Ergaa gara warraa roomaa

ERGAA GARA WARRA ROOMAA

SEENSA

Barreessaan Phaawuloosii dha. Inni ergamoota 12 keessa hin turre. Ergamaa kan inni ta’e Kiristoosiin ture HoE 9:3-9, 22:6-11, 26:12-18. Phaawuloos adeemsa wangeelaa sadi taasisee ture. Adeemsota kanneeniinis Efesoon, Filiphiisiyuus, Teselonqee fi Qorontoos ga’uudhaan waldaa dhaabee ture. Akkasumas waldoota ofiif hin dhaabin kanneen akka waldaa biyya Roomaatii fi Qolosaayisiif xalayaa ergee ture. Akkasumas Ximootewoos, Tiitoo fi Filemoonaadhaaf xaalayaa dhuunfaa barreesseera. Xaalayoonni kunniin baay’inaan osoo wangeelonni afran hin barraa’in dura ergaman. Ergaan gara warra Roomaa kunis kan barraa’e bara 55 DK.K.B ture. Bakki inni taa’ee barreesses magaalaa Giriik kan taate Qorontoos keessa taa’eeti. Yeroo sanatti biyyoonni nannawa galaana Meediteraaniyaanii jiran bittaa Roomaa jala turan. Magaalaan Roomaa magaalaa guddoo Xaaliyaan kan yeroo sanaatii fi yeroo ammaati. Kaayyoon ergaa kanaas kakuu haaraa keessatti ergaa wangeela Kiristoos isaan biraan ga’uuf ture.

QABIYYEE ERGAA KANAA:

A. Seensa (1:1-17)

a) Nagaa gaafachuu (1:1-7)

b) Kadhata Galataa (1:8-15)

c) Human Wangeelaa (1:16-17)

B. Qajeelfamoota Wangeelaa (1:18-5:21)

a) Qajeelummaa warra hin amannee (1:18-32)

b) Qajeelummaa Yihudootaa (2:1-3:20)

c) Qajeelummaa Waaqayyoo (3:21-31)

d) Qajeelummaa Abrihaam (4:1-25)

e) Qajeelummaa amantootaa (5:1-21)

C. Rakkoolee naamusaa sababii wangeelaatiif ka’an (6:1-23)

a) Fedhii fooniitiin hin qajeelfaminaa (6:1-14)

b) Seera malee hin jiraatinaa (6:15-23)

D. Kiristiyaanummaa fi seera (7:1-8:39)

a) Faayidaan seeraa jireenya asii qofaaf (7:1-6)

b) Seeraa fi cubbuu (7:7-25)

c) Seera cubbuutii fi du’aa jalaa Hafuuraan bilisa ba’uu (8:1-39)

E. Rakkoo fedhii fi mirgi yihudootaa fide (9:1-11:36)

a) Guutummaa angoo Waaqayyoo (9:1-29)

b) Itti gaafatamummaa Yihudoonni seera keessatti qaban (9:30-10:21)

c) Kaayyoo Waaqayyoo isa araaraan guutame (11:1-36)

F. Kiristiyaanummaa gochaan (12:1-15:13)

a) Amaloota dhuunfaa (12:1-21)

b) Amaloota siyaasaa (13:1-7)

c) Amaloota dhuunfaa dabalataan (13:8-14)

d) Jajjabootaa fi dadhaboota (14:1-15:13)

G. Gudunfaa (15:14-16:27)

a) Saba ergaan kun barraa’eef (15:14-21)

b) Karooraawwan adeemsa gara fuulduraa (15:22-23)

c) Gorsaa fi nagaa xumuraa (16:1-27)

