Ergaawwan Tiksummaa (Pastoral Epistles)
Kutaa Afur Ergaa Ximotewos isa lammaffaa
Ergaan Ximotewos inni lammaffaa kun ergaawwan Phaawulos caafe keessaa isa dhumaa yemmuu ta’u, tajaajiltootaaf ergaa baay’ee faayidaa qabeessa ta’e dha. Phaawulos bara 62/63 Mana Hidhaa Roomaattii erga hiikamee booda adeemsa hojii wangeelaa yeroo afurfa irratti ergaa Ximotewos isa jalqabaa caafera. Haa ta’u malee adeemsa hojii wangeelaa kana booda bara Mootii Neeroo bara 66-67, yeroo lammaffaaf hidhamee ture. Maalif Phaawulos yeroo lammataaf qabamee akka hidhame wanti ifa ta’e hin jiru.
4.1. Baafata ergaa Ximotewos isa lammaffaa
Mata dureen ergichaa:- Ergaa nagaa dhaamuu
4.1.1. Seensa 1: 1-18
Nagaa gaafachuu fi galata 1:1-7
Amanamummaaf jajjabeessuu 1:8 – 18
4.1.2. Qajeelfama Addaa Ximotewoosiif kenname
2: 1- 26 2.1. Waa’ee jireenya dhuunfaa isaa 2:1-13
2.2. Namoota biroo wajjin walitti dhuffeenya godhachuu qabu 2:14-26
4.1.3. Waa’ee bara dhumaa ajaja kenname 3: 1-17
3.1. Balaa ganiinsaa 3:1-9
3.2. Amantiin of jajuu 3:10 – 17
4.1.4. Haalaa nagaa dhaamsaa 4:1-22
4.1. Adaraa isa dhumaa 4:1-8
4.2. Nagaa dhaamsa isa dhumaa 4:9 – 22
a. Seensa 1: 1- 18
1. Nagaa Gaafachuu fi galata 1: 1 – 7
Phaawulos waa’ee ergamaa ta’ee waamamuu isaa erga ibsee booda Ximotewoosiif jaalala qabu ibsa. Lakkoofsa lama irratti “… ayyaana, araara …” yemmuu jedhu nagaa wal gaaffannaa Girikootaa fi Ibraasixi kan hordofe dha. Phaawulos adaraa itti kennuu qofa osoo hin taane, osoo wal irraa hin kutin halkanii fi guyyaa kadhataniif ture. Ergaawwan Phaawulos barreesse baay’ee isaanii yemmuu ilaallu, Waaqayyoon galateeffachuun jalqaba. Kutaa kana keessatti wanti Phaawuloos Ximotewosiin gorsu kennaa haaraa akka fudhatuuf osoo hin taane, kan qabu hojii irra akka oolchuuf
2. Jajjabina Amanamummaa 1: 8 – 18
Phaawulos yeroo ergaa kana barreessetti roomaa keessatti kan argamu, mana hidhaa boollaa keessatti, bakka qorraa ta’etti hidhamee ture. Kanaaf Ximotewosiin akkas jedha, “… waa’ee koo isa ani sababii kiristoosiif jedhee hidhames hin yeella’in!” (2Xim 1: 8) kana jechuu qofa osoo hin taane, inni dhugaa ba’uu keessatti akka qooda qabaatu jajjabeessa.
Lakk 9 – 10 irratti bu’uurri tajaajilli isaa fayyina ta’uu erga ibsee booda, maalif gidiraa kana akka fudhates Ximotewosiif ibsa.
b. Qajeelfama Addaa Ximotewoosiif kenname 2: 1 – 26
1. Waa’ee jireenya Dhuunfaa isaa 2: 1- 13
Jalqaba boqonnaa kanaa irratti “Ati immoo ilma ko!” jechuun jalqaba. Dursee namoonni baay’een kan dhiisuu tajaajila; Ximotewos akka cimsee qabuuf jajjabeessa. Phaawulos karaa jabinaa kan agarsiisu Kiristoos irraa ayyaana argamuun ta’uu ibsaaf.
