OromoBibleStudy

You Can Learn Any Thing For Free

Furtuu Kakuu Haaraa (New Testament Survey)


Ergaa Phaawuloos Gara Filemon

Filemon Qolasiiyas kan jiraatu namicha sooressa yemmuu ta’u, garbicha Anismoos jedhamu qaba ture. Anismoos kun meeshaa jalaa butee bade ture. Egaan Anesmoos kun yeroo tokkotti wangeela Phaawuloos irraa dhagahee jijjiirameera. Phaawulos balleessaa Anesmoos qajeelchuun, nama faayidaa qabeessa ta’e gochuun Filemon akka fudhatuuf xalayaa kara Anesmoos mataa saan ergeef. Yeroo itti barreeffame: Ergaan kun kan caafame yeroo ergaan Qolasiyaas itti caafametti. Yeroo kanatti Phaawulos mana hidhaa Roomaa keessa ture.

Qabiyyee ergichaa: Ergichi nama dhuunfaaf kan caafame yoo ta’u, dhiifama gochuu dha.

Xiyyeeffannoo ergichaa: ergaa kana keessatti dhiifamni iddoo guddaa qabata.

Hirama ergichaa Lakkoofsota 25 qofa kan qabu yoo ta’u yaadota 4 qaba

1. Nagaa gaafannaa Phaawuloos 1-3

2. Galata Phaawuloos Filemoonaaf dhiyyeessu 4-7

3. Kadhata Phaawuloos Anesmoosiif 8-21

4. Gudunfaa 22-25 19) Ergaa Gara Ibrootaa Eenyu akka barreesse hin beekamne Yeroo itti caafame: ergaan kun kan caafame bara 60 fi 70 gidduutti akka ta’e dha.

Qabiyyee ergichaa: Amantoonni ergaan kun caafameef Kiristoositti kan amanan ta’anis, seera Musee irraa adda hin baane.

Xiyyaffannoo ergichaa: Waa’ee lubummaa Kiristoos ibsuu dha.

Hirama ergichaa Boqonnaa 13 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Maqaan isaa kan hundaa oliiti 1:5-2:18

2. Muudamin isaa guddaa dha 3:1-4:13

3. Lubummaan isaa kan bara baraati 4:14-7:28

4. Kakuun isaa kan bara baraati 8:1-9:28

5. Aarsaan isaa irra hin deebi’amu 10:1-31

6. Abdiin isaa Amansiisaa dha 10:32-12:13

7. Mootummaan isaa hin raafamu 12:14-13:25 20) Ergaa Yaaqoob Kan barreesse obboleessa gooftaa Yesuus fi waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem geggeessaa kan ture dha.

Yeoo ittticaafame: Naannoo bara 62Dh.k.B jedhamee yaadama

Qabiyyee ergichaa: Yaada tokko irratti kan xiyyeeffatu fakkaata, garuu walii galli isaa barsiisa gaara irraa fakkaata.

Xiyyeeffannoo ergichaa: Barbaachisummaa hojii ti, Phaawuloos namni gara tokkummaa Waaqayyoo dhufuuf amanuun qaba yemmuu jedhu yaaqoob ammoo amtii kana hojiin mul’isuu qaba jedha.

Hirama Ergichaa Boqonnaa 5 yemmuu qabaatu bakka 7tti hirama

1. Nama hafuuraa fi qorumsa 1:1-18

2. Nama hafuuraa fi sagalee Waaqayyoo 1:18-28

3. Nama hafuuraa fi walitti dhufeenya 2:1-26

4. Nama hafuuraa fi Afaan isaa 3:1-12

5. NM hafuuraa fi AAfaan isa3:1-12

6. Nama hafuuraa fi gad of deebisuu 4:1-17

7. Nama hafuuraa fi obsa 5:1-12 21) Ergaa Pheexros isa Duraa Ergaa kana kan caafe Pheexros. Amantoota Galaatiyaa, Lodooqiyaa, Isiyaa fi Biitaaniyaa keessa faca’anii rakkoo adda addaa keessa jiraniif.

Yeroo itti caafame: Naannoo bara 64 Dh.K.B. Jedhamee yaadama.

Qabiyyee ergichaa: Rakkoo keessa Amantoota jiran amantii isaanitti akka jabaataniif

Xiyyeeffannoo ergichaa: Waa’ee gidiraa fi ayyaana Waaqayyoo irratti xiyyeeffata. Waa’ee Kiristoosiif gidiraan yoo nurra gahe ayyaanni Waaqayyoo akka nuuf baay’atu dha.

Hirama Ergichaa Boqonnaa 5 kan qabu yoo ta’u bakka 7tti hirama

1. Abdii jiraataa 1:1-12

2. Dhiiga angafichaan waajjamuu 1:13-2:3

3. Bakka ulfinaa 2:4-12

4. Fakkeenyummaa dhuunfaa 2:13-25

5. Adeemsa alanii mul’atu 3:1-22

6. Keessa keenyaan haala ittiin dhi’aanu 4:1-19

7. Kabaja barabaraa 5:1-14 22) Ergaa Pheexros isa lammaffaa

Xiyyeeffannoo ergichaa: Beekumsa dhugaa kunis waa’ee beekumsa Kiristoos

Hirama Macaafichaa:- Boqonnaa 3 kan qabu yoo ta’u bakka 3tti hirama

1. Bu’uura beekumsa Kiristoos 1:1-21

2. Firdii barsiisota sobaa 2:1-22

3. Guyyaa Gooftaa fi haala jireenya Kiristaanotaa 3:1-18

23) Ergaa Yohaannis isa duraa

Kan barreesse Yohaannis ilma Zabdewoos. Barreessaan kun wangeela Yohaannis dabalatee macaafota 5 akka caafedha.

