Duuka Bu'ummaa

Duuka Bu'ummaa (Discipleship)

4.3. Amantoota lakkoofsaan xiqqoo ta’an 4.3.1. Kakuu Moofaa Keessatti

“Waaqayyo saba Israa’eliin harka warra Gibxii jalaa humna isaatiin yeroo baasetti ajaja inni kenneef irbaata Faasikaa waliin akka nyaataniif. Irbaata Faasikaa kan jedhamu kun mana keessatti ture, akka tasaa maatiin tokko muraasa yoo ta’e olla waliin akkka ta’aa ture dha. Yeroo kanatti ijoolleen gaaffii kaasu, “Waaqni kun isiniif maali?” (Bau 12:26). Gaaffii kanaaf deebiin ayyaana kana irratti kennamaaf. (Bau 12:27) Yaada wal jijjiirraa fi gaaffii fi deebii ka’an keesatti waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ijoolleen akka hubatan godhama. Ijoolleenis dhalota itti aanuuf haala kanaan dabarsu turan (Bau 12:26). Kana jechuun garuu ayyaana kanaaf namoonni baay’een walitti hin qabaman jechuu miti (Deb 16:1-8)

Gaaffii Marii Keessa Deebii 6:4-9, irra yaada jiru akkamitti hubatta?

4.3.2. Kakuu Haaraa

Gooftaan Yesuus garee namoota 12 qabu ijaareeture. Isaan waliins yeroo isaa baay’ee dabarsuun waldaan Kiristaanaa akka dhaabbatu godheera. Kana jechuun garuu yeroo tokkotti namoota baay’ee hin barsiifne jechuu miti (Mat 5-7, Yoh 4:16-26, Hoe 2:42-47, 1Qor 16:19, Rom 16:5, Qol 4:15)

Gaaffii Mariif Kutaawwan Macaafa qulqulluu kunniin gareen namoota muraasa qabate yaadni jedhu walgahii waldaa kiristaanaa keessatti akkamitti hubatta?

Seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti

Kakuu haaraa keessatti amantoonni mana nama dhuunfaa keessatti walitti qabamaa turanii jaarraa 4ffaa keessa jijjiiramni dhufe. Kunis ta’uu kan danda’e yeroo Roomaan bitaa turtetti Qosxeen xiinoos bara 313 Dh.k.B. amantiin kiristaanaa amantii seera qabeessaa gochuun amantootaaf mirgawaaqessuu kennuufiin. Ofii isaas Kiristaana akka ta’e dubbate. Kana irraa kan ka’e namoonni baay’een Kiristaanota ta’an. Lakkoofsaan baay’achuun isaanii ammoo waldaan Kiristaanaa akka jalqabuuf sababa ta’e. Manni sagadaa guddaanis ijaarame. Kun immoo yaada kakuu haaraa jijjiiraa dhufe. Mana nama dhuunfaa keessaa gara galmaatti sagada geessuu. Yeroo kanatti kaan tajaajiltoota kaan immoo kan tajaajilamaan jechuun adda bahan.

Kanaaf Qosxeenxiinos booda tajaajilli “kan namoota muraasaa” yaada jedhu qabate. Kun akkanaan osoo jiruu jaarra 16ffaa keessa sochiin haaromsa jalqabe. Yeroo kanatti garee gareen mana keessatti waaqessuun jalqabame. Adeemsa kana keessatti lubummaan namoota hundaa bakka argate. Biyya chaayinaa bara keenya kana keessatti kiristaanummaan akka seene yemmuu dhorkan amantoonni mana dhuunfaa keessatti walitti qabamuun eegalanii, garawaldaatti guddachuu dandaa’aniiru. Akkasuma kooriyaa keessatti sochii Paaster yoongiichoo ka’umsi isaa garee xiqqoo kunis mana nama dhuunfaa keessatti ture. Kunis guddina waldaa Kiristaanaaf gahee guddaa taphateera. Itti dabaluun gara biyya keenya Itoophiyaa yemmuu dhufnu Dargii keessatti amantoonni mana nama dhuunfaa keessatti waan hundaa gochaa akka turanii dha. Achii booda haala amma irra jiru irra gahuun dandaa’ameera.

4.5. Macaafa Qulqulluu Yemmuu Gareen Qo’anutti wantoota Ta’uu hin qabne:

Akka sagantaa sanbataa namni tokko qofti kan dubbatu ta’uu hin qabu.

Miseensonnis lallaba dhaggeeffatanii kan gargar bahan miti

Geggeessaan lafa itti lallaba shaakalu miti

Geggeessaan hubadheera jedhee waan hundaa miseensa isaa irratti kan dhangalaasu miti.

