Ergaa Qorontoos Isa Duraa (1st Coronthians)
9 Fakkeenya jireenya phaawuloos
Phaawulos boqonnaa kana keessatti aboo ergamaa fi mirga tajaajilummaa isaa kan itti ibsu akkasumas aboo isaa kana itti fayyadamuu dhiisuu isaa kutaa itti ibsu dha.
9:1-3 Phaawuloos lakkoofsota kanneen keessatti ergamaa ta’uu isaaf dhugaa kan bahaniif yaadolee ijoota’an lama dhi’eessa. Inni jalqabaa kiristoosiin arguu isaa ture. Kana yemmuu jedhu ergamaan Phaawulos karaa Damaasqoo irratti Yesuus isa du’aa ka’e eenyummaa isaa arguu isaa ti. Kanaan Yesuus du’aa ka’uu isaa dhugaa bahuuf ulaagaalee barbaachisan guuteera. Ergamaa waan ta’eef gooftaa isa erge dursee arguu qaba. Kana waan ta’eef warri kaan akkuma du’aa ka’uu Yesuus dhugaa bahan Phawuloosis dhugaa bahuu danda’a jechuu dha.
Inni lammaffaa ammo amantoota warra Qorontoos. Har’a isaan waan fedhan haa jedhan malee, dhugaa ganuu hin dandeenye tokko jira; karaa Phaawuloos fayyuu isaanii ykn Kiristoosiin argachuu isaanii. Kun isaan dhuga baatota akka ta’aniif isaan taasisa.
9:4-14 Phaawulos akka tajaajilaa tokkootti waan fayyadamuu qabu argachuuf aboo akka qabu kutaa kana keessatti dubbata. Phaawulos kanaaf akka yaadaa mormiitti qabxiiwwan shan lafa kaa’a
1. Fakkeenyummaa ergamoota biroo caqasuun Lakk.5
2. Seerri uumamaa akka isa deggeru caqasuun Lakk. 7
3. Seerri Musee akka isa deggeru caqasuun Lakk.7
4. Tajaajila lubummaa akka fakkeenyatti caqasuun 13
5. Seera gooftaan kaa’e caqasuun Lakk 14
Falmiiwwan Kanneen irratti qabxiiwwan lafa kaa’uun amantoonni Qorontoos haa ta’an kanneen biroos akka beekanitti fayyadama argachuun irra jiru argachuuf aboo guutuu akka qabu ibsaaf.
9:15 -27 Haa ta’u malee kana gochuuf ykn argachuuf aboo guutuu yoo qabaate illee itti hin fayyadamme. “Ani garuu waan anaaf in ta’a ture kana keessaa tokkotti illee dhimma hin bane.” (9:15) Kana yemmu jedhu ammo amma illee akka gargaarsa godhaniifif osoo hin taane aboo kanaa qabaachuu isaa beeksisuuf.
Amantoonni Qorontoos hawaassa keessa jiraatan irraa ka’uun dhimma kana irratti ilaalcha qabu. Kunis barsiisonni amantii yeroo hundaa miindaa isaanii argachuu akka qaban amanu. Kana irraa ka’uun Phaawuloosiif horii kennuufiif yeroo ka’anitti inni fudhachuuf fedha akka hin qabne yeroo ibsuuf “Ergamaa (barsiisaa) ta’uu isaaf ofitti hin amanu” yaada jedhu irra gahanii turan. Inni garuu sababa horii hin fudhanneef yemmuu ibsu, “… wangeela Kiristositti danqaraa akka hintaaneef…” (9:12) Kanas wanti inni jedheef jalqaba isaanitti ba’aa akka hintaaneef karaa biraa ammo” Horiif tajaajila jechuun tajaajilli isaa akka duraa hin danqamneef ture. Kana irraa kan ka’e ofii isaaf osoo hin taane wangeelaaf jedhee faayidaa argachuu danda’u dide.