Yeroo itti caafame:Yoomii fi eenyuu akka caafame hin beekamu.

Qabiyyee Barreeffamichaa: ifaa fi jaalala jechoonni jedhan irra deddeebin mul’atu. Lamaanuu ibsa eenyummaa Waaqayyoo ti.

Xiyyeeffannoo ergichaa: ergaan kun waa’ee jireenya barabaraa cimsee dubbata.

Hirama Macaafichaa Boqonnaa 5 yoo qabaatu bakka 9tti hirama

1. Dhugaa beekuu 1:1-4

2. Ifa keessa deddeebi’uu 1:5-2:14

3. Waaqayyoon dibamuu 2:15-29

4. Waan sirrii raawwachuu 3:1-10

5. Jaalala dhugaa ta’e agarsiisuu 3:11-20

6. Hafuura qulqulluun dibamuu 3:21-4:6

7. Waa’ee Kiristoos hubachuu 4:7-21

8. Ajaja Waaqayyoo eeguu 5:1-12

9. Kiristoos keessatti argamuu 5:13-21

24) Ergaa Yohaannis Isa Lammaffaa

Ergaan kun nama dhuunfaaf kan caafame dha. (1:1-2)

Yeroo itti barreeffame: Yohaannis ergaa kana kan caafetilmaamaan naannoo dhuma jaarraa tokkoffaa ti

Qabiyyee Macaafichaa:: Adeemsa rakkisa ture jireenya hafuuraa keessatti agarsiissuun, dhugaan jiraachuun maalif akka barbaachisu lafa kaa’a.

Xiyyeeffannoo Ergichaa : Ergaan kun amanamummaa Kiristaanootaa jechuun in dandaa’ama.

Hirama ergichaa Lakkoofsota 13 yoo qabaatu kutaawwan lamatti hirama

1. Seera jaalala Waaqayyootiif ajajamuu 1-6

2. Kiristoosiin kan ganan barsiisota sobaan mormuu 7-13 25)

25) Ergaa Yohaannis isa Sadaffaa

Ergaan kun kan barreeffame geggeessaa waldaa Kiristaanaa kan ture Gaayosiif dha.

Yeroo itti caafame: Akkuma ergaa isa lammaffaa naannoo dhuma jaaraa tokkoffaa keessa.

Qabiyyee macaafichaa: Kan barreeffame Gaayosiif innis geggeessaa waldaa kiristaanaa waan tureef, dhimmi isaas waa’ee geggeessaa irratti jechuu dha.

Xiyyeeffannoo ergichaa: dhugaa shaakaluu kan jedhu dha.

Hirama Macaafichaa Lakkoofsota 15 yoo qabaatu bakka 3tti qoodama

1. Amanamaa fi keessummaa kan simatu 1-8

2. Of tuultuu fi mormituu of eeggachiisuu 9-10

3. Hojjetaa gaarii jajjabeesuu 11-14

26) Ergaa Yihuudaa

Barreessaan kun Nama waldaa Yerusaalem. Obboleessa Yaaqoob, akkuma Yaaqoob du’aa ka’uu Kiristoos booda kan amanee fi gaafa guyyaa shantamaffaas kedhannaa irra kan bartootaa wajjin ture dha.

Yeroo itti barreeffame: Yoomii fi eessatti akka caaqame wanti lafa taa’e hin jiru. Garuu kufaatii Yerusaalem dura akka ta’e dha.

Qabiyyee ergichaa: Yihuudaan ergaa isaa wanta inni caafeefamantootaaf yeroo tokko amantiin erga kennamee booda jabaatanii akka dhaabataniif jajjabeessuuf.

Xiyyeeffannoo ergichaa: Amantii Warra Gananiif of eeggannoo kenname. Hirama Ergichaa Lakkoofsota 25 kan qabu yoo ta’u bakka 3tti hirama

1. Barsiisonni sobaa seenuu 1-4

2. Barsiisota sobaatiif deebii 5-16

3. Barsiisa sobaaf deebii kenname 17-25 27) Mul’ata Yohaannis Xumura kakuu haaraati. Adda kan isa godhu raajii irratti waan xiyyeeffatuuf.

Yeroo itti caafame: Xumura jaarraa tokkoffaa keessa. Bakki isaa ‘fiximoo’ (Mul 1:1-2)

Qabiyyee Macaafichaa: Ibsa waldaalee Kiristaanaa lafa kaa’uun waa’ee deebi’ee dhufuu yesuus tarreessa.

Hirama Macaafichaa Boqonnaa 22 kan qabu yoo ta’u bakka 6tti hirama

1. Itti seensa Nagaa gaafachuun 1:1-8

2. Mul’ata isa jalqabaa: Kiristoos waldaa Kiristaanatti 1:9-3:22

3. Mul’ata isa lammaffaa: Kiristoos haala biyya lafaa in to’ata 4:1-16:21

4. Mul’ata isa sadaffaa: Kiristoos humna hamoo in lola, in mo’as 17:1-21:8

5. Mul’ata isa afurfaa: Kiristoos teessoo isaa

Goolaba (Conculation)

Ibsa Gabaabaa kanaan maafota kakuu haaraa xumuruun salphaa miti. Garuu hanga dandaa’ametti kanneen bu’uura ta’an kaa’uun yaalameera. Kakuu haaraan marti gara Gooftaan Yesuus kan agarsiisan dha. Nutis yaada keenya hundaa isuma irra godhachuun


END!