OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

KOORSIILLEE 6 BAKKA TOKKOTTI

1.5 Kufaatii Keessaa Akkamitti Baana?

Maaliif waaqayyo Daawitiin “nama akka garaa koo” jedheen? Kunis tarkaanfii inni kufatii booda fudhate irratti hundaa‟eeti. Kanaafuu tarkaanfiin nuuti fudhatuu qabnu:

1. Eenyummaa keenya sirriitti beekuu. Ciminaa fi dadhabina keenya gargar baafachuu.

2. Mataa keenyaan homaa gochuu akka hin dandeenye hubachuu. Zak 4:6

3. Waaqayyoon sirriitti beekuu.

3.1. Waaqayyo jalqabaa fi dhuma kan hin qabnee dha. Kes 6:4-5, Mar 12:29

3.2. Wanta hunda kan danda‟u. Uma 14:21

3.3. Jaalalaan kan guutame. Yoh 1:29-34, Far 23:1-5

3.4. Jecha isaatii fi yaada isaa kan hin geeddarre. Mat 5:18, Luk 24:44

3.5. Namni hundi jireenya barabaraa akka argatu kan barbaaduu dha. Yoh 3:16

3.6. Nama hundaaf qixa kan murteessu.

4. Cubbuu irraa deebi‟uu (Booyyee ta‟uu dhiisuu).

5. Cubbuu takkaa ittiin kufnetti deddeebi‟uu dhiisuu.

6. Namoota amantiin nu dursa waliin ooluu fi tajaajilaan of camaduu.

7. Wantoota gara badiitti nu geessanirraa of eeguu.

8. Yeroo hundaa sagalee waaqayyoo dubbisuu.

9. Yeroo hundaa kadhachuu. 10. Waan ofii keenyaa barbaannu nama birattiif hawwuu.

11. Waaqayyoo fi waadaa keenyaaf amanamuu. 1Xim 3:6

12. Guyyuma guyyaadhaan jireenya qulqullaa‟aa ta‟e shaakaluu. Ibr 12:14

13. Jireenya kiristinaa keessa wanti hundi (rakkinnis) akka jiru beekuu. 2Xim 3:12, Mat 5:11

14. Nama akka yaada Waaqayyootti jiraatuuf mootummaan Waaqayyootii fi badhaasni akka qophaa‟ee jiru, kanas akka argatu amantiidhaan xiinxaluu. Mat 5:3-10

KOORSII- 2

MACAAFA QULQULLUU (BIBLE DOCTRINE)

Macaafnni Qulqulluun jecha Waaqayyoo yoo ta‟u Waaqayyoon qixatti angoo qaba. Yoh 1:1. Sageleen kun wanta hunda kan uumee dha. Uma 1:3. Kanaafuu Macaafni Qulqulluun angoo kan qabuu fi eebbisuu, jajjabeessuu, dhaabuu, buqqisuu, faraduu, salphisuu fi eenyummaa sirrii namaas namatti himuu kan danda‟uu dha.

2.1 Ibsaawwan Macaafa Qulqulluu TokkoTokko

Walumaagalatti Macaafni Qulqulluun:

Jireenya keenyaaf eebba barabaraa         Harka keenyaaf oogummaa

Dogoggora keenyaaf sirreessaa                Miilla keenyaaf dhaabbii

Sammuu keenyaaf beekumsa                    Rakkoo keenyaaf mala

Beela keenyaaf quufa                                 Gaaffii keenyaaf deebii quubsaa

Dheebuu keenyaaf bishaan taliila             Karoora keenyaaf raawwii

Ija keenyaaf ifa dukkana baqaqsu &         Foon keenyaaf qabaa (ciniinnaa)

Afaan keenyaaf mul‟ata haaraa                Fiigicha keenyaaf gonfoo

Arrabba keenyaaf damma                         Diina keenyaaf waraana

Dadhabbii keenyaaf human                    Ka‟umsa keenyaaf argamtii

Kufaatii keenyaaf ka‟umsa (liiftii)               Dhuma keenyaaf wabii

Macaafa Qulqulluu kan barreessan namoota 40 ta‟u. Haa ta‟uu malee barreessaan Macaafa Qulqulluu hafuura Waaqayyooti. Macaafni Qulqulluun haala lama of keessaa qaba:

1. Namummaa: ilmaan namootaatiin kan barraa‟e ta‟uu isaatiin.

2. Hafuurummaa: argamtii Waaqayyoo kan of keessaa qabu ta‟uu isaatiin.

Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan wantoota 3 keessa darbaniiti.Wantoonni kunniinis tiyooloojii keessatti iddoo guddaa qabu.

