OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


10) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Efesoon

Ergaan warra Efesoon kan barreeffame waldootni Kiristaanaa baay’een erga bu’uureffamii booda. Walii gala kakuu Haaraa keessatti Waldaa Kiristaanaa jechuun tuuta waldootaa osoo hin taane, waldaa tokko akka ta’e kan caqafame macaafa kana keessatti.

Yeroo itti barreeffame: Yeroo Phaawulos mana hidhaa ture tti bara 60-61 gidduuti akka ta’e dha.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaan kun kan ergameef kanneen amantiitti haaraa ta’aniif osoo hin taane, kan hanga tokko hafuuratti bilchaataniif.

Irra caalaatti ergaa warra efesoon kana keessatti kan caqafame waldaa Kiristaanaa kan jedhu dha. Akkaataa Waaqayyo itti waajju kutaa jalqabaa keessatti yemmuu ibsamu kutaa lammaffaa keessatti ammo deddeebi’uu yaada jedhu kaa’a. Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Beektonni baay’een akka irratti walii galanitti ergaan warra efesoon kun efesoon warra jiraniif qofa osoo hin taane, naannoo efesoon waldaalee jiraniiifis.

Hirama Ergichaa: Boqonnaa 6 kan qabu yoo ta’u bakka 8tti qoodama

1. Waldaa Kiristaanaa karoora Waaqayyoo keessatti 1:1-14

2. Waldaa Kiristaanaa Humna Waaqayyootiin 1:15-2:10

3. Waldaa Kiristaanaa akka bakka Waaqayyo jiruutti 2:11-22

4. Waldaa Kiristaanaa akka mul’ata Waaqayyootti 3:1-21

5. Kennaawwan waldaa Kiristaanaatiif kenname 4:1-16

6. Madaalli jireenya hafuuraa 4:17-5:21

7. Amala waldaa Kiristinaa 5:22-6:9

8. Wal’aansoo waldaa Kiristaanaa 6:10-24

11) Ergaa Phaawulos Gara Filiphisiiyus

Phaawuloos gara Magaalaa Filiphisiiyus kan deeme mul’ataan namichi Maqadooniyaa tokko kottuu nu gargaar ergaa jedhu erga fudhate booda. (Hoe 16:9) Filiphisiiyus magaalaa guddoo Maqadooniyaan ammo biyya Girikootaa turte.

Yeroo itti caafame: Yeroo Phaawulos mana hidhaa warra Roomaa turetti jedhamee amanama. Kunis naannoo bara 60-61 gidduu tti.

Qabiyyee Macaafichaa: ergaan kun mata duree gurguddoo lama kan qabatee dha.

Inni duraa Phaawuloos yeroo sagal irra deeddebi’ee kan kaa’e Wangeela yoo ta’u, inni lammataa ammoo Gammachuu dha. Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Kutaawwan xiyyeeffannoo lamaan Fil 2:5-11 fi 3:2-15. Kutaan jalqabaa Yesuus Kiristoos Waaqayyo abbaaf ajamuu kan ibsu yoo ta’u, inni itti aanu ammoo Phaawulos tajaajila itti kenname fiixaan baasuuf caraaqii inni godhe agariisa.

Hirama Macaafichaa Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 8 tti hirama

1. Kadhannaa Phaawuloos 1:1-11

2. Haala Phaawuloos keessa ture 1:12-26

3. Gorsa Phaawuloos 1:27 fi 2:18

4. Karoora Phaawuloos 2:19-30

5. Of eeggannoo Phaawuloos 3:1-4:1

6. Kadhaa Phaawuloos 4:2-3

7. Fakkeenyummaa Phaawuloos 4:4-9

8. Galateeffannaa Phaawuloos 4:10-23

12) Ergaa Phaawuloos Gara Qolosaayis

Wangeelli kan qaqqabe yeroo Phaawuloos Efesoonitti lallabaa turetti bakkaa bakkatti darbaa kan lallabaa turan Ximootewoosii fi Ephaafiraan ta’uu hin hafu (Qol 1:7)

Yeroo itti barreeffame: Beektonni baay’een akka irratti walii galatti yoo ta’e, macaafni kun kan barreeffame yeroo Phaawuloos mana hidhaa warra Roomaa turetti, bara 60-61 Dh.K.B.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaa Qolosaayis keessatti iddoo guddaa kan qabatu Qol 1:14-22. Kunis Kiristoosiin kan ibsu barsiisa Phaawuloos. Inni lammaffaa ammoo waajjuu kan jedhu dha. Karaa fannoo isaa araara arganneera (1:20-22), 2:14

