Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)
Ilaaltuu hojii waldaa kiristaanaa (Episkope)
Gaaleen kun akka aadaa warra Girikitti bulchiinsa magaalaa tokko ykn mana amantaa tokko nama bulchu kan agarsiisu yoo ta’u, bakka kanatti immoo akkaataa kutaa kanaatti waldaa tokko kan eegdummaan to’atu agarsiisa
Kakuu haaraa keessatti (Episcopes) fi (presbyters) haala waljijjiiran hojii irra oolaniiru (Hoe 20:17, 28)
Phaawulos ulaagaa osoo lafa hin kaa’in dura namni kana hawwe hojii ba’eessa hawwa jechuun jalqaba. Sababni isaas hojii waaqayyoof kaka’uu mul’isa.
Kanaaf hojii mana Waaqayyoof jaalala qabu mul’isuun geggeessaa waldaa ta’uuf namni yaadu, yaadni isaa in deggerama jechuu dha. Phaawulos ulaagaalee inni itti fufuun kaa’e.
Waan ittiin jedhaan kan hin qabne (blameless) kana jechuun tasumaa kan hin dogoggore nama qulqulluu osoo hin taane
Amala badaa kan hin qabne
Akka sagalee Waaqayyootti jiraachuuf kan of kenne
Aboo isaatiin dhugaan kan wal hin dhiibne kan raawwatu
Waan gaaffii namatti ta’u kan hin raawwanne
Nama Haadha manaa tokkitii
Asi irratti Phaawulos namni osoo hin amanin dura haadha manaa lama qabu ture haa hiiku tokko jechuu isaa osoo hin taane, jalqabumaa kaasee kan haadha manaa tokko qabu jehuu isaati
Haadha manaa tokkoo olqabaachuun Waaqayyoof amanamummaa miti
Kana irraa ka’uun baay’een, geggeessaa waldaaf nama fuudhe qofa ta’uu qaba jedhu. Haa ta’u malee Phaawulos akkas jechuu isaa miti. Fuudhuun madaa ttii dandeettii miti
Gaa’ela ilaalchisee Phaawulosiis ta’e kanneen biro osoo hin fuudhin hojii hafuura gurguddoo hojjetan jiru
Nama keessummoota jaallatu
Ulaagaan kun waldaa Kiristaanaa ishee duraaf bakka guddaan kan kennamuuf ture
Tajaajilaan tokko mana namaa buufatee yoo ka’u waan barbaachisu hundaa guutaniif geggesu
Kanaaf keessumma simachuun yeroo murtaa’eef tajaajilaa of bira tursuun waan barbaachisu godhanii fii geeggeessuu fo keessatti qabata
Kana malees ari’atamin yoo jiraate, kanneen bakka buufatan dhaban gargaaru dha.
Nama Warra kaan barsiisuu danda’u
Hojiin kun waldaa eeguu fi kunuunsuun kan walqabate waan ta’eef barsiisuu illee of keessatti lammata.
Nama of qabu
Nama dhugaatiitti of hin ganne
Nama ulfinaa
Nama horii jaallatu hin ta’in
Phaawulos bakka kanatti bittaa horii jala akka hin taane ibsa (1Xim 6:10)
Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti filannoon gegeessaa “horiin kan walqabate” jechuun hin hafu ture.
Nama Warra mana isaa ba’eessa godhee bulcha
Dandeettiin nama bulchiinsa irra hojjetu tokkoo kan ilaalamu, haala inni itti mana isaa bulchu dha
Kana jechuun maatii isaa kan hacuucuun bulchu osoo hin taane, haala sirrii ta’een itti gaafata mummaa isaa kan bahu jechuu dha.