Boqonnaa 8 keessatti waa’ee nyaata waaqayyoolii tolfamoof dhi’aatanii dubbatee ture. Akkasumas waa’ee kanaan kan walqabate boqonnaa 10 irratti ibsa. Boqonnaan 9 garuu waa’ee tajaajila isaa fi waa’ee ofii isaa ibsa. Egaan maalif dhimmi isaa kun as dhufe? Gaaffiin jedhu yoo ka’e, boqonnaa 8 irrattti foon nyaachuun obboleessa isaa gufachiisa yoo ta’e gonkumaa foon nyaachuun dhiisa jedhee ibseera, dhuma irratti Haala dubbii isaa kanaaf immoo wanta gochaan agarsiisee boqonnaaa 9 irratti ibsa. Foon mitii jireenya isaaf illee waan isa fayyaduu danda’u wangeelaaf jedhee akka dhiise ibsa. Gabaabamatti Phaawuloos waan isaan gorsaa jiru ofii isaatiilee jiraachaa akka jiru ibsaaf boqonnaa 9 keessatti.
10:1-11 Boqonnaa kana irratti jalqaba boqonnaa 8 erratti waan kaasee ture irra deebi uun kaasa. Boqonnaa 8 fi 10 gidduu garaagarummaa jiru yoo ilaalle, boqonnaa 8 irratti nyaata waaqa tolfamaaf dhi’aate nyaachuun sammuun isaa kan ceepha’amu fi sana gochuunis namni kan ceephoon itti dhaga’amu kaa’ee akkasumas waa’ee obboleessa isaaf jedhee nama nyaachuu dhiisuun mirga isaa illee obboleessa isaaf akka dhiisu boqonna kana keessatti ibseera. Boqonnaa 10 irratti garuu kana irra haala caaluun waan badaa ta’e, waaqeffannaa waaqayyoolii tolfamoo irratti waa’ee amantoota hirmaatanii dubbata. Jarreen kanaaf akkekkachiisa kennuuf seenaa saba Israa’el fakkeenyaan kaasaaf (10:1-12). Sabni Israa’el dinqii guddaadhaan biyya Gibxii bahanii saba kakuu haa ta’an malee, Waaqayyoon waan garmalee gadsiisaniif innis garaa laafufii didee bakkee onnaa keessatti akka hafan itti agarsiisaa har’as isaan waaqayyoolii tolfamoo kanneen waaqessuu yoo itti fufan mootummaa Waaqayyootti akka hingalle isaan beeksisa. Kanaaf kan
dhaabbate kan itti fakkaate eenyu illee akka hin kufne of haa eeggatu jechaa dhaamsa isaa fakkeenyaan lafa kaa’aaf; akkas jechuun “egaa akkuma ani fakkeenya kiristoos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” .
11:2-14:40 Bakka sagadaatti Rakkoolee Jiran
Akkaataa boqonnaa 11 tti bakka lamatti qooduun ilaaluun in dandaa’ama.
11:2-16 akka kutaa tokkootti 11:17-34 immoo karaa biraatiin. Inni jalqabaa akka itti dubartoonni sagadaaf dhi’aachuu qabanii fi haala tajaajila isaanii waan ibsuu dha. 11:17-34 immoo haala itti amantoonni waldaa Qorontos irbaata gooftaa fudhachuuf yeroo walitti qabamanitti naamusa qabaachuu qaban kan ibsu dha.
11:2-16 kutaan kun dubartoonni yeroo tajaajila isaaniitti naamusa qabaachuu qaban kan ibsu dha. Kunis dubartoonni yeroo kadhannaa godhanii fi raajii dubbatanitti walga’ii isaanii gidduu yemmuu dhaabatan rifeensa mataa isaanii haguuggachu akka qabanii dha. Haalli yeroo sanatti ture tokko dubartoonni mataa isaanii hin haaguggane kaan sagaagalummaatti kan jiraatan yoo ta’an kaan immoo Waaqayyoolii tolfamoof kan sagadan turan. Kana waan ta’eef ilaalcha hawwaasa yeroo sana turee hubachuun waan Phaawulos gorsu kana yoo raawwachuu dhaa baatan waan ta’uu malu xiinxaluun nama hin dhibu.
