Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
1. Kaayyoo Koorisichaa(course Objective) Akkuma armaan olitti caqasnetti kaayyoon dhaabbata keenya Oromobiblestudy mul‘atni isaa inni guddaan duuka buutota Yesuus qopheessuun isaan immoo duuka buutota kan biroo qopheessuu akka danda‘an gochuu dha. Haala kanaan kaayyoon koorsii kanaa kanneen armaan gadiiti.
1) Waa‘ee Barumsa Afuuraa hiika isaa, kaayyoo isaa, barbaachisummaa isaa, fi maalummaa isaa haalan agarsiisuu
2) Waa‘ee Eenyummaa Waaqayyoo hubachiisuu
3) Waa‘ee faayidaa Macaafa Qulqulluu hubachiisuu
4) Faayidaa Mul‘ataa agarsiisuu
5) Waa‘ee sadan tokkummaa Waaqaa hiikaa isaa fi faayidaa isaa, tokkummaa fi garaagarummaa isaa gad fageenyaan ibsuuf.
2. Barumisicha booda qabxiilee eegaman:
Barumsa kana booda bartoota irraa qabxiilee eegaman baay‘ee dha. Isaan keessaa:
1) Waa‘ee Barumsa Afuuraa/amantii yaada walii gala in qabaatu.
2) Waa‘ee yaada Macaafa Qulqulluu hubannoo ni horatu.
3) Waa‘ee mul‘ataa yaada bu‘uuraa in qabaatu.
4) Waa‘ee Waaqayyoo eenyummaa isaa, amaloota isaa fi maqoota isaa in hubatu.
5) Waa‘ee sadan tokkummaa waaqaa wal fakkii fi garaagarummaa jiru in hubatu.
Kutaa Tokko Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christan Theology)
Barumsa Afuuraa ( Theology) jechuun maal jechuu dha? Barumsa afuuraa jechuun waa‘ee Waaqayyoo kan qo‘atu barumsa amantii ti. Afaan Ingiliziin ‗theology’ kan jedhamu yoo ta‘u dhufti isaa Afaan Girikii irraa ti. Kunis (theos) hikni isaa Waaqa kan jedhuu fi ( logy) kan jedhu hiikni isaa qo‘achuu kan jedhuu jechoota kana lamaan irraa kan dhufe dha. Kanafuu Barumsi Afuuraa amantii kam keessaa iyyuu kan jiran waa‘ee waaqa isaanii haala ittiin qo‘atan karaa seera mataa isaa qabateen kan qindaa‘e fi qo‘atamu dha.
Kana irraa ka‘uun nuuf warra kiristaanootaaf Waa‘een Barumsa Afuuraa baay‘ee adda kan ta‘ee fi bakka guddaa kan qabu akkasumas kan callisaan bira darbamu miti. Sababni isaa waa‘ee eenyuu akka qo‘anu in beekna. Kana yoo jennu immoo Waaqni keenya baay‘ee adda kan ta‘e , biras gahamuun kan hin dandaa‘amne waantoota uume hundumaa oli ; pilaaneetota gurguddoo , ardii keenya( lafa )keessa barabaraan kan bira hin gahamni jiran albuudota kan uume,samii hin dulloomne bifni samiis kan hin moofomne halluu naa jijjiiraa kan hin jenne uumaa waaqaa, yeroo osoo itti hin darbin kan baatu ifa biiftuu, akkasumas uumamni isaa walxaxaa kan ta‘e dhala namaa biyyee irraa yeroo uumee kaasee ,dhala namaa keessa wantoota jiran haala inni itti qindeessee kaa‘e qaamolee garaagaraa, neervota,kannen xixxiqqoon ijaan hin mullanee haalaan qindaa‘anii akkamiin hojii isaanii akka hojjetan kan baay‘ee nama ajaa‘ibsiisan dha. Kanaaf hojiin isaa dinqii kan ta‘e inni Waaqa baay‘ee guddaa kan ta‘e ,waa‘ee Waaqa kanaa qo‘achuun nuuf bakka addaa fi faayidaa guddaa kan qabu dha.
