Barsiisa Soba

Barsiisa Sobaa (Cults)


2. Barsiisa Moormoon (Mormons)

Dhufti ykn jalqabni dhaabbata amantii kanaa ilaalchisee: Jalqaba karaa raajii Yooseef Fiildinig Simiiz jedhamuun ture. Yoosef kun kan dhalate Niwuyoork, Ameerikaa keessatti dha. Inni warra isaatiif mucaa sadaffaa ture. Abbaan isaa qabeenyaa lafa keessaa baasuus yaalaa kan ture dha. Hiyyeessa waan tureef.Ilma isaa Yoosef kanas akkaataa itti qabeenya lafa keessaa baasaan barsiisera.Yoosefis barumsa baay’ee osoo hin qabaatiin waan kana irratti bobbba’e. Amantii maatii Yoosef marti Pirisbeteeriyaa yoo ta’u Yoosef garuu kaminiyyuu hin hordofu ture. Garee amantii tokkotti dabalamuu yeroo yaadetti Macaafa Qulqulluu keessaa Ergaa Yaaqoob1:5 duubbisa. Ergasii booda akka barsiisa mormoniitti Yoosef bosona seenee Waaqayyoon kadhachuu jalqaba. Yeroo kana” Waaqayyoo na itti mul’atee amantiin lafa kana irra jiran hundi dogongora akka ta’an na hubachiise” jedhee ture inni yeroo jalaqabu. Gareen amantii kanaas dhugaa jechuun fudhataniiru. Yeroo
biraa ammas Yoosef bosona seenee yoo kadhatu ergamaa Mooronii/Niif akka isatti mul’ate ibsa. Ergamaan kun waan Waaqayyo Yoosef waliin hojjechuuf karoorse Saanii Warqee irratti barreefamee kan awwaalamee jiru ta’uu ibseefii akkasumas caafata kana hiikuuf Uurim fi Tuumiim dhagaa/gargaatuu ijaa/ jedhaman akka jiran itti hima. Akka barsiisa warra amantaa kanaatti bara 1827 barreffamni kun akka argame dha kan ibsan.barreeffama kana hiikee yeroo xumuretti Kitaaba Barumasa Mormoon (The Book Of Mormon) .

Yeroo biraa ammo Yoosefii fi hiriyyoon isaa osoo bosona keessatti kadhatanii, Yoosef mul’adha kan biraa akka arge barsiisa.Kun immoo bara 1829.Mul’atni kunis Yoohaannis Cuuphaan itti mul’achuun Lubummaa Aaron akka kenneef ibsa.Ergasii bara 1830 tti maqaa “ Mana Qulqullummaa Yesuus Kiristoos Isa Guyyaa Booda” ykn Mormon” jechuunni miseensa namoota 6 qabuun eegalan.

Magaalaa Niwuyoorkiis garaa biraatti deeman, baayyachaas dhufan. Haata’u malee iddoo hundaatti fudhatama hin arganne; ari’atamins irra gaheera. Bakka biraa deemanii magaalaa mataa isaanii dhaabanii seera gaa’ela irratti gaa’elaa seera qabeessa godhatan.Kun immoo mormii biraa itti fide kana irraa kan ka’e Yoosefii fi obboleessi isaa hidhamanii achuman du’aaf wareegaman.

Birgaam Yaang kan jedhamu dura bu’aa ta’ee amantii kana barsiisuun, raajummaan itti fufsiise hanga 1877 ti. Innis fuudhaa fi heerama irratti namni tokko niitii lamaa fi isaa ol akka fuudhu eyyamee ofii isaas hanga niitii baay’ee akka fuudhee ture dha. Akkasiin itti fufaa dhufe .

