OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)

5. Waa’ee dhugaa bahumsa dhuunfaa 6: 11 – 16

Ergamaan Phaawuloos Ximotewoosiif ergaa isaa yemmuu barreessuuf, haala madaallii isaa eeggateen. Kunis waa’ee barsiisa sobaa erga hubachiisee booda, inni maal akka gochuu qabu dha. Kutaa kana keessattis sanuma yemmuu godhu argina. Dursinee akkuma ilaaletti barsiisni sobaa namoota baay’ee akka miidhu dha. Ximotewoos immoo nama akkasumaanii miti, nama Waaqayyoo ti malee, kanaafuu barsiisa akkasii irran fagaadhu, baqadhu, miliqi jechuun gorsa phaawuloos

Waa’ee baqachuu fi miliquu yoo kaafnu karaan ittiin baqatan:

Waan qulqulluu hordofuun (Mat 6:33)

Jireenya hafuuraa isa sirrii hordofuun (1Xim 4: 7-8)

Amantii duukaa bu’uun (Ibr 11:6)

Jaalala, obsa, garaamummaa duukaa bu’ijedhaan (Gal 5:22-23)

Baqachuu qofa osoo hin taane, kanneen faana bu’uun jalaa miliquuf hubannoo gaarii qabachiisa

Itti fufuun “…gaarii gootee akka loltuuf …” (1Xim 1:18) jedhee jalqaba irratti isa dubbate irra deebi’ee yaadachiisa

Yaada kana cimsuuf Phaawuloos adeemsa hojii wangeelaa isa wajjin godhatan irratti akka caqaseef yaadachiisa

6. Itti fayyadama Qabeenyaa 6:17 – 19

Boqonnaa kana keessatti dursee Phaawuloos waa’ee badhaadhummaa yemmuu caafutti, badhaadhumma kan fedhu:

1. Qabna waan jedhan hundaa Waaqayyoof kennuu akka qaban

2. Waan qabeenya qabaataniif akka of hin jajine

3. Innumaayyuu abdii isaanii Waaqayyo irra malee qabeenyaa isaaniirra akka hin goone

4. Amala gaarii qabaachuun qabeenya qabaniin hojii gaarii hojjechuu

5. Kennaas kennuu akka qaban barsiisa

7. Gorsa Walii galaa 6: 20 – 21

Phaawuloos yemmuu kana barreessu fayyinni fooniin miliquu kan argamu Kiristoositti amanuun osoo hintaane beekumsa adda ta’een kan argamu dha jechuun kan barsiisaa ture barumsa Noostizimii, waa’ee akka hin baafne ta’uu hubachiisuuf Ximotewoos immoo yeroo isaa osoo hin qabin wal mormii isaanii irraa fagaatee, adaraa itti kenname kunis Waldaa Efeson barsiisa kana irraa eeguu, barsiisa sirrii barsiisee akka eeguuf

Kutaa Sadii

1. Ergaa Phaawulos Gara Tiitoositti Ergame

Ergaa kana hubachuun dura jireenya Tiitoo haa ilaallu

1.1. Jireenya Tiitoo

Ormoota keessaa ta’ee kan gooftaatti amane, ilma Phaawulos karaa hafuuraa (1:4) ta’e dha. Adeemsa hojii Phaawulos isa jalqabaa karaa Anxookiyaa irratti fayyina kan argate. Akkuma Ximotewos nama Phaawulos Waliin hojii wangeelaa hojjetu dargageessa ture (Gal 2: 13)

1.2. Waldaa Qareexis

Hojii Ergamootaa 27:7-8 ibsa godhameen yoo ilaalle, Phaawulos hidhaatti gara Roomaa wayitii deemetti yeroo muraasaaf Qareexisin daawwateera. Amantiin Kiristaanaas wayitii kana Qareexisiin kan seene (1:5). Achii booda adaraa Tiitootti kennee adeemsa hojii wangeelaa isa itti aanu kan deeme, Phaawuloos. Bara Kakuu Haaraatti Qareexis amala badaa, haxxummaan kan guutte, dhiibaa’ummanis kan keessa guute ture ;kanas immoo akka waan sirriitti lakkaa’uun waan barame ture.

