Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
Kakuu Haaraa Keessatti
Ergamaa Phaawulositt Kiristoos dhuunfaan itti mul‘ate Hoe. 9:4-6, 18:9, 1Qor.9:1
Shaakala ergamaa Yohaannis Yoh.13:23-25, 1Yoh. 4:7.11, Mul.1:1-12
Ergamaa Phexroos yeroo kadhatuttika‘ii nyaadhu ( kan Waaqayyoon qulqulla‘e) jechuu dha
Har‘as bara nuti keessa jirru kanatti Waaqayyo jireenya nama dhuunfaa keessatti ofii isaa mul‘isuun namoonni gara isaatti akka dhiyaatan gochaaa jira.
Walumaagalatti Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa baay‘inaan kan arginu mul‘ata Waaqayyoo jireenya nama dhuunfa keessatti waan hojjete irratti hundaa‘uu isaa ti.Kunis karaa Waaqayyo ofii isaa itti mul‘isuu barbaade ykn fedhe dha
Waaqayyo Eenyuu?
Bu’uura ibsa eenyummaa Waaqayyoo
Eenyummaa Waaqayyoo ibsuuf bu‘uura kan ta‘an bakka shanitti hiruun ilaaluu dandeenya.Isaanis:
1) Amaloota isaa (God‘s Attributes)
2) Hojii isaa ( God‘s Activities)
3) Fedha isaa (God‘s Will)
4) Maqoota isaa( God‘s Names)
5) Sadan tokkummaa ( Tri-oneness)
Ibsoota kanneen alattii Waaqayyo akkana akkas jennee hubachuu hin dandeenyu.Kannenis yoo toora irraa kaachifne hubannoo gahaa argachuu hin dandeenyu.
1) Amaloota Waaqayyoo (God’s Attributes)
Waaqayyo amaloota qaba turee fi qabuun ofii isaa dhala namatti mul‘iseera. Amalootni isaa kun eenyummaa isaa kan ibsan dha. Isaanis bakka lamatti hiramu.
A. Kan dadarban/cee‘an
B. Kan hin darbine
I) Kan darban/cee’an (Transmitted Behaviors) :isaan kun amaloota Waaqayyo namootaaf qoodee kenned dha.Isa kana bakka sadiitti hiruun ilaaluu dandeenya.
1) Amala naamusaa (Moral Behaviors/Ethical Values):-kanneenis bakka lamatti hiruun kaa‘uun in dandaa‘ama.
i. Amaloota naamusaa dadarboo sirrii ta‘an (positive moral transmitted behaviors): isaanis
1. Qulqullummaa: Qulqullummaan amala Waaqayyoo keessaa isa tokko.Inumaayyuu Waaqayyo waa‘ee qulqullummaa isaatii bakka itti labse Macaafa Qulqulluu keessatti in arganna.Lew.19:26, akkasumas Seera Lak. 18-19 saba qulqullummaa hin qabne irraa adda bahanii akka jiraatan ajajee ofii isaa qulqulluu akka beeksisa.Kanneen biros haala itti qulqullummaa Waaqayyoo ibsan jira.Fakkeenyaaf Isa.6:3, Mul.4:8,1Phex.2:9,1:15;16, Ibr.12:10, 1 Qor.6;11
2. Jaalala :-Waaqayyo jaalala , Waaqayyo jaalala yoo jedhamu
In kunuunsa jechuu dha.
Garaa laafessa jechuu dha
Dhiifama namaa godha jechuu dha
In adaba jechuu dhas; sababni isaa abbaan mucaa jaallattu bade akka hinhafneef in adaba jechuu dha ,yeroo inni balleessu.
Jaalalli eenyummaa Waaqayyoo kan ibsu dha. Waaqayyo eenyu jennee yoo gaafannee Waaqayyo jaalala kan jedhu deebii dha waan ta‘eef.(1Yoh.4:8, 4:16). Waaqayyo amala isaan kan jaallatu dha. Macaafni Qulqulluun akkas jedha,
Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge;kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul’ate.” (1Yoh.4:9)
Akkasumas Roome 5:8 haala Yesuus osoo cubbamoota taanee jirruu itti nu jaallate ibsa. Waaqayyoo dhalli namootaa akka wal jaallatan eyyameera. Kana sababni ta‘eef Waaqayyo amala jaallachuu isaa nuuf hireera.
