Cubbuu Jalaa Du’anii Kiristoos Jala Jiraachuu

BOQONNAA 6

6:1-14: Cubbuu Jalaa Du’anii Kiristoos Jala Jiraachuu: Nuuti cubbuudhaaf duuneerra. Jireenya keenya isa kana booda jiru Kiristoosiif malee cubbuudhaaf hin jiraannu.

6:15-23: Garbummaa Cubbuu Jalaa Ba’anii Hojjetaa Qajeelinaa Ta’uu: Namni cubbuu hojjetu garbicha cubbuu ti. Namni Waaqayyoof ajajamu qajeelummaa waan godhuuf garbicha qajeelummaa ti. Kunis guutumatti angoo Waaqayyoo jala ta’uu jechuu dha. Bu’aan isaas:

Gara qulqullumaatti nu qajeelcha: qulqullummaa malee Waaqayyoo arguun hin danda’amu.  Gara jireenya barabaraatti nu geessa.

BOQONNAA 7

7:1-6: Seeraa Fi Fakkeenya Gaa’elaa: Fakkeenyi isirratti kenname waggaa 1500 dura yihudootaaf karaa Muusee kennamee ture. Namoonni barreesseef kunis baay’een isaanii yihudoota turan. Sababnis “ isin warra seera hubattanitti nan dubbadha” yeroo jedhu yihudoota ta’uu argisiisa. Seera akka abbaa manaatti, yihudootas akka haadha manaatti fudhatee isaan barsiisa. Hanga abbaan manaa sun jirutti haati manaa isatti hidhamtee akka inni jiru, erga inni du’ee booda hiikamtee akka jirtu isaanis beeku. Kanaafis yihudoonni seera jalaa ba’anii gara ayyaana karaa Kiristoos argamuuttu akka dhufuu qabanii fi kunis yakkaa akka hin taane dubbata.

7:7-13: Hojii Seeraa: cubbuun maal akka ta’e kan beeksisu seera dha. Du’a kan fide garuu seera osoo hin taane cubbuu dha. Seerri qulqulluu, qajeelaa fi gaarii akka ta’e dubbata.

7:14-25: Wal’aansoo Nama Keessaa: falmii kun osoo hin amanin ta’ee erga amannes jiraachuu danda’a. Garuu erga Kiristoositti amannee eenyummaa keenya isa moofaa waan fannisnuuf garbicha cubbuu ta’uu hin dandeenyu. “ cubbuu isa na keessa jirutu na hijjachiisa…” kan inni jedhu miira cubbuu keessa namaa jiru jechuudha. “ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos…” furmaanni isaas ibsamee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. fannoo Kiristoos jalatti baqannee fedhii isaa hamaa sana fannisuu dha.

BOQONNAA 8

8:1-17: Hafuura Waaqayyoon Gaggeeffamanii Jiraachuu: seerri yihudootaaf kenname firdii qaba. Firdichis du’adha. Kana jalaas kan nu baasu “eegaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu hin jiru” isa jedhuu dha. Qajeelummaan nuuf lakkaa’amus kan keenya osoo hin taane kan Kiristoosii ti. Sababni isaas inni osoo cubbuu tokkolle hin qabaatin fannoorratti du’uudhaan nuuf jedhee cubbamaa waan ta’eef.

8:18-29: Ulfina Isa Mul’achuuf Jiru: namni akka Phaawuloosiitti rakkinni irra ga’e muraasa dha 2Qor 6:4-10, 11:23-28. Garuu garuu yeroo ulfina isa dhufuuf jiru saniin wal bira qabamu inni kun homaa miti. Kanaaf nuutis ulfina sana of duratti ilaallee obsaa Waaqayyoo eeggachuu, tajaajiluu fi isaaf abboomamuutu nurraa eegama. Uumamni hundinuu mul’achuu keenya eegaa jira. Nuuti garuu abdii keenya sana bira ammayyuu hin geenye. Lafarra hamma jiruutti foon keenya kanaan rakkina baay’ee argina. Kanaafis Waaqayyoo kannaa nuuf kenne qaba. Innis: i. Hafuura Qulqulluu: akka nuuf kadhatuuf ii. Yesuus Kiristoos: akka nuuf kadhatuuf

8:30-39: Waaqayyo Kiristoosiin Guddaa Nu Jaalachuu Isaa: Waaqayyo wajjiin jiraannaan wanti nuun mormu hin jiru. Jireenya qajeellummaa keessatti jaalala, gammachuu, dhiifama, fayyina, dhaala waaqarraa, kennaa hunda caalu Ilmasaatu nuuf kennama. Akkasumas ilmasaa wajjiin kennaawwan xixiqqoo ta’nis itti nuuf dabalamu. Kanaaf nuutis jireenya keenya keessatti wanta Waaqayyoodhaan olitti jaalannu qabaachuu hin qabnu. Kanas jireenya keenya keessa ilaallee mirkaneeffachuu qabna. Kutaan kun kutaa namoonni ittiin jajjabaatanii dha.