Barsiisni Moormoon

Waanti hundinuu kan uumame Waaqayyo qofaan osoo hin taane ergamtoonni marti wal gahaniiti kan uuman

  • Yeroo tokkotti Waaqayyo sadarkaa namni amma irra jiru kan irra gahee ture( akkuma namaa ture, achii booda sadarkaan guddate, namnis akkasuma ta’uu danda’a)
    “As man is, God once was;as God is, man may become”

    Waaqayyo abbaa fi ilmi akkuma keenya foon uffatoota

    Sadan tokkummaa Waaqaa(Trinity) akki itti hubatan, akka Waaqa tokkootti osoo hin taane, Waaqolii sadiitu jiru; hojii isaanii walii galteen hojjetu jedhu.

    Yesuus Luusiferiif obboleessa hafuuraan jedhanii amanu.Garuu barabaraan jiraata; sababni isaa ergamoonni nama godhatu achii guddatu achii gara Waaqaatti guddata barsiisa jedhu qabu; Yesuusis sadarkaa Waaqummaa irra kan ga’e haala kanaan jedhu.Kana irraa kan ka’e Yesuusin akka obboleessa angafaatti ilaalla jedhu.

  • Seerri Lubummaa Aaron ammas ni hojjeta jedhu; kanaaf dhiira umriin waggaa 12 lubummaa keessatti hammatamu
  • Aarsaa garaagaraas gochuun akka barbaachisu amanu
  • Amantii isaanii kan hin hordofne hundi akka gantuutti ilaalu.
  • Macaafa Qulqulluu qofa miti kan fayyadaman, Macaafa mataa isaanii akkuma Macaafa Qulqulluutti kan qopheefatan. Macaafni isaan
  • qopheessan kun mul’ataan Yoosifitti kan kennamedha jechuun kan amanan dha. Kunis Macaafni qulqulluun haaromsa (Restoration)
  • barbaachisa yaada jedhu cimsanii waan amananiif. Kanaaf irra caalaa macaafa isaanii itti aansuun Macaafa Qulqulluun walbira qabuun fayyadamu.
  • Akkaataa amantii isaaniitti hidda dhalootaa galmeessuun baay’ee barbaachisaa dha.
  • Fayyina Barabaraa ilaalchisee :

    Yesuus yeroo dhufutti Yihuudonni marti Yerusaalemitti walitti qabamu; hordoftoonni mormon immoo haala ajaa’ibsiisaa ta’een ameeriikaa keessatti walitti qabamu.

    Fayyinni kan ta’u: amanuun, qalbii jijjiirachuun, cuubamuun, harka irra kaa’uun kadhachuun,miseensa Waldaa Kiristaanaa ta’uun,seerota eeguun, Yoosef Ismiizii fi Kanneen isa booda tajaajilaa turan akka qulqullotaatti fudhachuun kan waantota saddeetti guutuu tu eegama. Haa ta’u malee faffinni sadarkaan jira jedhu .
    Cubbaan bakka guddaa waan qabuuf nama du’e cuubuunii fi harka irra kaa’uun beekamaa dha.

  • Namoonni hundinuu fooniin ka’u jedhanii amanu.
  • Akkasumas namni kamiyyuu samii sadan keessaa tokko keessa seena du’aa ka’uu booda jedhu. Samii sadan:
  • Telestian heaven:-namoota umriin ga’eesota ta’anii wangelatti osoo hin amanin du’atu seena.
  • Terrestrial heaven:-namoota barumsa Mormon hin fudhanne, garuu kiristaanota kan turantu seena jedhu.

    Celestial heaven:samii ol kan jiru dha; kana immoo kan seenan warra Mormon qofa. Achitti mootummaa mataa isaanii qabaatuu; gara Waaqummaattis jijjiramuun, pilaaneetii kan biraan kennameefii maatii isaanii waliin akka irra jiraataan amanu. Yaada kana kan fudhatan 1Qor.15:40-41 irraati, haa ta’u malee yaadni kun hiikni isaa adda.

    Dhalli namaa kamiyyuu fayyina barabaraa ni argata jedhanii amanu.Kana jechuun eenyu iyyuu taanan samiiwwan olii keessaa tokko hin dhabu jedhanii amanu. Haa ta’uu malee namni garee warra mormon ta’uu barbaachisaa dha;cuuphamuun cuuphaa warra moormoon , hojii gaarii hojjechuun ta’uu qaba.

