OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Moofaa (Old Testament Survey)

Seensa (Introduction)

Bara ammaa kana keessa tattaaffiin barumsaaf taasisan kan yeroo kamiinuu caalaa kan woldorgommii hin qabne. Kitaabota qorachuun amala gaarii namoonni hayyoonni yeroo isaanii itti dabarfatan ta’eera. Kitaabota baayyisuu fi gatii salphaan argachuun ni danda’ama. Eeganaa yeroo ammaa kana keessa Kitaaba Qulqulluu kitaabota hunda caalu kana hayyoonni gugurdaanii fi didiqqaan biyya Itoophiyaa kana keessa jiran filannoo isaanii godhachuun gammachuu isaanii kan jalqabaa taasifachuu wonti caalu maaltu jira?

Kitaabni Qulqulluun baroota 2000 ol fixee Waaqayyo isaan masakkee namoota 40n barreeffame.

Kitaabota barreeffaman kanniin keessaa kan akka Wongeelotaa, Faarfannaa Daawitii, Seera Uumamaatii fi kuuwwanis baay’naan beekkaman. Kitaabonni hafan kuuwwan immo yoma dubbii Waaqayyoollee ta’an namoota hagoo achitti namni isaan beeke hin turre. Yeroo Addunyaan ofi balleessuuf qophooftetti; Yeroonuu akka Addunyaan of balleessuuf taatu himaa akka Addunyaan iyyitu himutti; Kaayyoo Waaqayyo bara kana qabu beekuu fi Karaa keenya irraa deebi’uu dhabuun akkasumas murteeffachuun barbaachisaa dha.

Kayyoon Kitaaba kanaa qo’annaa Kakuu Moofaatiif balabala banuu dha. Yaadota ijoo kitaabota hundaa keessa jiran hordofuudhaaf akka gargaaru wol duraa duubaan ibsaa; yaadannoo fi hubannaa sammuu namaatiif akka tolu ibsaa kitaabonni 39nuu barreeffamaniiran. Kitaabonni kunniin hundinuu kan ibsan Seenaa Yihuudota namoota Waaqayyoo bara Kakuu Moofaa keessa jiran wolduraa duubaan ibsaati.

Baroonni kitaabota kanniin keessatti barreeffaman; akka barreeffama lakkoobsa Itoophiyaatiin. Kitaabonni Raagaa baayyeen kan barreeffaman bara Mootonni 1ffaa fi Mootonni 2ffaa itti barreeffaman. Wol duaa duubni kitaaba kana keessatti barreefame akka kitaaba Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffame osoo hin taane akkaataa baroota itti barreeffamaniit3iin.

Worroota kitaabni kun akka qophaa’u uf gargaarsa guddaa nuuf godhan obbo Iwunatuu Ililuu fi obbo Girmaa Kaasaa galata keenya isaaniif dhiyeessina.

Kaayyoon keenya namni kitaaba kana dubbisu hundinuu uduu hin murtoofne gargaarsa kitaaba kana keessaa argatuun Kitaaba Qulqulluu faayidaa fi gammachuu ufiitiif akka dubbisuu fi Kitaabbilee namoonni gugurdaan waan kitaaba Qulqulluutiif barreessan hubatee akka itti fayyadamuuf. «Isin dhugaa beettan; dhugaan bilisa isin baasa…. » (Yoh. 8:32)

Afaanoota Duriinii Macaafoota Qulqulluun ittiinBarreeffame

Kitaabonni Kakuu Moofaa baayyeen afaan Ibraayisxiitiin kan barreeffaman yoo ta’an Kitaabonni Kakuu haarawaa immo afaan Griikiitiin barreeffaman. Yeroo ammaa kana Kitaabni Qulqulluun afaan 1000 olitti hiikkameera. Naannoo bara 500titti Kitaabni Qulqulluun afaan Gi’iiziititti hiikkame. Achiin booddee afaan Gi’iizii irraa gara afaan Amaariffaa dhaloota Kiristoosiitiin durra bara 1835tti hiikkame.