3.Sirruummaa:- kunis akkuma qulqullummaa amala Waaqayyoo ti.Far.89:14, murtee murteessuun dogongora hin qabu.Hoe10:34., 1 Phex.1:17, Amos 5:15-24. 4.
Obsa:- 5.
Gara laafummaa:- 6.
Arjummaa:- 7.
Gaarummaa:- 8.
Nama biraaf yaaduu:- 9.
Amanamummaa:- 10
.Dhuga qabeessummaa:- ii
. Amaloota raawwachuun sirrii hin taane (Negative moral transmitted behaviors) kanneen kun cubbuu dha jechuu miti. Garuu dhala namaa irratti kan mul‘atan dha. 1.
Gadduu:-
2. Hinaafuu:-
3. Dheekamuu:-
II) Amala dandeettii waan tokkoo (The ability (talentic) behavior)
1. Hojii hojjechuu:eegi :hojjechuu kan hin jaalle hin nyaatin
2. Hubannaa: Waantota hubachuuf dandettii qabaachuu jechuu dha.Kan caalu filachuu
3. Uumuu:kunis wanta Waaqayyo uume irraa jechuu dha( Innovite) gochuu jechuu dha
4. Barabaraan jiraachuu: Amala Waaqayyoo keessaa tokko barabaraan jiraachuu dha.Kana jechuun inni aalfaa fi oomeegaa dha;jalqabaa fi dhuma hin qabu.Isa.40:28, Tito1:2, 1Yoh.1:2, 5:13,1Phex.5:13,1:23,Yoh.1:12-13.
5. Beekumsa: beekumsaan yoo ilaalle Waaqa nuti waaqesinuu beekaa guddaa ta‘uun isaa kan dagatamu miti.Fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti kan caqafame:Erm.23:23 24, Uum.4:9-10, 18:9-15, Iyya.7:11,22-24, 2Sam.12:1-12, Waaqayyo waan hundumaa beeka;wanti jalaa dhokatu tokko illee hin turre, hin jirus.Beekumsa kana egaa dhala namaaf hiruu fedheera. Macaafni Qulqulluun akkas jedhee dhugaa baha 2Phex: 1:4 irraatti. Sagaleen Waaqayyoo kan dhugaa bahuu nuti amala Waaqayyoo hirmaatoota ta‘uu keenya. 1Qor.13:12.Kutaa kana keessatti Phaawuloos kan dubbatu:
A. Beekumsa akka qabu
B. Beekumsa keessaas muraasa akka beeku , beekumsa guutuu kan qabu Waaqayyo qofa.
6. Ogummaa: ogummaa jechuun beekumsa qabnu haala ittiin hojii irra oolchinu dha. Waaqayyoo ogummaa karaa garaa garaa mul‘isee argina:
A. Hojii Uumamaa keessatti, (Far.19:1-7, 104:1-34)
B. Yeroo sooru, (Far.33:10-11, Rome 8:28)
C. Hojii Fayyisuu isaa keessatti, (1Qor.2:7, Rome 11:33, Efe.3:10)
Waaqayyo ogummaan kun namootaaf akka hiramu godheera.Efe.3:10.
7. Yaada xiinxalaa
8. Bulchiinsa III.Amaloota adda addaa kan darban ykn hiraman (Different Transmitted Brhaviors);- isaan kun immoo beekumsaa fi dandeettii waan tokkoo irraa haala adda ta‘een kan Waaqayyo namootaaf qoode dha.Fakkeenyaaf:
1) Lubbuu qabaachuu/jiraachuu
2) Hafuura
3) Eenyummaa
II. Amaloota Waaqayyoo kan hin darbine ykn hin hiramne (Untransmitted Behavior of God):-
kun immoo amala Waaqayyo namootaaf tasumaa hin hireef dha.Isaanis bakka lamatti qoodamu:
1. Amala Waaqayyoo qofa kan ta‘e kan inni ittiin beekamu ( Unshared God‘s Attributes) ;amaloonni kun ―Waaqayyo eenyu?‖ gaaffii jedhuuf deebii kan kennanii dha.Isaanis:
A. Jalqabaa fi dhuma kan hin qabne ta‘uu isaa ( Self existence):-Waaqni keenya Waaqa barabaraati yoo jennu, yeroo inni itti hin jiraanne hin jiru jechuu dha.Inni yeroo dhaa alatti kan jiraataa ture dha,waanti tokko illee osoo hin uumamin inni jiraataa ture ( Far.90:2).