1.3. Ergaa Gara Tiitoo

Haalli Qarxees ture abdii kan kutachiisuu kan ture yoo ta’u, waldaan Kiristaanaas kan hin qindoofne waan turteef hojii cimaa gaafata ture. Itti dabalees Amantoonni waldaa Qarxees amala isaaniitti maal na dhibdeen kan guutaman turan. Kanaaf yeroo ja’a ergaa gabaabduu kana keessatti Kiristaannoon hojii gaarii akka hojjetaniif kan jajjabeessu (3:1, 8, 14, 1:16, 2:17, 14) .Hanga fedhe illee hojii Kiristoos irratti homaa dabaluun hin barbaachisin malee (3:5) Phaawulos jabina kana yemmuu dubbatutti, warri fayyan hojii gaarii hojjechuu akka qaban gorsa isaa dabarsaaf.

Waldaa Qarxees Keessatti waantonni ka’ani turan:

1. Inni jalqabaa Amala badaa fi haala jireenya warra Qarxeesi irraa kan burqe ture

2. Inni Lammaffaa immoo Yihuudota dhaqna qabatan irraa ture (1: 10)

Barsiison Qarxees turan Galaliiyaatti ka’anii warra turan irraa adda. Amalli kanneenni kanaa kan manca’e dha. Kanneen Galaatiyaa garuu seeraa cimsuu irratti kan xiyyeeffatanii dha. Phaawulos yemmuu Tiitoof barreessutti lamaanuu ceephaa’uun.

4. Qabiyyee Ergichaa

Ergaa Ximootewos isa duraas ta’e ergaa Tiitoof barreeffaman tajaajilaa guddachaa jiru, tajaajila irratti yemmuu boba’u rakkoolee isa mudachuu danda’an akkamitti akka furmaata fiduu danda’uu hubachiisuuf. Akkasumas akkamitti waldaa Kiristaanaa kunuunsuu akka qabanis ibsuuf. Ergaa Tiitoos barreeffame qabiyyee armaan gadii of keessaa qaba.

Eenyummaa Waaqayyoo 2:11, 3:6, Jaalalaa fi ayyana 2:11, 3:4 muudama fayyisaa 2:10, 3:4, fayyisuu Kiristoos 2: 13, 3: 6 Hafuura qulqulluu 3:5, sadan tokkummaa Waaqaa kan ibsan 3: 5-6, Waaqummaa Yesuusiif yaada ijoo 2:13, fayyinni waan hundaa of keessatti qabachuu 2:11, fayyinni ayyaanaan malee hojiin akka hin taane 3:5, Hafuurri qulqulluun amantoota keessatti 3:5, amantiin fayyuu 3:7, qulqullummaa 2:14, hojii badaa irraa adda bahuu 2:12, jireenya bara baraa dhaaluu 3:7, dhufa Kiristoos lammataa 2:13.

Yaadolee kunniin Kakuu Haaraa keessatti iddoo guddoo qabu. Ergaan Tiitoo kun egaan guddaachaa waldaa jirtuuf gorsa fi barsiisa gaarii dha. Ergicha irratti ifatti kan mul’atu barumsa sirrii fi jireenya sirrii kan jedhu dha.