Xiyyeeffannoo Maccaafichaa: Ergaan Qolosaayis kan caafame falaasama guddina Yesuus Xiqqeessuun soba dhugaa fakkeesee barsiisu yeellasisuuf (1:15), (1:19-2:3)

Hirama Ergichaa Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirama

1. Seensa fi Nagaa gaafachuu 1:1-2

2. Olaantummaa Kiristoos 1:3-2:3

3. Olaantummaa Kiristoos amantii namtolchee olitti 2:4-23

4. Olaantummaa Kiristoos jireenya Kiristaanummaa keessatti 3:1-4:6

5. Yaada cuunfaa 4:7-18. 13) Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqee isa duraa Yeroo itti caafame:

Phaawulos erga Tasaloniiqee dhaa bahee booda naannoo bara 50Dh.K.B.

Qabiyyee Ergichaa: ergaan kun walitti dhufeenya waldaa Kiristaanaa wajjin qabu irraa ka’uun kan caafe dha.

Qabiyyee gurguddoo lama kan qabu yoo ta’u inni duraa amantoonni tasaloniiqee rakkoo karaa Wangeelaa irra gahee fi jajjabina yoo ta’u inni lammataa ammoo gidduu isaaniitti rakkoolee uumamaniif barsiisa isaan sireessu erguu dha.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Macaafni kun waa’ee deebi’ee dhufuu Kiristoos irratti kan xiyyeeffate dha.

Hirama Macaaafichaa Boqonnaa 5 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Nagaa gaafachuu fi galata 1:1-10

2. Tajaajila Phaawuloos 2:1-16

3. Hawwii Phaawulos warra Tasaloniiqee ilaaluuf qabu 2:17-3:5

4. Odeeffannoo Ximootewoos 3:6 fi 13

5. Waa’ee jireenya Kiristaanummaatiif qajeelfama 4:1-12

6. Waa’ee dhufa Gooftaa 4:13 – 5:11

7. Yaada Xumuraa 5:12 – 28 14) Ergaa Phaawuloos Gara Warra Tasoloniiqee isa Lammaffaa Phaawulos ergaa isa lammaffaa kana kan caafe isa jalqabaa caafee osoo baay’ee hin turin. Rakkoo cimaatu warra Tasaloniiqee gidduu ture. Innis waa’ee deebi’ee dhufuu Yesuus irratti hubannoo dogongoraa qabaachuu ture. Haala isaanii kana hubatee Phaawulos hubannoo isaanii akka sirreeffataniif ergaa kana caafeef. Yeroo itti caaqame: Warri Tasalooniiqee ergaa isa duraa akkuma dubbisaniin Kiristoos dhiheenyummatti waan dhufu itti fakkaatee ture. Haala kana hubachuun Phaawuloos osoo baay’ee hin turin ergaa isa lammaffaa kana kan caafef.

Qabiyyee Macaafichaa: Akkuma armaan olitti ibsame, Tasalooniiqeetti dhufti gooftaa baay’ee dhi’aateera yaada jedhu sirrreessuuf kan barreeffame dha. Warri Tasalooniiqee yaada kana kan argatan yookiin ergaa isa duraa haala dogongoraa ta’een hubataniti yookiin ammoo barsiis sobaa isaan gidduu seenee ta’uu danda’a.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: Xiyyeeffannoon macaafa kanaa waa’ee deebi’ee dhufuu Yesuus hubannoo jiru sirreessuu dha. Kana irraa kan hafe ammoo namoonni Tasalooniiqee jireenya obbolummaa isaan gidduu jiru cimsuun hojiitti illeee akka jabaataniif. Gooftaan indhufa waan jedhamaniif, baay’een hojii dhaabanii waan turaniif.

Hirama Macaafichaa Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u bakka 5tti hirama

1. Kadhannaa galataa 1:1-12

2. Yeroo Gooftaan dhufuu gahutti wantoota ta’an 2:1-12

3. Waa’ee jajjabinaaf gorsa kenname 2:13-17

4. Kadhannaa fi ajaja 3:1-15

5. Yaada cuunfaa 3:16-18 15) Ergaa Phaawuloos Gara Ximotewos Isa Duraa Hafuura Mucaa Phaawuloos kan ture Ximotewos hojiinis isa faana tureera. Abbaan isaa nama Girikii yemmuu ta’u, haati isaa garuu Yihuudii turte. Inni garuu mucummaa isaatii kaasee macaafa kakuu Moofaa sirriitti kan qo’ataa ture dha.