Nama dhi’oo amane hin ta’in
Yeroo sanatti namoota gara gooftaa dhufan keessaa dandeettii bulchuu kan qaban jiru turan
Namni osoo waldaa kiristaanaa hin dhufin dura dandeettii bulchuun /geggeessuun/ hangimllee beekame, akkuma amaneen waldaa akka geggeessuuf itti kennuun sirrii miti. Phaawulosis isa kana ibsa
Warra alaa biratti maqaa Gaarii kan qabu
Diiyaaqonoota (Dicons)
Diiyaaqonootni (Deacons) Afaan Girikiitiin hojjetaa namaa hiika jedhu yoo qabaatu, hawaasa kiristaanaa keessatti garuu gargaartota jaarsoolii waldaa ykn geggeesitootaa ta’e kan jedhu agarsiisa (Hoe 6: 1-6)
Kutaa kana keessatti gareenwwan kunniin waan caqasamaniif hojiin isaanii walitti dhufeenya waan qabuuf
Diiyaaqonootni rakkoolee adda addaa keessa namoota jiran gargaaruun, qabeenya waldaa Kiristaanaas kunuunsuun, akkasumas jaarsoolii waldaa hojii gargaaru
Kutaan kun ulaagaalee Diiynaqonootni guutuu qaban kan kaa’u yoo ta’u, yeroo sanatti wantoota xiyyeeffannoo barbaadan wajjin muraasa yoo ilaalle akka armaan gadiiti
Warra arraba lama hin dubbane Bakka tokkotti waan tokko bakka biraatti immoo waan biraa dubbatu yoo ta’e waldaa kiristaanaa booressu jechuu dha. Kana malees itti fakkeessuun soba kan hin dubbanne ta’uu qabu jechuu dha.
Karaa dalgaatiin bu’aa argachuu warra jaallatan hin ta’in
Dubartiin gargaartota ta’an, warra maqaa namaa balleessan ta’uun irra hin jiru. Yoo jedhu yeroo sanatti hirmaannaan dubartootaa hawaasa keessatti muraasa waan tureef, walitti qabamanii odeessuun iddoo guddaa qaba ture. Kanaaf haala mijataa fi yeroo bal’aa oduu irratti dubarsu turan. Kanaaf isa kana adda baasee dubartootaaf kaa’e. Yeroo ammaa garuu saala lamaanuu kan ilaallatu dha.
3. Kaayyoolee Qajeelfamoonni kennamaniif (3:14-16)
Ergamaan Phaawuloos qajeelfamoota kana sababa inni kenneef yemmuu ibsu “Manni kunis waldaa Waaqayyoo jiraataa, isa utubaa fi demdemoo dhugaa ta’ee dha.” (1Xim 3:15). Jechuun guddummaa mana Waaqayyoo dubbata
Fayyinni karaa kiristoos yeroo tokkotti dhokatee kan ture yoo ta’u amma garuu ifatti kan lallabamu dhugaa Waaqayyooti. Kanas sadarkaan kaa’uun ibsa.
Inni foon uffatee mul’ateera (Incarnation), Yesuus nama guutuu ta’ee akkaataa inni itti mul’atee fi deddeebi’e ibsuuf
Hafuurichi dhugaa galcheeraaf
Ergamoota Waaqayyootti argameera, yeroo dhalatetti dhalachuu isaa misiraachoo dubbatan, yeroo du’aa ka’etti du’aa ka’uu misiraachoo dubbatan (Hoe 1:1-10)
Saba biyya lafaa keessatti lallabameera yeroo kanatti wangeelli warra Roomaa hundaa biratti lallabameera sabni baay’eenis Kiristoositti amaneera
Ulfinaan olfudhatameera Kiristoos tajaajila isaa biyya lafaa irratti fooniin deddeebi’ee barsiisaa ture xumuuruun bartoonni isaa osoo ilaalanii kan samiitti olba’e (Hoe 1:1-8, efe 1:20-21)
Jechoonni kunniin afaan Girikiitiin haala walaloon waan barreeffamaniif waldaan kiristaanaa isheen durii akka faarfaannaattillee itti fayyadamteetti.
III. Barsiisa sobaa fi mala to’annoo 4:1-16
Phaawlos shakkii tokko malee fayyisuu Yesuuus erga ibsee booda fayyina guddaa kana immoo haguuguuf kan ka’e hojii seexanaa kunis karaa barsiisa sobaa, maalummaa barsiisa sobaa ibsuun mala ittiin ittisan dubbachuu eegala.