Geggeesitoonni tokko tokko viidiyoo irraa, kitaabilee garaa garaa irraa, internet irraa waan argatan hundaa galagalchuun yeroo qo’annoo macaafa qulqulluu garee irratti kan dhangalaasu miti. Barsiis sobaa kanaan seena waan ta’eef geggeessaan of eeggachuu qaba

4.6. Yeroo Qo’annoo Macaafa qulqulluu gareetti wantoota Ta’uu qaban

Amantoonni dhuunfaa isaaniin haala itti macaafa qulqulluu qo’achuu qaban uumuu fi akka baratan gochuu

Inni tokko isa biro irraa yeroo itti baratu uumuufii

Guyyaa gaafa waliin qo’ataniitti namoonni hundinuu yaada akka kennan gochuu

Geggeessaan ammoo yaada sirrachuu qabu sirreessuun akkaataa barsiisa macaafa qulqulluutti yaada cuunfaa kaa’uu.

Ayyaanni Waaqayyoo bakka itti mul’atu waan ta’eef tokko tokkoon miseensaa akka tajaajiluuf kakaasuu. Amantoonni kennaa haafuuraa akka qaban beekamaa dha garuu akka tajaajilan waan hin godhamneef osoo hin beekamin hafu. Kaayyoon Qo’annoo macaafa qulqulluu ammoo amantoonni walitti dhufeenya uumuun wal tajaajiluu akka danda’anii dha. (1Qor 14:26-27)

Waldaa Kiristaanaa tokko keessatti geggeesitoonni argaman kennaawwan hafuuraa amantootaa beekuun faayidaa waldattiif oolchuun irraa eegama.

Waldaan Kiristaana akka guddatuuf qaamni hundinuu faayidaa qabeessa. (Efe 4:16), “Isa jalatti bu’aan dhagnaa huudinuu walfudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru, yeroo bu’aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.”

Hojii waldaa Kiristaanaa namoota murtaa’an qofaaf dhiisuun guddina ishee duubatti harkisa. Yeroodhaa yerootti geggeessitoota biratti yaadni marii tajaajilaa eessaa fidnee affeeru kan jedhu dha. Yaada kanas kan fide miseensotaa fi tajaajiltoota jedhanii adda baasuun tokko. Haa ta’u malee waamichi addaa kan ganamu miti. Ta’us tajaajilaan ani miseensa miti, ani nama addaa ti jechuun ammas dogongora. Karaa biraan ammoo miseensi waldaa Kiristaanaa tokko ani tajaajilaa miti ofiin jechuun ofii isaan tajaajila kami irraa illee of daangeessuun sirrii miti. Hirmaannaa gochuu qaba waldaan isaa akka gudddatu yoo barbaade. Tokkoo tokkoon amanaa luba akka ta’e macaafni qulqulluun dubbata 1Phex 2:9. Karaa biraan ammoo amanaan kennaa hafuuraa akka qabu Efe4:7, 1Qor 12, Rom 12:4-7. Kennaan hafuuraa ammoo akkasumaan miti kan kennamu. Akka tajaajilaniif malee. Hojii irraa oolchuu akka qaban (1Phex 4:10) ykn ittiin tajaajiluu akka qaban ibsa. Kanaafuu tokkoo tokkoon miseensa waldaa kennaa hafuuraa qabu irraa kan ka’e tajaajilaa dha.

Gaaffilee Marii

Kennaan hafuuraa miseensota waldaa beekamuu danda’aa? Akkamitti?

Kan beekame hojii irra oolaa jiraa? Yoo hin taane maalif?

Hojii Nama Garee Xiqqoo Geggeessuu

Garee xiqqoo kan geggeessu akkuma geggeessaa biro hojiiwwan hojjechuu qabu armaan

A. Yeroo baay’ee geggeessaa yemmuu jedhamu kan caalee argamu dha. Kun immoo waldaa Kiristaanaa keessas kan seena yemmuu ta’u, geggeessaan ofii isaa haala itti ilaaluu akkasumas miseensota inni geggeessuu sammuu keessaa kan qaban rakkoo ta’aa jira. Kun immoo macaafa qulqulluun yoo ilaalame illee fudhatama hin qabu. Miseensa garee xiqqoo tokkoo kan geggeessu of eeggannoo gochuu qaba. Miseensi isaa akka hin dongongorreef Gad of qabees tajaajiluu qabu (1Phex 5:1, Mat 23:8-12, Luq 14:7, 18:9-14)

B. Geggeessaan garee xiqqoo tokkoo fakkeenya ta’uu qaba. Sagaleen Waaqayyoo jireenya namaa jijjiiruuf humna kan qabu dha. Geggeessaan tokko sagalee Waaqayyoo qo’atee qo’achiisuuf yemmuu deemutti yaada nama jijjiiru qabateeti. Haa ta’u malee sagalee inni qo’ate geggeessaa mata isaa yoo hin jijjiirre namootaa biro in jijjiira jedhee eeguun isaa ulfaataa dha. Odeeffannoo sammuu dhaa sammutti darbu qofa ta’ee hafa malee kan fakkeenyan deggeramee jijjiirama fiduu hin danda’u Garee xiqqaa keessatti gaheen dura bu’aa duuka buutota horachuu dha. Kana ammoo gochuu kan danda’uu ofii isaatii dursa duuka buutuu ta’ee kan jiru dha. Duuka buutuun ammoo kan beekamu jireenya hafuuraa fakkeenya ta’uu danda’een (1Qor 10:32-11:1), Yoh 13:15, Fil 3:17, 2Tes 3:6-9, 1Xim 4:12, 1Phex 2:21, 5:1-3

