OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


Qanoonaa Macaafa Qulqulluu

Madaalli Macaafa Qulqulluu (Canon)

Macaafni tokko akka sagalee Waaqayyootti fudhatamuuf Madaalliin inni keessa darbu madaallii Qaanoonii jedhama. Kunis jecha Giriikiiti. Isaanis:

1. Waaqayyoon mul’isuu danda’uu isaa

2. Raga ayyaana Waaqayyoo qabaachuu

3. Abboota amantii duraaniitiin fudhata argachuu

4. Angoon barreessaa sanaa yeroo itti jiraate sanatti fudhatama argachuu

5. Kitaaba biraatiin walsimuu isaa. Kanarratti hundaa’uudhaan Macaafni Apokriifaa jedhamu fudhatama kana dhabeef:

1. Bara dukkanaa ( bara Waaqayyo itti callise) keessa waan barreeffameef

2. Israa’eloota biratti waan hin fudhatamneef

3. Kaatolikoonnii fi Ortodooksonni hamma bara 1546 tti waan hin fudhanneef

4. Walii isaanii waan walfaallessuuf. Fakkeenyaaf Yih 1:1,11:1, Yoodiit 9:13

Macaafonni Apookiriifaa madaallii kana kufanii turan. Amantiin Pirootestaantii bara 1517 tti Maartiin Luuteriin jalaqabame. Innis adeemsa isaanii irratti isaaniin mormaa ture. Kanarraa kan ka’e bara 1546 tti itti fayyadamuu eegalan. Sababni isaan itti fayyadamaniif:

Barnoota isaanii dogoggara sanaaf raga baay’ee akka isaaniif ta’uuf.

Maartiin Luuter wajjiin garaagarummaa isaanii baay’isanii mul’isuuf

2.5 Baraa fi Barreessaa Kitaabota Macaafa Qulqulluu

Ragaalee adda addaa irratti hundaa’uudhaan kitaabota Macaafa Qulqulluutiif barreessaan isaaniitiif barri isaan itti barraa’an ibsamuuf yaalamee jira. Haa ta’uu male kitaabilee tokko tokkoof iddoo ragaan quubsaan hin jirretti “ hin beekamu” jedhamee kaa’ameera. Kanas haala gabatee armaan gadiitiin ilaaluun ni danda’ama.

Kitaaboota Kakuu Moofaa

Barreessaa Fi Bara Macaafota Kakuu Moofaa( Dh.K,D)


Lakk. Maqaa Macaafaa Nama Barreesse Bara Itti Barraa'e
1 Macaafa Seera Uumamaa Muusee 1450-1410
2 Macaafa Seera Ba’uu Muusee 1450-1410
3 Macaafa Seera Leewwotaa Muusee 1450-1410
4 Macaafa Seera Lakkoofsaa Muusee 1450-1410
5 Macaafa Seera Keessa Deebii Muusee 1450
6 Macaafa Iyaasuu Iyaasuu 1400-1370
7 Macaafa Abboota Firdii Hin Beekamu 1050-1000
8 Macaafa Ruuti Hin beekamu 1000
9 Macaafa Saamu’eel Isa Duraa Saamu'eelii fi kanneen biroo 930
10 Macaafa Saamu’eel Isa Lammaffa Saamu'eelii fi kanneen biroo 930
11 Macaafa Moototaa Isa Duraa Ermiyaas 550
12 Macaafa Moototaa Isa Lammataa Ermiyaas 550
13 Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa Izraa 450-425
14 Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammataa Izraa 450-425
15 Macaafa Izraa Izraa 450-444
16 Macaafa Nehemiyaa Nehemiyaa 445-425
17 Macaafa Asteer Hin Beekamu 465
18 Macaafa Iyoob Hin Beekamu Hin Beekamu
19 Macaafa Faarfannaa Daawitii fi kanneen biroo Yeroo garagaraatti
20 Macaafa Lallabaa solomoon 935
21 Macaafa Fakkeenyaa Solomoonii fi kanneen biroo 935
22 Macaafa Weedduu Weedduu Caalu solomoon 965
23 Macaafa Raajicha Isaayaas Isaayaas 740-680
24 Macaafa Raajicha Ermiyaas Ermiyaas 627-585
25 Macaafa Raajicha Hisqi’eel Hisqi'eel 592-570
26 Macaafa Raajicha Daani’eel Daani’eel 537
27 Macaafa Faaruu Ermiyaas Ermiyaas 586-585
28 Macaafa Raajicha Hoose’i Hoose’i 710
29 Macaafa Raajicha Iyu’eel Iyu’eel 835
30 Macaafa Raajicha Amoos Amoos 755
31 Macaafa Raajicha Obaadiyaa Obaadiyaa 841 yookiin 586
32 Macaafa Raajicha Yoonaas Yoonaas 760
33 Macaafa Raajicha Mikiyaas Mikiyaas 700
34 Macaafa Raajicha Naahoom Naahoom 663-612
35 Macaafa Raajicha Imbaaqoom Imbaaqoom 450-444
36 Macaafa Raajicha Sefaaniyaa Sefaaniyaa 625
37 Macaafa Raajicha Haagee Haagee 520
38 Macaafa Raajicha Zakkaariyaas Zakkaariyaas 520-518
39 Macaafa Raajicha Milkiyaas Milkiyaas 450-400

Kitaaboota Kakuu Haaraa

Barreessaa Fi Bara Macaafota Kakuu Moofaa( Dh.K,B)


Lakk Maqaa Macaafaa Nama Barreesse Bara Itti Barraa'e
1 Wangeela Matiyoos Maatiyoos 60-80
2 Wangeela Maariqoos Maariqoos 50-60
3 Wangeela Luqaas Luqaas 60
4 Wangeela Yohaannis Yohaannis 85-90
5 Hojii Ergamootaai Luqaas 60
6 Ergaa Gara Warra Roomaa Phaawuloos 57-58
7 Ergaa Gara Warra Qorontoos Isa Jalqabaa Phaawuloos 55
8 Ergaa Gara Warra Qorontoos Isa Lammaffaa Phaawuloos 56
9 Ergaa Gara Warra Galaatiyaa Phaawuloos 49-55
10 Ergaa Gara Warra Efeesoo Phaawuloos 61
11 Ergaa Gara Warra Filiphiisiyuus Phaawuloos 63
12 Ergaa Gara Warra Qolaasaayis Phaawuloos 61
13 Ergaa Gara Warra Teselonqee Isa Duraa Phaawuloos 51
14 Ergaa Gara Warra Teselonqee Isa Lammataa Phaawuloos 51
15 Ergaa Gara Ximootewoos Isa Duraa Phaawuloos 63-66
16 Ergaa Gara Ximootewoos Isa Lammataa Phaawuloos 67
17 Ergaa Gara Tiitoo Phaawuloos 63-66
18 Ergaa Gara Filimoonaa Phaawuloos 63
19 Ergaa Gara Warra Ibirootaa Hin Beekamu 64-68
20 Ergaa Pheexiroos Isa Duraa Pheexiroos 63-64
21 Ergaa Pheexiroos Isa Lammataa Pheexiroos 66
22 Ergaa Yaa’iqoob Yaa'iqoob 45-50
23 Ergaa Yohaannis Isa Duraa Yohaannis 90-91
24 Ergaa Yohaannis Isa Lammataa Yohaannis 91-92
25 Ergaa Yohaannis Isa Sadaffaa Yohaannis 92-93
26 Ergaa Yihudaa Yihudaa 70-80
27 Mul’ata Yohaannis Yohaannis 96-100

End!