barsiisa sobaa

Barsiisa Sobaa (Cults)


5) Amantii Yogaa (Transdental Meditation) /Xiinxala Sammuu Gadfageenyaa/

Amantiin kun kan xiyyeeffatu xiinxala sammuu irratti. Kan barsiisa amantaa kanaa eegale Mahaarish Biraasaad Waarmaa kan jedhamu yoo ta’u biyya Hindii keessatti bara 1918 A.L,A kan dhalate dha. Barnoota Yuniivarsiitii erga xumureen booda gad fageenyaan xiinxaluu barumsa jedhamu hordofuu eegale. Yeroo booda ‘Sochii Haaromsa Hafuuraa’ /spiritual regeneration movement/ kan jedhu hundeesse. Amantiin kun suuta suuta jalaa kufaa yoo dhufu gara ‘Transdental Meditation’ jedhutti dhufuu danda’e.Kana yeroo jalqabu bifa amantiin hin turre. Baay’inaan kan itti hirmaachaa turan bartoota kolleejjii turan. Maalif adeemsi isaa waa’ee gad fageenyaan yaaduu waan tureef.Yeroon booda garuu daldaltoota, saayintistoota, fiilmii garaagara warra hojjetan, akka xiinxala kana shaakalan dubbatama.Kana boodas maqaa adda addaatiin manneen leenjii babal’isuu eegale. Yeroo ammaa namoota baay’eetu hordofa.
Barsiisa isaa:- shaakalaTransdental Meditation keessatti namni waan tokko qofa irratti xiyyeeffatee isuma qofa yoo yaade miirri isaa guutuun waantota alaa waliin akka wal hin quunname godha.Waanta yaadu qofa irratti xiyyeeffata malee wanta alaa/qaama isaa ala/ waliin wal akka hin quunnamne ta’a.Yeroo kana wanta naannoo isaa jiru hunda in dagata.Haala kanaan shaakala yoo itti fufe , tasgabbii daangaa hin qabne /trancedental consciousness/ keessa seena; isaa olittis deema/ cosmic consciousness/ achii ol guddachuun Waaqayyoon gara beekuutti /God consciousness guddata jedhu.Kanaaf Mahaarish Biraasaad xumura amantii hundaa jechuun gara Waaqaatti kan geessuu dha Transdental Meditation.Kana qofa miti achii guddachuun tokkummaa uumuu/Waaqayyoo wajjin/deema achiin gara ergama isa Biraahimaa jedhamu waliin walfudhata jedhu
Rakkoon dhala namaa;-cubbamaa ta’uu osoo hin taane dhugaa kan ta’e uumama (being) iraa fagaachuu isaati jedha. Waaqayyo uumaa osoo hin taane uumama jedha.Kanaaf fayyinni namni yaada qalbii isaa ol kaasee gara yaadaan guddachuu irra yoo gahu dha jedha Maahaish. Waa’e fayyinaa ilaalchisee namni tokko gadi fageenyan yaaduun qalbii isaa ol kaasuu, waaqummaa keessatti uwwifamuun guutummaatti hidhaa cubbuu iraa hiikame hafa yaada jedhu qaba.

  • Adeemsi amantii kanaa gongumaa kan Macaafa Qulqulluun waliin deemu waan hin taaneef, Kiristaanni dhugaan kamillee shaakala isaanii kana keessatti hirmaachuu hin qabu. Macaafni qulqulluun yeroo fudhannee waaqayyoon akka kadhannuu, Macaafa Qulqulluu akka dubbifnu nu gorsa. Garuu namni garaa Waaqatti kan dhiyaatu akkaataa barsiisa kanaatti miti.

    6) Sochii Dhaloota Haaraa /The New Age Movement/

    Inni kun immoo keessa isaatti waan baay’ee kan qabate waan ta’eef salphaatti yaada kana jechuun nama dhiba. Fakkeenyaaf, Falaasama hafuura malee foonii gaarii miti kan jedhu, Yesuus foon namummaa hin uffanne, amantaa biroo waan hin tuqnes fakkaata.

