Barsiisa Sobaa (Cults)
3. Waldaa Warra Haawaariyaat Ofiin Jedhan /Yesuus Qofa (Only Jesus)
3. Waldaa Warra Haawaariyaat Ofiin Jedhan /Yesuus Qofa (Only Jesus)
Isaan kun nuti Kiristaanota jechuun ofii isaanii kan waaman ta’ee , sadan tokkummaa Waaqatti kan hin amanne dha.Sochiin amantii kun kan jalqabe bara1913 A.L.A biyya Ameriikaa keessatti ture.Baay’inni isaaniis hedduu guddachaa jira.Isaan kun Waaqa tokkichatti amanna yaada jedhu qabu. Kana malees Waaqummaa Yesuusitti amanuun amantaa dhuga baatota Yihiwwaa fi Mormoon irraa adda dha.Akkasumas gareewwan amantaa biro irraa adda wanti isaan godhu , Aboo Macaafa Qulqulluu amananii fudhachuu fi barreeffama biraatti irkachuu irraa bilisa ta’uu dha. Kana jechuun wanti isaan ol aantummaan fayyadaman Macaafuma qulquluu dha.
Barsiisi isaanii fi bu’uuri amantii isaanii akkana kan jedhu dha,” Waaqayyo lakkoofsaan raawwatee tokko;Waaqni tokkoon sunis Yesuus dha;inni immoo tokko malee sadii miti “kan jedhu dha.Kana irraa ka’uun sadan tokkummaa waaqaa ganu. Macaafni Qulqulluun bakka baay’eetti waa’ee Waaqayyo tokko ta’uu in dubbata. Fkn kes.6:4”Yaa Israa’el dhaga’I ! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha dha .” Amantoonni Yesuus qofa jedhan kana irraa ka’u.Amantiin Kiristaanaa inni dhugaa fi sirriinis kana hin ganu.
Barsiisa isaanii yoo ilaallu akka armaan gadiitti:
Barsiis Waldaa Hawaariyaatii /Amantaa Yesuus qofaa/ Only Jesus Dhugaa Macaafa Qulqulluun yoo madaalamu:
sYesuus abbaas ilmas yaada jedhu kan fudhatan Isa.9:6 irraa yoo ta’e iyyuu haala isaan itti hiikaniin miti kan dhugaan hiikaa macaafichaa qabu.”Abbaa “ kan jedhu kutaa kana keessatti dirqama Waaqayyo Abbaa agarsiisa jechuu miti. Waan biraa yo hafe seer luga Afaanii keessatti jechu’abbaa’ jedhu hiika garaagaraa qaba. Akkasumas Macaafa Qulqulluu keessatti Bau.6:25 irratti “ …dura buutota abboota sanyii…” jecha abboota jesdhu irraa wanti hubannu , dura bu’ummaa ykn geggeessummaa ta’uu ta’uu danda’a. Kana malees kutaan kun ,Isa.9:6 “ ..abbaa barabaraa..” kan jedhu Yesuus kan jiraataa barabaraa ta’uu kan ibsu dha.(Ibr.13:8). Itti dabalees Akka Phaawulos ibsutti 2Qor.1:3 “Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesuus” yeroo jedhu qaama ofii isaa danda’e abbaa irraa adda kan ta’e akka qabu ibsa.
Yoh.10:30 irratti “Abbaanii fi ani tokko “kan jedhu ani abbaa dha hin jeenne. Kanaafuu kutaan kun tokkummaa ykn walitti dhufeenya kan agarsiisu dha malee Yesuus abbaa dha yookinis abbaan Yesuus jechuu miti.
Yoh.17:11” Yaa abbaa qulqulluu , akkuma nuyi tokko taane, warri ati anaaf kennites tokko akka ta’aniif,maqaa keetiin isaan eegi.” Bakkee gareen amantaa kun fudhatan keessa tokko kana. Asi irratti wanti hubachuu qabnu Yoo Yesuus abbaa wajjin tokko /isumatu abbaa dha/ta’e , akkamiin bartoonni tokko ta’uu akka danda’aanii dha. Tokko yaadni jedhu ammas walitti dhufeenya kan ibsu dha malee Yesuus abbaa ta’uu miti.
