OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)

Boqonaa 2

1. Ergaa Ximotewos Isa Duraa Gorsa Dargaggeessa lallabaa Ta’eef kenname

Jalqaba barumsa kanaa irratti waliigala ergaawwan eegdotaa ilaaluuf yaallera. Amma immoo tokko tokkoon ilaaluu yaalla.

2. Jireenya Ximotewos

Eenyummaan nama barreessee fi yeroon itti barreeffame akkuma barbaachisaa ta’an namni ergicha fudhatus eenyummaan isaa barbaachisaa dha.

Akkaataa Amantii fi Seera Yihuudotaatti kan guddate Ximotewos dhalootaan Lisxiraa dha (Hoe 16:1)

Haati Ximotewos nama Yihuudii yoo taatu abbaan isaa garuu nama Girikii ,amantii Kiristaanummaas kan hin fudhanne ture.

Eggaan ximotewos mucummaa isaa tii jalqabee caaffata qulqullaa’aa barachaa akka guddate dha. Kanaaf seera kakuu moofaa sirriitti beeka. (2Xim 3:15)

Adeemsa hojii wangeelaa isa jalqabaa Phaawulos godhe irratti Ximotewos waan amaneef, Phaawulos yeroo baay’ee “dhugma amantiidhaan ima koo” jedhee waama. (1Xim 1:2)

Phaawulos Adeemsa hojii wangeelaa isa lammaffaa irratti yeroo jalqabaa deemee, iddo itti waldaa dhaabe dhaguun to’achaa ture. Yeroo kanatti Ximetowos isa waliin akka deemee ilaaluu fi hojii wangeelaa akka isa waliin hojjetu godhe.

Ximotewos abbaan isaa nama Girikii waan tureef dhagna hin qabanne ture kun immoo hojii wangeelaa Yihuudota giddutti hojjetamuuf gufuu akka hin taaneef, Phaawulos dhagna qabe (Hoe 16:3)

Seeraa fi Amantii Yihuudotaatti kan guddate, akkasumas adeemsa hojii wangeelaa lammaffaa irratti Phaawulos wajjin kan ture Ximotewos, Maqadooniyaa fi Akayyaatti sochii hojii wangeelaa ture irratti hirmaataa ture (Hoe 17 : 14 -15, 18:5)

Itti dabalees Phaawulos waggoota sadiif Efesooniin taa’ee lallabaa fi barsiisaa turetti , Ximotewos isa waliin ta’ee gargaaraa tureera. Kana irraa kan ka’e magaalattii fi waldoota jiran wajjin sirriitti wal bareera. (Hoe 19:22)

Hojii irratti nama Phaawulosiin gargaaraa turee fi bartuu gaarii akka ture ergaawwan irra hubachuun in dandaa’ama. Fakkenya

2Qor 1:1 “… Phaawuloos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus kanan ta’e, Ximotewos obboleessaa wajjin …”

1Tes 1:1 “Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa …”

Fil 1:1 “Nuyi Phaawulosii fi Ximotewos hojjetoonni Kiristoos Yesuus”

Filemoonaa 1:1 “Ani Phaawuloos Ximotewos obboleesaa keenyaa wajjin”

Qol 1:1 “Ani Phaawuloos fedha waaqayyootiin ergamaa kiristosyesus kanan ta’e ximotewos obboleessaa wajjin …”

Dubbiiwwan kunnin egaa Phaawulos Ximotewosiin akka hojjetaa waliinii fi mucaa akkasumas akka hiriyaatti illee akka ilaalaa ture ibsu.

3. Ergaa Ximotewos isa duraa seenaa isaa

Phaawuloos adeemsa hojii wangeelaa isa itti gochuuf gara Maqadooniyaa deemaa yemmuu turetti Ximotewos esia keessa waldaa turte akka kunuunsuu fi eeguuf itti gaafatamummaa kennaafii Efesooniin akka taa’u godhe (1:3) keessattuu kaayyoo ergaa inni jalqabaa barreeffameef yemmuu ibsuufitti (3:14-15), “Ani dafee gara kee akkan dhufunan abdadha; garuu hammasitti gorsa kana siif caafuu kooti. Tarii yoo ani tures namni warra mana Waaqayyoo keessatti amala attamii qabaachuun akka isaaf ta’u, akkabeektuuf kunsi gargaara” jechuun gara efesoonnitti deebi’uu yoo hin dandeenye iyyuu Ximotewos itti gaafata mummaa isaa bahuu akka itti fufu itti hima.