Gosoota Barumsa Afuuraa
Gosni Barumsa Afuuraa baay‘eetu jiru. Isaan kun waa‘ee Waaqayyoo karaa(style) ittiin qo‘annu kan nu agarsiisan dha. Haala kanaan manneen barnootaa Macaafa Qulqulluu adda addaa fi beektonni waa‘ee barumsa kanaa akka hubannoo isaaniitti Barumsa Afuuraa garaagaraa horddofu. Baay‘ee Barumsa Afuuraa keessaa muraasnii kanneen armaan gadiiti
1) Barumsa Afuuraa haala hiikaa( Exegetical Theology) :-gosi barsiisa afuuraa kun Macaafa Qulqulluu keessatti barreessaan macaaficha barresse warra jalqaba macaaficha dubbisaniif ergaa maalii akka dabarsuu barbaade hiikaa inni qabu kan qoratu dha. Kana jechuun haala hiikaa Macaafa Qulqulluu kan qo‘atu dha .
2) Barumsa Afuuraa Seera Amantii( Dogmatic Theology):-Inni kun immoo baroota baay‘ee keessatti abbootiin amantii seera Macaafa Qulqulluu hordofuun amantii irratti seerota isaan kaa‘an kan qoratu dha.
3) Seenawwaa Barumsa Afuuraa ( Historical Theology) :-Waliigala seenaa Macaafa qulqulluu , seenaa Waldaa kiristaanaa, seenaa uumamaa fi kan biros kan qoratu dha.
4) Baumsa Afuuraa Macaafa Qulqulluu ( Biblical Theology) :-Macaafa Qulqulluu Seera Uumamaa kaasee hanga Mul‘ataatti kan jiran keessaa ijoo dubbii kan ta‘an kaasuun kan barumsaaf dhiyyeessu dha. Dhaabbani keenyas mul‘atin isaa isa kana irratti kan xiyyeefate dha.
5) Barumsa Afuuraa Qindaa’aa ( Systematic Theology) :- Barumsi kun kan xiyyefate barumsa afuuraa adda addaatiin qindaayee kan dhiyaatu irratt. Kunis tokkoo tokkoo waa‘ee uumamaa , Uumaa, hafuurotaa, namaa,waa‘ee cubbuu fi fayyina barabaraa qindeessee kan dhiyyeessudha. Baay‘inaan Dhaabbanni Eliiel kan xiyyeefatu isa kana irratti.Kan hordofus adeemsa kana.
6) Barumsa Afuuraa Ergamaa Wangeelaa ( Missiological Theology);- ergamin barumsa kanaa wangeela bakka hin geenyeen gahuu kan ilaallatu dha.
7) Barumsa afuuraa Tiksummaa( Pastoral/Practical Theology) :-waldaa kiristaanaa keessa tajaajila jiran mara kan ilaalatu dha.Fakkeenyaaf , waa‘ee bulchiinsaa, barumsaa, lallabaa, gorsaa, waaqeffannaa kkf kan hammatu dha.
I. Barumsa Kiristaanummaa Kanneen Ijoo ( Main Christian Doctrines or Creeds) Kanneen barumsa amantii ibsan kun murteessoo kan ta‘an dha barsisa kiristaanummaa keessatti.Barnoota kanneen kan hin fudhane ykn kan irra darbu kiristaana jechuun rakkisaa dha;akkasumas garee barsiisa sobaattis deema. Kanaafis namni tokko ykn dhaabbanni tokko kiristaana jedhamuuf:
a. Macaafni Qulqulluun tokkicha aboo qabeessa Sagalee Waaqayyoo akka ta‘e kan amanu
b. Kaanoonaa Macaafa Ququlluu kan fudhatu.
c. Sadan tokkummaa Waaqaa kan amanu
d. Waaqummaa Yesuus fi nama ta‘ee mul‘achuu isaa kan amanu
e. Fayyinni barabaraa Yesuusiin kan raawwatame akka ta‘e kan amanu
f. Aboo Waldaa Kiristaanaa kan amanu.
g. Dhugaa du‘aa ka‘uutti kan amanu.
h. Macaafa Qulqulluun kan ibsame waa‘ee bara dhumaa kan amanu.