C. Geggeessaan Garee xiqqoo kanneen biro tajaajilaaf kaasuun jajjabeessuu qaba. Tokkoo tokkoon amanaa kennaa hafuuraa akka qabu, tajaajilaa akka ta’e kutaa darbe keessatti argineerra. Kanaaf garee xiqqoo tokko keessatti miseensonni argaman kennaawwan hafuuraa baay’ee qabu. Kennaan kunis kan kenname waldaa Kiristaanaaf. Waldaa keessatti haaloota garaa garaa irraa kan ka’e tajaajiluu dhiisuu danda’u. Garee xiqqoo keessatti garuu carraa guddaa qabu. Kanaaf geggeessaan Geggeessaan Garee xiqqoo kanneen biro tajaajilaaf kaasuun jajjabeessuu qaba. Tokkoo tokkoon amanaa kennaa hafuuraa akka qabu, tajaajilaa akka ta’e kutaa darbe keessatti argineerra. Kanaaf garee xiqqoo tokko keessatti miseensonni argaman kennaawwan hafuuraa baay’ee qabu. Kennaan kunis kan kenname waldaa Kiristaanaaf. Waldaa keessatti haaloota garaa garaa irraa kan ka’e tajaajiluu dhiisuu danda’u. Garee xiqqoo keessatti garuu carraa guddaa qabu. Kanaaf geggeessaan haala mijeessuun carraa kennuufiin akka wal tajaajilan gochuutu irraa eegama. Kun immoo guddina waldaa Kiristaanaaf illee gahee guddaa taphata Efe 4:1-16, Roome 12:3-8, 1Qor 12:4-31, 14:26-40. Haa ta’u malee geggeessaan waldaa Kiristaanaa ayyaana namootaa beekuu hafee maqaa miseensota isaa sirriitti hin beeku. Yeroo baay’ee geggeessaan tajaajila dhi’eessuu yoo ta’u, miseensonni ammoo taa’anii dhaggeeffachuu

Yeroo kanatti geggeessaan “Ani isinin barbaachisa” yaada jedha jedhu, fedhii foonii keessa isaatti dhufa. Miseensota ammoo yaadni kun yeroo itti mijatuuf jira. Kunis geggeessaan nuuf hojjeta yaada jedhu qabaatu. Kana irraa kan ka’e isumaa qofa irratti hirkachuun carraaqii tokko illee hin godhan. Fakkeenyaaf macaafa qulqulluu dubbisuuf, kadhachuuf, waa’ee jireenya hafuuraa xiinxaluuf illee yeroo hin qabaatan. Adeemsa akkasii keessatti ammoo guddinni hafuuraa hin argamu. Kiristaanni hafuuraan bilchaate garuu macaafa qulqulluu ofii isaaniitii dubbisanii hubachuun kan biro hubachiisu kanaan firii illee horachaa deemu. Karaa biraatiin immoo geggeessaa qofa irratti garee xiqqaan irkatu gaafa geggeessan hafu bit

Gaaffilee Marii Waldaa Kiristaanaa keessan keessa haala Qo’annaa macaafa qulqulluu garee kanneen armaan olii ilaalcha keessa galchuun wal fakkii inni qabuu fi garaagarummaa jiru irratti mar’adhaa.

5. Goolaba (Conclusion)

Waldaan Kiristaanaa walitti qabama kiristaanootaa hanga taatee jirtutti kaayyoon ishee inni jalqabaa duuka buutota kiristoos gorsuun, barsiisuunii fi cimsuun gara jireenya kiristoos fakkaachuutti guddisuu dha. Kana ammoo gochuuf haalli mijataan garee xixxiqqoo fayyadamuu dha. Kanaaf waldaan Kiristaanaa dirqama ishee bahuu fi bahuu dhiisuun itti gaafatamin kan mataa ishee ti. Itti gaafatamummaa kana immoo irra guddeessan kan ilaallatu geggeesitoota. Kanaaf miseensota isaanii garee xixiqqaan mijeessuun akka baratanii guddatan gochuun irraa eegama. Garee xixiqqaan kun macaafa qulqulluu qo’achuuf carraa guddaa waan uumuuf, tokkoo tokkoon miseensa gaafachuufis ta’e yaada wal jijjiiruuf carraa argata. Kana malees carraa tajaajiluus miseensonni argachaa deemuun kennaa hafuuraa hojii irra oolchaa deemu. Kana immoo gara laafinaan waldaan Kiristaanaa hojii irra oolchitu guddinni ishee aariifataa ta’a. Firii gaariis argaa deemti. Kana malees duuka buutota Kiristoos bilchaato ta’an qopheessuun Waaqayyoof dhi’eessuu keessatti qooda qabaatti (Qol 1:28-29)


End!