Kitaaboota Seeraa (Pentateuch)
Waamamuu Muusee:
Muuseen yeroo Waaqayyo isa waametti wamicha sanaaf guutuu akka hin taane sababoota garaagara dhiheessaa ture. Waaqayyoonis deebii isaaf kennaa ture (Ba’uu 3:11-4:17):
Sababa Muusee:              Deebii Waaqayyoo: 1) Dandeettii hin qabu               1) An si wajjiin ta’a
2) Ergaa hin qabu                      2) Kan jiru fi kan jiraatu
3) Angoo hin qabu                     3) Harka kee keessa maaltu jira
4) Dubbachuu hin danda’u        4) Afaan ke wajjiin ta’a
5) Namoota biro fayyadami       5) Ulee harkatti qabadhu
Qoqqooddaa macaafa Seera Ba’uu
1. Waaqayyo sabasaa garbummaa jalaa bilisa baasuudhaaf Muusee qopheesse (Ba’u 1-4)
2. Falmii Muuseen Fara’oonota Gibxii waliin taasisee fi dha’icha garaagara (Ba’u 5-12)
3. Adeemsa Israa’elootaa gara gaara Siinaatti (Ba’u 12-15)
4. Seerri ittiin bulmaataatii fi qajeelfamni gaara Siinaa irratti kennamuu (Ba’u 20-24)
5. Hojii godoo qulqullummaa (Ba’u 25-40)
C. Seera Leewwotaa
Leewwiin gosoota Israa’el keessaa isa tokkoo dha. Innis abbaa ijoollota israa’el warra hojii leewwummaa akka hojjataniif foo’amniiti. Maqaan macaafa kanaan kan inni moggaafameefis waa’ee gosa Leewwii, waa’ee lubootaa, waa’ee angafa lubaa fi waa’ee qajelfama waaqeffannaa Hafuuraa waan barsiisuufii dha.
Jecha Furtuu macaafa kanaa: Jechi furtuun macaafa kanaa qulqullummaa kan jedhuu dha. Lew 19:2, 11:44-45, 7:26
Jechi kun si’a 152 macaaficha keessatti barraa’ee argama
Naamusaa fi waaqeffannaa dhugaa barsiisuudhaaf
Mana Waaqayyootti naamusni akka barbaachisa barsiisuudhaaf
Seera jireenya hawaasummaa barsiisuudhaaf
Seeraaf abboomamuudhaan namoota olla isaanii jiraniif Fakkeenya akka ta’an
Namni gara Waaqayyoo dhihaachuu kan danda’u qulqullummaa qofaan akka ta’e beeksisuu fi karaa agarsiisuuf
Qoqqooddaa macaafa Leewwotaa:
1. Seera aarsaa: Lew 1:1-6:7
2. Seera Lubootaa: Lew 6:8-10:20
3. Seera ittiin bilisa ba’an: Lew 11-15 fi 17-22
4. Guyyaa araaraa: Lew 16
5. Qajeelfama jireenyaa: Lew 18-20
6. Danbiiwwan Lubummaa: Lew 21-23
7. Ayyaanota Yihudootaa kan garagaraa: Lew 21-23
8. Of eeggannoowwan: Lew 26
9. Waadaa fi kurnoo: Lew 27
D. Seera Lakkoofsaa Kitaabni kun moggaasa isaa kan argate lakkaa’amuu saba Israa’el Boqonnaa 1 fi 26 irratti barraa’e irraa ka’eeti. Kunis:
Erga Gibxii ba’anii waggaa 2ffaa irratti fi
Waggaa 14ffaa irratti adeemsifamee ture
Luqqisii ijoo macaafichaa: Lakk 14;22-23
“namoota warra ulfina koo fi milikkita garaa garaa isa ani biyya Gibxii fi lafa onaa keessatti argisiisa arganii anaaf abboomamuu didan, … keessaa namni tokko illee biyya isa ani
abboota isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sanrawwatee hin argu” Taatota gurguddoo macaafa seera Lakkoofsaa:
Muusee: gaggeessa guddaa
Aaroon: angafa lubaa
Maariyaam: obboleettii Muusee fi Aaroon
Iyaasuu fi Kaaleb: dhaloota turan sana keessaa kanneen kana’aan dhaalaan
Barnoota adeemsa saba Israa’el irraa argamu 1. Rakkina garaagaraa keessatti kan nu hin dhiifnee fi kan nu wajjiin ce’u Waaqayyoon amanachuu ( Far 3:5, Lakk 13:26-14:25
2. Waaqayyo akkuma arjummaa isaatti waan nuuf barbaachisa hundumaa nuuf guuta (Fil 4;19)
Gaggeessitoota 1:1-3
Nyaata 11:6-9
Foon 11:31-33
bishaan 20:8
Biyya abdii 14:7-8 3. Waaqayyo akkuma qajeelfamaa fi ajaja isaatti waaqeffamuutu irra jira
Sabni Israa’el garuu kana fudhachuu dhabuudhaan lafa onaa keessatti dhuman 26:1
Qoqqooddaa macaafa Seera Lakkoofsaa
1. Adeemsaaf qophaa’uu (1-12)
2. Adeemsa hanga dirree mo’aabiitti (13-20)
3. Seensa biyya abdii (21-36)
E. Seera Keessa deebii
Macaafni kun seera Muuseen macaafa Seera Ba’uu 20 irratti kenne irra deebi’ee dhaloota haaraadhaaf dabarsuu isaa mul’isa. Akkasumas Waaqayyo dhaloota haaraa wajjiin kakuu isaa haaromsuu isaa mul’isa.
Luqqisii furtuu macaafichaa: KesD 7;9 “ … inni warra isa jaallatanii abboommii isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa in eega, gaarummaa isaas isaan in agarsiisa” Taatota Gurguddoo Macaafichaa:
Muusee
Iyaasuu
Dhaloota haaraa
Jechoota ijoo macaafa Seera Keessa Deebii:
Yaadachuu
Ajajamuu         } 4:32,4:29 8:11, 10:12-13, 11:26-28, 28:1
Eebba
Abaarsa kakuu
Amala addaa macaafichaa:
Gooftaa Yesuus barnoota isaa keessatti yeroo baay’ee tuqeera
Gooftaa Yesuus yeroo qorumsaatti luqqisii asi keessaa dubbachuudhaan qormaaticha moo’e. Kes D 8:3, 6:16, 10:24, Mat 4:1-11 Luq 4:1-13
Macaafota kakuu haaraa 27 keessaa 17 irratti caqasamee/tuqamee jira.
Qoqqooddaa macaafa Seera Keessa Deebii: 1. Dhaloota haaraa Seenaa waggaa 40 yaadachiisuu (1-4)
i) Kufaatii Israa’el (1-3)
ii) Bu’aa ajajamaa (4:1-40)
iii) Magaalotaa fi iddoo buufataa (4:41-43)
2. Seera irra deebi’uudhaan barsiisuu (4:44-28)
i) Kakuu fi eebba (4:44-11:32)
ii) Kana’aan jiraachuudhaaf seera barbaachisa (12-26)
iii) Eebbaa fi abaarsa (27-28)
3. Dhaamata dhumaatii fi gorsa raajummaa (29-34)
i) Filamuun Israa’el eebbaaf moo abaarsaaf (29-30)
ii) Waamamuu Iyaasuu (31:1-29)
iii) Eebba muusee (31:30-33) iv) Du’uu muusee (34:1-12)
End!