Barreeffama Durii

Namoonni lafa baayyee qotaa wontoota durii qoratan magaalota durii kan Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffaman kanniin qotuudhaan Kitaabni Qulqulluun akka Kitaaba durii ta’e dubbatan/ himan. Yeroo dhiyoo keessa holqa gammoojjii Kana’aanii baayyee keessatti kitaabonni Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman baayyeen argamaniiran. Kanniin keessaa ijoon argame Kitaaba Raajicha Isaayyaasiiti. Kitaabni kundhaloota Kiristoosiitiin dura bara 200 keessa kan barreeffame yoo ta’u Akkuma henna duulaa holqa keessatti dhossanitti hafe. Haalli qilleensa biyya Kana’aanii baayyee waan gogaa ta’eef osoo hin shamne nagayumaan jiraate. Meeshaan barreeffamaa kan bara durii meeshaa barreeffamaa kan bara kanaatiin garaa garummaa guddaa qaba. Bara Kakuu Moofaa keessa haala barreeffama gosa sadihiittu ture.

1. Muka papaariyiis jedhamu kan laga biratti biqilu irraa waan akka woraqataa hojjataa turan. Haalli qilleensa biyya Misirii waan guddisee gogaa ta’eef uduu hin shamne henna dheeraadhaaf waan turuuf barreeffamni akkanaa kunniin haga adhaa argama’aa dubbifaman.

2. Yeroo baayyee gogaa hoolaatii fi kan re’ee irraa itillee irratti barreessan hojjataa isa irrat barreessan; Ta’ullee itilleen qopheessan kun paayiriisiin irra gatiin isaa gudda’a. Yoo wonti akka jiidhaa isa tuqe hin shama.

3. Biyya Asoorii, biyya Baabiloonii, biyya Faarisiitii fi biyyoota biraatittillee dhoqqee irratti barreessuun waan baratame. Wonti barreessaniinillee Maqaa/ Leemman afaan isaa qara qabuun. Dhoqqee irratti barreessan san ibiddaan guba’aa waan jabeessaniif barreeffamni akkanaa kun woggoota kumaatamaan booddeellee argamaniiran,; Akkaataa kanaan jireenyyaa fi haala namoota durii baeekuun danda’ameera.

Qoqqoodama Kitaaba Qulqulluu Kitaabni Qulqullu

Kitaabni Qulqulluun qoodama lama qaba; isaanis: Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa. Kitaabonni Kakuu Moofaa Yoom Akka Barreeffaman Kitaabota Kakuu Moofaa keessaa kan dura barreeffame Kitaaba Iyyoobiiti. Kitaabni kun kan barreeffame tilmaamaan dhaloota Kiristoosiitiin durabara 1500 dura. Kanatti aansee Kitaabonni barreeffaman Kitaabota Muuseen barreesse: seera Uumamaa irraa jalqabee hanga kitaabota Keessa Deebii jiran yoo ta’u Kitaabonni kunniindhaloota Kiristoosiitiin dura bara 1500tti barreefffaman. Kitaabni Iyyaasuu kitaabota kanniiniin booddee dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 1400tti barreeffame. Kitaabni Abboota Firdii dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 1100tti barreeffame; Kitaabni Ruutiillee baruma kana 1100tti waan barreeffame fakkaata. Kitaabni Saamu’eelii 1ffaa fi Saamu’eelii 2ffaa bara 1100; Faarfannaa Daawit, Kitaaba Fakkeenyaa, Kitaaba Weedduu Weedduu caaluu fi Kitaabni Lallabaa dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 1000tti; Kitaabni Moototaa 1ffaa fi kitaabni Moototaa 2ffaan dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 600tti kan barreeffaman yoo ta’an Kitaabni Seenaa baraa 1ffaa fi 2ffaa, Izraa, Nahimiyaa fi Asteer dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 500tti barreeffaman.