BOQONNAA 9

9:1-5: Waa’ee Saba Waaqayyoof Foo’amee: israa’eloonni saba Waaqayyoof foo’ame ta’us, kennaa Waaqayyo karaa Kiristoos isaaniif kenne beekuu dhabuu isaaniitiin Phaawuloos gadda isaa dubbata. Haata’uu malee waadaan Waaqayyoo waan hin diigamneef eebbi Abrihaam warra Kiristoositti amanan hundumaaf karaa amantii ta’eera.

9:19-29: Dheekamsaa Fi Araara Waaqayyoo: meeshaan suphee tokko nama isa dha’uun maaliif akkas na goota akka hin jenne, inni kaan meeshaa ulfinaatiif, kaan meeshaa salphinaatiif hojjata. Akkamille taanaan Waaqayyo hojii isaatiin hin komatamu Waaqayyo yeroo hunda sirriidha.

BOQONNAA 10

10:1-4: Yihudoonni Karaa Malee Qajeelummaa Barbaaduu Isaanii: Kiristoos xumura seeraati. Kanaafis erga Kiristoos dhufe booda gara Waaqayyootti dhi’aachuudhaaf seera hordofuun bara kakuu haaraatti sirrii miti. Inni karaa sirrii gara Waaqayyootti geessuu dha Yoh 14:6.

10:5-21: Fayyini Nama Hundumaaf Ta’uu Isaa: Kiristoos karaa fayyina keenyaa ti. Isa barbaaduudhaafis namoonni akka ol hin bane inni gad bu’eera. Gara si’ooliittis akka hin buuneef inni du’aa ka’eera. Kanaaf fayyina argachuudhaaf “Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaase garaa keetti yo amante fayyina barabaraa in argatta”.

BOQONNAA 11

11:1-12: Araara Waaqayyoo Saba Israa’el Irratti: Fakkeenya yeroo Eliyaas turee fudhachuudhaan harra Israa’eloota keessaa namoonni amanan akka jiranii fi abdiin akka jiru dubbata.

11:13-24: Fayyina Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta’inii: Yihudoonnis abdii fayyinaa akka qabanii fi warri yihudoota hin taanes akka ol of hin qabne dubbata.

11:25-36: Araarri Waaqayyoo Hundumaaf Ta’uu Isaa: Fayyini Waaqayyoo nama hundumaaf akka inni ta’e dubbata. Israa’eloonnis abdii akka qaban macaafa raajicha Isaayaas irraa dubbata. Isa 59:20.

BOQONNAA 12

12:1-8: Waaqayyoodhaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: hojii kiristiyaanotaa keessaa inni guddaan namummaa ofii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhi’eessuu dha. Namummaan keenya kuni isa moofaa osoo hin taane isa haaraa ta’uu qaba. Hamma amantii Waaqayyo nuuf kenneettis jiraannee, kennaalee hafuura adda adda kanneen nuuf kennamaniin Waaqayyo tajaajiluu qabna.

12:9-21: Namootaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: kunis kanneen armaan gadii ta’uu danda’a:
Jaalala qabaachuu
Waan dhimma baasuuf dhibaa’uu dhabuu
Waan hamaa jibbanii waan gaarii faana bu’uu
Wal gargaaruu

BOQONNAA 13

13:1-7: Waan Warra Aboo Qabaniif Gochuun Ta’u: Angoon hundi Waaqayyoo biraa waan dhufuuf warra isin irratti aboo qabaniif abboomamaa. Fak 8:15-16, Yoh 19:10-11. Isaaniif abboomamuu diduun Waaqayyoof abboomamuu diduu dha. Isaan warra Waaqayyo nama hamaa hojjatan ittiin adabuudhaaf kaa’atee dha. Gaaffiin guddaan asitti ka’u, “ yo o isaan waan hamaa Waaqayyoof hin taane hojjatan ta’e hoo? ” kan jedhuu dha. Deebiin isaas abboomamuu hin qabnu kan jedhuu dha. Isaaniif osoo hin taane yaada Waaqayyootiif abboomamuu qabna. HoE 4:18-20, HoE 5:29.