1. Mul’ata (Revelation): kunis dhugaa fudhachuu yookiin wanta haguuggame ifatti baasuu jechuu dha. Kunis bakka lamatti qoodama

1.1.Mul’ata Waliigalaa (General Revelation):nama hundaaf yeroo tokkotti kana mul‟atu. Mul‟anni yeroo hundaa Waaqayyoo irraa gara namaatti malee namarraa gara Waaqayyoottii miti. Mul‟annis kan barbaachiseef Waaqayyoon akka beeknuuf. Mul‟anni waliigalaa kun karaa sadiin mul‟ata:

1.1.1. Seenaadhaan (by history)

1.2.Uumama ilaaluun ( by nature)

1.1.2. Sammuu ilma namaatiin (by human conscious)

1.3.Mul’ata addaa (special Revelation):mul‟anni kun nama tokkoof yookiin gartuu tokkoof kennama. Kunis karaa lamaan darba

1.3.1. Mul‟ata barreeffamaa

1.3.2. Mul‟ata afaaniin himamu

Mul‟anni kunis yeroo adda addaatti karaa adda addaatiin mul‟ateera. Fakkeenyaaf:

Sagaleedhaan: Abrihaamiif, Phaawuloosiif, Museedhaaf. Uma 3:8, Uma 12:1

Abjuudhaan: Saamu‟eeliif, Ermiyaasiif, Yoseefiif. Uma 37

Ergamootaan, Raajotaan: Loxiif, Maariyaamiif, Zakkaariyaasiif Yoh 1:18

Hafuura Qulqulluudhaan: warra karaa Kiristoos amananiif. 1 Phex 1:10-12

2. Waliin ta’iinsa Hafuura Qulqulluu (Inspiration): tajaajiltoonnii fi raajonni adeemsa Macaafa Qulqulluu ittiin barreessan ibsa. 1 Phex 1:10-12

3. Hubannaa sagalee Waaqayyoo (Illumination): dhugaa mul‟ate sana Hafuura Qulqulluu waliin ta‟uudhaan akkamitti akka hubata ibsa.

2.2 Seenaa Macaafa Qulqulluu

Yeroo jalqabaatiif Macaafni Qulqulluun kal‟ee dhagaa fi dhagaa irratti barraa‟e.Sana booda Macaafa maramaa irratti barraa‟e.Macaafni Qulqulluun barraa‟ee dhumuudhaaf waggaa 1600 itti fudhate. Kunis: Kakuun Moofaan waggaa 1100, gidduutti barri dukkanaa waggaa 400 fi Kakuun Haaraan waggaa 100 itti fudhate. Macaafni Qulqulluun bifa kanaan lakkoofsi itti dabalamee qindaa‟ee bakka tokkotti akka dhihaatuuf haalli inni keessa darbe:

1. Gargaarsa ayyaana Waaqayyootiin.

2. Barbaacha abboota amantiitiin.

3. Saayintistootaa fi arkiyooloojistootaan ( osoo hinbeekin).

4. Tasa namoota adda addaatiin. (Fakkeenyaaf tiksee hoolaa kan ta‟e namni biyya Arabaatiin osoo hoolaa barbaduu holqa keessatti Macaafa Asteer irraa kan hafe hunda argate.)

Macaafni Kakuu Moofaa kan ittiin barraa‟e Afaan Ibrootaatiin yoo ta‟u Kakuun Haaraan Afaan Giriikiitiin barraa‟e. Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hundi isaanii Israa‟eloota yoo ta‟an Doktor Luqaas ( wangeela Luqaasii fi Hojii ergamootaa kan barreesse) qofatu nama Giriikiiti. Bara 250 A.D irratti Macaani kakuu moofaa gara afaan Giriikiitti jijjiirame.Macaafni kunis “Sabtuwaajant” jedhama.Warri hiikanis hayyoota Israa‟elii turan.

Ergasii bara 383 A.D irratti gara afaan Laatiniitti nama Jeeroon jedhamuun geeddarame. Kunis hanga bara 1000 A.D tti waldaa kaatolikii keessa ture.Ergasii gara afaan Ingliziitti nama Joon Wiikliif jedhamuu fi hayyoota isa wajjiin turan waliin hiikame. Sana booda bara 1456 tti maashiniin barreeffamaa biyya Jarmaniitti hojjatame. Bara 1467 tti Macaafni Qulqulluunis afaan Jarmaniitti jijjiirame.