Baafata Ergichaa

Mata duree ergichaa: Barsiisa sirrii

1. Nagaa gaafachuu 1:1-4

2. Barsiisa sirrii kennuu 1:5-16

3. Jaarsolii waldaa muuduu 1: 5- 9,

4. Barsiisota sobaa ifatti baasuu 1: 10 – 16

5. Qajeelfama barsiisa sirrii 2: 1- 15

6. Barsiisa sirrii hojii irra oolchuu 3: 1-11

7. Goolaba 3:12-15

1. Nagaa Gaafachuu 1:1-4

Lakkoofsota kanneen irratti keessattuu 1-3 kan jiran irratti kan jiran nagaa gaafachuun dhiyyaate ergichi nama dhuunfaas akka ergame hubachiisa. Kanaa alatti Phaawulos dheeressee nagaa gaaffannaa kana yemmuu caafu, seera tokko eegee Waldaan Kiristaanaa biroo illee akka dubbisaniif ta’uu danda’a.

Phaawulos ofii isaa “Hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesuus Kiristoos” jedhee waama. “Hojjetaa” kan jedhu Afaan Girikiitiin hiikaa lama qaba. Kunis:-

Inni jalqabaa jireenya ofii isaa walabaan jiraachuu dhiisee gooftaa isaaf kan of kenne dha

Inni lammaffaa ammo “hojjetaa” jechuun fedhii isaan gooftaa isaa kan tajaajilu jechuu dha.

2. Kenniinsa Barsiisa Sirrii 1:5-16

Hanga fedhe illee “Qarxeesittan dhiise” yaadni jedhu hojii ergamootaa keessatti ka’uu baatus, phaawulos fi Tiitoos achi akka waliin turan yaada ibsu dha. Seenessa Hojii ergamootaa irraa akka hubannutti Phaawuloos waldaa kiristaanaa erga dhaabee booda, jaarsolii waldaa muudee qindeessuun waan barame ture (Hoe 14:23). As irratti garuu waldaa kiristaanaa qindeessuu itti gaafatamummaa isaa Tiitoof kenna.

a. Muudama Jaarsolii waldaa

Ergamaan Phaawuloos ergaa isaa isa Ximotewoosiif caafe irratti waa’ee dhimma kanaa ibseefii ture. Kutaa kana keessatti qajeeffama inni Tiitoof kennus walfakkaata. Jalqaba ergaa Ximotewoos keessatti kan hin caqafamne Tiitoof kan caqafaman garuu jiru. Isaanis

Kan of hin jajjine ykn hin bokoksine

Kan dafee hin dheekkamne

Kan of eeggatu

Kan gad of qabu kanneen kun Amantoota Qarxeesiin jiran kan ilaallatu yemmuu ta’u, jaarsolii waldaa muuduuf yeroo yaadanitti dirqama ulaagaaleen kunniin guutamun qabu.

Phaawuloos dursee dursee jaarsolii waldaa kiristaanaa ta’uu kan danda’u erga ibsee booda, wantoota ta’uu malaa lafa kaa’a. Kunis nama kan keessumeessaan, waan gaarii kan jaallatan fi kan of qaban ta’uu dha. Kanneen keessaa tokko tokko Ximotewoosiif kan caafaman turan.

b. Barsiisota sobaa ifatti baasuu (1: 10-16)

Baay’een Kakuu Haaraa keessatti caqafaman waldaaleen kiristaanaa waldaa qarxeesitti barsiisaa turan, barsiisonni sobaas barsiisa sobaa barsiisaa akka turan dha.

Rakkoo akkanaa kan uuman Gal 2:22 irratti akka ibsa metti “warra dhaqna qabatan” kan jedhaman fi garee, yihuudotaa keessaa kan ka’an yemmuu ta’an, isaanis fayyinni amantii qofaan osoo hin taane seera Musees eeguun jedhu turan.

Namoonni kun bakkeen yoo ilaalaman Kiristaanota fakkatu turan. Keessi isaanii garuu waan sirrii ta’e irraa kan fagaate turan.

3. Qajeelfama barsiisa sirrii 2: 1- 1

Barsiisonni sobaa dhugaa wangeelaa fi barsiisa ergamoota Yesuus wajjin kan hin deemne barsiisa sobaa kan barsiisaa turan yoo ta’u, Tiitoos immoo barsiisa sirrii barsiisuu qaba. Kunis sadarkaa sadarkaan, abbootii waldaa irraa jalqabuun miseensota waldaa Qarxes akka barsiisu dha.

