, Paalistiinaanis dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 341tti Iskindirii guddaa jalatti kufan. Mootummaan Iskindirii guddaa kun woggoota 10 turee hanga inni du’een booddee masakkoota woraanaa/lolaa 4tti qoodame. Kana’aan henna tokko bulchiinsa Asoorii, henna biraa immo bulchiinsa Misirii ta’uudhaan mootummaa kanniin jalatti bulteerti.Namni bulchaa biyya Asoorii ture Antsokiyoos dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 178tti Yerusaalemiin booji’ee Mana Woyyuu keessatti booyyee ciincaa dhiyeessuudhaan batteesse. Woggoota 4 n booddee Lubni Maqaabis jedhamu tokko mooyee ummanni akka bulchoota isaanii kan worra ormaa irratti ka’aniif isaan masakke. Sababa kanaaf hanga woggoota 100 uduu walirraa hin cinne lolli deemsifame. Dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 71tti duultonni warra Roomaa masakkaa isaanii kan Paampee jedhamuun Yerusaalemiin qabatan. Hanga yeroo Yesuus Yihuudaa Beteliheemii keessatti dhalatuutitti Yerusaalem harka warra Roomaa turte. Haaluma kanaan raanni kitaaba Dan.

2 keessatti raagame raawwatame. Kitaabonni bara san haala yeroo sanii ibsanii fi wantoota bara san ture hubachiisan yoma barreeffamanis Kitaaba Qulqulluu keessatti eda’amanii hin barreeffamne. Keessattuu amantii warra Yihuudii keessatti garaa garummaa baay’etu ta’eera.

1. Ummanni Israa’elii waaqolee tolfamaa waaqeffachuu akka isaan hin barbaachifne hubatan. Yeroo biyya Baabiloonii woggoota 70 garbummaa keessa jiran waaqolee tolfamaa isaanii hundaa gatan. Haata’uu malee biffa waaqolee tolfamaa mukaatii fi dhakaa Seerota Muusee akka waaqolee tolfamaatitti waaqeffachuu jalqaban. 2. Barbaachisummaan mana sagada/ waaqeffannaa Yihuudotaa yeroo kana beekkamaa deeme. Guyyoota kaawwan barumsa kennaa guyyaa sambataa immo iddoo kitaaba itti lallaban qaban ture.

3. Afaan warra Yihuudii (Ibraayisxi)irraanfatamaa deeme. Afaan Aramaayikii akka afaan isaaniititti dubbataa turan. Yesuusii fi duuka bu’oonni Aramaayikiffa afaan biyya ofii dubbataa turan. Kakuun Moofaan gara afaan Griikiffaatitti hiikkame.

4. Warri Yihuudii bakka baay’etti qoodamanii turan.

a) Fariisota:- Warra yaadota alaa mormuun leenji’an. Namni kan fayyuu danda’u seera Muusee eeguudhaan jechaa waan biraallee itti eda’aa barsiisan. Isaan dhugamaan diintota Kiristoosii turan.

b) Barreessitoota:- Hujii fi amantiin warruma Fariisotaa fakkaatan turan.

c) Saduqoota:- Isaan yaada warra Griikii fudhatanii warra Kakuu Moofaa waakatanii fi waarra waa’ee du’aa ka’uu hin amanne turan

Guduunfaa (Conclusion)

Waaqayyo akka Masihicha ergu Kakuu Moofaa keessatti abdii kenneera. Masihi jechuun kan dibame jechuu dha. Afaan Ibraayisxiitiin Masihi, afaan Griikiitiin immo Kiristoos jechuu dha. Kakuun Moofaan akkaataa lamatti fakkeessa.

1ffaa. Fayyisaa gara laafessa ciincaaf ofi dhiyeesse;

2ffaa. Mootii jabaa ummata bilisa baasuudhaaf dhufu akka ta’e. Ergaa Milkiyaasiitii fi dhufa Yesuusii booddee Masihii dhumaa yookiin mootiin jabaan kun akka Waaqayyoon biraa dhufu namoonni baay’een eegaa turan. Wanti Yesuusii gara laafessa kanatti hawwiin isaaniitii fi abdiin isaanii raawwachuu dideef sababii kannaf. Fedhiin Waaqayyoo Yesuus dura dursee akka sababii cubbuu adunyaatiif ciincaa godhee akka ofi dhiyeessuu fi dhumarratti garuu ulfinnaan gara adunyyaa kanaa dhufee warra adunyaa kanatti akka murteessu dha.Hujiin Masihichaa kan jalqabaa woggoota 2,000 duratti raawwatameera. Guyyoonni dhumaa akka nutty dhiyaataa deemaaram akkaataan beeknuun yeroo jireenya keenya kan guyyaa guyyaa sirritti yaadanne akka Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufuu dhiyaate beekuu dandeenya. Hennaa lammaffaan deebi’ee dhufe akka duraa san gara laafessaa fi kan namoonni isa rakkisu osoo hin taane ulfinna guddaadhaan maleekkota samiitiin marfamee dhufa.


Continue Reding