Barumsa Afuuraa Kiristaanaa (Christian Theology)
2) Hojii Waaqayyoo ( works of God)
Hojiiwwan Waaqayyoo karaa baay‘ee hubachuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun waa‘ee jiraachuu Waaqayyoo irratti gaaffii waan hin qabneef , jalqaba yeroo jalqabu Uum.1:1 irratti hojiin Waaqayyoon .Haaluma kanaan Um.1:1-30 tti waan Waaqayyo uume tarreessa. Bakka biraatti immoo Waaqayyoo‖ Hojiin kee dinqii dha‖ kan jedhu argina. Akkasumas Waaqayyo‖ Nan hojjedha eenyutu na dhorka?
kan jedhus barreeffamee argina.Kana malees ― Baroota Kessatti hojii kee raawwadhu!‖ kan jedhus caaffamee jira.Kanaafuu akka afaan guutuu hojjetaan Waaqayyoo hin jiru jechuun ni dandaa‘ama.Sababni isaa hojii kan uumee fi jalqabe isuma waan ta‘eef.Hojii Waaqayyoos kallattii garaa garaatiin ilaaluun in dandaa‘ama.
a. Hojii Waaqayyoo Uumama irratti:-uumama hundaa kan uume Waaqayyoo dha.Hundinuu kan mijaahan isumaan . Uum.1:1-30, Fakk. 22:2, Isa. 40:12-28, 51:13, Erm.10:16;51:19, Matt.19:4, Yoh.1:3, kutaawwan kana keessatti akka hubannutti Waaqayyo uumaa waan hundaa ta‘uu isaa ti.Kana jechuun ardii fi samii akkasumas kannen keessa jiran mara kan uume Waaqayyo dha.Akkuma beekamu kanaan duratti Pilaanetota 9 tu ardii keenya irra ture; yeroo ammaa garuu Saayintistoonni akka bira gahanitti naannoo 15 akka ta‘ani dha. Kunis guddina Waaqayyoo kan agarsiisu dha.Kana jechuun wanta inni uume qoratamee bira gahuun iyyuu salphaamiti; kanaa fhojiin kee dinqii dha kan jedhameefis.Qo‘annoon tokko tokko akka ibsaniitti pilaatiin tokko isa biraa hanga harka miiliyonaatti akka caaluu dha.Fakkeenyaf ardii pilaati nuti irra jiraannu, lafti, pilaaneetii 14ffa irra jiru waliin yoo madaalamtu harka miilona baay‘ee akka caaltu dha. Akkaataa Waaqayyo kanneen itti uume ilaaluu waan ajaa‘ibaa nu hubachiisa.
b. Hojii Waaqayyoo Saba israa‘el irratti:- Waaqayyo Israa‘elii wajjin karaa Abraam kakuu seeneen waan baay‘ee gochaa fi isaaniis yeroo eegu argina. Kunis karaa isaanii warra kaan eebbisuu fi qaqqabuuf ture.Kana jechuun biyya lafaatiif ifa akka ta‘aniif isaan eegaa ture.Waan inni isaan filateef waraana gama kamiiyyuu itti dhufaa turee yeroo inni waraanaa ture, Warra Gibxii waajjin akkasumas kan birro hanga dh Yesuus fooniin dhalatee turetti Isa. 40:9-11, 27:-28 ;43:15,54:5.
c. Hojii Waaqayyoo Fayyina irratti: fayyinni karaa hedduu ibsama.Ilmaan namootaa erga uumee kaasee waantota adda addaa godheera akka namni jireenya barabaraa argatuuf.Kunis karaa lama kan ibsame ture; foonii fi afuuraan.Kakuu Moofaa keessatti kan ture fayyina foonii ture.Itti dabalataaniis namoonni dhiiga horii fayyadamuun dhiifama cubbuu, fayyina lubbuu ni argatu turan.Inni kun egaa Kakuu Haaraa keessatti waan Yesuus du‘e du‘aa ka‘uu isaatiin raawwate dha.Kanaaf Yoh.3:16 irratti kennaa Waaqayyoo fayyinaaf kan ta‘u kan ibsameef.Yoh.3:16-18 ilmis fedha abbaa isaa guutuun fayyina argamsiisera.Yoh.1:12;3:14-16;36, 5:24;39;6:40,54,68,10:50.
