Barreeffamoota Durfaman
Waldootii Kiristaanaa biratti akka ergamaatti fudhatama kan argatan wangeelota afur qofadha. Maarqosii fi Luqaas Ergamoota hin turre, haa ta'u malee aboo Pheexiroosii fi Phaawuloosiin barreessan. Sababa kanaaf Maatewoosii fi Yohaannis waliin fudhatama wal qixa argatan.
Wangeela isaa akkamitti akka barreesse kan nutty himu Luqaas qofadha, Luqaas 1:1-4 kan jiru dubbisaa. Luqaas lakkoofsota arfan kana keessatti kan barreesse haa yaadannu.
1. Odeeffannoo yookiin seenaa barreesse kana warra ija isaaniitiin argee dhugaa ba'eef irraa akka fudhatee fi tajaajila Waldaa Kiristaanaatti qabaniin namoota fudhatama qaban irraati. Gara Ergamoota tokko tokkoo kan argisiisu yoo ta'e iyyuu maqaa isaanii garuu hin ibsine.
2. Amanaa waan ta'eef waanta naannoo Kiristaanotaatti ta'e barreesse. Waanta ta'e shaakaluudhaan ofii isaatii dhuga baatuu akka ta'e ni ibsa.
3. Waanta Yesuus hojjetee fi barsiise namoonni hedduun barreessaniiru. Barreeffamoonni sun hundumtuu badaniiru. Luqaas Wangeela Maarqos irraa yaada akka walitti qabate, akkasumaswangeelota biro irraa fudhate ta'a.
4. Luqaas akkuma nutty dubbatu waan sirrii barreessuudhaaf odeeffannoo qabu hundumaa qoratee sisirreessuudhaan afaan Girikii kan dubbisu Tewoofeloos dhugaa Wangeelaa akka beekuuf yaalii godheera.
Waldaa Kiristaanaa keessatti yeroo jalqabaaf kan barreeffame galmeen barreeffamaa waa'ee hojii Maasihii kan dubbatu sana kutaawwan Kakuu Moofaa keessaa kan walitti qabate hin ta'n hin hafu. Zakkaariyaas 9:9 irratti dubbiin raajii argamuu fi Beetaliheemitti dhalacuun isaa Yesuus Maasihii isa abdachiifame ta'uu isaa hubachiisa. Kiristaanni kam iyyuu Maasihiin inni Kakuu Moofaa keessatti abdachiifame Yesuus ta'uu isaa ibsuu yoo barbaade caqasawwan Kakuu Moofaa isa barbaachcisa ture.
Tarkaanfiin kana booda ta'u immoo ifaadha, innis caqasawwan waliin wantoota mirkaneessan dhiyeessuutu irraa eegama. Wantonni mirkaneessuuf dhiyaatan kunneen caqasawwan kunneen dhugaa akka ta'an taasisa. Mirkaneessuudhaaf waan Yesuus hojjete yookaan dubbate dhiyeessuu qaba. Mirkaneessi kun yeroo baay'ee caqasa dura barreeffama. Kana booda namoonni waanta tokko akka murteessan yookiin akka hojjetan afeeramu. Kunis yeroo baay'ee kutaa dubbisaa boodatti wanta nuti argannuudha.
Lallabdoonni durii warri dheebuu tajaajilaa qaban akkamitti dogoggora irraa akka eegaman kana irraa ilaaluu ni dandeenya. Utuu hin barreessin yookaan utuu hin dubbatin dura waanta dhiyeessan sanaaf bu'uura qabu. Bu'uurri kunis raajiiwwan Kakuu Moofaa keessaa kanneen waa'ee Maasihii dubbatan kan qabatuudha. Yesuus waanta Kakuu Moofaa keessaa hir'ate guutuuf akkasumas Kakuu Mooofaa raawwachuuf akka dhufe irra deddeebi'ee barsiisuu isaa ni beekna. Barreessitoota Wangeelaa arfanis karaa wal fakkaatuun akka isaan hojjetaniif Hafuurri Qulqulluun isaan geggeessa ture. Waanti Kiristaanonni barbaadan seenaa qofa hin turre. Waanta Yesuus hojjetee fi dubbate yommuu dubbiftan akkana jedhaa gaafadhaa; kana maaliif dubbate yookaan hojjete? Gaaffii kana deebisuu yoo dandeessan barumsa sana hiikuuf kan isin dandeessisu bu'uura jabaa argattaniittu jechuudha.
Utuu wangeelonni arfan hin barreeffmin dura barreeffamni barsiisonnii fi lallaboonni itti fayyadamaa turan gosa kanneen gadii kanadha. Jalqabatti barreeffamni dheeraan qiqindatee dhiyaate gabaasa dhiphina isaa akka ta'e dursinee ilaalleerra. Jechoonnii fi himoonni gabaasa kanaa wageelota arfan keessatti kan wal fakkaatan waan ta'aniiif gabaasichi baay'ee utuuhin turin akka qiqindate nu argisiisa.
1Qorontoos 15:3 keessatti caqasa "Macaafni akka jedhu" jedhu ni dubbifna. Gaaleen kun kan nu argisiisu tarii gabaasa dhiphina isaa ta'uu danda'a, akkasumas Wangeela Maarqos ta'uu ni daanda'a. Phaawuloos macaafa kana bara 55-56 Dh.K.B barreesse. Yeroo baay'ee dheeraa waan hin ta'iniif Wanta waggaa 25 har'aa raawwatame baay'een keessan ni yaadattu.
1Qorontoos 15:1 irratti dubbiin barreeffame gara Kakuu Moofaa ilaaluu isaa tilmaamuun rakkisaadha. Guyyaa sadaffaatti du'aa ka'uu Yesuus caqasni Kakuu Moofaa ibsee dubbatu hin jiru. Himni kun gabaasa dhiphina isaa kan dubbatu yoo ta'e yeroo gabaadbuu kana keessatti Kakuu Moofaa waliin aboo wal qixa qabaachuun isaa baay'ee kan nama ajaa'ibsiisuudha. Phaawuloos 1Qorontoosiin utuu hin barreessin dura ergaa Galaatiyaa fi ergaawwan ergaawwan gara Tasalonqee lamaan, walumatti xalayaawwan sadii barreessuu isaa ilaalleerra. Ergaawwan Phaawuloos kanaaf Kakuu Moofaa waliin aboon wal qixxeen yeroo kam akka kennameef hin beeknu. Kan fedhe ta'e iyyuu 2Pheexiroos 3:16 ilaalaa.
Boqonnaa Kudha Afur -Gaaffiiwwan
1. Luqaas gabaasa isaa akkamitti xumure?
2. Kiristaanonni caqasawwan raga waliin maal walitti qaban?
3. Caqasawwan raga kun maaliif barbaachiisan?
4. Lallaba Kiristaanota durii maaltu golge?
5. Akka Kiristaanonni akka malee Kakuu Mooofaa hin hiikneef warri dhowwaa turan eenyu fa'i?
6. Kiristaanonni waan Yesuus hojjete barsiisuu malee maal godhu turan?
7. 1Qorontoos 15: maal nu argisiisuu daanda'a?
8. Macaafota jechi jedhu afaan Yihuudotaatti hiika maalii kenna?
Continue Reding