OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)

2. Waa’ee Barsiisota sobaa of eeggannoo kenname (1:3-11)

Ergamaan Phaawulos hidhaa dhaa erga bahee booda Ximotewos waliin Waldaa Efesoon yeroo daawwanaa isaati haala itti arge lafa kaa’a

Inni erga waldoolee kiristaanaa erga dhaabee booda waggoota kudhan osoo hin taane jabini waldatti bakka jajjameefitti dhugaa Phaawulos barsiiseen alatti barsiisa sobaa namoonni barsiisaa ka’aniiru

Phaawulos kana yemmuu argatte barsiisi sobaa kun waldaa Kiristaanaa kan diigu ta’uu hubatee Ximetewos achi turee haala jiru akka mijeessu godhe.

Ergaa jalqaa ximotewosiif ergu irratti irra deddeebi’ee waa’ee barsiisota sobaa ibsa kan godhe yoo ta’u, ximotewos geggeessaa waan ta’eef barsiisota sobaa barsiisa isaanii kana barsiisa dhugaa barsiisuun akka harkatti busheesuuf phaawuloos ajajaa fi aboo kennaaf.

Phaawulos barsiisa sobaa kana callisee biraa darbuu irraa dafee dhaabsisuu filate. Maalif phaawulos dafee dhaabsisuu kan filateef?

1. Kakuu moofaa irratti kan hundaa’e hidda qomoo lakkaa’uun Yihuudotaa homaa akka waa’ee hin baafne.

2. Xiyyeeffannoo yaada sammuu kallattii waan dhabsiiisaniif

1. Phaawulos yeroo baay’ee “Kiristoo Yesuus ilaalaa” jechuun ajaja dabarsa. Kan biro garuu mammaksaa fi oduu akkasumaan nama dhamaasuun qabxii tokko illee kan hin qabne hojii Waaqayyoo irraa namni akka xiyyeeffannoo kaasu gochuun gara wal mormiitti geessu

3. Miseensota gara dogongoraatti waan geessaniif

Barsiisonni kunnin soba barsiisan, barsiisota seeraa ta’uu barbaadu, haa ta’u malee hubannoo seera macaafaa ofii isaaniifillee sirriitti hin beekan, yoo barsiisuu barbaadan illee.

3. Kennaa Phaawuloosiif kenname: 1:12-20

1. Bakka kana irratti “warra cubbamoota fayyisuuf yesuus kiristoos gara biyya lafaa dhufe” yaada jedhu, ibsa wangeelaa ergaawwan kana irratti yeroo shan caqasamanii argamu. Macaafota kakuu haaraa biro keessatti kan hin tuqamne, “kan jedhu amanamaa dha” yaada jedhu argina. (1Xim 1:15, 3:1, 4:9, 2Xim 2:11, Tit 3:8) irratti

2. Namoonni hundinuu cubbamoota ta’uu yemmuu ibsu, bakka kanatti ofii isaa hundaa olitti cubbamaa akka ture kaasuun kunis waldaa kiristoos ari’achaa akka ture.

3. Haa ta’u malee cubbamoota fayyisuuf isa dhufe karaa kiristoos innis fayyina argateera.

Cubbamaa rakkisaa kana akkamitti Waaqayyo ayyaana isaatiin gara Kiristoositti fide ibsa

Warra Wangeela lallabaniif fakkeenya guddaa haa ta’u malee, kana gochuuf dandeettii akka hin qabne ture ibsa phaawulos

Waaqayyo cubbuu Phaawulos osoo hin beekni hojjete hundaa dhiiseefii, daangaa kan hin qabne obsa isaa itti agarsiisee, kennaa hafuuraa caalchisee kenneefii ergamaa akka ta’u godhe.

Muudamni isaa fi tajaajilli isaa hundi Waaqayyo biraati kanaaf phaawulos fayyina isaa fi tajaajila isaaf Waaqayyoon galateeffatee kan hin quufne.

Kanaaf Phaawulos kennaa ximotewos isa mul’ate irraa ka’uun itti gaafatamummaa kennaaf, ximotewos dargaggeesa yoo ta’e iyyuu tiksee waldaa ture. Kana irraa kan ka’e rakkooleen adda addaa akka isa quunnaman Phaawulos beeka ture. Kanaafis ajajainni kenneef:

1. Ximotewos “gaarii gootee akka lotuuf “kennaa hafuuraa qabuu wajjin wantootni barbaachiso ta’an akka jiran hunda, of eeggannoo gochuu akka qabu ibsa. * Waa’ee Ximotewos raajii dubbatame keessaa tokko bulchiinsa waldaa Kiristaanaa keessatti bakka guddaa inni qabu dha.