BOQONNAA 1

1:1-7: Nagaa Gaafachuu: ergamaa jechuun angoo tajaajilaa kan kakuu haaraa warroota wangeela lallabanii fi waldaa dhaabaniif kennamu yoo ta’u, angoo kanas Kiristoosirraa akka fudhate dubbata. Kunis ergamoota 12 keessa waan hin jirreef fudhatama akka argatuuf ture. Sabani isaas yeroo sanatti angoon nama tajaajiluu tokko fudhatama isaatiif iddoo ol aanaa waan qabuuf. Sababni inni ergamaa ta’eefis warren yihudoota hin ta’in gara Waaqayyootti fiduuf akka ta’es ni dubbata. Kana erga ibseen booda nagaa isaa isaaniif dhiheessa. Kanas “…warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame” jedhee isaan ibsa. Kunis ibsa Kiristiyaanotaa isa sirriidha.

1:8-15: Hawwii Phaawuloos Roomaa Ilaaluuf Qabu: namoonni baay’een biyya gara garaarraa yeroo baay’ee gara roomaatti waan deemaniif “… amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef” jechuun isaa sirrii ture. Ari’atama isaan irra ga’e hundumaas cimanii dhaabbachuu isaaniitiif Waaqayyoon ni galateeffata. Akkuma warri Roomaa Phaawuloos biratti gatii guddaa qabanii fi isaaniif Waaqayyoo galateeffatu, nuutis obboloota keenya hafuuraatiif iddoo guddaa qabaachuu fi isaaniif kadhachuutu nurraa eeggama. “ Gatiitu narra jira “ akkuma inni jedhe, nurras bifaan, sanyiidhaan, teessuma lafaatiin, afaaniin utuu adda hin basin wangeelaan ga’uun nurra jiraata. Garaagarummaa tokko malee wangeelli dhala namaa hundaaf barbaachisa Gal 3:28.

1:16-17: Humna Wangeelaa: wangeelli Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Macaafni Qulqulluun sagalee dhugaati. Dhugaa fi humnas of keessaa qaba. Kanaaaf wangeela dhaga’uun jireenya fida. Wangeelichis hojiin dinqisiisaan karaa ilmasaatiin mul’ateera jedha. Phaawuloosii fi namoonni Roomaa keessa jiranille itti hin qaana’an turan. Nuuti hoo?

1:18-32: Yakka Sanyii Namaa: qajeelummaan Waaqayyoo karaa wangeela Kiristoos mul’ateera. Cubbuun jalqabaatii fi inni guddaan Waaqayyoo malee jiraachuu yoo ta’u kunis Waaqayyootti amanuu diduudha. Akkuma 1Qor 1:18-21 irratti “ waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa jiraniif gowwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni human Waaqayyooti” jedhutti, warra Waaqayyoo hin qabne kajeellaa garaa isaaniittis dabarsee akka kenne dubbata. Kutaa kana keessatti si’a sadi (24,26 fi 28 irratti) dubbata. Lakkofsa 26-27 irrattis jireenya sodoomaawummaatti dabarfamanii kennamuu isaanii dubbata.

BOQONNAA 2

2:1-16: Waaqayyoo Namoota Hundumaaf Firdii Kennuu Isaa: kutaa kana irratti namatti akka hin faranneef, nama hundaaf of eeggannoo kenna. Keessumattuu yihudoota saba isatiif, kunis ofii isaanii warra kaan caalaa qulqulloota akka ta’anitti waan of laakka’aniif, akkasumas namoota kaan ofii gaditti waan ilaalaniif. Firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan garuu namoota akkasii kanarratti ni dhufa.

2:17-29: Seera Qabaachuu Duwwaan Kan Hin Geenye Ta’uusaa: seeraan namnin Waaqayyootti dhi’aachuu akka hin danda’in gaaffilee garaa garaatiin isaan hubachiisuuf yaala.