Kanneen olitti caqafaman kana namni dhuunfaas ta‘e dhaabbanni amanee hin fudhanne akkasumas ittiin hin geggeefamne kiristaana jechuun hin dandaa‘amu
Kutaa Lama
Macaafa Qulqulluu fi Mul’ata (Bible and Revelation)
Macaafa Qulqulluu fi Mul‘atin adda bahanii kan ilaalaman miti.Kana jechuun waa‘ee Macaafa Qulqulluu yeroo kaafnu waa‘ee mul‘ataas in kaafna waan ta‘eef.Karaa biraan immoo mul‘atin osoo hin jirree Macaafa Qulqulluu beekuunis yaaduunis in ulfaata ture. Mul‘atin mataasaa waan barbaachiseef Macaafni Qulqulluun akka barreefamus ture.Kanaafis Macaafni Qulqulluun caafamee akka raawwateen mul‘atins raawwateera.Har‘a dhugaa mul‘ate ibsuu malee mul‘atin haaraan hin jiru. Haa ta‘u malee osoo Macaafni Qulqulluun hin caafamin dura mul‘atin waan tureef dursinee waa‘ee mul‘ataa haa ilaallu.
I) Mul’ata ( Revelation)
Mul‘ata jechuun waan dhoksaan jiru tokko ifa baasuu, waan uwwifame irraa kaasuu, ifatti baasuu jechuu dha.Kunis Afaan Girikiitiin (Apokalupsis) jedhama. Hiikni isaas qullaa gochuu, dhugaa dhokatee ture waltajjiitti baasuu jechuu dha. Efe. 1:17,3:3-5, Uum.1:1, Gala.3:23. Walumaagalatti mul‘ata bakka lamatti hiruun ilaaluun in dandaa‘ama.Isaanis :
1. Mul’ata waliigalaa ( General Revelation)
Mul‘atin akkasii kun kan Waaqayyoo namoota hundumaatti yeroo tokkicha bakka hundumaatti ofii isaa ittiin beeksise dha.Kana ta‘uus haala garaa garaatiin hubachuu dandeenya;
1.1. Uumamaan(Nature) :-Uumamni hundinu jiraachuu Waaqayyoo in dubbatu.Dhuga bahumsa uumamaa ilaalee hubachuu hin danda‘u kan jedhu namni jaamaan ho‘a aduu, qorra bokkaa yandoo, sochii lafaatiin hubachuu danda‘a.( Rom.1:19-20).
1.2. Sammuu Dhala Namaan( Human Conscience):-dhalli namaa jalqabaa kaasee uumaa isaa barbaadee waaqessuu kan amaleeffate dha.Kana irraa ka‘e namni tokko akkana jedhee dubbateera,
Addunyaa gubbaatti Magaalaa mooraa hin qabne ni argitu ta‘a;bulchiisa kan hin qabne magaalota ni argitu ta‘a garuu Mana Sagadaa Waaqayyoo ykn kan waaqa tolfamaa bakka itti dhabdan hin qabdan.‖ Yaada kana gad fageenyaan yoo ilaallu sirrii dha
1.3. Seenaa dhaan ( History) :-Baroota hedduu keessatti aboo qabeeyyii namoonni ta‘an baay‘een dhufuun darbaniiru.Waaqayyo garuu hundumaa ol ta‘ee jiraata. Seenaa jalqabsiisee kan raawwachiisu isuma.Bara duriitti waraanaan beekamoo kan turan , ―Karaan hunduu gara Roomaatti geessa‖, kan jedhaman warrii Roomaa har‘a diinageen jeeqamaa jirti.Warri Faalasifoota Girikii hoo eessa seenan? ― Aduun Biriteenitti hin dhiitu‖ kan jedhameef yeroo ammaa kana addunyaa bitaa jirtii? Yeroo ammaa kana immoo biyya lafaa kana irratti lakkoofsa tokko irra kan jirtu Ameerikaan bor maal ta‘uuf jirti? Seenaa hundumaa keessatti kan hojjetu Waaqayyoo dha.
