OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


Qanoonaa Macaafa Qulqulluu

Akkamitti kitaabni Macaafa qulqulluu tokko akka sagalee waaqaa ta’e beekuun danda’ama? Madaallii kaanooni (canoon) jedhamuun beekama. Kanoon jechuun madaala jechuudha. Kunninis:

a. Waaqa mul’isuu danda’uu (the ability how to show the divine power).

b. Raga ayyana waaqaa qabaachuu

c. Abboota amantii duraaniitiin fudhatama qabaachuu.

d. Aangoo barreessan qabuu fi yeroo sanatti abboota amantiitiin yoo fudhatama qabaate.

e. Kitaabni tokko kitaaboota macaafa qulqulluu isaan kaawwan wajjiin wal simachuu isaa. Macaafni tokko madaalawwaan kanaa fi kan kana fakkaatan yoo darbe qofa akka sagalee waaqatti fudhatama.

RAMADDII MACAAFA QULQULLUU

Macaafi qulqulluun waliigalatti bakka gurgudda lamatti ramadama.

A. Kakuu Moofaa: kakuu moofaan hundee kakuu haaraati. Kanaafuu kakuu haaraan kakuu moofaa malee guutuu t’uu hin danda’u. akkasumas hubachuus hin dandeenyu. Kakuu moofaa bakka afuriitti qoodama.

I. Kitaabota seeraa (tooraah (peentaatuuk)): kun kitaaboota shan (5) of jalatti qaba.

1. Seeraa Uumamaa: barreessaan Museedha (1527-1487 B.C).

Qabiyyee isaa: waa’ee uumamaa fi seenaa maatii Abraahaam dubbata.

2. Seera Ba’uu: barreessan Museedha (1445-1405 B.C). Qabiyyee isaa: waa’ee wanjoo fi hacuuccaa Israa’el bilisa ba’uu fi ksraan kana’aan jaqabamuu isaa.

3. Seera Lewwootaa: barreessan Museedhd (1405 B.C). Qabiyyee isaa: waa’ee seeraa fi heeraa waaqayyoo, qulqullina, qaama, nyaataa fi namni karaa aarsaatiin akka waaqaan quunnamu ibsa.

4. Seera Lakkoobsaa: barreessaan Museedha (1407 B.C). Qabiyyee isaa: sabni Israa’el waggaa 40f akkamitti akka gammoojjiitti dabarsee fi lakkobsa isaanii ibsa.

5. Seera Keessa Deebii: barreessaan Museedha. (1407-1405 B.C). Qabiyyee isaa: irra deebii heeraa waaqayyoo.

II. Kitaaboota Seenaa: kitaabotni ku lakkoobsaan kudha lama (12) ta’u.

1. Macaafa Iyyaasuu: Iyyaasuu (1380 B.C). Qabiyyee isaa: dura bu’iinsa Iyyaasuutiin sabni Israa’el biyya waadaa kan taate kana’aanitti galuu isaanii fi saba kudha lamaan Israa’eeliitiif lafti qoodamuu isaa ibsa.

2. Macaafa Abboota Firdii: barressan Saamu’el ykn bartoota isaa keessa isa tokko (1043 B.C). Qabiyyee isaa: Abboota firdii kudha-sadii (13) ta’aniin lafti waadaa galameef bilisa ba’uu isaa hima.

3. Macaafa Ruut: namni barreesse hin beekamu. Saamu’el ta’uu ni danda’a (1043B.C). Qabiyyee isaa: seenaa Ruut akaakayyuu Daawit taate dhufuu ishee.

4. Saamu’el isa duraa fi lammaffaa: namni barreesse hin beekamu. Naataani fi Gaa’ol ta’uu danda’a jedhamee yaadama (931 B.C). Qabiyyee isaa: seenaa Saamu’el, bulchiinsa Saa’ool fi Daawit mul’isa. 5. Macaafa Moototaa isa duraa fi lammaffaa: barreessa Ermiyaas (586 B.c).

Qabiyyee isaa: seenaa Daawit, Salamoon fi Yihuudaa hamma yeroo koloniidhaan qabamaniitti mul’isa.

6. Macaafa Izraa: barreessan hin beekamu (516 B.C booda). Qabiyyee isaa: sabni Ayhuudaa kolonii jalaa ba’uu isaani.

7. Macaafa Neehimiyaa: barreessan Neehimiyaa ta’a (450 B.C). Qabiyyee isaa: Iyyurusaalem deebitee hojjetamuu ishee.

8. Macaafa Asteer: namni barreesse hin beekamu. Qabiyyee isaa: seenaa Asteerii fi ayhuudoonni daba Haamaa keessaa ba’uu isaanii. .