1. Dandeettii barsiisuu: Phaawulos ergaa isa jalqabaa keessattis ta’e isa lamaffaa kana keessatti wangeela akka barsiisuuf ximotewoosiin jajjabeessa.
2. Amanamummaa : Namni hin amanamne hanga fedhe dandeettii qabaate illee, adaraa guddaan itti kennamuu hin danda’u. Itti fufuun “Akka loltuu Kirsitoos Yesuusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu.” (2:3) jechuun Ximotewoosiin hafeera. Phaawulos akka loltuu tokkootti dhiphina keessa darbuuf akka of qopheessu isa yemmuu gorsutti fakkeenyota armaan gadii lafa kaa’uuni
Itti gaafatamaa isaa gammachiisuuf akka loltuu barbaaduutti
Seera fiigichaa akka nama dorgommii hirmaattuutti
Qotee bulaa jabaatee hojjetu
Phaawulos fakkeenyota kana yemmuu fayyadamu, jabaatanii hojjenan fiixan bahisa akka argatu dha. Ximotewos itti gaafatamummaa isaa keessatti kan Phaawulos kan beekisu wangeela akka lallabu yaadachiisa.
2. Namoota biroo wajjin walitti dhufeenya gochuu qabu 2:14-16
Lakkoofsota 14-18 irratti argamu barsiisa Noositisiimii yoo ta’u ergaa Ximotewos isa duraa fi Tiito keessatti kan mul’ateen wal fakkii qaba.
Barsiisa sobaa keessaa tokko 1Xim 1: 20 irratti caqafameera .
Barsiisonni sobaa kun du’aa ka’uun kanaan dura ta’eera, kanaan booda du’aa ka’uun hafuura qofaan jedhanii barsiisu .
Phaawuloos barsiisa sobaa kana akka jireenya namaa boorressatti jibba.
3. Waa’ee bara dhumaa ajaja kenname 3: 1- 17 3.1. Balaa Ganiinsaa 3:1-9
Macaafni Qulqulluun bara dhumaa kan jedhu Kiristoos gara biyya lafaa erga dhufee kaasetti (Ibr. 1:2), kanafuu yaadni kun bara Phaawulos keessa ture dabalatee, deebi’ee dhufuu kiristoos isa yeroo lammaffaa kan agarsiisudha.
Keessattuu lakk 5 irratti “Akka bakkeedhaan mul’ataniitti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isaa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu” Yaadni kun afaan Girikiitiins ta’e afaan amaaraan waan yeroo ammatti ta’u kan agarsiisu dha. Kanaaf Ximotewos yeroo inni turetti kan raawwatamaa turan dha.
Kutaa kana keessatti wanti Phaawulos ibsu waldaa Kiristaanaa alatti kan jiran qofa osoo hin taane, waldaa Kiristaanaa keessa illee jiraatanii yaada dogoggoraa kan qaban akka jiran
Innumaayyuu cimsee kan dubbatu ofii isaanii Kiristaana jedhanii kan waaman, garuu adeemsa sirrii irra kan hin jirreqalbii diddiiratanii yoo hin deebine badiis akka itti dhufu dha
Kiristaannoon dhugaan ammo warra nama gowwomsanii fi karaa sirrii irra hin deddeebine irraa fagaachuu akka qaban lafa kaa’a.
2. Amantiin of jajuu 3:10 - 17
Namoonni hamoonni hammina isaanitti cimaa yoo deeman, barsiisonni sobaa dogongora isaanii ittuma caalaa yeroo deeman ofii isaanii dhugaa irraa fageessaa deemu, Waaqayyo irraas fagaatu (3:13)
Phaawulos egaan “ati garuu isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana eenyufa’i irraa akka barte waan beektuuf, isatti qabamii jiraadhu” (3:14) Kanas namoota kaan irraa adda baasee Ximotewoosiin yemmuu gorsu dha. Kana irratti seenaa Ximotewos beeka ture yaadachiisa
Faayidaalee Caaffata Qulqullaa’oo (3: 16 – 17)
“Namni Waaqayyoo” Yemmuu jedhu bakka kanatti akka Ximotewos warra jiran, geggessummaa irratti kan bobalan akkasumas gara laafummaan Waaqayyoon kan tajaajilan.
