Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)
Boqonaa Tokko
1. Qabiyyee fi ibsa ergaawwan eegdotaa
Ergaawwan eegdotaa jennee kan waamnu ergaa Ximootewos isa duraa fi isa lammaffaa akkasumas Tiitoo yoo ta’u, boqonnaa kana keessaatti seenaa isaanii fi yeroo isaan itti barreffaman ilaalla.
1.1. Ergaawwan eegdotaa hundee seenaa isaa
Barreessaan Macaafa Hojii Ergamootaa ifatti akka kaa’eetti Hoe 24 -28, Phaawulos Yerusaalemitti hidhamee gara Qiisaariyaatti fudhatamee Fiilikes, Fiisxoosii fi Mootii Agiriiphaa dura dhaabatee deebii kennaa mana hidhaa turee achii immoo gara Roomaatti geeffamee waggaa lamaaf hidhamee akka ture nu agarsiisa
Ergamaan Phaawulos yeroo Yerusaaletti hidhamee turetti ergama wangeelaa yeroo sadanuu raawwatee ture. Haala ergaanis kaa’ee barreeffamaanis kaa’ee isaanis madaallii amantii fi raawwiita’anii fudhatamaa turan. Hadhaa’oofi hamoo namoota diina itti ta’an osoo hin sodaatin waldoota warra hin amaniin gidduutti dhaabuun amantii kiristaanaas babal’iseera.
Fil 3:12 irratti “kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu kiristoos kan isaa waan na godhateef, anis isa kana bira ga’ee harka koo keessa galfachuudhaaf duukaa kaachuuttinan jira. “Jechuun fiigicha isaa amma illee akka itti fufu yemmuu dubbatu
Film 9 irratti immoo “… ani Phaawulos jaarisichi, …” umrii isaa ilaalcha keessa haasaa galche yemmuu dubbatu argama. Kanaafuu Phaawulos hojii isaa isa hin dhumne sana umrii isaa ilaalcha keessa galchuun sochii wangeelaaf godhu irratti isaa wajjin akka socho’aniif warra leenjise warra akka Luqaas, Ximotewos, Siliwaanos, Tiitoo fi kkf jabinaan hidhachiisee, adaraa itti kennuun haala waan mijeesse fakkaata. Nutis ergaawwan kanneen keessatti kan ilaallu bu’aa yaada kanaati.
Ergaawwan eegdotaa maqaa kana kan argatan keessa isaanitti qabxiilee ijoo isaan qabatan irraa ka’uun yoo ta’u, hidhata Phaawulos kan ta’an Ximotewosii fi Tiitoon yeroo sanatti itti gaafatammummaa isaan harka ture irraa ka’uun waldaa kiristaanaa akkamitti akka eeganii fi kunuunsuun irra jiru adeemsota barreeffamaan kennaman waan ta’aniif
1.2. Eenyutu barreesse? Yoom?
Ergaawwan kun kan gargar hin bane, waliin kan deeman dha. Haala barreeffama isaanii irraa ka’uunis akkaataa jechoonni itti caafamaniin inni tokko isa kaan waliin walitti dhufeenya qabun madaalii godhanii fudhachuun in dandaa’ama
Ergaawwan kunniin nama tokkoon kan barreeffamanii fi yaada walii galaa tokko jalatti barreeffama gara yaada jedhuutti nu geessu
Kanaafuu ergaawwan kunniin amantiin Kiristaannummaa erga jalqabee booda waggoota torbaatama keessatti waldaan Kiristaanaa maal akka fakkatu waan tokko lafa kaa’u.
A. Barressaa
Yeroo baay’ee Maccafota qo’achuu fi hiikuuf yemmuu yaadnutti namicha barreessee fi yeroo itti barreeffame beekuun kallattii garaa garaatiin fayyidaan isaa guddaa dha. Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaatii kaasee barreessaan ergaawan kanaa Phaawulos akka ta’e kan itti amaname yoo ta’u, gara fuuduraattis yeroo ilaallu Qanoonaa keessatti waan wal mormisiisuu hin turre. Ta’ees beektoonni tokko tokko ergaawwan kun kan Phaawulos miti jedhanii qabxiilee mormii kaasan qabu.
Haa ta’u malee ergaawwan Phaawulos miti jechuun ibsoota dhiyaatan irra barreeffamoota kan Phaawulos jedhanitu amanamummaan isaanii caala: odeeffannoon kan Phaawulos ta’uu ibsan:
Ergaawwan maqaa Phaawulos qabachuu (1Xim 1:1, 2Xim 1:1, Tit 1:1)
Haalli barreeffamaa haalaa fi umrii waliin jijjiramuu danda’uu, fayyadamni jechootaas yoo ilaalaman barreeffama Phaawulos akka ta’an dha.
Hoe 28 booda waa’ee Phaawuloos, seenaa jireenya isaa wajjin ergaawwan eegdotaa kun sirriitti deema.
B. Yoom akka barreeffaman
Duraa duuba yeroo ilaalchisee ergaawwan eegdotaa ergaawwan mana hidhaa waliin walitti dhufeenya isaan qaban, kanneen Phaawulos waliin hojii wangeelaa hojjetan caqasuu irratti wanti jiru baay’ee ifa ta’ee mul’ata.
1Xim 1:3 irratti Phaawulos gara Maqadooniyaa deemaa osoo jiruu Ximotewosiin Efessoonitti dhiise, (Hoe 20:4 – 6) irratti immoo wanti arginu Ximotewos Phaawulos waliin adeemsa inni godhe yoo ta’u kallattiin isaas maqadooniyaa gara Esi yaa ture.
Ergaa mana hidhaa irratti Deemas Roomee kan turan Phaawulos waliin kan hojjetan keessaa haala gaarii ta’een yemmuu caqasamu, Fiilimona 24 fi 2Xim 4:10 irratti immoo deemas akka Phaawulosiin dhiisee haala badaan caqasa.
Ergaawwan eegdotaa irratti tiitoon Qarxeesitti argama (Tiitoo 1:5) achii gara Dilmaaxiyaa deemeera (2Xim 4:11)
2Xim 1:17 irratti akka arginutti phaawuloos mana hidhaa jira Qabxiiwwan arfan armaan olii irraa wanti hubannu ergaawwan eegdotaa hidhamuu Phaawus isa jalqabaa booda akka barreeffamani dha. Tokkoo tokkoo ergaawwan eegdotaa yemmuu ilaallu kan barreeffaman hidhamuu ergamaa Phaawulos isa jalqabaa booda malee hundumtuu yeroo tokkootti akka hin taane hubachuu barbaachisa
Continue Reding