9. Macaafa Seenaa Baraa isa duraa fi lammaffaa: namni barreesse hin beekamu garuu Izraa sirreessuun (editor) ni himama. Qabiyyee isaa: qoodamuu Israa’el, jagnummaa Eliyaasii fi dhufiinsa Elsaa dubbata.

III. Kitaaboota Beekumsaa (Walaloo): kitaabota shan (5) of jalatti qaba.

1. Iyoob: kan hin beekamne (dhuma 1486 B.C irra). Qabiyyee isaa: rakkina garmalee fi obsa Iyoob, mul’isa.

2. Macaafa Farfannaa Daawit: Faarfattoota garaa garaa (1000 B.C). Qabiyyee isaa: farfaannoota 150 qaba. Kadhannaa fi seera jireenya guyyaa kiristaanaa mul’isa.

3. Macaafa Fakkeenyaa: barressaan Salomoon (900 B.C). Qabiyyee isaa: heera deddeebi’insa amantootaa fi beekumsaan faraduu (murteessuu) mul’isa.

4. Macaafa Lallabaa: Salomoon (950 B.C). Qabiyyee isaa: jireenya gadhee ibsuudhaan kara Waaqayyootti deebiin filannoo kan hin qabne ta’uu isaa ibsa.

5. Weedduu weedduu caalu: barreessan Salomoon (900 B.C). Qabiyyee isaa: Jaalala dhiiraa fi Shamarraa gidduu jiru ibsuun kiristoos misirroo Amantootaa ta’uu hubachiisa.

IV. Kitaaboota Raajotaa: bakka gurguddaa lamatti ramadamu. Isaanis:

a) Kitaabota raajota gurguddaa: isaan kun kitaaboota 4 ta’u.

1. Isaayyaas raajicha: namni barreesse hin beekamu. Yeroo macaafa moototaa barreeffame (1586 B.C). waa’ee sabni Israa’el akka deebi’u ibsa.

2. Ermiyaas raajicha:

3. Hisqeel raajicha: namni barreesse hin beekamu. Yeroo kolonii wagaa 40 baabiloniin qabaman. Waa’ee cunqursaa ibsuun kana keessaa Waaqayyoo akka isaan baasuu ibsa.

4. Daani’el raajicha: Daani’el tu barreesse (yeroo kolonii Baabiloon). Seenaa isaa fi uumamni gooftaa akka gooftaan boqotu ibsa.

b) Kitaaboota raajota xixiqqoo: isaan kun 13 ta’u.

1. Macaafa Faaruu Ermiyaas: hin beekamu (yeroo kolonii waggaa 70 baabiloon). Boo’icha Ermiyaasii fi rakkoo Israa’el hima.

2. Hoosee: Hoosee (yeroo kitaabota moototaa). Cubbuu Israa’eloota addaaddaa ibsa.

3. Iyyuu’el: Iyyuu’el (yeroo moototaa). Deebi’uu sabaa fi eebba argatan hima.

4. Amos: Amos (yeroo moototaa ). Sabni cubbuurraa akka deebi’an dubbata.

5. Obaadiyaahin beekamu (yeroo moototaa). Waa’ee badinsa Edoomii fi fayyina Israa’el hima.

6. Yoonas: hin beekamu (yeroo moototaa). Ajajamuu diduu yoonasii fi dhiifama waaqaa ibsa.

7. Mikiyaas: Mikiyaas ( yeroo moototaa). Seeraa fi heera ittiin jiraatan ibsa.

8. Naahoom: hin beekamu (yeroo moototaa). Diigama nanawwee fi yihuudaan asoorota jala akka ba’an hima.

9. Inbaaqoom: Faarfattoota keessaa isa tokko (yeroo moototaa). Morma waaqayyoo wajjiin qabu ibsa. Jechuun waaqayyoo maaliif alagaaf akka isaan kenne.

10. Sefaaniyaa: ilma ilma Hisqiyaas (yeroo moototaa). Dhumni Israa’elotaa kan badhaadhinaa akka ta’e hima.

11. Haagee: Haagee (yeroo Izraa). Yeroo manni waaqaa ijaaramee dhumu ulfina gooftaa akka guutuu hima.

12. Zakaariyaas: Zakaariyaas (yeroo Izraa). Waa’ee itti fufinsa mul’ata saddeetii fi mootummaan waaqaa akka injifatu ibsa.

13. Milkiyaas: Milkiyaastu barreesse (yeroo Nehemiyaa). Waa’ee barbaachisa haaromsa baraa ibsa.

B. Kakuu haaraa, Kakuu haaraa bakka gurguddaa afuritti qoodama. Isaanis:

I. Macaafota wangeelotaa: isaan kun 4 dha.

1. Wangeela Maatewos: Maatewos (56-70A.D). Ayhuudotaaf kan barraa’e yoo ta’e kiristoos massihicha ni dhufa jedhame ni ibsa.