BOQONNAA 3

3:1-8: Qajeelina Waaqayyoo Fi Ja’ina Namootaa: Asirratti Phaawuloos gama yihudootaa ta’ee dubbata. Asittis gaafillee gara garaa kaasa. Faayidaan yihudii ta’uus “sagaleen abdii Yihudootatti kennamuu isaati” jedha. Kanas kan godheef yaada Phaawuloos dubbachaa tureen akka of hin tuffanneef ture. Amanamuu dhabuun yihudoota qajeelummaa Waaqayyoo mul’ise erga ta’ee, amanachuun isaaniis caalaatti akka mul’isu dubbata. Namoonni tokkoo tokko garuu cubbuu baay’ee yoo hojjanne araarri Waaqayyoos ni baay’ata jechaa, yaada barsiisa Phaawuloos irraa hin ta’in odeessaa turan. Kunis soba ta’uusaa isaaniif ibsa.

3:9-20: Namni Qajeelaan Tokko Ille Hin Jiru: kanas yihudootaa fi warra yihudoota hin taane gidduu garaagarummaan akka hin jirre argisiisuuf dubbate. Kana qofas osoo hin taane nuu fi saboota olla keenyaa gidduu garaa garummaan akka hin jirree fi dhala namaa hundumaaf ilaalcha gaarii akka qabaannu, jaalalaan nu barsiisa.

3:21-31: Akka Itti Waaqayyo Qajeelaa Nama Godhu: kunis seeraan osoo hin taane amantiidhaan argama. Qajeelummaa jechuunis W a a q a y y o o bir atti f u d h ata m a a r g a c h u u yookiin m o otu m m a a W a a q a y y o otti g alu u d h a af ula a g a a barbaachisu guutuu jechuu dha.

BOQONNAA 4

4:1-12: Abrihaam Amantiidhaan Qajeelaa Ta’uu Isaa: “ Abrihaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti laakka’ameef” jedha. Kunis haala laaluudhaan, of laaluudhaanis osoo hin taane Waaqayyo isa hunduma danda’utti amanachuu isaatiin argame.

4:13-25: Abdiin Waaqayyoo Karaa Amantii Raawwatamuu Isaa: abdiin Abrihaamiif kenname addunyaa hundaaf kan inni ta’u seera eeguudhaan osoo hin taane amantiidhaan ta’a. Kanaanis abdiin Waaqayyo Abrihaamiif gale ni raawwatama.

BOQONNAA 5

5:1-5: Waaqayyo Duratti Qajeelaa Ta’uu: amantiidhaan qajeelota ta’uu keenyaan Waaqayyoo wajjiin nagaa qabna. Kunis isa wajjiin araaramuu keenyaan dhufa. Akkasumas gammachuu qabna. Amantiidhaanis dhaaltota isaa taaneerra. “Nuyi amma illee of dadhaboo taanee jirruu yeroon yaadame yommuu ga’etti Kiristoos warra akkuma keenya Waaqayyoo irraa fagaatan hundumaaf du’e. Tarii namni nama waan gaarii godhe tokkoof du’uuf fedha qaba ta’a malee…” Dadhaboota jechuun isaa, diduudhaafis seerichaaf bitamuudhaafis human kan hin qabne jechuudha. Kanaaf yeroo Waaqayyo diina kee jaaladhu jedhu dinqisiifachuun nurra hin jiraatu.

5:12-21: Duuni Addaamiin Jireeny Immoo Kiristoosiin Dhufuu Isaa: Duuni gara ilmaan namaa hundumaa dhufee ture. Muusee fi Abrihaam gidduu waaggaa 400 tu jira. Seerri garuu muuseef kenname. Seerri cubbuun maal akak ta’e namatti hima. Seera irraan darbuun cubbuudha. Namnoota seera qaban seeratu itti farada. Seera dura kanneen jiran seera Waaqayyo laphee isaaniirra kaa’e dhaga’uu yoo baatan du’atu isaaniif qophaa’eera. Kunis ilma namaa kan ta’e hundi karaa Addaam waan du’uuf. Nuuf garuu jireenyi argameera innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin mul’ate.




Continue Reding