* Bulchiinsaa fi eegdummaa keessatti amantii fi yaadni garaa qullaaba gaariin waan baay’ee murteessoo ta’ani dha. Yoom iyyuu taanaan kanneen kun barbaachisoo dha.

Ximotewos immoo kanneen kana cimsee yoo hin qabanee kallattiin illee harkaa baduu danda’a.

Himnewosi:- Barsiisa sobaa tokkoof dura bu’aa yoo ta’u kunis Noositisiyaan barsiisa jedhu ture.

Barsiis kun immoo

Qaamni namaa foon kan ta’e xuraa’a dha.

Kiristoos waaqa waan ta’eef nama guutuu miti

Foon xuraa’aa waan ta’eef qulqulluu kan ta’e Waaqayyo foon uffate jechuun hin dandaa’amu

Kanaafuu Kiristoos waan foon fakkaatu uffate malee foon sirrii ta’e hin uffane

Faalasama pilaatoo irraa barsiisni dhufe kun hafuurri namaa hidhaa wantootaa keessaa akka baatuuf barsiis adda ta’e akka barbaachisu dha kan amanamu.

Waaqa hafuuraa fi qulqulluu ta’e fi qaama mul’ata gidduu boolla guddaatu jira. Boolli kun immoo kan guutu barsiisa adda taheen. Fayyuunis kan dandaa’amu barsiisa adda taheen.

ISKINDIR: Ilaalchisee immoo ilaalcha gargaagaaratu jira

Gareen tokko tokko Kakuu Haaraa keessatti kan caqasame maqaa ‘Iskindir’ jedhu lamatu jiru, kaan ammo inni kun sadaffaa dha jedhu.

Jalqaba maqaa kanaan kan waamame Hoe 19:33, Phaawuloos Efesoonntti yemmuu tajaajiletti jeequmsa kaasaniin yeroo walga’ichi jeeqame, yihuudonni amantiin isaanii akka caaluutti ibsa akka godhuuf namicha bakka buusan ture.

Kaan ammo 2Xim 4:14 irratti Phaawulos, “Iskindir inni sibiila tumu baay’isee hamaa ana inni hojjete; goofitichi akka hojii isaatiitti isaaf in deebisa!” Baay’een iskindir isa bakka kanatti caqasameefi inni Hojii ergamootaa keessatti caqasame tokko jedhu.

II. Waa’ee Bulchiinsa Kiristaanaa Ajaja Kennameef 2:1-3:16

Kutaa kana keessatti waldaan kiristaanaa Efesoon barsiisa sobaan akka hin faalamne barsiisa dhugaan eegaa, hojiiwwan biroon ammo jabaachaa, wantoota biraa irratti immoo of eeggannoo akka godhu phaawulos gorsa dabarsaaf.

1. Waa’ee kadhannaa fi Barsiisuu 2:1-15

Phaawulos kutaa kana keessatti hunda dursee qajeelcha inni kennuu barbaade waa’ee kadhannaati barsiis dhugaan waldaa kiristaanaatiif akkuma barbaachisu kadhannaanis waldaa kiristaanaaf baay’ee barbaachisa. Phaawulos waa’ee kadhannaa yemmuu dubbatu yaadota armaan gadii ibsuun

Himannaa:- Waan barbaachisu hunda Waaqayyoon kutaa itti gaafatan dha

Warra kaaniif dubbachuu:- Waa’ee warra kaaniif kadhannaa Waaqayyoof dhi’aatu

Galata dhi’eessuu:- Waan Waaqayyo nuuf godheef kutaa itti galateeffannu yemmuu ta’u, waa’ee eenyumma isaaf illee kadhata dhi’aatu dha.

Egaan kadhannaan kanneen olii of keessatti qabata erga ta’ee, waa’ee eenyuu kadhachuu qabna? “Namoota hundumaaf” deebii jedhu qabaata sababni isaa 2:4 irratti ibsameera

Kadhannaan namoota gaarii ta’aniif qofa osoo hin taane kanneen biro amala badaa qabaniif araarri Waaqayyoo akka ta’uuf kan dhi’aatu dha.