1.4. Soora Waaqayyoo ( Provision of God) :-Mul‘ati walii galaa Waaqayyo akka sooru ta‘ee mul‘ateera. Waaqayyo in soora yoo jennu, Waaqayyo uumaa isaa osoo addaan hin kutin in eega, in kunuunsa, utubees qaba jechuu keenya. Far.104:24-30, Mat.5:45, Hoe.14:17.
1.5. Miira waaqeffannaa namootaa (Religionism Mentality):- mul‘ata waliigalaa keessatti haala itti Waaqayyo ofii isaa mul‘ise keessa tokko miira waaqeeffannaa namootaatin.Nama kamiyyuu keessa miirri Waaqeffannaa jira jechuun wanti isaa ol ta‘e tokko akka jiru hubachiisa.
2. Mul’ata Addaa ( Special Revelation) inni kun immmoo karaa itti Waaqayyoo nama tokkoof ykn namoota murtaahootti ofii isaa mul‘ise dha.Mul‘atin addaa kun karaa itti raawwate hedduu dha. Isaan keessaa muraasni:
2.1. Sagaleen:-Addaamiif, Museef, Saamu‘eliif, Phaawuloosiif
2.2. Abjuun:- Ermiyaasiif, Yooseefiif, Phexroosiif
2.3. Raajiidhaan:- Raajotaaf
2.4. Mul‘ataan :- Daani‘eliif, Yohaannisiif
2.5. Macaafa Qulqulluun ;-Namoota hundaaf
2.6. Ilma isaan ( Kiristoosiin) :-sanyii namaa hundaaf
2.7. Hafuura isaan :- akka fedha isaatti kan jaallateef
Kanaaf mul‘atin waliigalaa mul‘ata addaa malee guutuu ta‘uu hin danda‘u. Jecuunis namni tokko gara fayyinaa dhufuuf mul‘atin addaa isa barbaachisa jechuu dha.Sababni isaa mul‘ata waliigalaa keessatti dhalli namaa Waaqayyo akka jiru hubachuu daanda‘a garuu kaayyoo Waaqayyo dhala namaaf qabu hangam akka bareedaa ta‘e hin hubatu. Kana waan ta‘eef mul‘ataa haala ittiin hubannu keessaa tokko kan ta‘ee fi eebbii Waaqayyoo gara karaa ittiin dhufu kan qabate Macaafa Qulqulluu hanga tokko ilaaluu yaalla itti aansuun.
II) Macaafa Qulquluu ( Holy Bible)
Macaafni Qulqulluun maal? Macaafa Qulqulluu jechuun sagalee/yaada Waaqayyoo isa jiraataa kan qabate dha jechuu dandeenya.Sababni isaas yaada Waaqayyo qabu kan nuuf ibsu waan ta‘eef.Kan caafames gara namoota 40 n yoo ta‘u isaanis guutummaa guutut geggeessaa Hafuura Qulquutiin kan barreessan.kanaafuu barreessaa Macaafa Qulqulluu hafuura qulqulluu dha jechuu dha.Sababni isaa namoonni harka isaaniitiin waraqaa fi waan ittiin barreessan qabatan malee ergaan isaa guutummaa guutuutti hafuura qulqulluu biraa kan dhufe dha. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun Waaqayyoo biraa ilmaan namootaaf karaa namootaa namootaaf kan dhufe dha.kana jechuun Macaafa Qulqulluu karaa lama ilaaluun ni dandaa‘ama. Karaa tokko yaada Waaqayyoo qofa kan qabate karaa hafuura qulqulluu namoota barreessan bira kan gahe yoo ta‘u , karaa biraan immoo namoonni barreessan yeroo barreessaniitti afaan, aadaa, haala beekamaa naannoo isaanii, sadarkaa beekumsa isaanii akka caafani dha.