Turtii baraatiin yoo ilaallu, Macaafni Kakuu Moofaa haala sadiin walitti funaanamee jira.

Macaafota seeraa waggaa 400 B.C

Macaafota raajotaa waggaa 200 B.C

Barreeffamoota Adda Addaa waggaa 100 B.C

2.3 Madaalli Macaafa Qulqulluu (Canon)

Macaafni tokko akka sagalee Waaqayyootti fudhatamuuf Madaalliin inni keessa darbu Madaallii Qaanoonaa jedhama.Kunis jecha Giriikiiti. Isaanis:

1. Waaqayyoon mul‟isuu danda‟uu isaa

2. Raga ayyaana Waaqayyoo qabaachuu

3. Abboota amantii duraaniitiin fudhata argachuu

4. Angoon barreessaa sanaa yeroo itti jiraate sanatti fudhatama argachuu

5. Kitaaba biraatiin walsimuu isaa.

Kanarratti hundaa‟uudhaan Macaafni Apokriifaa jedhamu fudhatama kana dhabeef:

1. Bara dukkanaa ( bara Waaqayyo itti callise) keessa waan barreeffameef

2. Israa‟eloota biratti waan hin fudhatamneef

3. Kaatolikoonnii fi Ortodooksonni hamma bara 1546 tti waan hin fudhanneef

4. Walii isaanii waan walfaallessuuf. Fakkeenyaaf Yih 1:1,11:1, Yoodiit 9:13

Macaafonni Apookiriifaa madaallii kana kufanii turan. Amantiin Pirootestaantii bara 1517 tti Maartiin Luuteriin jalaqabame. Innis adeemsa isaanii irratti isaaniin mormaa ture. Kanarraa kan ka‟e bara 1546 tti itti fayyadamuu eegalan. Sababni isaan itti fayyadamaniif:

Barnoota isaanii dogoggara sanaaf raga baay‟ee akka isaaniif ta‟uuf.

Maartiin Luuter wajjiin garaagarummaa isaanii baay‟isanii mul‟isuuf

2.4 Ramaddii Macaafa Qulqulluu

Bakka gurguddaa lamatti qoodama. Isaanis:

1. Macaafa Kakuu Moofaa

1.1. Kitaabota seeraa (5)

a. Seera Uumamaa

b. Seera Ba‟uu

c. Seera Leewwotaa

d. Seera Lakkoofsaa

e. Seera Keessa Deebii

1.2. Kitaabota Seenaa (12)

a. Macaafa Iyaasuu

b. Macaafa Abboota Firdii

c. Macaafa Ruuti

d. Macaafa Saamu‟eel isa duraa

e. Macaafa Saamu‟eel isa Lammataa

f. Macaafa moototaa isa Duraa

g. Macaafa Moototaa isa Lammataa

h. Macaafa Seenaa Baraa isa Duraa

i. Macaafa Seenaa Baraa isa Lammataa

j. Macaafa Izraa

k. Macaafa Nehemiyaa

l. Macaafa Asteer

1.3. Kitaabota Walaloo

(5) a. Macaafa Iyoob

b. Macaafa Faarfannaa

c. Macaafa Fakkeenyaa

d. Macaafa Lallabaa

e. Macaafa Weedduu Weedduu Caalu

1.4. Kitaabota Raajotaa

1.4.1. Kitaabota Raajota Gurguddoo

(4) a. Macaafa Raajicha Isaayaas

b. Macaafa Raajicha Ermiyaas

c. Macaafa Raajicha Hisqi‟eel

d. Macaafa Raajicha Daani‟eel

1.4.2. Kitaabota Raajota xixiqqoo (13)

a. Macaafa Faaruu Ermiyaas

b. Macaafa Raajicha Hoose‟i

c. Macaafa Raajicha Iyu‟eel

d. Macaafa Raajicha Amoos

e. Macaafa Raajicha Obaadiyaa

f. Macaafa Raajicha Yoonaas

g. Macaafa Raajicha Mikiyaas

h. Macaafa Raajicha Naahoom

i. Macaafa Raajicha Imbaaqoom

j. Macaafa Raajicha Sofaaniyaas

k. Macaafa Raajicha Haagee

l. Macaafa Raajicha Zakkaariyaas

m. Macaafa Raajicha Milkiyaas


Continue Reding