Yoh.14:6-7 ilaalchisuun yaada gareen kun qaban fi kan kutaan macaafichaa jedhu addaan.”Anaan yoo ta’e malee..” yoo jedhu ani Waaqa abbaa jechuu miti. “Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos beektu, isa argitaniittus” yoo jedhus abbaa beekuuf Yesuusin beekuun akka barbaachisu ibsa malee haala gareen amantaa kun itti hiikan miti.
Cuuphaa ilaalchisee Yesuus waan jedhee Mat28:19” Egaa dhaqaa,maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!” kan jedhu ture. Haa ta’u malee gareen amantaa kanaa namni cuuphamuu kan qabu maqaa Yesuusiin qofa jedhu.Bartoonni Yesuus Macaafa Hojii ergamootaa keessatti , Maqaa gooftaa Yesuusiin,Maqaa Yesuusiin ,maqaa Yesuus Kiristoosiin… jechaa cuuphaniiru.Namoonni haala kanaan cuuphaman garuu dursa Waaqa tokko kan amanan ykn Waaqa Israa’el kan beeka, Yihuudota, Saamiraawwota fi soda Waaqayyoo kan qaban turan. Kana malees maqaa isaan ittiin cuuphan aboo qabeessa ta’uu akka hubatanii amananiif. Haa ta’u malee nama waa’ee Waaqayyoo homaa hin beekne Maqaa Yesuus qofaan cuupna kan jedhu Foormulaa lafa hin keenye.Wanti saba hundaa ittiin cuuphuuf lafa taa’e isa Yesuus barsiise qofa.
Waluumaagalatti amantaan kun Yesuusi fi Waaqayyo Abbaan uumama lama kan qabu namumma tokkicha kan jedhan kunis “ Yesuus” jechuun amanu; barsiisuus.Waaqayyoo abbaa fi Ilmi Waaqa tokkocha haa ta’u malee, Macaafni qulqulluun bakka kamitti iyyuu Abbaan ilma , ilms abbaa dha jedhu hin jiru.Yoh .5:31,8:16 Yesuus abbaa akka hin taane ibsu.Yoh.3:35 ; 17:23-26, abbaan ilma akka jaallatu ibsu; Yoh.14:31 immoo “ ..ani abbaa jaallachuu koo…” yoo jedhu ilmi abbaa jaallachuu kan ibsuu dha.Egaan akkaataa Yesuus qofa warra jdhaniitti Yesuus waaqa inni ta’ee fi nama inni ta’e ofii isaa jaallata jechuu dhaa? Dubbiiin dhugaa garuu sadan tokkumaa Waaqaati.
4) Saayinsii Kiristaanaa /Christian Science/
Kan hundeeffame dubartii Meerii Bekar kan jedhamtu yoo taatu jireenyi ishee Ameriikaa keessa ture.Maatiin ishee Kiristaanota cimoo yoo turan iyyuu isheen garuu akka isaanii ta’uu hin dandeenye .Jalqaba akkuma umriin heeruma ishee gaheen heerumtee mucaa erga godhattee booda abbaan manaa ishee irraa du’e. Isheenis du’a abbaa warra isheen wal qabatee yeroo baay’eef dhibee sammuun gidiramaa tute. Mucaa ishees guddisuu waan ishee dhibeef gara fira ishee bira geessuun achitti akka guddatu goote. Waggoota muraasa booda nama biraatti heerumte. Sababa dhibee sammuun wal qabateen walii galtee waan hin qabaannees wal hiikan. Achii booda dhiibee irra gahan turan gara Dooktera Kumbii jedhamuun beekamu bira deemuun yaalamaa turte. Doktor kun nama beekumsa qabu ture;ni barsisas ture. Isheenis as irraa ka’uu kitaaba “Saansii fi fayyummaa/Science & Health/ kan jedhu kan barreesite. Doktori kun erga du’ee booda haalli isheen itti of yaallaa turte isaa irraa kan fudhataman haa ta’ umalee, isheen garuu akka haaraa ta’etti ibsu yaaltetti.