d. Hojii Waaqayyoo jireenya dhuunfaa dhala namaa keessatti:-Waaqayyo guyyaa dhaa guyyaatti wanta inni jireenya keenya keessatti raawwatu osoo iji keenya banamee ilaalee waan dinqii ti.Eegumsa Waaqayyo tokkoo tokkoo namootaaf godhu waan dinqii ti.Kunis namni hundinuu uumaa isaa waan ta‘eef, waan barbaachisu hundaa godhaaf.Tokkicha ilma isaatti amanuu baatan illee eegumsa isaa hundumaaf godha.Kana jechuun daangaa tokko malee jechuu dha( amantii, bifa, gosa, biyya, qomoo, beekumsa, qabeenya fi kkf) . Kana irraa kan ka‘e hundumaaf aduu in baasa; bokkaa in roobsa;biqiltuu isaanis in biqilcha. Haa ta‘u malee saba kakuu isaatiif eeggannoo inni godhu kan caalu dha. Kunis akkuma sagaleen isaa ― Iji waaqayyoo gara warra isa sodaataniitti, gurri isaas sagalee isaatiin gara warra rom‘aaniiti‘ waan jedhuuf.Nuti Kiritaanoonni tokkicha ilma isaatti waan amanneef eeggannoo inni nuuf godhu adda.Kana ammo wanta inni guyyaa guyyaan nuuf godhu keessatti hubachuun ni dandaa‘ama. Yeroo bita yemmuu nuti galutti kan nuuf qaqqabe? Yeroo meeqa naaf raawwate bakka jennetti kan dhufee nu hambise? Dhuguma waan Waaqayyo guyyaadhaa guyyaatti lubbuu keenya keessatti raawwatu dinqii dha.Ulfini maqaa isaatiif barabaraan haa ta‘u;amen!
3) Fedha Waaqayyoo ( The Will of God)
Fedha Waaqayyoo kallattii garaa garaatiin ilaaluun in dandaa‘ama. Waa‘ee fedha Waaqayyoo yeroo yaannu si‘a baay‘ee gara sammuu keenyaa kan dhufu waa‘ ee saala faallaa tiin walitti dhufeen.Haa ta‘u malee fedhii Waaqayyoo kan jedhamu kana irraa haala adda ta‘een wantoota hedduu kan of keessatti qabatu dha.Wanti addunyaa kana irratti ta‘an hubdi fedha Waaqayyootiin qofaanmiti kan raawwataman. Sababni isaa Waaqayyoo yeroo dhala namaa uumetti fedha mataa isaa kenneeraf; akkasumas akka fedha qaama biraattis ni raawwatamu.Kanneen keessaa Seexannaani fi biyya lafaan kan raawwataman jiru.Fakkeenyaaf cubbuun fedha Waaqayyootiin kan raawwatamu miti.Waanti Waaqayyoo gaarii dha fi kan nama gammachiisu dha hanga jedhametti , wanti akka fedha Waaqayyootti raawwatamus waan gaarii fi sirrii ta‘e qofa.Akka tasaa ta‘ee yeroo tokko tokko waantonni ni ulfaatu ta‘a haa ta‘u malee Waaqayyoo gaarummaaf gochuu danda‘a.Wanti hamaa fi cubbuun garuu gonkumaa fedha Waaqayyootiin kan ta‘an miti.Haaluma kanaan fedha Waaqayyoo bakka sadiitti hiree ilaaluu dandeenya.Isaanis:
A. Fedha Waaqayyoo isa akkasumanii( Free Will of God) :- Waaqayyo Waaqa waan ta‘eef waan fedhe gochuuf humna qaba. Kana jechuun immoo akka feeteen raawwata jechuu osoo hin taane , yoo fedhe in kenna kaachis dhowwachuuf aboo qaba jechuu dha.Fedha Waaqayyoo isa akkasumaanii kan jedhamu fakkeenyaaf yeroo waan hundumaa uumettii fi tokkicha ilma isa dabarsee kenne waan dirqisiise tokko illee hin turre.Namnis naaf haa ta‘u jedhee kadhachuuf humna hin qabu ture.Kana malees Waaqayyo ofii isaa namootatti yeroo mul‘isetti fedha isaatiin malee kan dirqisiise hin turre.