Kitaabonni raagaa immo bakka sadihitti qoodamaniiran Kunniinis: Kitaabota kudha tokkoo kan boojuun booddee barreeffaman; Kitaabota lamaa kan yeroo boojuu barreeffaman, jechuun Daani’eelii fi Hisqeel; Kitaabota sadihii kan boojuun booddee barreeffaman, jechuun Hagee, Zakkaariyaasii fi Milkiyaas fa’a. Milkiyaas raajichi kitaabota Kakuu moofaa keessaa kan dhumaati. KanaafuuKitaabota Kakuu Moofaa keessaa Kitaabni Iyyoobii kitaaba jalqabaa, Milkiyaas immo kitaaba dhumaa kan raagaa jedhaman.

Kutaabota Kakuu Moofaa

1. Seera (Seera Uumamaa fi seenaa Israa’elii)Seera Uumamaa irraa jalqabee hanga Keessa Deebii.

2. Seenaa Israa’elii, Kitaaba Iyyaasuu irraa jalqabee hanga kitaaba Asteerii.

3. Wolaloo, Kitaaba Iyyoobii irraa jalqabee hanga Weedduu Weedduu caaluu fi Faaruu Ermiyaasii.

4. Kitaabota Raagaa, Isaayyaasiin irraa jalqabee hanga Milkiyaasii, uduu Faaruu Ermiyaasii hin dabalatin.

Kitaabonni Kakuu Moofaa Enyuuf Akka Barreeffaman

A. Seera Uumamaa boqonnaa

1 irraa jalqabee hanga boqonnaa 11 Waaqayyo akka namaaf yaade mul’isa.

B. Seera Uumamaa boqonnaa 12 irraa jalqabee hanga Hujii Ergamootaa boqo.

9 baayyinni isaa warra Yihuudiitiif akka barreeffame arguu dandeenya. Kan ta’es yoo ta’e kitaabonni tokko tokko kan akka kitaaba Yoonaasii Worra Yihuudota hin taaneef barreeffame. Kutaalee Ijoo Kitaabota Kakuu Haarawaa Kakuun haarofni bakka afuritti qoodama; isaanis:

1. Wangeela

2. Hujii Ergamootaa

3. Ergaawwan

4. Kitaaba Raagaa yookaan Mul’ata Yohaannis

Kitaabonni Kakuu Haarawaa Yoom Akka Barreeffaman Kitaabota

Kitaabota Kakuu Haaraa keessaa kan jalqaba barreeffaman ergaawwan Phaawuloosii lamaan: Gara Galaatiyaa fi Tasalonqee 1ffaati. Kitaabonni Kunniin Kan barreeffaman maallaataa bara araaraa 47tti ta’uu hin oolu. Kitaabni dhuma irratti barreeffame Mul’ata Yohaannisii yoo ta’u barri itti barreeffame maallaataa bara araaraa 69tti.

Barreessitoota Ijoo Kitaabota Kakuu Haarawa Barreessan

Namoota baayyee kaawwan caalaa kan Kitaaba Kakuu Haarawaa baay’ee barreesse Phaawuloosi dha. Isatti aansuudhaan namoonni barreessan Luqaasii fi Pheexroos.Namoonni hafan kuuwwan immo kitaabuma tokko tokko qofaa barreessan.

Lakkobsootaa fi Boqonnoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Argaman

Namoonni jalqaba Kitaaba Qulqulluu barreessan boqonnootaa fi lakkobsoota addaan hin baafne. Boqonnaawwan Kitaaba Qulqulluu kan addaan qoqqoodaman jaarraa kudha sadaffaa keessa biyya Ingiliiziititti yoo ta’u , boqonnaawwan immo lakkobsaan kan adda qoqqoodaman bara araaraa 1543tti.