13:8-10: Waan Waliif Gochuun Ta’u: jaalalli gudunfaa seeraa waan ta’ee jaalala yoo ta’e malee gatii walirraa qabaachuu akka hin qabne dubbata. Kana jechuun walirraa hin liqeeffatinaa jechuu miti. Nama liqeeffatuus liqeessaa waan jedhamneef liqeeffachuun cubbuu hin ta’u. Garuu yoo liqeeffanne dafnee deebisuu qabna. Gatiin nurra jiraachuu qabu kan jaalalaa qofa ta’uu qaba. Nama biroo akkuma mataa keenya jaalannu jaalachuu qabna. Akkasumas guyyichi waan dhi’aateef hirribaa dammaquu (Hirriiba Hafuuraa) akka qabnu dubbata. Gooftaan keenya akkuma hattuu, halkaniin tasa dhufa. Guyyaa dhufatii isaan Abbaa malee kan beeku hin jiru.

BOQONNAA 14

14:1-12: Yaada Waliitti Dafanii Akka Hin Faranne: yeroo baay’ee namoonni amantiitti jajjaboo ta’an kanneen dadhaboo ta’anitti dafanii faradu. Kun garuu Kiristoosiin baay’ee gaddisiisa. Sababi kanaafis karaa walitti argisiisuu malee dadhabina hafuuraatiif nama kamittuu faraduu akka hin qabnee fi Waaqayyo isaa jabeessuu akka danda’u beekuu qabna.

14:13-23: Amantoota Karaa Waaqayyoo Irraa Akka Hin Gufachiifne: keessumattu seera nyaataatiin gufuu walitti ta’uu akka hin qabne dubbata. Wanta gara keessaatti seenu osoo hin taane keessa namaatii ba’utu nama xureessa. Sababni isaas keessi namaa yaada hamaadhaan gutamee jira.

BOQONNAA 15

15:1-6: Warra Kaan Gammachiisuus Of Gammachiisuu Dura Bu’uu Akka Qabu: namoonni amantiitti ciccimoo ta’an warren dadhaboo ta’amn baachuu qabu malee ofii isaanii qofa gammachiisuudhaaf jiraachuu hin qaban.

15:7-13: Wangeelli Warra Yihudoota Hin Ta’iniifis Kennamuu Isaa: kun yihudoonni warra yihudoota hin taane akka simataniif, garaa garummaa tokko malee waliin akka waaqeffata dubbata.

15:14-21: Sababii Akkasitti Caafeef Mul’isuu Isaa: hafuurri qulqulluu isa wajjiin ta’ee hojii guddaa warra yihudoota hin taane gidduutti waan hojjateef.

15:22-33: Akeeka Roomaa Dhaquu Isaatii Mul’isuu Isaa: Yeroo gargaarsa fuudhee warra Iyerusaalem jiraniif geessu achumaan isaan argee yaada isaatti akka boqotuuf ture.

BOQONNAA 16

16:1-16: Amantoota Tokko Tokkoof Nagaa Erguu Isaa: warreen beekuuf, hidhata tajaajilaa warren waliif qabuuf, galata namoota qabuufii fi namoota hundumaaf dhiheessa.

16:17-24: Gara Dhumaatti Gorsa Kennuu Isaa: namoota gargar ba’uu fidaanii fi daandii keessanirra gufuu kaa’an irraa fagaadhaa, waan gaarii gochuuf ogeessota ta’aa jedhee isaan gorsa. Xaalayaa kana kan barreesseef nama Xerxiwos jedhamu ture. Innis nagaa isaaniif dhaama. 16:17-24: Gara Dhumaatti Gorsa Kennuu Isaa: namoota gargar ba’uu fidaanii fi daandii keessanirra gufuu kaa’an irraa fagaadhaa, waan gaarii gochuuf ogeessota ta’aa jedhee isaan gorsa. Xaalayaa kana kan barreesseef nama Xerxiwos jedhamu ture. Innis nagaa isaaniif dhaama.

16:25-27: Waaqayyoon Galateeffachuun Dubbii Isaa Dhaabuu Isaa: Dhoksaan Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos ifatti ba’uu isaatiif Waaqayyoo galateeffatee xumura.




Continue Reding