Yeroo itti caafame: Phaawulos ergaa kanaa fi isa lammaffaa kan caafe hojii ergamootaa keessatti hojiileen toora galan erga raawwatamanii booda akka ta’e dha.

Qabiyyee Macaafichaa: Ergichi kan caafame dhuunfaan Ximotewoosiif ture. Ximotewos geggeessaa Waldaa Efesoonitti argamtuu yoo ta’u, umriin kan hin bilchaane, dhukkubbii garaas kan qabu ture. Egaan Phaawulos gorsa Kennaaf.

Hirama Ergichaa Boqonnaa 6 kan qabu yoo ta’u bakka gurguddoo 5tti hirama

1. Qajeelfama dhuunfaa fi kadhaa 1:1-20

2. Waa’ee seera waldaa fi qajeelfama 2:1-3:16

3. Gorsa Addaa 4:1-16

4. Walitti dhufeenya walii isaaniitiif qajeelfamoota 5:1-6:2

5. Adaraa isa dhumaa 6:3-21 16) Ergaa Phaawulos gara Ximotewos isa Lammaffaa Ergaa inni lammaffaa kun yaada dhuunfaa fi gooftaaf akka ajajamuuf qajeelfama kan wal makee qabate dha. Phaawuloos ergaa kana keessatti ofii isaa ximotewos keessa galchuun adaraa wangeelaa dabarsuu yaala.

Yeroo itti barreeffame: yeroo Phaawulos yeroo lammataaf Roomaatti hidhametti. Yeroo ergaa kana caafe du’I isaa dhi’aatee ture.

Qabiyyee ergichaa: Qabiyyee guddaan ergaa kanaa Phaawulos dhaabuuf kan jiru itti gaafatamummaa guddaa Ximotewoos akka fudhatuuf. Waamicha kana yemmuu Ximotewoosin akka loltuutti (2:3), jireenya dhuunfaa fi namootaa wajjin qabu irratti osoo wal hin qocolin jiraachuu akka qabu gorsa.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa: “Dubbii sirrii isa ana irrraa dhageesse sana geggeessaa godhadhuu duu kaa bu’i!” (2Xim 1:13) kun yaada ijoo ergichaati.

Hirama Ergichaa Boqonnaa 4 kan qabu yoo ta’u yaada gurguddoo of tti hirame

1. Nagaa gaafachuu 1:1-2

2. Waamicha isaaf amanamaa ta’uu 1:3-2:13

3. Hojiitti jabaadhu 2:14-26

4. Gara fuulduraaf qophaa’aa ta’I 3:1-9

5. Caafata qulqullaa’oo irratti hirkadhu 3:10-17

6. Tajaajila kee raawwadhu 4:1-8

7. Dhimma dhuunfaa 4:9-22 17) Ergaa Phaawulos Gara Tiitoos Haala dubbii hafuuraatiin Phaawuloos mucaa koo jedhee waama (1:4). Itti dabalees kan naa wajjiin hojjetu jedhees waamera (2Qor 8:23) Tiitoon Phaawuloosiin waldaa Yerusaalem keessa hiyyeessota jiraniif qarshii akka walitti qabuuf gara Qoronxoositti ergee ture 2Qor 8:16-17.

Yeroo itti barreeffame: Akkaataa duraa duubaa yoo ilaalame ergaan Tiitoo ergaa Ximotewos isa duraatti aansee ti

Qabiyyee Macaafichaa: Ergaan Ximootewos isa duraa fi Tiitoos wal fakkaatu, kan Tiitoo ergaa ciminaa amantii qaba malee.

Xiyyeeffannoo Macaafichaa ergaa kana jeessatti barsiisa dhugaa kan jedhu xiyyeeffannoon itti kennameera. Phaawulos ergaa kana keessatti bakka lamatti (Tit 2:11-14 fi 3:4-7) irratti waa’ee amatii fi barsiisa dhugaa kaasera.

Hirama Macaafichaa: Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u yaadota shan qaba

1. Yaada seensaa 1:1-4

2. Maangudoota Muuduu 1:5-6

3. Miseensota barsiisuu 2:1-3:8

4. Qoodama kan uumuuf ejjennoo fudhachuu qabu 3:9-11

5. Gorsa Xumuraa 3:12


Continue Reading