Barumsa Waa’ee Bara Dhumaa (Scatology)
BARUMSA WAA’EE BARA DHUMAA
BARUMSA WAA’EE BARA DHUMAA
Waa‟een bara dhumaa kun jecha Giriikii “ Eschatos” jedhurraa kan dhufe yoo ta‟u, hiikkaan isaas „dhuma biyya lafaatii fi wantoota kanaan wal qabatanii bara dhumaatti ta‟an‟ jechuu dha.
Jalqabni addunyaa jira (Uma 1:1).
Addunyaa fi wantoota uumaman hundumaas kan eegu jira. Innis uumaa dha. Neh 9:6
Gaafa gooftaan keenya angoodhan addunyaa kanarratti mul‟atuu fi kan hin mul‟anne, seexanas, gooftummmaa hunda moo‟e dhumni ni ta‟a 1Qor 15:24-28.
Barsiifni garagaraa waa‟ee bara dhumaatiin wal qabatee yoo jiraates, nuuti kiristiyaanonni akka Macaafa Qulqulluutti:
Waa‟ee bara dhumaa amanuu
Abdii keenya isa eebbifame eeggachuu.
Deebi‟ee dhufuu Kiristoos hawwiidhaan eeggachuu, akka ariifatuufis Wangeelas labsuu.
Badhaasa keenya harka keenya keessa galfachuudhaaf jabaannee hojjachuu qabna.
1. Waa’ee Bara Dhumaatiif Bu’uura Macaafa Qulqulluu
1.1. Maddi isaa Macaafa Qulqulluudha Macaafa Qulqulluu 1/3‟n isaa waa‟ee wantoota gara fuulduraatti ta‟uuf jiraniin kan guutamee dha.
Raajota waa‟ee gara fuulduraa dubbatan keessaaf isaan dhugaa qofa dhaga‟uun akka qabnu waan dubbatuuf kanneen barraa‟an dhugaa ta‟uusaa ni amanna. Isa 46:9-10, KesD 13:1-5
1.2. Yaada ijoo waa’ee bara dhumaa
Kakuun Moofaan Kiristoos akka dhufuuf jiru dubbata.
Kakuun Haaraan Kiristoos akka dhufe, akka deeme, lammatas deeb‟ee akka dhufu dubbata. Kiristoos fooniin dhufuun isaatuu ta‟ii bara dhumaati. 1Qor 10:11
Deebi‟ee dhufuun Kiristoos ta‟ii bara dhumaa isa gara fuulduraati.
Sababni isaas barri waldaa ammayyuu waan hin xumuraminiif. Barri kunis kan dhumu yeroo warri Kiristoositti amanan ol fuudhamaniidha. 1Tes 4:17
1.3. Giddugaleessi waa’ee bara dhumaa eenyu? Iyyesuus gooftaa keenya dha. Sababni isaas:
Sagalee Waaqayyooti. Mul 19:13
Wiirtuu raajii hundaati. Mul 19:10
Furtuu du‟aa fi si‟ool isatu harkaa qaba. Mul 1:18
Gooftaa waldaati. Mul 2 – Mul 3
Warra hin amanne ni bita. Mul 14:6-7
Hoolaa Waaqayyooti. Mul 14:22 lubbuu ofii kennee aarii Waaqayyoo qabbaneesse.
1.4. Bu’aa waa’ee bara dhumaa hubachuu
Qulqullootaaf eebbadha. Mul 1:3
Kiristiyaanotaaf qulqullaa‟uu ta‟a. 1Yoh 3:3
Jireenya fakkeenyummaa qabuu fi hariiroo gaarii Waaqayyoo wajjiin akka qabaatan godha. 2Phex 3:14-16
Qulqullootaaf dammaqiinsa ta‟a. 2Phex 3:13
2. Hiikkaa Du’a Foonii
2.1. Hiikkaasaa
(i) Guutumaaguutuutti nama hundumaaf: Waan hin oollee dha. Warra yeroo Yesuus dhufu lubbuudhaan jiraniin alatti. Lal 3:2
Dhoksaa gad fagoo ta‟ee dha. Kanas namoonni muraasni du‟anii ka‟an arganiiru. Iyo 14:14, Yoh 11:23, Yoh 20:19-20
Diina gudaa dha. Far 23:4
(ii) Namoota hin amanneef:
Waan gaarii kan itti dhabaniidh (fayyina).
Firdiidhaaf kan itti dhiyaatanii dha (badhaasaaf osoo hin taane).
Akka bakka waan hamaa jalaa itti miliqaniitti ilaalu. Of ajjeesuudhaan (Suciede) hamaa jalaa ooluu yaadu.
Garuu hamminni hunda caalu of balleessuu dha.
(iii)Qulqulloota kakuu moofaatiif:
Israa‟eloota biratti lafarra jiraachuun eebba dha.
Umurii dheerachuun eebba. Far 91:16
Ijoollummaatti du‟uun abaaramuu dha. Far 102:23-24
Du‟a ni sodaatu. Ibr 2:15
Garuu du‟a booda ka‟uun akka jiru raajonni kakuu moofaa dubbataniiru. Isa 26:19, dan 12:2
(iv) Amantoota kakuu haaraatiif:
Du‟a hin sodaatan, ulfinni inni dhufuuf jiru sun kanaan waan hin madaalamneef. Rom 8:18, 1Qor 5:8
Du‟a keessaan abdiin jira. 1Tes 4:13
Duunus, jiraannus kan Kiristoosiiti. 1Tes 4:16
Kiristoosiin taanee yoo dune, Isa wajjiin ni jiraanna. 2Xim 2:11
Warri du‟an miira gammachuu waan qabaniif, qulqulloonni du‟uu ni hawwu. Mul 6:9-11, Luk 16:22-31, Ibr 2:15
2.2. Jalqaba du’a foonii
Cubbuu ilma namaati. Cubbuunis eenyummaa namaa guutumaa guutuutti balleessite. Kunis foon, lubbuu fi hafuuras dabalatee jechuu dha.