11:17-34 Kutaa kana keessatti immoo amantoonni Qorontoos irbaata gooftaa fudhachuuf yemmuu walitti qabamanitti maal gochuu akka qaban ibsaaf. Amantoonni irbaata gooftaaf yeroo walitti qabamanitti nyaata mataa mataa isaanii fiduun adda addaatti walitti qabamuun (sooressi sooressaa wajjin) hiyyeesota osoo ofitti hin dabalin in nyaatu turan. Kana irraa kan ka’e warri harka qalleeyyiin osoo hin nyaatin adda bahu turan. Kana malees machaa’uudhaan gocha sirrii hin taane in raawwatu turan. Gocha isaanii kanaanis Waaqayyoon giddisiisaniiru. Kana irraa kan ka’e baay’een jireenya hafuuraa isaanitti dadhabaniiru, kaan dhukkubsataniiru; baay’een immoo du’aniiru. Kun sababa inni ta’eefis irbaata goofta tuffachuun kaayyoo isaa dagatanii haala barbaachisuun waan hin raawwanneef, kana qofas miti eebba hafuuraas dhabaniiru.
Amantoonni yeroo irbaata gooftaa fudhatanitti eebba isaan argata:
1. Yaadannoo isaa raawwatu – kana jechuun Kiristoosiin yaadu; gatii inni baase, hojii inni hojjet ittiin yaadatu (11:24-25).
2. Du’uu fi du’aa ka’uu isaa dubbatu: seerri raawwatamu mataan isaa du’uu fi du’aa ka’uu gooftaa dhugaa bahu 11:26. Namoonni tokko tokko irbaata gooftaa yeroo fudhatan humna wahii akka argatan itti yaadu, kun garuu waan Phaawulos bakka kanatti ibsu bakka bu’uu hin danda’u.
3. Jabina haffuuraa arganna: obbolootaa wajjin tokkummaan keenya akka jabaatuuf carraan kan uumu dha.
Lakkoofsa 27 irratti “Kanaafis sababii maaliitiif akka dhi’aatuutuu gargar hin basin namni budeenicha nyaatu, xoofoo gooftaa keessaas dhugu, dhagna gooftaa dhiiga isaas in yakka.” “…utuu gargar hin basin …” yoo jedhu yaada hundaa sirriitti beekee osoo hin taane, haala jiru hubachuu akka qabu (unworth manner) malee, calliseena akka hin fudhanneef.
12:1-31 Boqonnaan kun kan caafame amantoonni Qorontoos itti fayyadama kennawwan hafuuraa ilaalchisee rakkoo isaan qabaniif furmaata kennuuf kan caafame dha. Walda warra Qorontoos keessa rakkoo dhabiinsa kennaa hafuuraa hin jiru jechuun in dandaa’ama: akkamitti akka itti fayyadaman wal’aalan malee. Kana irraa kan ka’e Waaqayyo biraa haa ta’u ykn haa dhiisu hanga bitaa itti galutti wanti seera hin qabne gidduu isaanitti raawwatamaa ture. Kanaaf ergamaan Phaawuloos shaakala sirrii hin taane irraa akka deebi’aniif jecha, “Akkasumas namni hafuura Waaqayyootin geggeeffamu, “Yesus abaaramaa dha” jechuu namni tokko illees hafuura qulqulluutiin yoo ta’e malee, “ Yesus gooftaa dha” jechuu akka hin dandeenye cimsee isinittan beeksisa.” (12:3). Kana jechuun yeroo darban Waaqayyoolii tolfamoo waaqessaa kan turan irraa adda akka bahanii fi akkasumas seeraa isa achitti raawwachaa turan irraa akka citan hubachiisa. Itti aansuun kennaa hafuuraa irratti gahee Abba, llama fi Hafuura qulqulluu ibsa (12:4-6). Kanatti aansuun amantoonni kennaa hafuuraa qaban irraa ka’uun inni tokko isa tokko irra akka caalutti yaadaa turan. Phaawulos garuu sirrii akka hin taane fakkeenya qaama tokkoo fudhate
ibsaaf. “Kiristos akka dhagna tokkicha isa bu’aa dhagnaa baay’ee qabuuti; bu’aan dhagnaa sun yoo baay’atan iyyuu dhagnuma tokkicha… hundumti keenya dhagna tokko ta’uudhaaf hafuura tokkoon cuuphamneera…” (12:12-13). Kunis kan ta’e garaa garummaa tokko malee ti egaan hundi keenya dhagna tokko erga taane, qaama kana irraa fayyadamuuf gahee mataa keenyaa qabna jechuu dha. Kanaaf nu gidduutti wal caalmaa fi inni tokko isa kaan caalaa barbaachisaa akka ta’etti waan ilaalamuuf hin qabu.