B. Fedha Waaqayyoo isa Iccitii ( Secret Will of God) :- kana jechuun fedhi Waaqayyoo hundi ifaa miti. Jechuun iccitii tokko tokko Waaqayyoof jedhamee kan dhiifamu jira. Karaa biraatiin immoo gaaffii kan ta‘an deebiinis eessaa iyyuu kan hin argamne baay‘etu jiru. Akka tasaa ta‘ee yaada keenyaa olitti waan ta‘anii wanta nuti waa‘ee isaanii hin kaafne jiru.Kanaaf kanneen akkasii icciitii isaa Waaqayyoof jechuu dha akka nama Waaqaa ti.Fakkeenyaaf;
Waaqayyo Abraamiin Mucaa kee aarsaa godhi jedhe;deebisee dhiisi jedhe , maalif? Uum.22:1
Fari‘ooniin saba koo gad dhiis jedhe; garuu laphee isaa jabeese ;maalif? Ba‘u.4:21
Hisqiyaas akka du‘u itti himee ture; garuu deebisee waggaa 15 dabaleef; maalif?Isa.38:1-5
Qulqulloonni akka dhiphatan fedha isaa miti; garuu maaltu ta‘aa jira? C. Fedha Waaqayyoo is banaa( Open Will of God):- kun biyya lafa hundumaatti kan ife dha.
4) Maqoota Waaqayyoo (God’s Names)
Maqaan Waaqayyoo ibsa eenyummaa isaati.Maqaa yoo kaasnu faayidaa isaa kaasuun barbaachisa nuti ta‘a.Kunis itti waamama , adda kan godhu, ibsa eenyummaatis.
Maqaa baasuu ilaalchisee aadaa warra Ibrootaa yoo fudhanne akkaataa isaan itti mucaa isaaniitiif maqaa baasan a. Mucaan isaanii gara fuul duraatti maal akka inni ta‘u isaan barbaadan akka ibsutti
b. Seenaan maatii kan darbe maal akka fakkaataa ture akka ibsutti.
c. Abdiin gara fuul duraa maal akka ta‘u akka ibsutti.
Kana qofa osoo hin taane Waaqayyoos namni tokko gara fuul duraatti akkam akka ta‘uu qabuun ilaalchisee maqaa akka jijjiru Macaafni Qulqulluun ni ibsa.Fakkeenyyaaf:
1. Maqaan Abraam gara Abrahaamitti jijjiiramuu: uum.17:1-8‘‘Maqaan kee si‘achi‘Abraam‘ hin jedhamu ,ani saba sonaan baay‘eedhaaf abbaa waanan si godhuuf, maqaan kee ‗Abrahaam‘ in jedhama.
2. Maqaa‘Saaraayi‘ gara ‗Saaraa‘ ti jijjiiramuu:-(uum.17:15-16), Waaqayyo Abrahaamiin akkas jedhe,
Waa‘ee haadha manaa kee Saaraayiif immoo, maqaa ishee ‗Saaraayi‘ jettee hin waamin maqaa ishee si‘achi ‗Saaraa‘ haa jedhamu. Kakuu Abrahaamii fi Saaraa f Waaqayyo galle yoo ilaallu:
Maqaan kee ‗Abrahaam‘ maqaa haadha manaa keesi ‗Saaraayi‘ osoo hin taane ‗Saaraa‘
Ati abbaa saba baay‘ee , isheen saba baay‘eedhaaf haadha in taati.
Mootonni saba garaa garaa sirraa, isheerraa in argamu.
3.Yaaqoob gara Israa‘elitti jijjiiramuu:(Uma.32:28),
…kanaafis si;achi maqaan kee Israa‘el haa jedhamu malee , Yaaqoob hin jedhamin
4.Maqaan Simoon gara Phexrositti jijjiiramuu ; (Mat.16:17-18) Simoon jechuun shimala cabu dha; Phexroos jechuun garuu kattaa hin cabne dha.
5.Maqaan Saawol gara Phaawulositti jijjiramuu:hiikaan isaas gad of qabuu jechuu dha. Kana irratti yaadni garaa garaa kan ka‘an yoo ta‘an kanneen keessa kaan xiqqina qaama isaan kan wal qabate dha jedhu. Baay‘een garuu kan irratti walii galan xiqqummaa isaatti fayyadamee Waaqayyoo hojii guddaa hojjechuu hojjechuu barbaadeeti kan jedhu irratti. Akka armaan olitti ilaalletti warri Israa‘el yeroo maqaa baasan hiikaa akka qabaatuun haa ta‘uu malee Waaqayyo yeroo itti keessa seenee jijjiirus jira.Haaluma kanaan maqaan Waaqayyoos Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti maqaan Waaqayyoo garaa gara akka ta‘e hubanna. Kunis Kakuu Moofaan afaan Ibiraasixii fi afaan Araamaayikiin kan barreeffame yoo ta‘u Kakuu Haaraan immoo afaan Girikiitiin kan caafame waan ta‘eef.Kanaaf Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa tti hiree ilaaluun barbaachisaa dha.
