Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
Sadan Waaqummaaf wabiilee
Sadan tokkummaa Waaqaa hubachuuf kan afaan Ingiliffaan barreffame ilaaluun fayyida qabeessa.kunis Silaasee kan jedhu( Trinity )ykn ( Tri unity) maqaa jeddhu qabateera. Kunis Waaqa tokko kan ta‘e Waaqayyoo qaamota sadii keessatti argamuu isaa ti kan ibsu. ( three in oneness)
Qaamolee Sadan tokko tokkoon yoo ilaalaman:
A. Abbaa :- kun Macaafa qulqulluu keessatti ibsa adda addaatiif oolee argina. Kunis
Uumaa umama hundaa 1Qor.8:6, Efe. 3:14-15, Ibr. 12:9, Yaaq.1:17
Abbaa Israa‘el kes.32:6, Isa. 63:16, 64:8, Erm. 3:4, mil.1:6, 2:10
Abbaa Amantootaa Mat.5:45, 6:6-15, Rome 8:15, 1Yoh.1:3
Abbaa Ilmaa Yoh.1:4, 1:18, 5:17-26, Yoh. 8:54, 14:12-13
B. Ilma :- maqaan hiika bifa tokkichaa miti kan qabu. Ilmi Abbaa irraa waan dhalateef ilma jedhama.Yoh.1:14, 1:18, 3:16, 3:18, Gal.4:4, Waaqayyoon Masihii fialatame waan ta‘eef Ilmaa Waaqayyoo jedhama Mat.8:29, 27:40, 26:63, Yoh. 11:27, nama ta‘ee Hafuura Qulqulluun ulfaa‘ee waan dhalateef mucaa Waaqayyoo jedhama. Luq.1:32,35.
Waa‘ee Ilmaa kanneen beekamuu qaban
Waqummaa isaa ;Yoh.1:1, 20:28, Rome.9:5, Fil.2:6, Tit.2:13, 1Yoh.5:20
Maqaa Waaqummaa Erm.23:5-6, Iyu.2:32, Hoe.2:21 , Isa.9:6, 1xim.3:16
Amala waaqummaa kan ibsan Isa.9:6, Mat. 18:20, 28:20, Yoh.2:24-25, Yoh.21:17, Fil.3:21, Mul.1:8.
Hojii Waaqummaa hojjechuu, Mat.9:2-7, Efe.1:22, Fili.3:21, Luq. 10:22, Qol.1:17, Yoh.5:22, 1:3, Ibr. 1:10-12.
C. Hafuura qulqulluu :-eenyummaa qabbachuun Hafuura Qulqulluu kan beekame dha.Waldoota amantaa baay‘ee biratti wanti kun kan ganame ture bara durii tti. Fakkeenyaaf, Bara haaromsaa keessatti Yuniitariiyanii fi Modoorniistoota akkasumas hordoftoota Siibaliyoos birattis ni ganama ture. Qooda eenyummaa qaba jedhanii fudhatan humna qofa jedhani fudhatu turan. Macaafni Qulqulluun garuu ifatti eenyumeesa qaba jedhee lafa kaa‘a.Kanaan dura waa‘ee eenyumessaa yeroo kaafneetti dirqama foonii fi dhiiga kan qabu osoo hin taane : miira, fedha, qabaachuu akka ta‘e dha. Kanaafuu kutaawwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii keessatti Hafuuri Qulqulluun miira, fedha, beekumsa akka qabu hubanna. Yoh.14:15-17,26, 16:26, 7-15, Rome.8:26-27, Isa.63:10.
Beekumsa /sammuu/ Yoh.14:26, 15:26, rome 8:26
- Miira Isa.63:10, gadduu Efe.4:30
- Fedha Hoe.16:7, Hafuuri Yesuus 1Qor.12:11,
Walumaagalatti Hafuurri Qulqulluun dubbachuu, qoruu, dhugaa bahuu, gadduu, ifa baasuu, kadhachuu fi kkf hojiiwwan raawwata. Uma.1:2,6:3, Luq.12:12, Yoh.14:26, 16:8, Hoe.13:2, Rome 8:11, 1Qor.2:10-11.