Ximotewosiis dhugaa beekuun cimee akka dhaabatuuf
d. Haasaa Nagaa Dhaamsaa 4: 1 - 22
Phaawulos ergaa isaa kan ittiin gudunfu adaraa isaa cimsee erga dubbatee booda
1. Adaraa isa dhumaa 4: 1 – 8
Phaawulos itti gaafatamummaan isaa cimaa ta’uu kan ibsu itti gaafatammummaan kun Ximotewosiif waaqa biraa akka itti kennametti dha. Kunis fuula Kiristoos Yesuus dura akka jirutti akka yaadu gochuun
Adaraa erga itti kennee booda jechoota itti aanaan gudunfa
Dubbicha lallabi jechuun haalonni mijatanis mijachuu baatanis dubbicha lallaba, sagalee misiraachoo dubbadhu.
Nama balleessaa isaa hubachiisi ifadhu! Ximotewos karaa dogogoraa irra warra jiran akka deebisuuf.
Obsa hundumaan gorsi barsiisi Namoonni miira garaa garaa keessa seenanii fedhii addaa akka hin qabaanneef barsiisa sirrii barbaachisa
Wal’aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera ergaa isaa jalqabaa irratti lola gaarii loli jechaa ture Ximotewoosiin. Amma garuu wal’aansoo akka xumure dha. Kana booda Ximotewos akka itti fufu dha. Yeroo innis Xumurus namoonnis adaraa itti kenname itti fufu.
Dorgomee koos raawwadheera dorgommee akka addaan kutu kan godhan 2Qor 11:23 – 28 Phaawulos garuu hunda keessa darbee adaraa isaa fiixaan baaseera
Amantii eegera kun immoo hundee amantii Kiristaanaa ti
2. Nagaa Dhaamsa isa dhumaa 4: 9 – 22
Yeroo kanatti Phaawulos umriin dulloomeera; qaamaanis dadhabeera. Mana Hidhaa Warra Roomaa iddoo Qorrraa keessa ture. Yeroo muraasa boodas akka ajjeeffamu beekeera ;kanaaf,
Ximotewos hanga dandaa’ameetitti Maarqosiin Roomaa fuudhee akka deemuuf barbaada. Maalif kana barbaade yoo jedhame, kan isaa wajjin ture Deemas isaa irraa adda baheera waan tureef.
Hanga fedhe illee haalli inni keessa jiru abdii kutachiisaa ta’u illee lakk 17 irratti “Garuu wangeelli karaa koo guutummaatti akka lallabamuuf, warri saba Waaqayyoo hin ta’inis akka isa dhaga’aniif gooftichi na bukkee dhaabatee na jabeesse; afaan leencaas na oolche.” Jechuun Qeesar duratti waa’ee Yesuus Kiristoos dhugaa bahuu danda’uu isaa ibsa. Bakka kanatti afaan leencaa yemmuu jedhu haalaan dubbiin, du’a irraa hafuu isaa ibsa, yeroo fuula moototaa dhaabatee hidhamee turetti jechuu dha.
Phaawulos namoota garaa garaa kaasuun nagaa dhaamaaf “Gooftaani, haafuura kee wajjin haa ta’u!” jechuun goolaba.
Goolaba (Conclusion)
Ergaawwan eegdotaa jedhamuun kanneen waamaman kunniin tajaajilaa geggeessaa ta’e tokkoof, tajaajila isaaf kallattii kan agarsiisan ergaa gad fageenya qaban kan qabatan ta’uu isaanii qo’annoo keenya keessatti ilaalleera. Kanaafuu ergaawwan kanneen yemmuu ilaalu, dhumni koos osoo akkas ta’ee fedhii jedhu nu keessatti uumu. Itti dabalees tajaajlaan tokko hanga dhumaatti deemuun faayidaaa inni qabu ifatti waan kaa’uuf, dhugumaan Kiristoosiif duuka buutuu ta’uu nama barbaaduuf, ergaawwan kana sirriitti dubbisee shaakaluu akka qabu dha. Dhugaa as keessa jiranis akka raawwachuu qabu hubanna.
End!