Dhaala Sirna Barreeffamaa Kakuu Moofaa

To'annoo Hafuura Qulqulluu

Yihuudota bara Yesuus turantti hojiin Hafuura Qulqulluu haaraa hin turre. Kakuu Moofaan waa'ee hojii Hafuura Qulqulluu caqasawwan hedduu qabu. Fu'ook jechi jedhu jecha afaan Ibirootaa yoo ta'u 'Waaqayyo' jechuudha.Kakuu Moofaa keessatti hojiin Hafuura Qulqulluu karaawwan adda addaa ibsamee argama, fakkeenyaaf Uumama 1-2. Tokkoo tokkoon caqasawwan Kakuu Moofaa waa'ee Hafuuraa dubbatan ibsa Tiwooloojii waliin kan wal qabataniidha, jechuunis eenyummaa Waaqayyoo ibsu jechuudha. Itti dabalees Kakuu Moofaan hojii Waaqayyoo ibsuudhaaf jecha biraatti fayyadama. Kunis "Ulfina" kan jedhuudha. Ulfinni waanta ijaan mul'atuudha. "Hafuurri" humna Waaqayyoo isa jireenya keessatti mul'atuudha. Jechoonni lamaanuu Waaqayyo hojiirra akka jiru nu argisiisu. Kana waan ta'eef Waaqayyo namoota keessa jiraachuudhaan Yihuudotaaf yaadni hojjechuu isaatii beekamaadha.

Waaqayyo ifa calaqqisee of argisiisuu fi human keessa keenyatti hojjetu qofa miti. Waaqayyo waa'ee ofii isaatiis immoo dubbateera. Hiikni maqaa isaatii inni ada ta'e Kakuu inni saba Isiraa'el waliin qabu kan argisiisuudha. Maaliif akka isaan fo'atee fi maal akka isaaniif godhu dubbateera. Kakuun isaa illee ayyaana irratti kan hundeeffame ture. Waaqayyo sirna Kakuu isaatii qofa ibse utuu hin taane, maal akka inni gochuuf jiru, maliif akka sana godhu, yeroo tokko tokko immoo yeroo raawwii isaatii waliin dubbata. Kun hundumtuu seenawwan nuti wangeelota keessaa argannuuf bu'uura barbaachisaa kenna. Kutaa Wangeelaa kamiin iyyuu yommuu dubbiftan, 'Waaqayyo asitti waa'ee ofii isaa maal jedha?' Jedhaatii of gaafadhaa.

Macaafa Qulqulluudhaan yoo ta'e malee waa'ee ofii isaatii nutty haasa'ee, nutis Waaqayyoon beekuun tasumaa hin danda'amu. Biiftuun, jiinii fi urjiileen homaa tokko illee hin dubbatan. Yoo Waaqayyo dubbate malee uumamni nuuf duudhaadha.

Raajonni hundumtuu sagalee Hafuuraa adda baafatanii beeku. Waaqayyo ergaa laphee isaanii keessa kaa'a, isaanis du'i yoo isaanitti dhufe illee ergicha dabarsuu irraa gara duubaa hin jedhan. Amalli Waaqayyoo waan hin jijjiiramneef, waanti inni waa'ee ofii isaatii dubbatu yeroo hundumaa sanuma. Dubbiin isaa jijjiiramuu yookiis faayya'uu hin qabu. Sababa kanaaf warra ergaa isa biraa fudhatan akka isaan ergicha barreessanii daddabarsaniif isaan abboome. Akkuma fedhii isaaniitiin hin dubbatin, fedhii isaaniitiinis hin barreessine. Haala wal fakkaatuun dhiibbaa Hafuuraatiin barreessan. Phaawuloos 2Ximootewoos 3:16 irratti kan inni tuqu isa kana. Dhiibbaan Hafuura Qulqulluun Kakuu Haaraa Keessatti qofa utuu hin taane Kakuu Mooofaa keessas waan jiruuf warri KakuuMoofaa dubbisan akka gaariitti beeku. Maatewoos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis yaada mataa isaanii barreessan utuu hin taane Hafuura Waaqayyootiin geggeeffamaniiti.

Kakuu Moofaa keessatti karaawwan ittiin Waaqayyo of mul'isu lama argineerra. Ulfinni Waaqayyoo taabota irratti yookaan waan biraa irratti yommuu mul'atu waantota sana gara waan kan biraatti hin jijjiiru. Waaqayyo ofii isaa mul'isuu qofaaf waantota kanatti fayyadama. Hafuurri Waaqayyoo Saa'ol yookaan Daawwititti yommuu fayyadame gara waan biraatti isaan hin jijjiirre. Akkuma kana akka inni barreessuuf Hafuurri Qulqulluun nama tokko yommuu kakaasu gara waan biraatti isa hin jijjiiru. Maarqos kallattii tokkoon akka inni barreessuuf Hafuurichatu geggeesse.Yohaannisiin immoo kallattii biraa irra geggeesse.

Jechoonni Luqaas itti fayyadame kan Maatewoos irraa addadha. Lamaanuu garuu bu'aa wal qixa qabu. Lamaanuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii barreessan. Adda addummaa wangeelota arfan keessa jiran beekuun bu'a qabeessa. Barreessitoota Wangeelaa arfaniif aboo wal qixa kennuun barbaachisaadha.

Yohaannis 16:12-15 irratti ergamoonni waantota babaachisoo ta'an barreessuu akka danda'aniif Hafuurri Qulqulluun akka isaan yaadachiisu Yesuus waadaa seeneef. Waanta beekan hundumaa akka isaan hin barreessin argineerra. Tokkoo tokkoon barreessaa waanuma Hafuurri Qulqulluun isa yaadachiise qofa barreessuu fo'ate. Maatewoos Yihuudota keessaa warra amananii fi kutaa biyya Yihuudaakeessa jiraniif yeroo barreessu, waanta Waaqayyo akka isaan beekan barbaadu qofa barreesseef. Maarqos immoo warra Roomaa fi Iskindiriyaa jiraataniif waan barachuun isaaniif ta'u barreesseef. Haaluma wal fakkaatuun Luqaasis Girikoota Anxookiyaa fi Filiphisiyuus jiraataniif barreesse. Yohaannis immoo amantoota Yihuudotaa Eeshiyaa jiraatan, keessumaa immoo warra Efesoon jiraataniif barreesse.

Hundeen Wangeelaa Kakuu Moofaadha. Waldoonni Kiristaanaa barreeffamoota kana barsiisaa fi lallabaaf itti fayyadamu turan, booda immoo bifa kitaabaatiin dhiyaate.

Gaaffiiwwan

1. Kakuu Moofaa keessatti hojiin Hafuura Qulqulluu akkamitti mul'ate?
2. Ulfina jechi jedhu maal argisiisa?
3. Akka loqoda Yihuudotaatti Gooftaa jechuun hiika addaa maal qaba?
4. Utuu waaqayyo waa'ee ofii isaa ibsa nuuf hin kennine ta'ee attamitti isa beekna turre?
5. Raajonni akka Hisqeel waa'ee hojii Hafuura Qulqulluu maal hubatani?
6. Yeroo barreeffaman qabxiiwwan wal irraa addaan hin bane kam fa'i?
7. Uumama hundumaaf inni jireenya kenne Hafuurri Qulqulluun barreeffama kessatti qooda maalii fudhate?
8. Yohaannis 16:12-15 maal nu barsiisa?


Continue Reding