Maqoota Waaqayyoo Kakuu Moofaa keessatti
Maqootni Waaqayyoo Kakuu Moofaa keessatti bakka sadiitti qoodamanii argamu. Kunis Kakuu Moofaa keessatti maqoota Waaqayyo ittiin waamamu dha.
1. Eli ykn Eloohiim
2. Adoonaayi
3. Yaahiwwee.
1.Eli( Omnipotent- Mighty, Powerful) :- Eli jechi jedhu maqaa uumaa isa baaqqee yoo ta‘u , hiikni isaas humna qabeessa, jabaa, qofaa isaa waan hundaa kan godhu, ka‘umsa waan hundaa ta‘uu ibsa.Maqaa kun kakuu Moofaa keessatti yeroo 250 hojii irra ooleera.
Armaan gaditti maqaan Eli jedhu maqaa Waaqayoo ta‘ee hojii irra bakka itti oole kan ibsan kutaa Macaafa Qulqulluu ilaaluu dandeenya. Uma. 14:20,35:7 Lak.23:22, kes.10:17.
Eloohiim (Elohim):- Eloohiim kan jedhu maqaan kun Afaan Ingilizii keessatti (God) jedhamee kan hiikame yoo ta‘u Afaan Oromoon Waaqayyo.Eloohiim kan jedhu kun Kakuu Moofaa keessatti yeroo 2570 kan caqafamee yoo ta‘u kunis humna uumuu Waaqayyoon wal qabatee kan dhiyaate dha.Fakkeenyaaf Uma.1:1, ‗‘jalqaba Waaqayyo Eloohiim waaqaa fi lafa uume.‖ Karaa biraatiin immoo maqaan kun waaqolii biraa waamuuf hojii irra oolera.Uma.35:2, 4, Bau12:12, 18:11.Eloohiim jechi jedhu kun Seera Uumamaa keessatti yeroo 32 ol hojii irra oolera.Macaafni Seera uumamaa Waaqayyo , Eloohiim uumaa waan hundaa akka ta‘e ibsuun eegala malee eenyummaa isaa ibsuun miti.Inumaayyuu Waaqayyoo(Eloohiim) sagadni kan ta‘uuf, ka‘umsa waan hundaa, jabaa, humna qabeessa, eegaa, Waaqa tokkicha ta‘uu isa cimsee nu hubachiisa Macaafni kun.
Eloohiim(God)-maqaa uumaa sadan tokkummaa ,Waaqayyoo maqaa tokkoo ol akka qabu nu hubachiisa.Uma.3:22,
Eloohiim jechuun kan bira hin gahaamne, hundaa ol, ulfina qabeessa, qulqulluu jechuu dha. Lakkoofsa baay‘ees bakka bu‘a. Maqaa Eloohiim jedhu kun kanneen armaan gadii of keessatti qabata.
a. Hundaa akka bitu kan agarsiisu: Isa. 54, Erm. 32;27Neh.2:4, Kes10;17
b. Hojii uumuu isaa agarsiisa; Uma.1:1, Isa 45;8, Yoh.1:9.
c. Abbaa Murtii ta‘uu isaa mul‘isa; Far.50:6,58:11
El maqaa jedhuun wal qabatee Waaqayyoo maqaa kan biro akka qabu itti aansuun ilaaluu dandeenya.