B. Waaqayyo hundaa beekaa dha.( Omniscient) :-Waaqayyo waan hundumaa beekaa dha yemmuu jennu , inni waan kanaan dura ta‘es ta‘e kan sichi dhufu hundaa ni beeka;wanti isa duraa dhokatu tokko illee hin jiru.Ibr.4:13,Isa.29:15,Far.147,Dan.2:22, Yoh.3:20, Hoe.15:1Sam.2:3, Luq.11:17,1Qor.3:20,Hoe.1:24-25,Rome 8:27, Isa.41:21-24, 46:10, 1Sam.23:11-13 , Isa.46:10.
C. Bakka hundumaatti argamuu isaa ( Omnipresent) :- Waaqayyo guutummaa eenyummaa isaatiin yeroo tokkotti bakka hundumaatti argama.kana jechuun Waaqayyo bakkaan hin daangeffamu jechuu dha.(Keesa de.4:39, Far.139:7-10).
D. Waan hundaa danda‘uu isaa (Omnipotent) :- Waaqayyo hundaa danda‘aaa dha yoo jedhu, yaada isaa isa qullaa‘aa raawwachuuf dandaa‘aa dha jechuu dha.Uma.1:1, Ibr.1:3, Yoh.17:11.
E. Waaqayyo Hafuura (God is Spirit being): Waaqayyo Hafuura yoo jedhu kan ija namaan hin argamne jechuu dha.Qol.1:15, Rome.1:20, 1Xim.6:16, isa qofa kan hin dune, kan itti dhihaatus hin jiru. Yoh.1:18 namni tokko illee isa hin argine ,tookicha ilma isaa malee.
F. Waaqayyo of dandaa‘aa dha( Independent) :- kana jechuun eenyu irratti illee osoo hin irkatin of danda‘ee jiraata jechuu dha.Rome 11:33-34,Dan.4:35, Fedha isaatiin ofii isaa kan danda‘e dha Rome9:19, Ef.1:5, Mul.4:1, Far.115:3, humna isaan of danda‘ee jiraata Far.33:11, . Waaqayyo of danda‘aa yoo jedhamu eenyu irraa illee gargaarsa kan hin barbaanne ofii gahaa kan ta‘e jechuu dha.Far.84:8-12, Isa.40:18-27, Hoe.17:25.
G. Waaqayyo hin jijjiiramu ( God is Unchangable): jechuun
Amala isaan hin jijjiramu.
Fedha isaan hin jijjiiramu.
Kaayyoo isaan hin jijjiiramu.
Abdii Sagalee isaan hin jijjiiramu Mil.3:6, Yaaqob.1:17
H. Waaqayyo hin daangeffamu ( God is Unlimited) ;-kana jechuun Waaqayyoo daangaa tokko malee akka yaada isaatti waan fedhe hojjeta jechuu dha,Kana waan ta‘eef Waaqayyo
.1 Sirrii ta‘uun isaa hin daangeffamu
2. Qulqullummaan isaa hin daangeffamu
3. Arjummaan isaa hin daangeffamu
4. Kaayyoon isaa hin daangeffamu
7.Ayyaan isaan hin daangeffamu
5. Humna isaatiin hin daangeffamu
6.jaalala isaan hin daangeffamu
8. Bakkaan hin daangeffamu
9.Dandeettii isaan hin daangeffamu
10. Yeroon hin daangeffamu.
2. Amaloota Gochaa waaqayyoo kan hin dabine/hiramne
(Untransmitted Moral Attributes of God) Kanneen kun gochaan raawwatee sirrii ta’uu kan mul’isan; Isaanis:
a. Raawwatee abbaa dhugaa ta‘uu
b. Raawwatee Sirrii ta‘uu
c. Raawwatee qulqulluu ta‘uu
d. Raawwate kan jaallatu ta‘uu
d. Raawwatee obsa qabeessa ta‘uu
e.Raawwatee arjaa ta‘uu
f. Raawwatee amanamaa ta‘uu
g. Raawwatee kan nama jajjabeessuu
Continue Reding