13:1-13 Boqonnaan kun waa’ee jaalalaa ibsa kennuun kan beekame dha. Boqonnicha bakka sadiitti hiruun ilaaluu dandeenya. Inni jalqabaa 13:1-3 kan jiru yoo ta’u, jaalalli waan hundumaa irra akka caalu kutaa itti ibsame dha. Phaawulos boqonnaa 12 keessatti waa’ee kennaa hafuuraa itti himee ture. Xumura boqonnichaa irratti garuu kennaawwan hafuuraa ibse irra caalaatti karaa biraa cimsee hubachiisa. Kanaaf boqonnaa 13 irratti karaa caalu cimsee barsiisa. Kennaa hafuuraa kamiyyuu hojii gaarii kamiyyuu hojjechuuf jaalala malee yoo raawwatame hiika dhabeessaa fi homaa jechuu akka hin taane lakkoofsota 1-3 irratti argina.
Kutaa lammaffaan immoo 13:4-7 kan jiru yoo ta’u, amalli jaalalaa kutaa itti ibsame dha. Jaalalli maal akka fakkaatuu fi akkamitti hiikaa argachuu akka qabu dhala namaaf akka furtuu kan dhiyyeessu dha. Jaalalli akkas immoo burqaan isaa Waaqayyo dha. Waaqayyo kan nu jaallate jaalala akkasiitiin.
Kutaa sadaffaan immoo 13:8-13 kan jiru yoo ta’u, innis jaalalli bara baraan kan jiraatu ta’uusaa fi kennaawwan hafuuraa biro akka hafan ibsa. Sababni isaas jaalalli amala Waaqayyoo waan ta’eef.
14:1-40 ergamaan Phaawulos ammas gara kennaawwan hafuuraatti deebi’ee ibsa. Kanas kan godhu duraan dursee waa’ee jaalalaa hubannoo erga horatanii booda, kennaa qaban kana immoo haala kamiin akka itti fayyadaman barsiisuuf.
Amantoonni Qorontos Afaan Haaraan dubbachuuf bakki isaan kennan guddaa waan ta’eef, warri kennaa isaa qaban walgahii isaanii hunda keessatti dubbatu, warri hin qabnes dubbachuuf fedha guddaa qabu turan. Kana irraa kan kaayyoo Afaan Haaraan dubbatanii fi akkamitti dubbachuu akka danda’an dogongoranii turan.