1. Elshaadayi ( El-shadai):- maqaan kun Waaqayyo hundaa danda‘aa ta‘uu isaa ibsa, qofaa isaa gahaa akka tahe , guutuu akka ta‘e, yeroo fi bakka barbaadetti waan fedhe gochuu kan danda‘uu ta‘uu isaa agarsiisa.Uma.17:1-8, 28:3, 35:11. ‗Shaadayi ‗ jechi jecdhu Kakuu Moofaa Keessatti yeroo 48 tii ol kan caqafame yoo ta‘u yeroo 24 ol harmaa wajjin kan wal qabateen. Harma sooruu, guddisuu, jabeessuu, amala kana gochuu isaa kan addaan hin kunneen yoo beekamu, jechi shaadayi jedhu maqaa Waaqa uumaa keenyaa wajjin walitti dhufuu kan hubannu dha. Uma.49:25 . Dhaloota Kiristoosi dura 250tti maqaan ‗shaadayi‘ jedhu gara afaan Girikiitti “Aayikaanos” jedhutti hiikamee ture. Aayikaanos jechuun –all sufficient-qofaa isaa gahaa ; waan hundumaa guutuu kan danda‘u;gargaarsa kamiyyuu osoo hin barbaadin ofii isaan waan hundumaa gochoo kan danda‘u dha.
2. El eliyoon (El-Eliun):-El
9 Omnipotent-Mighty-Powerful) El kan jedhu ulfina Waaqayyoo fi surraa inni qabu kan ibsu dha.Akkasumas samii uume keessa kabajamee kan jiraatu ta‘uu kan ibsu dha. Far. Uma.14:9, 14:18-19, Far.50:14, Dan.7:7.
3. EL-oluum( El-Olum) :- barabaraan kan jiraatu;bakkaa fi yeroon kan hin daangessine;jalqabaa fi xumura kan hin qabne jechuu dha. Uma.
21:33, Far.100:5,103:17, Isa.40:28.
4. El roi ( El-Roi) :-jechuun Waaqa argu jechuu dha ;ykn ija afuuraa kan banu jechuu dha.
5. El Biraat ( El Brieth) :-Waaqa kakuu, kan nama hin ganne, diinaaf dabarsee kan hin kennine, gargaaraa, haala kamiiniyyuu osoo hin jijjiiramin kan namaa wajjin ta‘u, kakuu barabaraan kan cimee dhaabate, Waaqa hin sochoone jechuu dha. Uma.22:16-17, Far. 89:34-37,119:8990.
6. El Giibor ( El-giibor) :- hiikin isaa waraanaa, dura bu‘aa loltuu, humna qabeessa, kan dorgommii hin qabne, gargaarsa eenyuu illee kan hin barbaanne, ol aantummaan kan jiraatu jechuu dha. Isa. 9:6, Bau15:3, 10:17, Neh.9:32, Erm.32:18, Sof.3:17. II. Adoonaayi (Adonai) :-maqaan kun Kakuu Moofaa keessatti yeroo 449 kan caafame dha. Kanneen keessaa 315 Yaahiwwee maqaa jedhuu wajjin kan wal qabate dha kan hafan immoo namootaa wajjin kan wal qabate dha.
Adoonayi
(Lord) maqaan jedhu kan waan hundumaa bitu yoo ta‘u kabajaa fi ulfina Waaqayyoo uumaa ta‘uu isaa beeksisa.
Hiikaa maqichaa abbummaa uumamaa wajjin:-kan walqabate lakkoofsa baay‘eef kan kenname dha. Kana irraas wanti hubannu uumaan keenya baay‘ina lakkoofsaan mul‘achuu isaa ti.Lakkoosfa qeenxeen yeroo waamamu ‗Adoon‘ yoo ta‘u lakkofsi baay‘inaa isaa immoo ‗ Adoonayi‘ kan jedhu dha Waaqa dhuunfaa koo hiika jedhu qaba.Adoonaayi, sagada, waaqeffannaa, bituu, ajajamuu kan ta‘uuf maqaa guddaa kanaaf kan jedhu hiika qaba.Akkuma mucaan abbaa isaatiif, garbischis gooftaa isaatiif, hojjetaan ajajaa isaatiif, sabanis warra isaan bulchaniif ajajamanitti ta‘ee Adoonaayi garuu kanaa olitti bakka fi yeroon osoo hin daangeffamin , hafuuraan , fedhaan , gooftaa gooftotaa, ta‘uun ulfinni kan ta‘uufi dha.Kutaan Macaafa Qulqulluu armaan gadii Adoonaayi sodaatamuu, kabajaa ta‘uuf kan ibsanii dha. Kes10:1617,Mil.1:6, Iyo.28:28
Kakuu Moofaa keessatti amantoonni maqaa kanatti kan fayyadaman , inni waan hundumaa kan kenne burqaa waan hundaa gochuun.Uma.15:5-7, Abo.6:11-14, 2Sam.7:18-29, Dan.11:33.