2.3. Eenyutu itti gaafatama?
Uma 1:26-27 irratti Waaqayyo ilma namaa wajjiin akka hariiroo godhate dubbata. Garuu ilmi namaa Waaqayyoof hin abboomamne
Kanaafis itti gaafatamaan ilmuma namaati. Ba‟u 2:7-3:19
2.4. Bifa du’a foonii
Du‟a bakka saditti qoodnee ilaalla.
A) Du‟a foonii: foonii fi lubbuun addaan ba‟uu. Lal 11:7, Uma 3:19
B) Du‟a hafuuraa: namoota osoo lafarra jiranii Waaqayyoodhaan addaan ba‟an. Efe 2:1-2
C) Du‟a barabaraa: namni du‟a hafuuraa du‟e, du‟a fooniis yeroo inni du‟uu dha.
2.5. Dhuma du’a foonii
Duuti foonii bara waldaatti (Mar 13:5-13), bara rakkina guddichaatti ( Mul 7: 13-14), akkasumas bara mootummaa waggaa kumaattis ( Mul 19:11-19) ni jirti.
Kan inni dhaabbatus firdii teessoo adii booda dha.
Sana booda duunis kuufama abiddaatti ni darbatama. Mul 20:14, Mul 20:9-15.
3. Du’aa Kaasee Hanga Du’aa Ka’uutti
Duuti foonii, jiraachuun foonii raawwachuu isaati.
Garuu qaama namaa keessaa kan hin dune “Lubbuu fi Hafuura” dha.
Namoonnii fi amantiin baay‟een kan mormu ta‟us, Macaafni Qulqulluun garuu du‟aa fi du‟aa ka‟uu gidduu iddoon turan akka jiru dubbata. Kunis:
A) Gennet ykn Si‟ool kutaa ol aanu Luq 23:43: iddoo qulqulloonni itti boqatan
B) Si’ool: iddoo cubbamoonni itti boqatan Far 16:10, HoE 27:31: kunis boolla dukkanaatii fi Si‟ool kutaa gad aanutti qoodama. Iddoo seexannii fi ergamoonni kufan itti argamanii dha. Dhumarratti si‟ool wanta of keessaa qabdu hundumaa wajjiin kuufama abiddatti darbatamti Mul 20:14. Si‟ool kutaa isa ol aanuu fi gad aanu gidduu qilee guddaatu jira
4. Deebi’ee Dhufuu Kiristoos Qaamuma du‟aa ittiin ka‟e sanaan deebi‟ee dhufa. Mar 14:26, Luq 21:27
Kun amantootaaf abdii eebbifamaa dha. Tit 2:13
4.1. Haala dhufaatiisaa
Bifa lamaan dhufa. Dhufaatii dhoksaatii fi dhufaatii ifaatiin.
4.1.1. Dhufaatii dhoksaa:
B) Akkaataa isaa:
Dhiyottii fi dafee dhufa. Mul 22:7-12 Akka hattuu dhufa. 1Tes 5:2, Mul 16:15
Tasa yeroo itti hin eeginitti. Mat 24:14
B) Sababni isaa:
Amantoota fudhachuuf. Yoh 14:12
Warri gooftaadhaan jiraachaa du‟an du‟aa ka‟umsa akka argataniif.
1Qor 15:23, 1Tes 4:15-17
Qulqulloota biratti ulfaachuuf,warra hin amanne biratti dinqisiifamuuf. 2Tes 1:10
Amantoota rakkina guddicha keessaa baraaruudhaaf.
1Tes 1:10, Mul 3:10
Warra amanan hundumaaf akka hojii isaaniitti isaaniif kennuudhaaf. 2Qor 5:10, 1Tes 1:7
4.1.2. Dhufaatii ifaa: a) Akkaataa isaa:
Mul‟achaa. HoE 12:10, HoE 1:11, Mul 1:7
Duumessaan marfamee. Mat 24:30
Ulfina abbaasaatii fi ulfina ofiisaatiin. Mat 25:31
Arraba abiddaatiin. 2Tes 1:6-7
Humnaa fi ulfina guddaadhaan. Mat 24:30
Ergamoota wajjiin. Mar 8:35
Qulqulloota wajjiin. 1Tes 3:10. Yihu 14-15
B) Sababni isaa:
Israa‟eloota fayyisuudhaaf. Erm 30:4-10, Mat 24:21-22
Cubbamoota haloo ba‟uudhaa fi warra hin amannetti faraduudhaaf. Mat 25:33-46, 2Tes 1:8, Yih 15
Mormitoota Kiristoos mo‟achuudhaaf. 2Tes 2:8
Waggaa 1000 lafarratti moo‟uudhaaf. Dan 7:13-14, Mul 11:15, Mul 20:4-6
Lola armaagedoon moo‟achuudhaaf. Zak 14:1-4, Mul 16:12-16, Mul 10:1-12