Amantii yihuudotaa kan hordofan guyyaa guyyaan kadhannaa isaan dhi’eessan, tokko ta’uu Waaqayyooti. Phaawulos immoo kanatti dabaluun waa’ee fayyisuu gooftaa yesuus ibsa.

a. Gatii Yesuus baase (Ransom)

Yesuus cubbuu keessaa nu baasuuf ofii isaa kenne duuti isaa bakka namootaati jechuu dha

Kanaaf Kiristoos adabbii nuti fudhachuu malle fudhate jechuu dha

Of isaa aarsaa gochuun gatii cubbuu keenyaa baase

b. Hojiin Yesuus kun saba hundumaaf waan ta’eef, labsiin isaa dhala namaa hunda bira ga’uu qaba, kunis Yihuudotaa alatti akka labsuuf ergamaan Phaawulos akka waamame dha. * Phaawulos ibsa kadhannaa kan xumuru haala itti dhiiraa fi dubartiin kadhachuu qaban ibsuun * Warri dhiiraa:-

Yaada dheekkamsaa fi qoccollootiin utuu hin ta’in:- kun jireenya kan ilaallatu yoo ta’u

Yaada qullaa’aadhaan harka olkaasanii:- kun immoo yaada ofii qulleessuun fedhiin harka wal irra kaa’uu kadhachuu hubachiisa

* Dubartiin:-

Gabjettee haabartu

Gabiitti haa jiraattu

Amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warfeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati jabeessa uffachuutti keessa ba’uudhaan of kuuluu osoo hin taane …” (1Xim 2:9-14)

Waa’ee barsiisuu dabartootaa ilaalchisee yaada Phaawulos dhi’eesse irratti, beektota macaafa qulqulluu gidduutti yaada jiran akka armaan gadiitti

Kutaa kana keessatti dubartoonni hin barsiisni sababa inni jedheef, waldaa Efesoon keessatti dubartoonni ofii isaaniiti sirriitti osoo hin baratin barsiisuuf fedhaa waan turaniif

Beekumsa gahaa warri hin qabne dubartoonni kun dhiira yemmuu barsiisan, dhiibbaa irraan geessisuu illee waan dandaa’aniif

Beekumsa gahaa ta’e akka hin arganne kan godhe dhiibbaa hawaasummaa yeroo sana ture waan ta’eef, waltajjiitti kan bahanii fi beekamtiin kan laafammeef waan turaniif.

Akkasumas 1Xim 5:12-15 akka argamutti amala dubartoota waldaa Efeson turanii kan barsiisu dha malee, yeroo hundaafi bakka hundaatti qajeelcha hojjetu miti jedhanii kan amanan jiru

Karaa biraatiin ammoo kutaa kana keessatti qofa seenaa ibsamee hafe qofa osoo hin taane barsiisa hafuuraati; kanaaf dubartoonni barsiisota waldaa ta’anii muudamuu hin qaban jedhanii kan amanan jiru

Phaawulos 2:15 irratti “…dubartiin mucaa da’uu dhaan in fayyiti; warri kaanis amantiitti, jaalalatti, qullaa, ummaattis of qabuudhaan yoo jiraatan in fayyu” yaadni jedhu hiika itti aanan qabaachuu dana’a.

Maatii keessatti haadhamanaa fi haadha ta’uu keessatti itti gaafatammuumnaa ishee ba’uun, amantii ishee gochaan ibsaa, soda Waaqayyoon kan guutame hubachiisuuf

Kiristoos fooniin karaa dubartii dhufee biyyaa lafaa waan fayyiseef, isheen illee isatti amanuun fayyina argachuu

Jireenya sirrii ta’e keessatti argamuun ijoollee yemmuu deessuu fi miidhama qaamaa kam irraa iyyuu eeguu kan agarsiisuu dha kan jedhan jiru.

2. Qajeelcha dandeettii gageesitoota waldaa ilaalchisee kenname (3:1-13)

Phaawulos Ximotewosiin nagaa gaafachuun eegalee, Waamicha Ximotewos qabus yaadachisee, akka inni waldattis barsiisota sobaa irraa eegus erga hubachiisee booda amma immoo gara geggeesitoota waldaa ti dhufa

Yeroo baay’ee ulaagaaleen kan barbaachisaniif wanti sun barbaachisaa waan ta’eef. Ulaagaaleen akka haala hojichaa fi amala namichaatti garaa gara ta’uu danda’u. Namoonni tokko tokko Kiristaanni kamiyyuu luba waan ta’eef geggeessaa kan biraa hin barbaachisu jedhu, hafuurri qulqulluun gahaa dha jechuun. Haa ta’u malee Macaafni Qulqulluun akka dubbatutti geggeessaa illee hafuura qulqulluun akka muudu dha.

Ergamaan Phaawuloos waldaa warra Efesoon yemmuu yaaduutti geggeesitoota muuduuf qajeelfamni akka barbaachisu waan hubateef, tiksee dargaggeessa ta’e Ximotewoosiif qajeelcha armaan gadii kaa’aaf.

Kun immoo hangam Phaawuloos saba Waaqayyoof akka eegumsa godhuuf agarsiisa


Continue Reding