Eertuuwwan Fuula Kitaaba Qulqulluu Jalatti Argaman

Eertuuwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti akkaataa wol fakkaataniin barreeffaman kan namoonni jalqaba Kitaaba Qulqulluu barreessan hojjatanii miti. Haata’uu malee hayyoonni Kitaaba Qulqulluu qorannaa baayyee godhanii akkaataa barumsi isaanii wolfakkaatuun Kutaalee Kitaaba Qulqulluu adda addaa walqabsiisanii Kakuu Haarawa keessatti ibsaniiran.

Akkamitti Akka Namoonni Qulqulloonni Hafuura QulqulluunGeggeeffamaniiKitaaba Qulqulluu Itti Barreessan

«Namni Waaqaa qulqulluu fi kan hujii gaarii hundaa qophaa’e akka ta’u; Kitaabni Hafuura Waaqaa uf keessaa qabu hunduu barumsaa fi gorsuuf; onnee qajeelchuu fi gorsa qajeellummaa hundaafillee ni fayyada» (1Ximo. 3:16-17 )

Eertuun kun Kitaabonni Qulqulluun hundinuu akka fedha Waaqaatiin barreeffaman; Fedha namaatiin uduu hin taane akka fedha Waaqaatiin barreeffamanii fi Namoonni Kitaaba kana barreessan akka Hafuurri Qulqulluun isaan geggeesse ni mirkaneessa. Waaqayyo namoota kanniiniif beekkumsa sirrii fi kan nama dinqisiisu kenneef. Hafuurri Qulqulluun namoota Kitaaba Qulqulluu barreessan akkaataa sadihiin isaan gargaare, isaanis:

1. Haala uduu isaan Kitaaba Qulqulluu hin barreessineen dura ta’e hundaa isaanitti mul’ise. Fakkeenyaaf Muuseen waan Nohii seenaa dhugaa; akkaataa lafti itti uumamtee fi wontoota biraallee Hafuura Qulqulluun hubatee barreessuu danda’e.

2. Hafuurrii Qulqulluun namoota Kitaaba Qulqulluu barreessan ergaa Waaqayyoo seeraan ummata bara san jiran akka seeraan barsiisan isaan taasise.

3. Hafuurri Qulqulluun barreessitoota kanniin waan ufi afoo ta’uuf ta’us akka barreessanii fi akka barsiisan; jechuunis akka raajii barreessanii fi akka akka dubbatan isaan taasise. Karaa biraatiin barreessitoonni kunniin waan darbe, waan ammaatii fi waan ofi afoo ta’u akka seeraan dubbataniif geggeessuun Hafuura Qulqulluutiin jajjabaatanii turan jechuu dha.

Seera Uumamaa Kan Barreesse:

Muusee dha.

Bara itti barreeffame: Tilmaamaan dhaloota Kiristoosiitiin dura bara 1425

Dubbii ijoo Kitaaba kanaa: Waan dhalootaa,Waan Samii fi ardii, Waan dhiiraa fi intalaa/dubaraa,Waan cubbuu, Waan sanyii/ fiixaa fi afaanii,waan hujii, waan qaroominnaa fi waan ciincaa, fi akkasuma waan jalqaba wontoota gara garaallee ni ibsa.

Dubbii walduraa duubaa/outline

1. Uumamaa(Baqo. 1-2)

2. Kufa namaatii fi qormaatamuu isaa(Boqo. 3-4)

3. Bishaan badii (Boqo.5-9)

4. Dhaloota Ummata Addunyaa kanaatii fi Akkaataa afaan itti gargar Qoodame (Boqo.1011)

5. Seenaa Abrahaamii(Boqo.12-23)

6. Seenaa Yisaaqii(Boqo.24-24)

7. Seenaa Yaaqoobii(Boqo.27-36)

8. Seenaa Yooseefii (Boqo.37-50)

Yaadannoo:


Finished