Phaawulos jalqaba irratti faayidaa afaan Haaraan dubbachuu ibsuun kennichaaf hiika kenna akkas jechuun “namni afaan hin beekamneen dubbatu Waaqayyotti dubbata malee namootatti hin dubbatau” (14:2)
Boqonnaa kana keessatti qabxii guddaan ilaalamuu qabu Phaawulos afaan hin beekamne hin bar- baachisu ykn faayidaa hin qabu jechaa akka hin jirre, garuu yeroo waaqeffannaaf walitti qabamanitti waanti isaan raawwatan kan hundaaf fayyadu ta’uu akka qabu dha. Kana jechuun afaan haaraan yemmuu dubbatamu namni biraa waan hin dhageenyeef kanaaf itti fayyadamuu hin dandaa’an. Raajii dubbachuu yoo fudhanne immoo kan biro itti faayadanuu danda’u. Kana malees ogummaan dubbachuu, barsiisa ykn faarsaa yoo fudhanne hundumtuu dhagahee hirmaata. Afaan Haaraan garuu hiikamuu qaba.
Kennaan hafuuraa kun seerri isaa amantoonni qofti walitti yemmuu qabaman kan ta’u miti. Kan hin amanne illee yeroo wal gahii isaanii keessatti argamanittis kan ta’u dha. Kanaaf waan dubbatamu mara dhagahanii hubachuu qabu
Afaan Haaraan dubbachuu eenyu illee dhowwammo hin qabu, Haa ta’u malee hiikamuu qaba.
15:1-58 Kutaan rakkoo warri Qorontos keessa turan keessaa tokko kan itti ka’u dha. Dhimmi kun waa’ee warri du’an du’aa ka’uuti. Amantoonni (hunda hin ta’in malee) kennaa hafuuraa qaban irraa kan ka’e qabna ogummaa jedhan irraa kan ka’e ari’ataminii fi rakkoon kamillee nurra hin ga’u jechaa du’aa illee akka ka’anitti of lakkaa’aniiru. Kanaafuu du’aa ka’uu kan biraan jira jedhanii hin eegan turan. Haa ta’u malee Phaawuloos fakkeenya Gooftaa Yesuus Kaasuun, du’aa ka’uu isaa kan ragaa bahan illee lubbuun akka jiran, Phaawuloosiin dabalatee erga ibsee booda du’aa ka’uun akka jiru ibsaaf. Kun rakkina isaanii ture yemmuu jedhu du’aa ka’uun utubaa barsiisa Kiristaanummaa waan ta’eef.
Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee waa’ee cubbuu keenyaaf du’eera jechuun qofti waa’ee fayyina keenyaaf gahaa miti. Kan caalu gooftaan du’e kun du’a mo’ee ka’uu isaatu oduu gaarii kan ta’u, sababni isaa namni dadhabaa fi kan du’aa ta’e kun birmaduu bahuu kan danda’u humnaa du’aa ka’uu kana amanee yeroo hirmaatu dha.
Amantoonni Qorontos firoota isaanii du’an haa cuuphan malee waa’ee du’aa ka’uu warra du’anii sirriitti hin hubannee. Itti dabalees akkamitti qaamni tortoree badu kun lammata jireenya horata? Yaada jedhu qabu. Kanaaf Phaawuloos qaama namumma (dhagna) lafa irra fi qaama samii adda baasuun Yesuus du’aa yeroo ka’e tti dhagna ulfinaa uffatee akka ka’e, abdiin kunis amantoota hundaaf kan ta’u dha.
16:1-24 Gargaarsa Walitti qabuu fi karoora Phaawulos isa itti aanu Boqonnaan dhumaa kun amantoonni waa’ee qarshii walitti qabamuu fi karoora Phaawulos isa itti aanu kan ibsu dha. Waldaan Kiristaanaa Yerusaalem keessa turte rakkoo guddaan waan quunnamee tureef, gargaarsi walitti qabamee ergamaafii ture. Amantoonni Qorontosis waan kana akka raawwataniif isaan hubachiisa (16:1-4). Itti aansuunis deebi’ee gara isaanii akka dhufu, yeroo dhufutti nagaa itti dhaamuufis akka dhufu beeksisa. Kanas kan godhu karaa Maqadooniyaa akka darbu hubachiisa (16:5-12). Xumura irratti immoo namootni isaa wajjin jiran nagaa akka dhaamaniif itti himuun eebbaan cufa.
FINSHED