Maarqos
Wangeelli Maaros wangeelota arfan caalaatti gabaabaadha, garuu wangeelli Maatewoos qabxiiwwan ijoo qofa kan qabateedha jechuun raawwatee kan dogoggoreedha. Gabaabaa yoo ta'e iyyuu hjii Yesuus bifa addata'een dhiyeesseera. Waantota Maarqos hin barreessin hedduu Maatewoos yoo barreesse iyyuuMaarqos gabaasa tokko tokko keessatti yaadota caalmaatti tarreessee dhiyeesseera. Maarqos biyya lafaa kana keessatti isa hamaa fi isa gaarii gidduutti yeroo hundumaa lolli akka jiru irra deddeebi'ee ibseera. Yesuus yommuu biyya lafaa keessa turetti lola akkanaa kana keessatti yeroo hedduu akka hirmaachaa ture seenaawwan hedduun ni dubbatu.
Human hamaa kan qabu utuu hin taane, kan maddisiisu seexana akka ta'e Maarqos ni argisiisa. Lafa onaatti egalee du'a fannotiin lola dhume irratti Maarqos xiyyeeffannaa addaa kenna. Lola kam keessatti iyyuu seexanni mo'amuu isaa Wangeela Maarqos keessatti ifa ta'ee dhiyaateera. Kufaatiin seexanaa inni guddaanii fi itti fufiinsa kan qabu jireenya Kiristaanotaa irrattis akkuma kanatti itti fufee kufaatii argisiiseera.
Karaan Maarqos dinqiiwwanii fi fakkeenyota Yesuus itti fayadame kaayyoo wngeelaa ibsa. Human hamaa ibsuudhaaf Yesuus gabaasacaalaatti dinqiitti akka fayyadame Maarqos ibseera. Human Yesuus isa hamaa irratti qabus ni argisiisa.
Wangeelota arfan keessatti fakkeenyota Yesuusbarsiisaaf itti fayyadame 70 argina. Isaan keessaa Maarqos 18 qofa fayyadame. Kunis � qofadha. Maarqos barsiisa isaa caalaa hojii Yesuus hojjete irratti xiyyeeffachuudhaan barreesse.
Wangeelota keessatti dinqiiwwan 55 argina. Isaan keessaa Maarqos 18 fayyadame. Kun kan argisiisu xiyyeeffannaa Maarqos Yesuus isa hamaa irratti human qabaachuu isaati. Dinqiiwwan kana yommuu qayyabattan Yesuus maal akka hojjetee fi maaliif akka hojjete of gaafadhaa.
Maarqos malli ittiin dinqiiwwanitti fayyadame yaada jalqaba irratti dhiyeessineen ifaa ta'a. Qabxiiwwan Maarqo xiyyeeffannaa irratti kenne keessaa inni tokko seexanni ilma Waaqayyoo Yesuusiin mo'amuu isaati.
Seenaan hojii yeroo sabni walitti qabame hojjetamaa turee Maarqos keessatti irra deddeebi'amuudhaan barreeffameera. Sabni walitti qabame sun waan Yesuus hojjete ilaaluuf yoo ta'u, deebii inni isaaniif kennes yeroo 23 barreesseera. Wangeelli Maarqos barumsa aalaa waan hojjetame irratti akka inni xiyyeeffatu kan ibsan waantota lama qabna. Jecha "Yeroodhuma sana" jedhu Maarqos yeroo 42 itti fayyadameera. Jechichi afaan Girikiitti 'utus' jedhama. Ta'iiwwan sun kan itti fufan ta'uu isaaniis argisiiseera
Akkasumas wangeelli Maarqos muddamaa fi Gidiraa Yesuus irratti kan xiyyeeffatuudha. Mata dureen kun Kakuu Moofaa keessatti kan argamu ta'uuisaa irra deddeebinee ilaalleerra. Tarii Maarqos sababa kanaaf Tajaajila Yesuus Galiilaatti tajaajileef bakka bal'aa kenneera (1:14-9:50). Yesuus irra Galiilaa biyya dhaloota isaatti gosa keessaa dhalatee fi firoota isaa gidduutti tuffatamuu fi fudhatama dhabuun irra ga'eera. Yeroo inni gara Yeruusaalem deemettis Yihuudonni isa fudhachuu diduun jabaatee itti fufe (11-15).
Yesuus raajiiwwan Kakuu Moofaa keessatti dubbataman guutuu taasisee fiixaan baasuun akka isaaf milkaa'ee fi mootummaa isaa hundeessuufis qophii akka taasise Maatewoos nu argisiisa. Maarqos immoo Isaayyaas 53 guutummaatti raawwachuu isaa mul'isa. Rakkina keessaa saba isaa kan baasu Yesuusiidha. Fayynni dhiphina keessaa argama kan jedhu hubachuudhaaf mata dureen Wangeela Maarqos nu gargaaruu danda'a. Yesuus nama guutuu ta'uu isaa Luqaas nu argisiisa. Cubbuu hojjechuu irraa kan hafe Yesuus akkuma keenya karaa hundumaan nama ta'ee waan dhufeef 'obbolootakoo' jedha ture. Yohaannis immoo karaan gara abbaatti geessu Yesuus ta'uu isaa akka ta'utti dhiyeessa. Yesuus Waaqayyoon waan ta'eef guutummaatti fayyisaadha.
Hiika walii gala yommuu kenninu hojiin Maarqos hojjete hojii gatii guddaa qabuudha tokkoo tokkoon abbootii Wangeelaa hojii gurguddaa karaa adda addaatiin hojjechuu isaanii hubachuudhaan akka tokkootti qindeeffannee qayyabachuun nuuf salphata.
Gaaffiiwwan
1. Maarqos Wangeela isaa keessatti kan ibsu xiyyeeffannaa gosa attamiitiin ture?
2. Waa'ee isa hamaa irratti murtiin Yesuus maali?
3. Fakkeenyota 70'n Yesuus dubbate keessaa Wangeela Maarqos keessatti meeqatu argama?
4. Dinqiiwwan 35 keessaa Wangeela Maarqos keessatti meeqatu argamu?
5. Maarqos maal irratti xiyyeeffata?
6. Maarqos kan argisiisu Raajiiwwan kam akka raawwatamaniidha?
End!