    Gooftaa Yesuus ilaalchisee akka gareen amantaa kun jedhu miti. Macaafni Qulqulluun Yesuus uumaama osoo hin taane Yesuus Waaqa akka ta’e dha. Mat.28:19 , Yoh.5:18, Fil.2:8-11, Qol.2:9.Yesuus hin duunnes kan jedhan immoo (Rome 5:6, Yoh.19:33, Mat.27:57-60).Du’aa akka ka’es , bartoota isaatti akka mul’ates Macaafa qulqulluu keessatti ifatti argina.(Luq.24:39, 1Qor.15:17 ;20-22).

  • Waa’ee seexanaa ilaalchisee , Isa.14:13-15, Mul.20:10.
  • Waa’ee cubbuu namootaa ilaalchisee , 1Yoh.3:4 cubbuu jechuun seera Waaqayyoo diiguu akka ta’e ibsa.Akkasumas Yoh.5:17, Rome 3:23, 1Yoh.1:10 . Cubbuun jiraachuu erga hubannee dhiifama cubbuuf Yoh.1:29 “…isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.” Rome.26:28; 3:25, 1Yoh.1:7, 1Phex.1:19.

    Kadhannaa ilaalchisee Yesuus kadhannaa barsiisera ofii isaas kadhateera (Yoh.11:41-42, Mat.6:6). Phaawulosis akkas jedha, “ Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!” (1Qor.5:17).

  • Kanaaf ammas barsiisa kana dhugaa dubbii Macaafa qulqulluun wal biraa qabaa qo’achuun mishaa dha.

    Dhugaa Macaafa Qulqulluun Barsiisni Moormoon Yoo madaalamu

    Uumama waan hundaa ilaalchisee Macaafa Seera uumamaa Boqonnaa 1-2, Wangeela Yohaannis 1:1-3 dubbisuun barsiis isaanii hangam Macaafa Qulqulluun akka wal faallesuu hubachuun ni dandaa’ama.

    Waaqayyoo sadarkaa sadarkaadhaan guddate barumsa jedhuuf Ibroota1:10-12; 13:8 Keessa deebii 6:4-5 ilaaluun eenyuummaan Waaqayyoo barabaraan sanuma ta’uu hubachuun dandaa’ama.

  • Waaqayyo akkuma keenya foon uffataa dha kan jedhuuf Yoh.4:24 ifaa godhee nuu kaa’a.
  • Yesuus akkuma namaa fedha dhiiraa fi dubartiitti dhalate kan jedhuuf Macaafni Qulqulluun akka itti aanuutti kaa’eera:

    Isaayaas 7:14, Mat.2:18-25, Luq.1:26-36 keessatti Yesuus hafuuraan Maariyaam irraa akka dhalate ibsa; kunis foon uffatee mul’achuu isaa kan agarsiisu dha.

  • Duuka buutonni Moormoon kun Hafuura Qulqulluun waan ta’e takko (it) jechuun ibsu garuu Macaafni qulqulluun ‘Inni’ (He) jechuun ibsa ( Yoh.14:17, 16:8) . Akkasumas fedha mataa isaa qaba ; barsiisa , gorsa Yoh.14:26, ni gaddas Efe.4:30.
  • Lubummaa dhiira qofaaf gochuun ol aantummaa Kaakuu Moofaa keessaa haaressuun barbaachisaa dha kan jedhan, Kakuu Haaraa keessatti garaa garummaan dhiiraa fi dubaraa hin jiru Karaa fayyina Kiristoos waliin jiru keessatti. (2Phex.2:9 10, Gala.3:28).

    Macaafni qulqulluun akka barsiisutti kan du’aa ka’an marti jireenya barabaraa argachuuf miti; kaan itti faradama akkasumas fayyinni barabaraa kan argamu ayyaana Waaqayyoo fi amantiin. (Yoh.3:18; Hoe.16:30-31; Yoh.6:29; Rome 4:1-8; Yaaq. 2;14-26; Efe.2:8-9).




    Continue Reding