Macaafni Qulqulluun barreefamee xumuramuuf waggoota 1600 (kuma tokkoo fi dhibba jaha) kan itti fudhate yoo ta‘u Kakuu Moofaan waggaa 1100 kakuu Haaraan waggaa 100 itti fudhateera.Gidduutti waggootni 400 kan turan immoo yeroo mul‘atin kamiyyuu hin turee fi Macaafni Qulqulluun barreefames kan hin ture dha.Kunis Walgahii Kanoonaa jaarraa 4ffaa keessatti godhame irratti mirkanaa‘eera.kanaafuu‖ Macaafonni Awaaldi’ jedhamuun beekaman kan geggeesaa Hafuura Waaqaan barreeffaman miti jechuu dha. Kana irraa kan ka‘e akka yaada Waaqayyootti barreeffamanii abootii amantii durii birattis fudhatama kan qaban Macaafota 66 ni Macaafa qulqulluu keessaa qofa.Isaan ku bakka lamatti kan hiraman kan yoo ta‘an ,isaanis Kakuu Moofaa(Macaafa Seeraa) fi Kakuu Haaraa(Macaafa ayyaanaa) jedhamuun beekamu. Kakuun seeraa Waaqayyoo fi sabni israa‘el walitti dhufeenya iasaan qaban kan ibsu dha.
Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ti. Sagaleen afaan isaa immoo Waaqayyoo wajjin wal qixa hojjechuuf humna qaba.Waaqayyoo hundaa danda‘aa waan ta‘eef sagalich wanta jedhameef mara in hojjeta. Waanti hundinuu kan uumamee sagalee kanaan ;osoo Waaqayyoo sagalee hin dubbannee biiyyi lafaa hin argamtu turte. Duwwaas turte.Har‘a ijaan kan arginu hundinuu bu‘aa sagalichaa ti.Fakkeenyaaf Samii fi Ardii, dhalli namaa , waan namni ittiin fayyadamu hundi,jechuun nyaatni uffanni hundi bu‘aa sagalichaa ti. Hundaa danda‘aa kan ta‘e Waaqayyoo wanta barbaade yeroo barbaadetti kan raawwatu dha.Kanatu na dhibu osoo hin jedhin waan fedhe raawwata , sagaleen isaas waan jedhu osoo hin raawwatamin tasumaa hin hafu. ― waanti hundinuus isumaan ta‘e ;waan ta‘e keessaas isa malee kan ta‘e tokko illee hin jiru.‖ ( Yoh.1:3). Hundumtuu kan ta‘e Sagalee /Yesuusiin ta‘e.Yesuus mataansaa ammo sagalee dha(Yoh.1:1) jedha bakka kanatti. Kanaafuu bakka nuti Waaqayyoof laannu bakka nuti Macaafa qulqulluuf laannuun miijanama. Macaafni Qulqulluun aboo eebbisuu, uumuu,fayyisuu,jajjabeessuu, baasuu, kutuu, ajjeesuu, ayyaana namaa kennuu, seenaa jijjiruu qaba.Kun kanaan osoo jiruu mee yaada armaan gadii hubadhu
Macaafni Qulqulluun eessaa dhufe?
Macaafa Qulqulluu eenyutu caafe?
Haala har‘a jiruun akkamitti argachuu dandeenye? Miijana akkamii keessa darbeetti as kan gahe?
Macaafni Qulqulluun maalif barreefame?
Kaayyoon barreefamuu isaa maal?
Macaafni kun kan inni of keessatti qabate kutaawwan kam fa‘i?
Macaafa kana fudhatee kan itti fayyadame maal argata? Kan hin fudhanne ammo maal miidhama? Fi kkf. Gaafachuun itti yaaduu fi murtee sirrii Ta‘e gochuun akka macaafichaatti deddebi‘uu qabna.
Continue Reding