Maanguddoonni – akka dhugaattitti of hin ganne, warra of qaban akka ta’an

Dubartoonni dullooman – amala warra akka qulqullootaatti fudhatamaaii haa agarsiisan

Dhiironni warra gara ijoollee akka of qaban

Abbaan manaa: ijoollees akka jaallataniif gorsi (2: 1-5)

Phaawulos amaloota gaarii kanneen naamumsa gaarii walii qajeelfama sababa inni kenneef lakk.5 irratti “Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhanetti” kan jedhu dha

4. Barsiisa sirrii Hojii irra oolchuu 3:1-11

Ergamaan Phaawulos sagalee misiraachoo cinatti haala jireenya Kiristaanummaa irra deddeebi’uun lafa kaa’a (2:11-14, 3: 3-7). Kanas wanta inni godhuuf namoonni ayyaana Kiristoosiin fayyina argatan amala gaarii qabaatanii jireenya gammachiisaa akka jiraataniif.

Barsiis Phaawulos kun ilaalchi Kakuu Haaraa ifummaa qofa irratti kan buu’urefate osoo hin taane, hojiinis kan mul’atu ture.

Kutaan kun warra aboo irra jiran wajjin qofa osoo hin taane, nama tokkoo wajjin ykn hawaasaa wajjin walitti dhufeenya jiru yaadachiisuuf. Kunis waan hamaa ta’e akka hin dubbanne, dubbii badaa irraa akka of eeganiif, walitti dhufeenya gaarii akka qabaataniif.

Lakk. 4-7, dhachi namaa biyya lafaa, dukkanaan guutte keessa osoo jiruu Waaqayyo isaan fayyisuuf dhufe. Jaala Waaqayyoo kana keessatti, hojiin namootaa homaa osoo itti hin dubalamin fayyina argatan. Phaawulos yaada kana cimsuuf Lakk.8 iratti (3: 8) “Dubbiin kun amanamaa dha, warri Waaqayyotti amanan hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif, dubbii kana cimistee akka qabdu nanbarbaada; dubbiin kun namaaf ba’eessa, dhimmas in baasaaf.” Kana malees faayidaa kan hin qabne barsiisa sobaa irraa akka fagaatu hubachiisuuf ibsoota sadii fayyadame

Qo’annoo guwwummaa fakkaatu barsiisa Noositizimii agarsiisa

Hundee seenaa dhala namaa lakkaa’uu, kunis fayyinaaf kan waa’ee hin baafne

Seera muse, keessattuu dhaqna qabaan fayyinaa f baay’ee barbaachisaa dha kan jedhan

Yero baay’ee namoonni barsiisa sirrii kan hin fudhanneef, akka yaada isaaniitti deddeebiuuf. Namoonni akkasii immoo warra of tuulanii fi beekumsa gahaa hin qabne dha.

Dhugaa didanii erga deemanii booda, caalaatti cubbuutti qabamu; sammuun isaanis kan sirrii hin taane ta’a (1 Xim 6:3-15) .

5. Yaada Goolabaa 3:12-15

“Niiqopheeliyuun” jechuun magaalaa mo’ate jechuu yoo ta’u, Phaawulos yeroo gannaa achi turuun barbaade jedhee yemmuu barreessu achi hin gahin jiraachuu isaa ibsa, kunis yeroo kanatti hin hidhamne akka garaa isaatti sochaa’aa jira ture.

Phaawulos kana yemmuu Tiitoosiif caafetti nama seera beekaa jedhamu Zeemasii fi Apholoosiin erguufii akka barbaade, ergaa kanaas warri fuudhanii deeman deemsaaf waan isa barbaachisu akka qopheessaniifit Tiitoo yaadachiisa.


Continue reading