Haala kanaan osoo jirtuu dhibee hamaa tokko dhibamti;jiraachuuf carraa ishiin qabdus” guyyaa sadii qofa akka ta’e natty himame achiin booda gaafa guyyaa sadaffaa Wangeela Mat.9:2 dubbisuun fayye jetti. ” Fayyinni isheen argtatte kunis Saayinsii Kiristaanaa kana hundeessuuf akka ishee gargaare kan jettu. Haa ta’u malee ogeessi fayyaa yeroo sana ishee yaalee ture waanta isheen”guyyaa sadii qofa’’ jettu akka itti hinmamneef fayyinni ishees battalumaatti akka hin taane lafa kaa’eera.
Meerii Bekarii umrii waggaa 57 isheetti ammas nama biraatti heerumte. Ergasii booda ‘Saayinsii fi Fayyaa’ kitaaba jedhu maxxansuun barsiisa Saansii fi Kiristaana jedhu barsiisuu jalqabde. Kanaa booda lakkofsa miseensa ishees guddataa dhufe.Isheenis dura buutuu taate.Baay’een isaanis Kiristoosii wajjin wal qixa jedhanii amanu turan. Qarshiis karaa garaa garaa miseensota irraa sassaabuun sooressa taatee turte.
Barsiisa Saayinsii Kiristaanaa
Macaafa Qulqulluun:--aboo akka qabu Meerii Beekari ni fudhatti haa ta’u malee dogoggoras qaba jetti. Gareen amantaa kanaas Macaafni Qulqulluun yoo ogeessaan hin hiikamne balaa qaba jedhu. Meerii Beekaris sirriitti hafuura qulqulluun geggeeffamtee hiikte jedhanii amanu.Itti dabaluunis Yesuusii fi bartoonni isaa dhibee irraa kan fayyisaa turan , Waldaa Kiristaanaa bara durii keessaa illee kan badee ture Saayinsii Kiristaanaa keessatti argachuun sabaaf jajjabina jedhu.
Sadan tokkkummaa Waaqaa ilaalchisee:-sadan tokkummaa Waaqaatti amanuun waaqolii tolfamaatti amanuu dha jedhu.Akka amantaa isaaniitti Waaqayyo karaa sadii mul’ate kan jedhu “jireenya”,”dhugaa” fi “jaalala”.Akka garee amantaa kanaatti Waaqayyo eenyummaa kan qabu ,kan yaadu kan ta’e osoo hin taane inni eenyummeessa kan hin qabne (impersonal) kan ta’e , ofii isaatii jireenya, heera(principle),hafuura(spirit),yaada sammuutis , wanta firii qabus(substance),haadha (mother) jedhu. Yesuus Kiristoos immoo waaqa osoo hin taane mucaa Waaqayyoo ti.Kiristoos hin dune amantaa jedhu qabu.Meerii Beekar akkas jetti “bartoonni Yesuus aboo fi humna Yesuus hin beekne;
erga fannifamee booda akka inni hi dune,awwaala keessas dhokate malee hin duunne.” Kanaaf erga
fooniin hin duunee fooniin du’aa hin kaane yaada jedhu qabu.
Seexanni hin jiru; wanti hamaan amantii ykn ilaalcha dogongoraati /illusion/:-
kunis amantaa dhugaa kan Waaqa biraa kan dhufe miti jedhu.Cubbuunis waan hamaa keessaa bahe jedhanii amanu kanaaf jiraachuu isaa iyyuu yaaduu akka hin barbaachifne dha. Sababni isaa ilaalcha sirrii hin taane dha jiraachuu cubbuu fi gidiraa yaaduun.Kanaaf dhiigin Yesuus fannoo gubbaatti dhangala’e dhiifama cubbuuf homaa waa’ee hin baasu jedhu.Waaqayyo araara d hala namaaf gochuuf dhiiga dhangalaassuun barbaachiisaa miti. Yesuus kan fannifameef jaalala dhala namaaf qabu agarsiisuuf qofa. Walumaagalatti waa’ee cubbuu fi firdii ilaalchisee akkas yaada jedhu qabu; namni cubbuun waan kufeef cubbuu hojjechuuf humna hin qabu,wanti itti faradamus hin jiru . Cubbuun wanta hamaa, dhukkuba, du’aa fi hacuuccaa dha malee dhalli namaa cubbamaa miti.
Cubbuun amantii dogongore dha(Illusion) qofa jedhu.