  • Waaqayyo hunduma (God is all). Uumaanis uumamnis tokkumma jedhu. Namnis Waaqa /Akka Waaqaatti/ Macaafa Qulqulluu garuu Waaqayyo jalqba waan hundaa akka uume ibsa (uma.1:1) akkasumas kutaa kana keessatti namni akka Waaqaa kan jedhu soba seexanaa ture. (Uma.3:4-5).
  • Yesuus Waaqa osoo hin taane barsiisaa guddaa dha jedhanii amanu. Macaafni Qulqulluun garuu iddoo baay’eetti waaqummaa isaa ibsa (Yoh.1:1).Yesuus eenyuufuu hin duune; nama gaarii ture. Kanaaf isa fakkaachuuf carraaquu qabna jedhu. Garuu Macaafni Qulqulluun akkas jedha (Gal.3:13)
  • Dhala namaan cubbamaa dha jechuun sirrii miti jedhu. Sababni isaa gad aantummaan akka itti dhagaaahamu gochuu dha jedhu. Namni kamiyyuu amantii isaatiin jiraachuu qaba jedhu.Macaafni qulqulluun (Rome.3:23)
  • Fayyina lubbuu ilaalchisee namni addunyaa keesaa jiraatuuf itti gaafatamummaa qaba jedhu. Kanaaf harka namaa keessa waan jiruuf fayyisaa kan biraa hin barbaachisu jedhu.Namni ofii isaa sadarkaa Waaqaa fi humna isaatti ofi guddisuuf carraaquu qaba .Kana gochuuf immoo gad fageenyaa xiinxaluun yaaduu qaba amantaa jedhu qabu.Haala kanaan gad fageenyaan yaaduun keessa ofii dhaggeeffachaa gara sadarkaa” of beekuutti” ykn fayyinaatti dhihaanneera jedhu.Isa kanaaf Macaafa Qulqulluu caqasuun irra, falaasama akka ta’e hubachuun ga’aa dha.

    7) Amantaa Bahaa’ii (Baha’i Faith)

    Dhufti amantaa kanaa biyya Faaris (Iraaq) yoo ta’u kan jalqabe ammo namicha Miirzaa Huseen Alii (Baahullaa) jedhu ture. Hiikaan maqaa isaa kun Afaan Faarisiin ulfina Waaqayyoo jechuu dha. Babali’ina amantii kanaa irratti Musiliimmonni mormii kaasanii turan. Akkasumas ari’atama irraan geessisanii turan. Bara 1863 A.L.A Miirzaa Huseen Alii Baagdaad keessatti qabame.Baahullaa jedhamees kan waamamu Miirzaa kana ture. Amantiin Baahili judhamu kunis kan argame maqaa kana irraa ka’uun. Amantii kana kan biyya Gibxii gara biyya keenya Itoophiyaa seensise dargageessaa waggaa 27 kan ture Saabirii Eeliyaas . Waggaa tokko booda bara1933 finfinneetti waldaa amantaa dhaabuun amanticha jalqabe.Amantii kanas dursee kan fudhate Muubariikitti aansee, Azimaach Siyyuum Gebri’eel namicha jedhamu ture.

    Barsiisa amanta Bahaa’i

    Barsiis isaanii wantoota sadii irratti xiyyeeffata.

  • Tokkummaa Waaqaa
  • Tokkummaa amantii
  • Tokkummaa namootaa

    Barsiisa isaanii keessaa kaan immoo:

  • Amalli Waaqayyoo beekamuu kan hin dandaa’amne dha.
  • Dubbiin sagalee Waaqayyoos beekamuu fi hubatamuu kan dandaa’amu karaa namoota inni filateen qofa.
  • Bu’uurri amantii hundi tokkummaa dha.
  • Saayinsii fi amantiin walitti dhufeenyaa uumuu qabu.
  • Wal qixxummaan dhiiraa fi dubartii eegamuu qaba.
  • Namoonni hundi kan ittiin walii galan Afaan tokkicha.
  • Hiyyuummaa cimaanii fi duroomni daangaa malee jiru dhabamuu qaba.
  • Namoota gidduutti waldhabdeen jiru hafuu qaba.
  • “Tokkummaa “fi “ walitti dhufeenyi” jechoota ijoo dha barsiisa kana keessatti.
  • “Siyaasaa” fi “ hawwaasummaan” iddoo guddaa qabu.
  • Amantii kana kessaatti Yesuus tahe Muhaammed raajoota haa ta’an malee isaan booda kan dhufe ‘Baahullaan’ isan irra caala.
  • Joorji Taawonshiidi barreessaa beekamaan Bahilli Kiristaanotaan Raajota Sobaati jedha. Kan inni ittiin Kiristaanota ceepha’u immoo akkana jechuun, ” Yesuus nama adda ta’e ture lafarratti;Waaqas, seenaa amantii keessatti namni akkasii hin turree. Kana irraa kan ka’e barsiis Yesuus guutuu fi qulqulluu dha.” (Isa.9:6-7). Kun dhugaa tahee osoo jiruu Kiristaannoon immoo jedha,” Waldaan Kiristaanaa mul’ina Yesuusiif isa dhumaa, amantii dhugaa fi buu’uraa tokkicha.Haala kanaan kaayyoo dogoraa qabatanii du’aa ka’uu illee fooniin jedhu” . kanaaf yaadni Kiristaanotaa kun dogoggora.

    Barsiisa Bahaa’ii dhugaa Macaafa Qulqulluun yoo miijanamu

  • Amantan bahilli tokkummaa irratti xiyyeeffachuun amantii hundi walfakkaatu kan jedhu, haala namni tokko amantii malee hin jraanneen wal fakkii qabaachuu danda’a. Haa ta’u malee amantii akka Budiizim, Hinduuzim, New age Movement Bahilli illee dabalatee waa’ee cubbuu fi fayyina barabaraa irratti xiyyeeffannaa hin qaban.Kaayyoon amantii kiristaanaa egaa kanneen irraa adda; kuni xiyyeeffaannoon Waldaa Kiristaanaa fayyina barabaraa irratti. Macaafni qulqulluunis namani hundinuu cubbamaa akka ta’e ibsa (Rome 3:23). Kana ibsuu qofa miti karaa ittiin bittaa cubbuu jalaa bahanis lafa kaa’era (Yoh.3:16, Yoh.1:29).Yesuus dhiifama cubbuu gochuuf dhiiga isaa dhangalaaseera (1Yoh 5:11-13). Kana malees waa’ee firdii homaa hin barsiisan, Macaafni qulqulluun garuu kanas sirriitti ibsa.

  • Yesuus raajii yeroo tokko ture qofa miti; inni barabaraan in jiraata, dorgommiis hin qabu (1Xim.2:5-6, Ib.13:8).

  • Tokkummaa fi walitti dhufeenya amantiin kun dhiyyeessuus kan Macaafni qulqulluun jedhu osoo hin taane, yaada mataa isaanii ti.

    Barsiisa ykn Amantii Sobaa /Cult/ irratti Gaaffilee yaadannoo Gabatee armaan gadii fayyadamuun: 1. Barsiisa dogogoraa qo’adhu.


    Lakk. Barsiisa dogoggoraa Yesuusiin waan jedhan Sadan tokkummaa Waaqaa irratti waan jedhan Karaa fayyinaa irraatti ilaalacha qaban
    1 Dhuga baatota Yihiwwa
    2 Mormoon
    3 Yesuus Qofa
    4 Saayinsii kiristaanaa

    2. Dhugaa Macaafa Qulqulluun wal bira qabuun madaali.


    Lakk. Barsiisa dogoggoraa Yesuusiin waan jedhan Sadan tokkummaa Waaqaa irratti waan jedhan Karaa fayyinaa irraatti ilaalacha qaban
    1 Dhuga baatota Yihiwwa
    2 Mormoon
    3 Yesuus Qofa
    4 Saayinsii kiristaanaa



  • End!