1. Maalummaa Barsiisa sobaa 4:1-5
Macaafni qulqulluun keenya bara dhufe yesuus dura jiru ‘bara durii’ yemmuu jedhu, Yesuus foon uffatee nama ta’ee erga dhufee kaasee kan jiruun ammo ‘bara dhumaa’ jedha. Kanaaf kutaa kana keessatti ‘bara dhumaa’ kan jedhu Phaawuloos kan ibse Phaawuloos 1:3-7 irratti dabalataan waa’ee barsiisa sobaa qabxiilee gargaagaraa kaasa
Burqaan barsiisa sobaa seexana “bara booddeetti namoonni tokko hafuurta wallaalchisoo dhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii” (4:1)
Barsiisni sobaa barumsa isaanii kan babalifatan karaa namootaati kanneen kanaan Phaawuloos akkana jedha.
Yaada qalbii qulqullaa’aa hin qaban
Foon ofii hacuucuu qabna jedhu
Waaqayyoon biratti fudhatama argachuuf fuudhaa fi heeruma irraa of qusachuu qaba jedhuun barsiisu
Deebii isaa kana keessatti Waaqayyo uumaa inni uume qulqulluu fi gaarii akka ta’e yaadachiisa (Mar 7:18 – 19, Rome 14: 14). Amantoonni bara durii caafata qulqullaa’aa keessaa bakka tokko dubbifatanii achii kadhannaa godhachuun nyaata innyaatu turan. Kana ilaalcha keessa galchuun kennaa Waaqayyootiif galateeffachuu akka qaban cimsee beeksisa
2. Barsiisa sobaa ittisuu 4: 6 – 16
Phaawulos waa’ee barsiisa sobaa erga dubbatee booda itti fufuun Ximotewoosiin Waamicha tajaajilaaf Kiristoos biraa argatte amanamummaan sirriitti akka geggeessu akka gaafachaa jiru beeksisa
Ximetewoos itti gaafatamummaa irra jiru hubachuun barsiisa soba jiran adda baasee, barsiisa sirrii waa’ee Kiristoos barsiisuu akka qabu hubachiisa.
Ximotewooosiif ergaan barreeffame kun namoota biro biro barsiisuu qofa osoo hin taane of isaa illee sirriitti of eeggachuu akka qabu dha.
(1Xim 4:9), “Dubbichi amanamaa dha, guutummaattis fudhatamuunis in ta’aaf.” Lakkoofsa 8 irratti namummaa foonii cimsuun of qopheessuun wantamuraasaaf nama gargaara” jechaa Waaqayyoof ta’uudhaaf of qopheessuun wanta baay’ee dhaaf nama gargaara jedhaan phaawuloos
Fakkeenya gaarii ta’uun geggeessaa waldaa kiristaanaa ta’uu dirqama dhimma guddina umrii miti. Fakkeenyummaan kun karaa garaa garaa ta’uu danda’a.
Jechaan: Yoomii fi eessatti dubbachuu akka qaban of eeguu
Jireenyaan: Jireenyi jiraannu walii galaa tajaajila irrattis ta’e manatti, kiristaanummaan akkamiin akka hojiin mul’atu ibsa
Jaalalaan:- Namoonni Waaqayyoo jaalala walii isaaniif qabaniin beekamu
Amantii:- Waaqayyo irratti amantaa qaban
Qulqullummaa:- ilaalchi qulqullaa’an yaada qalbii qulqullaa’aa agarsiisa. Karaa lamaanuu qulqullummaan tajaajilaa barbaachisaa dha.
Phaawulos kennaa hafuuraa ximotewoosiif kennameen akka tajaajilu isa yaadachiisa. Kennaa isaa waliin kan deeman caaffata qulqullaa’aa namootaaf dubbisuun, gorsuu fi barsiisuu akkasumas lallabuu akka walqabsiisu dha.