4. Waldaa Efesoon

Magaalaan efesoon bittaa roomaa keessatti magaalota esia keessa turaniif magaalaa guddittii turte. Har’a garuu Turik jedhamuun beekamti. Manni Qulqullummaa inni jalqabaa erga gubatee booda maatiin achi keesa jiraatan marti walitti qabamanii mana qulqullummaa Arximeesi (waaqa tolfamaa) hojjetame akka waan guddaattis lakkaa’aa turan. Saantima yeroo sana Efesoon keessatti fayyadamaa turan irrattis mallattoo gochuun barreeffama “Niiqoros (Neokoros) jedhu hiikni isaa “eegduu mana qulqullu michaa” kan jedhu (Hoe 19:35) Waaqni tolfamaan Arximeesi addunyaa irratti beekamtii qabaachuusaa ibsa.

Turtii Phaawulos yeroo jalqabaa mana sagadaatti achii immoo mana Barumsaa Xeeraanoos godhe guutummaa guutuu sagaleen Waaqayyoo humnaan guddachaa fi mo’aa ture. Adeemsa Phaawulos wangeela lallabuuf itti fayyadamu keessaa tokko magaaloota gurguddoo irratti, kunis Efesoon irratti mul’ateera

5. Qabiyyeefi Hirama

Ergaan kun waliin dubbii barreeffamaan kan qabate ergaa nama dhuunfaati. Jaljalqaba galumsa isaa irratti Phaawulos maalif Ximotewosiin efesoonitti akka dhiisedubbata (1Xim 1: 13- 17)

Ofii isaa fakkeenya godhee dhiyyeessuun taate jireenya isaa keessatti isa quunaman ibsuun Ximotewos kaayyoo itti waamameef akka raawwatuuf jajjabeessa (1: 18, 4:6)

Haala waaqeffannaa fi rakkooleen barsiisaaf ibsamaniiru

Itti dabalees lallabaan tokko tajaajaila isaa fi walga’ii waldaa keessatti gareewwan jiran waliin walitti dhufeenya akkamii akka qabaatu fi tokkoo tokkoo garee waliinis akkamitti akka jirachuu qabu muuxannoo isaa kenna. (4:6 , 6:19)

Phaawulos Ximotewosii fi kadhannaa dhiyyeeseef haala gaariin bareechee ibseera. “baqqadhu” “hordof ” “eegi” jechoota jedhanitti fayyadamee jireenya isaa fi tajaajila isaa irratti firii qabeessa warra godhan ibsuun.

Hirama

Mata dureen Macaafichaa: Gorsa lallabaa dargaggeessaa ta’eef

I. Seensa 1:1-20

Nagaa gaafachuu 1:1-2

Waa’ee barsiisota sobaa of eeggannoo kenname 1:3-11

Ayyaana Phaawuloosiif kenname 1: 12-20

II. Waa’ee bulchiinsa waldaa ajaja kenname 2:1-15

Waa’ee kadhannaa fi barsiisaa ajaja kenname 2:1-15

Waa’ee dandeettii warra waldaa Geggeessanii 3: 1-13

Kaayyo ajaja kennamanii 3: 14 -16

III. Barsiisa sobaa fi haala itti ittisan 4:1-16

Maalummaa barsiisa sobaa 4:1-5

Barsiisa sobaa ittisuu 4:6-16

IV. Of eggannoo gorsa of keessaa qabu 5:1, 6:2

Waa’ee kutaawwan garaagaraa gorsa kenname 5: 1-25

Barsiisota garaa garaa 6: 1-10

Waa’ee dhuga ba’umsa dhuunfaa 6:11-16

Waa’ee qabeenyatti fayyadamuu 6:17-19

Gorsa walii gala 6:19 – 21

I. Seensa 1:1-20

1. Nagaa gaafachuu 1: 1-2

Yeroo duriitti barreesitoonni maqaa isaanii jalqabaa irra kaa’uu barsiisa jiru qabu turan, Phaawulosiis kana gochuun jalqaba.

Phaawuloos ergamaa kan ta’e filannoo mataa isaan ykn yaada namootaan osoo hin taane fedha Waaqayyoon ta’u isaa dubbata. Kana immoo barreeffamoota tokko tokko irratti fakkeenyaaf Filiphisiiyos 1:2 fi ergaa gara warra Tasaloqee fi Filemona irraa kan hafe kaan irratti ofii isaa haala kanaan beeksiseera.

Ergamaan Phaawulos ergamaa ta’uu isaa Waaqayyo biraa akka ta’e hubachuun isaa rakkoolee isa quunnaman garaa garaa keessatti dhaabbatee akka darbuuf isa gargaaraniiru kana malees jabina ta’aniiruuf

Ergamaan Phaawulos eenyummaa isaa erga ibsee booda “amantiin dhugaa ilmakoo Ximotewosiif” (1:2) jedhee eenyu xalayaa isaa akka fudhatu ibsa


Continue Reding