III.Yaahiwwee ( Yahweh/YHWH) :- qubee Ibraayisxii dubbifamaa afuriin kan barreeffame yoo ta‘uu maqaan isaa akkas jedhamee waamuun rakkisaa dha.Sababni isaas eenyu illee akka itti maqaan kun waamamu hubachuu hin dandeenye.ta‘us maqaan kun Kakuu Moofaa keessatti qofa yeroo 6639 ol caqafamee argama.Yeroo jalqabaa caqafamee kan argamu uma.2:4 irratti Eloohiim kan jedhu waliin wal qabatee.Eloohiim(Yaahiwwee) ardii fi samii yeroo uumetti wanti ta‘e . . Eloohiim(Yaahiwwe) maqaan jedhan Macaafa qulqulluu keessatti yeroo baay‘ee haala kanaan wal qabatanii dhufu. Haa ta‘u malee hiikaa garaa garaa qabu. Yaahiwwee jechuun kan ture ;kan jiruu fi sichis kan jiraatu , kan hin jijjiiramne,burqaa waan hundaa, qofaa isaa uumaa kan ta‘e jechuu yoo ta‘u Isa.43:10-13, 40:18-26, Far. 102:25-27. Maqaan Waaqayyoon baay‘een isaa hojii isaa wajjin wal qabatee kan ibsame yoo ta‘u Yaahiwwee kan jedhu garuu waan tokkotti illee osoo hin qabatin dhiyaatera.Macaafa Lallabaa, Daani‘el fi Yoonas keessatti kan inni caqafame ‗Eloohiim‘ kan jedhu yoo ta‘u, Abboota firdii, Macaafa saamu‘el fi Mootota keessatti immoo baay‘inaan ‗Yaahiwwee‘ kan jedhutu jira. Daawwiit maqoota lamaan jechuun ―Eloohiim‖ fi ― Yaahiwwee‖ kan jedhamanitti fayyadameera. Keessattuu Far.42-84 keessa faarsaawwan jiran keessatti maqaa ― Eloohiim‖ jedhu kan fayyadame yoo ta‘u, faarsaa isaa kan biro keessatti garuu ― Yaahiwwee‖ akka fayyadamee dha.
―Yaahiwwee‖ maqaan jedhu Waaqayyo kan jijjiiramne ta‘uu mul‘isa. Kana jechuun amala isaatiinii fi kakuu galle raawwachuu irratti akka hin jijjiirmane mul‘isa.Maqaan kun Macaafota Kakuu moofaa keessatti gara yeroo kuma torba ta‘u kan caqafame yoo ta‘u, Bau 6:6 irratti akka mul‘atetti immoo Waaqayyo humna waa oolchuu isaa agarsiisa.Kanaaf gabaabumatti maqaan kun Waaqayyo Waaqa hin jijjiiramnee fi humna waaju qabaachuu isaa ibsuun kan wal qabate dha.
―Yaahiwwee‖ kan jedhu maqaan Waaqayyoo kan agarsiisu Waaqayyo ofii isaatiin ammas ta‘e gara fuul duraatti kan jiraatu ta‘uu kan agarsiisu dha.
Waaqayyo saba isaa wajjin/giddutti argamuu Bau.3:12.
Waaqayyo amala isaatiin kan hin jijjiiramne ta‘uu .
Waaqayyo kakuu isaa fiixaan baasuuf kan hin jijjiiramne ta‘uu.
Waaqayyo saba isaa kan ittiin waaju humna qabaachuu isaa.
Macaafa Qulqulluu keessatti Waaqa dhugaa kan ta‘e Waaqayyo qofaaf maqaan hojii irra oole maqaa ―Yaahiwwee‖ jedhu qofa. Eloohiim fi Adoonaayi kan jedhaman maqaan Waaqayyoo Afaan Ibiraasixii keessatti Waaqa dhugaan alatti waaqolii tolfamoo waamuuf hojii irra oolaniiru.Kana irraa kan ka‘e Yihuudonni maqaa Yaahiwwee jedhu sodaachuu irraa kan ka‘e bakka inni itti waamamuu qabu hundumaatti Adoonayi jedhanii kan waamaniif.Sababni isaas Adoonaayi kan jedhu Waaqayyo hundaa kan bitu ta‘uu isaa kan agarsiisu fi gooftaa hundumaa ta‘uu isaa kan ibsu waan ta‘eef.Eloohiim maqaan jedhu uumama fi bulchiinsa biyya lafaa waliin kan wal qabate yoo ibsu, Yaahiwween garuu eenyummaa Waaqayyoo kan ibsu jiraataa ta‘uun kan wal qabate dha.Fakkeenyaaf, 2Seena 14:11 kan mulate akka Yaahiwweetti, Far. 86:8-12 irrattis akkasuma, Bau.6:2-3 Yaahiwween akka itti hin beekamne itti himame.