Waaqummaa Hafuura Qulqulluu
Maqoota Waaqummaa Hoe.5:3-4, 1Qor.3:16, 2Xim.3:16
Waaqummaa sirrii ta‘e Far.139:7-10, Isa. 40:13,15, 1Qor.2:10-11, Rome 15:19, Ibr.9:14
Hojii Waaqummaa hojjeta Uma.1:2, Iyob 26:13, 33:4, Far.104:30, Yoh.3:5-6 Tit.3:5, Rome 8:11
Ulfina Waaqummaa qaba Mat.28:19, Rome .9:1, 1Qor.13:14
Salphaatti barsiisa sadan tokkummaa waaqaa kan agarsiisuu haa hubannuu mee.
Fakkii kana irraa waan nuti hubannu waan sadii, karaa biraatiin kanneen kun ibsa barusa sadan tokkummaa Waaqaa ti.
1). Waaqayyo waaqni keenya waaqa tokkicha
2) Waaqayyo waaqni keenya karaa sadii mul‘ateera /silaaseen
3) Tokkoo tokkoon qaama Waaqummaa hir‘uun hin jiru ;jechuun tokko sadaffaa miti.
Kana waan ta‘eef dhugaa dubbii sadan tokkummaa waaqaa addaa adda baasuunis ta‘e walitti cuunfanii kaa‘uun hin dandaa‘amu.Maqaan sadan tokkummaa Waaqaa jedhu kun Macaafa Qulqulluu keessatti jechaan barreeffamee hin argami malee , yaadni isaa ifatti lafa taa‘ee jira.Haala kanaan sadan tokkummaa waaqaa jechi jedhu kun jecha ogummaa akka ta‘e hubachuu nu barbaachisa.haa ta‘u malee sagaleen kun akkasitti caafamee jiraachuu haa dhiisu malee yaadni isaa in jira. Uma.1:26, 11:7, mat.3:16-20, 28:19-20, Mar.1:9-10, Luq.3:21-26.
Tokkummaa fi Sadummaan Waaqayyoo karaa itti ifa ta’e
Silaasee jechuun sadan tokkummaa (tokkoon sadan) jechuu dha. Waaqayyo waaqa tokkicha garuu karaa sadiin ykn eenyummeessa sadiin ofii isaa ibseera. Haa ta‘u malee Waaqa sadiitu jira jechuu miti.
Tokkummaan Waaqaa:- karaa lamaan ifa ta’eera. kunis
A) Humna Waaqummaa isaatiin:- Waaqayyoo tokkicha.Kes.4:39, akkasumas Waaqayyoo amalaan, waaqummaan, aboodhaan eenyummaa isaan tokko .Kes.6:6, Bau.20:24, Isa. 43:10, 1Qor. 8:4, 1Xim.2:5, Efe.4:6, Yoh.10:30, Mul. 2:19, Kes.4:39 caafanni kun hundi tokkummaa Waaqayyoo kan ibsan dha.
B) Walqixxummaa Amala isaatiin:- Amala isaan yoo jedhamu;-dhiifamu gochuu isaatiin ,garaamummaa isaatiin, obsa inni qabuun, dhugaa ta‘uu isaatiin, cubbuu jibbuu isaatiin fi kkf.
Sadan ta‘uu kan ibsan jechuun Waaqni tokko karaa sadii mul‘ateera; sadan kanneen caaffanni ibsan Uma.1;26, 11:6-7, 3:22, Isa.6:8, Mat.28:18-20, 1Sam.23:1, Neh.9:20, Far.139:7, Isa.48:16, 61:1, Hos.1:7, Luq. 3:21-22.
Sadanuu kan ittiin ibsaman (Ibsa Bu’uuraa)
Isaanis Qaamaan, Maqaa fi Hojiin hiruun ilaaluun in dandaa’ama.
1. Maqaan : - sadanuu maqaa mataa isaanii qabu. Maqaan isa tokkoo kan biraaf hin oolle.
1Inni jalqabaa Abbaa :- Abbaa fayyinaa, waaqa hundumaa, abbaa Kiristoos
1Inni lammaffaa Ilma:- Amaanu‘el, Kiristoos, Yesuus, qoricha biyya lafaa, mootii nagaa, Mesihii, ilma Waaqayyoo, Rebuunii, hidda Daawwiti
1Inni sadaffaa ammo Hafuura Qulqulluu dha:- Hafuura dhugaa, Uumaa, jajjabeessaa, barsiisaa, gargaaraa, fi kkf.