IV. Of eeggannoo Gorsa of keessaa qabu 5:1 – 6 : 21
Phaawuloos kutaa kana keessatti waldaa kiristaanaa keessa kan jiran kutaawwan garaagaraatiif qajeelfama kenna.
1. Kutaawwan Garaagaraaf gorsa kennaman 5:1-25
Kutaa kana keessatti “nama jaarsa” kan jedhu dursinee boqonnaa sadii keessatti akka ilaalle waa’ee warra geggeessanii osoo hin taane, waa’ee umrii kan ilaallatu dha.
Nama jaarsa akka abbaatti gorsi
Namoota gara ijoollee akka obbolootaatti isaan qabi
Dubartoota maangudoota akka haadhotaatti
Warra gara ijaallee yaada qullaa’aadhaan akka obboleetotaatti gorsi
Akkaataa Ximotewos itti tajaajiluu qabu yemmuu ibsu, ximotewos dargageessa ta’uu isaa irraa kan ka’e, shamarran akka obbettootaatti yoo ilaale fakkeenya gaarii ta’uu danda’a warra kaaniif.
2. Warra abbaan manaa irraa du’eef ajaja kennameef Phaawulos warra abbaan manaa irraa du’e gargaarsa akka barbaachisu hubachiisa, yeroo sanatti galmee irratti in galmaa’u turan. Fakkeenyaaf Hoe 6 irratti. Rakkoon akka hin uumamneef, phaawulos adda baasee akkas jedhan.
1. Sirriitti rakkoo irra kanjirtu
2. Umrii waggaa 60 ol kantaate phaawulos daangaa kana sababa inni kaa’eef warra abbaan manaa irraa du’e umriin immoo ijoollee ta’an :
Amala isaanii
Akkasumas heerumuu akka danda’an ibsuufiin
3. Waa’ee geggeesitootaa
Phaawulos warra barsiisaniifi lallabaniif kabajaa guddaan inta’aaf yemmu jedhu kaffaltii illee of keessatti qabata jechuun baay’een in amanu. Inni ofii isaatii dunkaana hodhuun tajaajilaa kan ture yoo ta’u, kutaa kanaa fi ergaa qorxoosisa duraa keessatti garuu warri tajaajilan dadhabbii isaanii argachuu akka qaban ibsa
Yemmuu “maanguddoonni warri ba’eessa godhanii hojii waldaa geggeessan, addumaan immoo warri lallabaafi barsiisatti dadhabanii hojjetan, gatii dadhabbii isaanii dacha lama ulfinaan argachuun isaaniif inta’a.” (1Xim 5:17) jedhu dadhabbiin isaanii haguugamee akka hin hafne dubbachuuf
“Harka mataa namaa irra kaa’uutti hin ariifatin” (5:22) Asirratti nama tokko jaarsa waldaa godhee shuumuun dura of eeggannoo gochuu qabu ibsaaf.
Namichi gara jaarsa waldaatti dhufu dursa qoranii hubatanii ilaaluun akka barbaachisu dha.
4. Barsiisa garaagaraa 6: 1-10
Ergaa Ximotewos isa duraa kana keessatti phaawulos waldaa kiristaanaa keessatti kan argaman kutaalee adda addaa tuqeera, waa’ee warra namootaaf hojjetanii, wan’ee warra namoota hojjechiifatuu, waa’ee haala jireenya kiristaanummaa qajeelfama kennuun ejjennoo isaa lafa kaa’a.
Sagaleen Misiraachoo (wangeelli) gufuu tokko malee akka lallabamuuf waan gutuu itti ta’uu danda’an yemmuu ibsu, “Warri waanjoo garbummaa jala jiran waaqayyo, barsiifni keenyas maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra isaan bulchan akka warra ulfina hundumaa argachuun ta’uufitti haa ilaalaa!” (1Xim 6:1) kana yoo jedhu kaayyoo ofii isaa illee ifa gochaati. “Wangeelaaf jedhee kana hundumaa nangodha” (1Qor 9:23) jechuun kaayyoo isaa ibsee ture.
Continue Reding