2. Wangeela Maarqos: Maarqos (50-70 A.D). Roomaanotaaf kan barreffame. Iyyasuus hojjetaa mootummaa hin dadhabne ta’uu fi ilma waaqaa ta’uu isaa ibsa.

3. Wangeela Lukaas: Lukaas (60 A. D). Giriikootaaf barraa’e. seenaa guutuu fi kiristoos ilma namaa ilma namaa ta’uu isaa ibsa.

4. Wangeela Yohaannis: Yohaannis (90 A.D). Iyyasuus ilma waaqaa ta’uu isaa fi gooftaa ta’uu isaa saba hundaaf ibsa.

II. Macaafa seenaa: macaafa tokko qofa qaba.

1. Hojii Ergamootaa: Luqaas (36-63 A.D). jalqabiinsa mana kiristaanaa, hojii afuuraa qulqulluu gooftaaf of kennuu ergamootaa ibsa.

III. Ergaa Ergamootaa: ergaawwan kunniinkitaabota 21 ta’u.

1. Ergaa Phaawulos gara warra Roomaatti ergee: Phaawuloos (56 A.D). waa’ee fayyinaaf seera jireenya amantootaa ibsa.

2. Ergaa Phaawulos gara warra Qoroonxoositti erge isa duraa fi lammaffaa: Phaawuloos (55 A.D). mana gooftaa akkamitti akka bulchuu qabanii fi barumsa mootummaa gooftaa ibsa. Garaagarummaa dhiisuu akka qabnu.

3. Ergaa Phaawulos gara warra Galaatiyaatti erge: Phaawuloos (48-49 A.D). amantii sirrii qabaatan akka jabeessan hima.

4. Ergaa Phaawulos gara warra Efesoonitti erge: Phaawuloos (60 A.D). ejjannoo jireenya bara baraa akka qabaatan hima.

5. Ergaa Phaawulos gara warra Filiphisiyoositti erge: Phaawuloos

6. Ergaa Phaawulos gara warra Qolaasiyaasitti erge: Phaawuloos (60 A.D). kiristoos mataa man kiristaanaa ta’uu isaa.

7. Ergaa Phaawulos gara warra Tasaloonqeetti erge isa duraa fi lammaffaa: (51, 52 A.D). kiristoos jireenya badhaadhaa akka nuuf qopheessee fi hubachiisa hojii hojjechuu akka qaban ibsa.

8. Ergaa Phaawulos gara warra Ximootiwoositti erg isa duraa fi lammaffaa: Phaawuloos (62, 63-64 A.D). taajaajilaan ykn bakka bu’an ykn paasteriin maal fakkaachuu akka qabu ibsa. Macaafa paasterootaa jedhamee beekama Tiitoo wajjiin.

9. Ergaa Phaawulos gara warra Tiitootti erge: Phaawuloos (62-63 A.D). waa’ee bulchiinsaa fi tajaajiltootaa.

10. Ergaa Phaawulos gara warra Filemoonitti erge: Phaawuloos (60 A.D). nama balleesse simachuu akka qabnu ibsa.

11. Ergaa gara warra Ibrootaa: hin beekamu, garuu Phaawuloos jedhamee amanama (64 A.D). kennaa kakuu haaraa kakuu moofaan wal bira qabuun ibsa.

12. Ergaa Yaaqoob: Yaaqoob obboleessa gooftaa (45-50 A.D). seeraa amantii mul’isa. Waa’ee hojii gaarii mul’isa.

13. Ergaa Pheexroos isaa duraa fi lammaffaa: Pheexroos (63, 64 A.D).

addunyaa gadhee taate kana keessatti qulqullummaan jiraachuu fi qorumsa keessatti ijjifachuu akka dandeenyu hima.

14. Ergaa yohaannis isa duraa, isa lammaffaa fi sadaffaa: Yohaannis (90 A.D). hawaasa waldaa keessatti jaalalaan, beekumsaa fi wal-quunnamti mishaadhaan akka jiraannu ibsa.

15. Ergaa Yihuudaa: obboleessa Yaaqoob (67-68 A.D). waa’ee barsiisota sobaa fi firdii dhumarratti kennamuuf ibsa. IV. Macaafa Raajii: kakuu haaraa keessatti macaafni raajii tokko qofaatu jira. Kunis mul’ata yohaannis. Kan barreesse Yohaannis (96 A.D). kan dubbatus suura lolaa waaqaa fi seexana gidduu jiru ibsuun mul’ata biros kan mul’isuudha


Continue Reding