12. Qaamaan/eenyummaan:- yoo ilaallu inni tokko kaan bakka hin bu‘u.
1Abbaa:- Eenyummaa mataa isaa qaba. Sababni isaas ilmi foon uffateera ; abbaa garuu hin uffanne.Eenyummaa waan qabuuf, in dubbata, in erga, in arga, in gadda, in gammada.
Ilma:- eenyummaa mataa isaa qaba ; Abbaa fi Hafuura Qulqulluu irraa adda.Bifa namaanis mul‘atee ture. Akkasumas waaqummaa isaatiin in hojjeta.
Hafuura qulqulluu;- Innis eenyummaa mataa isaa qaba. Callisee hafuura humnaa tokko qofa miti.Qilleensi illee humna mataa isaa qaba.Ibsa eenyummaa fedha, miira fi beekumsa qaba. Kanaafuu ija ittiin argu, gurra ittiin dhagahu, harka ittiin hojjetu qaba. Sababni isaa gurri waan uumamaeef akka ittiin dhageenyuuf, iji waan uumamef akka ittiin arginuuf, harki waan uumameef akka ittiin hojjenuuf.
3. Hojiin ;-hojii waaqummaa wal qixa haa hojjetan malee gahee mataa isaanii yeroo isaan qabatanii bahan Macaafa Qulqulluu keessatti argina.Jechuun inni tokko hojii isaa kaanii keessa hin seenu.Fakkeenyaaf fannoo irratti kan du‘ee Ilma qofa.Abbaa ykn Hafuura Qulqulluun fannoo irratti hin dune. Haa ta‘u malee hojii fannoo keessatti qooda hin qaban jechuu miti. Tokko tokkoon ilaaluuf;
Abbaan:- Akka Abbaa ta‘ee hojjetaa ture; ilmi mataan isaa abbaa koo jedhaanii ture.Akka Abbummaa isaattis Kiristoosiin hojii fayyinaatiif yeroo ergu argina. Innumaayyuu ilma gargaaruun ;hojii uumuu keessattis ta‘e kan biro keessatti dursee sagalee baasuu, waaqa hundumaa ta‘uu.
Ilma:- Sagalee ta‘ee kan jedhame ammo raawwachuu. Fakkeenyaaf Yoh.1:3 waan uumaman keessatti qooda fudhachuu ,hojii fayyinaatiif gara biyya lafaatti ergamuu, foon uffachuu, cubbuu namoota hundaa baachuu, du‘uu, warra jaallatuuf lubbuu isaa kennuu, Hafuura qulqulluu erguu.
Hafuura Qulqulluu;- hojii uumuu keessatti ,humna kennuu, biyya lafaa waa‘ee cubbuutiif waqassuu, tajaajilaaf nama qopheessuu.
- Walumaagalatti sadan tokkummaa waaqaa amala Waaqummaan ,jechuun uumuun,aboon , jaalalaan , dhugummaan tokko yoo ta‘an - Garaagarummaan isaanii immoo qaamaan/eenyuummaan, hojiin, fi maqaani dha. Akkasumas toora ittiin waamamaniin ; abbaa akka geggeesaatti, Ilma akka fayyisaati, Hafuura Qulqulluu akka barsiisaati.
Gudunfaa (Conclusion)
Walumaagalatti armaan olitti ilaalluf akka yaalletti Waaqayyo eenyummaa/qaama sadiin mul‘atee kan jiraatu Waaqa tokkicha.Akkasumas kutaawwan biro keessatti akkuma ilaalle Waaqayyo waaqa baraabara ti.Kun sadan tokkummaa waaqaa kan mul‘ate ardii fi samiin osoo hin uumamin dura kan ture dha (Yoh.17:5,24). Barumsi sadan tokkummaa Waaqaa kunis Amantii Kiristaanaa keessatti isa bu‘uuraa ta‘ee dha; kun hin jiru taanaan kiristaanummaan hin yaadamu jechuu dha. Dhugaan jiru (Trinity) akka ifuuf warra hin galaniif kadhachaa; nuti kiristaannon immoo adaraa keenya ba‘uudhaaf yeroo hundaa irratti yaaduu qabna.
End!