Kadhannaa ilaalchisee:-
hagas mara barbaachisaa miti garee amantii Saayinsii Kiristaanaa biratti. Inumaayyuu guddina hafuuraaf gufuu dha jedhu. Akkasumas yaadni Waaqayyoo sababa kadhata namaatiin hin jijjiiramu kana malees Waaqayyo hafuura waan ta’eef akka nama gurra qabuutti yaaduun kadhata dhiyyeessuun yaada foonii ta’a jedhanii yaadu.
Barsiis Saayinsii Kiristaanaa dhugaa Macaafa qulqulluun yoo madaalamu:
Hordoftoonni amantaa Saayinsii Kiristaanaa hordofan Macaafa Qulqulluu darbe darbee itti haa fayyadaman malee amantii isaanii keessatti iddoo guddaa kan qabu macaafa Meerii Bekari bareessite ‘ Saayinsii fi Fayyummaa ‘ jedhuuf. Nuti Kiristaannonni immoo Macaafni Qulqulluun aboo guutuu kan qabu fi dogongora kan hin qabne qofaa isaa guutuu akka ta’e dha.Macaafa Qulqulluu mataa isaa yoo fudhannee waa’ee ofii isaa akkas jedha: Faar.119:89, Isa.40:8, kana malees akki itti barreeffame (2Xim.3:16) “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame..” Kanaafuu akka Meerii Beekar jettutis ta’e duuka buutonni ishee Macaafni Qulqulluun macaafa salphaa dha jedhan miti.
Waaqayyo eenyummaa ofii isaa kan qabu dha; akkasumas fedha .(Mat.6:10). Kana malees Waaqayyo in arga; in dhagaha; in uumas ( Uma.1:1 ; 2:24 ;6:5). Waaqayyoo waan hundaa beeka 1Yoh 3:20, in dubbatas Isa.42:8,
Hafuura qulqulluu ilaalchisee Akka amantaa kanaatti saayinsii waaqummaatti malee eenyummaa mataa isaa hin qabu jedhu. Garuu hafuurru qulqulluun eenyummaa mataa isaa qaba; Hoe.13;2 ; Luq.12:12 .
Yesuus Kiristoos Waaqa malee akka garee amantaa kanaatti nama qofa miti. Kan dhalates akka fedha Waaqayyo abbaatti hafuura qulqulluun Maariyam durba irraa haala dinqii ta’een.Wanta inni biyya lafaa dhufeefs cubbuu namootaaf du’uuf( Yoh.1:29).Kana jechuun cubbuun jira jechuu dha.Yesuus hin duune yaada jedhuuf Macaafni Qulqulluun karaa baay’ee ibsa waa’ee du’uu isaa fi du’aa ka’uu isaa. (Mat.27:57-60 ; Rome 5:6, Yoh 19:33, ). Du’aa ka’uu kan ibsan (1Qor15:1722,Luq.24:39)
Cubbuun dhala namaa hundi keessa akka jiru Macaafni Qulqulluun akkasiin ibsa (Rome.3:23,1Yoh4:4;Yoh5:17 , 1 Yoh.1:10.)
Dhiigni Yesuus cubbuu dhala namaaf hangam akka barbaachisu (Mat 26:28, Rome 3:25 ,1Yoh 1:7 , 1Phex.1:19) . Kanaaf dhiigni Yesuus gatii guddaaa hangas gaha jedhamuu olitti gati qabeessa.
Haaluma wal fakkaatuun Seexannis akka turee fi jiru Macaafni qulqulluun ibsa , Isa.14:13-15, Mul20:10.
Kadhannaa ilaalchisee: Yesuus kadhannaa barsiisera, kadhateeras ( Yoh 11:41-42) Phaawuloosi immo akkas jechuun hafuura waaqayyoon barreesa ,” Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!” (2Tes.5:17).Kanaaf akka warra garee amantaa kanaattis ta’ee barsiisa isaaniitti kadhannaan waan dogogoraa ta’e godhanii ilaaluun
Macaafa Qulqulluun ala.
Waluumaagalatti dubbii barsiisa kanaas dhugaa Macaafa Qulqulluun ilaaluun filannoo kan hin qabne dha.
Continue Reding