Yaahiwwee maqaa jedhuu wajjin walitti qabatanii kan Kakuu Moofaa keessatti argaman:-
1.Yaahiwwee Hiri‘ee ( YHWH JIREH) : jechuun waan hundumaa kan qopheessu, kan danda‘u, kan kennu Waaqa hundaa danda‘u jechuu dha.Uma.22:13-14, kanaaf Yaahiwwee Hiri‘ee yeroo waamnu wanti nuti hir‘atee hundaa akka nuuf guutu hubanna. Daawwit Fa.23 irratti Yaahiwween tiksee kooti
wanta dhabu hin jiru jedhee kan farfaate , akka inni uumama isaa hundaaf waan barbaachisu qopheesu yaadeet.Far.147:8 ― Inni waaqatti duumessota in uffisa,lafa bokkaa in argachiisa, tulloota irratti marga in biqilcha‖
2. Yaahiwwee Roofee( YHWH ROPHE) :-kun immoo Yahiwween lubbuu, foon fi hafuura ykn guutummaa eenyummaa namaa kan faayyisu ta‘uu isaa kan itti hubannu dha. Inumaayyuu Yaahiwween foon qofa kan fayyisu osoo hin taane , Waaqayyo waaqa fayyissuun hundi kan isaa ta‘e ta‘uu hubanna. Bau.15:26, Far.103:3, Erm.33:6, Isa.53:5.
3. Yaahiwwee nissii ( YHWH NISSI) :- kana jechuun Waaqayyo kaayyoo kooti jechuu dha.Bau17:15-16 , Yaahiwwee nissiin karaa hundumaan saba isaa geggeessuu akka danda‘u ibsa.
4. Yaahiwwee Mekadeesh (YHWH M‘KADDESH): Waaqayyoo qulqulluu ta‘uu isaa tii fi kan qulqulleessu ta‘uu ibsa.Kun qulqullummaa Waaqayyoon kan wal qabate dha. Bau 20:7-8,Lew11:44-45, 19:2, 20:26 .
5.Yaahiwwee Tsidikenu( YHWH TSIDKENU) :-jechuun YHWH n xuraahummaa kaasee kan nu qulqulleessu jechuu dha Isa.64:6, Erm.23:6, Dan.9:18, Erm.51:10.
6.Yaahiwwee Ro‘i( YHWH ROHI) ;- jechuun Eloohiim tiksee koo, kan na sooru, kan na geggeessu kan jedhu hiika kenna ;Far.23:1, Erm.31:10, His.34:23, 37:24.
7.Yaahiwwee shaamaa( YHWH SHAMMH) :- maqaan jedhu Eloohiim as jira; bakka kamitti iyyuu ni argama yaada jedhu qaba.His.48:35,
8.Yaahiwwee Eloohiim ( YHWH ELOHIM) :- jechuun waaqaa fi uumaa akkasumas gooftaa gooftotaa ta‘ee hundaa ol mo‘ee kan jiraatu jechuu dha.Uma.2:4, Abo 5:3, Isa.17:6-6, Sof.2:9,Far.59:5.
9.Yaahiwwee Saboot( YHWH SABAOTH) :-jechuun gooftaa maccaa, gooftaa Kirubeelii fi Suraafel , kan hundaa oliif hundaa ol kan ta‘e,dura bu‘aa lolaa,iddoo ol aana irra kan jiraatu fi kkf hiika qabu jechuu dha.1Sam.1:3, 2Mot.11:9, Far.46:7, isa. 1:24, 8:13, 14:27, Erm.11:20, maqaan kun kakuu Moofaa keessatti qofa yeroo 194 caqafameera.
10. Yaahiwwee Shaalom ( YHWH SHALOM) :- jechuun Waaqayyo nageenya jechuu dha. Abo.6:24.
Continue Reding